Godina Arsii Aanaalee Adda Addaa Keessatti Finicilli Xumura Gabrummaa (FXG) Itti Fufe.

Sadaasa 3,2016

4-must-go1Godina Arsii Magaalaa Ashmiiraa keessatti Wayyaanen konkolaataa nama dhuunfaa maqaan isaa Abdii Muhammad jedhamuu gubuudhaan ummatatuu gube jettee ummata mana hidhaatti erga guurtee booda mana hidhaa keessatti warra miseensa Qeerroo ta’eef warra miseensa ABO ta’e nuuf himaa jettee ummata dararaa jiraachun dhagayameera

Kana malees Godina Arsii Magaalaa Ashmiiraa keessatti wayyaanen konkolaataa nama dhuunfaa maqaan isaa Abdii Muhammad jedhamuu gubuudhaan ummatatuu gube jettee ummata mana hidhaatti erga guurtee booda mana hidhaa keessatti warra miseensa Qeerroo ta’eef warra miseensa ABO ta’e nuuf himaa jettee ummata dararaa jiraachun dhagayameera

Ummata Oromoo Wayyaanen guurtee hiite.wareegamaa jiraachufi miidhaa adda addaatif saaxilamaa jiraachuu hidhamtoonni Godina Arsiitirraa qabdee hiite akka jedhanitti ispoortii humnaa olii dalagaa jechuun ummata dadhabbiin lafatti hafe reebudhaan ajjeesaa jiraachun dhagayamaa jira.

Itti dabalee Aanaa Heexosaa Magaalaa itayyaa keessatti humni Addaa wayyaanee kumaand poostii jedhamu. Manneen namootaa sakatta’uuf seenee ummata alatti gadi yaa’aa hanga mana sakattaanuu jechuun ummata mana isaa keessaa alatti gadi yaasun qabeenya ummataa kan akka Warqii ,Mallaqaa Fi Bilbiloota Mobaayilaa saamaa jiraachun dhagayamaa jira.

Godina Arsii Aanaa Seeruu Magaalaa Seeruu keessatti 1/11/2016 galgala halkan keessaa naannoo saa’atii 5:00 waraanni Agaazii ummata goolaa ture keessaa lama tarkaanfii irratti fudhatameen wareegamaniiru yeroo ammaa kanatti magaalattiin waraanan guuttamte ummata magaalaa hanga baadiyyaatti jiran reebicha hamaa irraan gahaa jira waraanni ummanni manaa yaa’ee bosonatti baqataa jira

Aanaa limmuuf bilbilootti ummata jeequmsarratti hirmaate nutti himaa jedhanii abbootii qabeenyaa Fi daldaltoota hidhaa Fi reebaa jiru

Waraanni wayyaanen Oromiyaatti bobbaafte warri Afaan Oromoo dubbatan Ilmaan keessan hidhaa jiran gadi isinii dhiisisiifna jechuun ummatarraa maallaqa hanga Qarshii kuma kudhaniitti ummatarraa saamaa jiru

One response

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (November) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: