Sadaasa,3,2016

Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti ilmaan Oromoo Ajjeefamaa,Gideedamaa,Hidhamaa,Reebamaa jiraachuu himamaa jira.Haalli kun daran kan hidda gadi fageeffatee jiru yoo ta’u Uummata dararuuf kinaanuun waan aangoo isaarra turu itti fakkaatullee dararaa suukanneessaan kun gadoof haaloo jabaa akka uummatni qabatu taasisaa jira.
Haaluma kanaan barsiisota qaroo ummataa ta’an Aanaa Guutoo Giddaa Ukkee Qarsaatti
1,Daarikteera Mana Barumsaa High school Ukkee kan ture barsiisaa Olqabaa Asaffaa
2,Jiraataa Maagaalaa kan ta’e Oliiqaa Raggaasaa torbee kana keessa hidhamanii bakki geeffaman hin baramin jira.Achuma Aanaa Waamaa Hagaloo irraa Barsiisinni hedduun hidhamaa jiraachuu Qeerroon gabaase
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
Like this:
Like Loading...
Related
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (November) | OromianEconomist