Barsiisotii fi Hojjettooti Yuuniverstii Wallaggaa Walgahii TPLF Waame Lagatan

Aside

Fulbaana 14 /2016 Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti formiin itti fufuun, walga’ii guyyaa har’aa kana yuunversiitii Wallaggaa keessatti geggeeffamaa ooleen  sabboontonni barsiisonni Yuunversiitichaa guutummaan guutuutti wal ga’ii Wayyaanee kana  irratti diddaa  garboonffattuu Wayyaaneef qaban haala ajaa’ibsiisaa ta’een warra wal ga’icha geggeessuuf dhaqan afaan qabachiisanii jiru.
Qaamonni walgaicha mariisisuuf deemanis gaafii gaafachuun mirga keessan gaafa jedhanitti barsiisonnis gaaffii gaafachuu fi yaada isaanii kaasuu waan didaniif profeeseriin yuunversiitii wallaggaa kan ta’e dr Eebbaa miijanaa itti waamuudhaan dirqamaan gaaffii akka kaasaniif doorsisaa akka jiraniif doorsisaa akka oolan baramee jira.
Wal ga’icha irrattis barsiisonni  tokkoyyuu gaaffii kaasuu waan didaniif mootummaan wayyaanee dirqiidhaan gaaffii akka kaasaniif   hiraarsaa akka oole maddeen keenya achirraa nuqaqqaban ifa godhu.

Qeerron Arsii magaalaa Qoree keessatti mormii gaggeessaa oole,

Aside

14355651_10102538616054873_8183327846946256952_n 14359259_10102538619932103_7493638219964177665_n