Fulbaana 3,2016
Qabsoon Oromoon mootummaa Waayyaanee hubdeen galagalchaa jiraachuun argamaa jira Qabsoo karaa nagaa Qeerroo idil addunyaatiin hogganamu keessatti sagalee tokkoon yaada walii fudhatee hanga diina isaa rifaasisutti har’aan gahee jira.Kunimmoo hangam uummatichi beekaa ta’uusaa addunyaaf ragaa bahaa jira.
Adeemsa kanaan gidduu kana duula gabaa lagannaa akka gaggeeffamuuf labsii labsamaa jiru waliif dhaga’uun Uummanni magaalaa Naqamtee haalaan hojirraa oolchuuf guyyaa sadii asitti baankii qabeenyummaan isaa kan diinaa ta’e Baankii Daldala Itiyoophiyaa keessaa maallaqa qaban baasaa jiru. Kunimmoo dinagdee mootummaatti kuffisuurra darbee hanga waan sochii diinagdee sochootu dhabdutti gahuuf karaa jabaa saaqa,adeemsi haala beekumsa addunyaa ammaan gaggeeffamaa jiru kun qabsoo biyya Hindii Mataammaa Gaandiin durfamaa turee waliin akkasuma,qabsoo gurrachota Ameerikaa mirga isaaniif duula taaksii lagannaa gaggeessaa turan waliin wal fakkaataadha. Kanarraa walii dhageenyee bakkayyuu dinagdee mootummaa onsuun qabsoo omishaa fi diinagdee mootummaa lagannaa kana akka galmaan geenyu gochi Uummanni Magaalaa Naqamtee hanga baankittiin haguugamtutti maallaqa baafachuun wal sardaa turan ragaa amansiisaa nuuf kenna.Qabsoon nama barateen gaggeeffamu haala kanaan diina mataa jaanjessa.
Daily Archives: September 3, 2016
SBO Fulbaana 04,2016. Oduu, Ijoo Dubbii ABO fi Gaaffii fi deebii Atilet Eebbisaa Margaa Ijjiguu waliin
Aside
Godina Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Keessaa Ummanni Maallaqa Baankii Qabu Osoo Wayyaaneen Fudhatee Hin Badiin Hiriira Galee Baafataa Jira.
Aside
Yeroo Ammaa Kanatti Manni Hidhaa Qilinxoo Abiddaan Gubachaa Jiraachuun Gabaafame.
Aside
Fulbaana 3,2016 #Qeerroo_News Yeroo Ammaa Kanatti Manni Hidhaa Qilinxoo Magaalaa Finfinnee Kan Hidhamtootni İlmaan Oromoo fi Sabootni Cunqurfamoon biyyatti walumaagalatti 7000 Olitti Lakkaa,aman keessatti argaman İbiddaan Barbadeeffamaa jiraachuu Maddeen Keenya Gabaasan!!
Uummatni Maatiin Hidhamtootaas Akka Gara ilmaan isaanii fi Firootta isaanii hidhamanii jiranitti Darbanii hin baraarreef dhorkamaa jiru, Waraanni wayyaanees dhukaasaa guddaa banaa jira , Waraanni guddaan Bishooftuu irraa Gara Finfinneetti Socho,aa jiraachuu Maddeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Finfinneerraa Gabaasan. Gabaasaa Guutuun Walitti deebina!!
