Baankiin Daldala Itiyoopiyaa Naqamtee Keessaa Duwwaa Hafaa Jira.

Fulbaana 3,2016
Naqamte33Qabsoon Oromoon mootummaa Waayyaanee hubdeen galagalchaa jiraachuun argamaa jira Qabsoo karaa nagaa Qeerroo idil addunyaatiin hogganamu keessatti sagalee tokkoon yaada walii fudhatee hanga diina isaa rifaasisutti har’aan gahee jira.Kunimmoo hangam uummatichi beekaa ta’uusaa addunyaaf ragaa bahaa jira.
Adeemsa kanaan gidduu kana duula gabaa lagannaa akka gaggeeffamuuf labsii labsamaa jiru waliif dhaga’uun Uummanni magaalaa Naqamtee haalaan hojirraa oolchuuf guyyaa sadii asitti baankii qabeenyummaan isaa kan diinaa ta’e Baankii Daldala Itiyoophiyaa keessaa maallaqa qaban baasaa jiru. Kunimmoo dinagdee mootummaatti kuffisuurra darbee hanga waan sochii diinagdee  sochootu dhabdutti gahuuf karaa jabaa saaqa,adeemsi haala beekumsa addunyaa ammaan gaggeeffamaa jiru kun qabsoo biyya Hindii Mataammaa Gaandiin durfamaa turee waliin akkasuma,qabsoo gurrachota Ameerikaa mirga isaaniif duula taaksii lagannaa gaggeessaa turan waliin wal fakkaataadha. Kanarraa walii dhageenyee bakkayyuu dinagdee mootummaa onsuun qabsoo omishaa fi diinagdee mootummaa lagannaa kana akka galmaan geenyu gochi Uummanni Magaalaa Naqamtee hanga baankittiin haguugamtutti maallaqa baafachuun wal sardaa turan ragaa amansiisaa nuuf kenna.Qabsoon nama barateen gaggeeffamu haala kanaan diina mataa jaanjessa.

1 thought on “Baankiin Daldala Itiyoopiyaa Naqamtee Keessaa Duwwaa Hafaa Jira.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (September) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s