Barri Haaraan Amajjiin1 2015 fi Guyyaan WBO Haala Qindoomina Qabuun Oromiyaa Keessatti Kabajame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Amajjii 4,2015

Barri darbe 2014 seenaa Uummata Oromoo keessatti bara hammeenyi Wayyaanee daangaa hin qabne uummata Oromoo irratti raawwate galmee seenaa hin dagatamne galmeessisee fi dhiiga ilmaan Oromoo dhangala’eef gadda ulfaatan dabarsine haa ta’uyyu malee karaa biraa ammoo qabsoon Oromoo golee Oromiyaa cufa irraa finiinee, Oromoon warraaqsa FDG irratti wareegama baasuun warraaqsa FDG karaa nagaan qabsiisee wareegama qaalii kanfaluun gadda sana qalbii Oromoo keessaa haqee Qabsoo Oromoo sadarkaa Idil-Addunyaatti dhageettii horachiise tauun ni hubatama. Waggaa haaraa 2015 kana yeroo simannu gochaa diinaa daangaa hin qabne kanatti xumura gochuu fi qabsoo Oromoo hanga bilisummaatti finiinsuun galii isaatiin ga’u dandeenyu ta’uu qaba.

Amajjiin tokko Guyyaan WBO fi barri haaraan 2015 Godinaalee Dhihaa Oromiyaa fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Oromiyaa fi Dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo fi sabboontota uummata Oromoo hedduminaan hirmaachise kun haala baay’ee ho’aa fi dinqisiisaa akkasumas Qindoomina qabuun kabajame. Kabaja guyyaa seena qabeessa kana wanti adda godhu, uummatni Oromoo fi dargaggootni Oromoo dhaamasa gurguddaa waliif dabarsuun Muddee 31/2014 jalbultii irraa eegaluun bifa hoaa taee fi sagantaa fi karooraa hojii qindeeffachuun tokkummaan walitti dhufuun lafa diinaan marfamee eegamaa jiru Oromiyaa fi dhaabbilee barnoota Olaanoo keessatti bifa qindoomina addaa qabuun kabajame, amma illee itti fufee kabajamaa jira.

Dhaabbilee Barnoota Olaanoo godina Oromiyaa garaagaraa irraa haallii kabaja guyyaa WBO fi waggaa haaraa 2015 akka armaan gadii nu qaqqabee jira.

Amajjii 1 2015 Dhiha Oromiyaa430.doc

Walaloo Sirkanaan Ahimadi,

Aside

Kan Amaanaa sabaa yogguu sagal nyaatu

WBOn haala kana gonkumaa hin fudhatuu

Dhimma Afaan,Media fi Artii Oromoo Gadi Qabu Irratti Shira Mootummaan Wayyaanee Hojjetu Dura Dhaabbachuu,Ibsa Sagalee Qeerroo

Aside

Amajjii 1 Guyyaa WBO/Dhaamsa Qeerroo Nairobi

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 3, 2015

Aside

Madda Walaabuu Media Foundation (MWMF) will start English program

Aside

ovr3 January 2015

Oromo Voice Radio (OVR) English Service will be launched on 5 January 2015, every Monday for 15 Minutes from 7:15-7:30 pm Oromia Local time. For the start OVR English Service program will be aired once a week, and with time it hopes to increase the time length and scope of the program.

MWMF is a non-governmental, non-partisan and non-profit organization, incorporated in Washington, D. C. (USA) and Melbourne Australia.Founded in 2013 by a broad based collective of human rights advocates, civic society leaders, journalists and community members who are committed to the principles of democracy, human rights, freedom and justice, the MWMF provides an independent voice for the Oromo people and other voiceless communities of the Horn of Africa, including the Diaspora communities from the region.

The MWMF envisions that providing public education through its media outlets will enhance knowledge and appreciation about the true nature of the Oromo society and also the interest and its neighbours. MWMF’s pride is our common bond, aspirations, achievements and the desire to be a positive voice in the global society.

The OVR English Service program is designed to address issues that impact on the daily life of Oromo people and its neighbours in the Horn of Africa. It broadcasts 15 minutes English Program every Mondays at 7:15 PM local time at 16 MB or 17850 kHz.

For further information please call Mr. Aliye Geleto Anota on 61422602204 or email mwmfdirector@gmail.com

Sagalee Seife Nebelbalaalii fi Simbirtuu Qophii Eegala Amajjii 2015

Aside

BIDDEENA NAMA QUUBSU, EELEE IRRATTI BEEKU !!!!

Aside

SEENAA Y.G (2005) – Kutaa 2ffa | Amajjii 3, 2015

Bara 2015, 1ffaa-,waan keessa keenyatti rakkoo uumuu danda’an hunda irraa fagaachuu fi Qabsoo ofii tikisuun, waan kaleessa nu diigee yk wal-afoo ykn wal-dura nu dhaabe, shira diinaa fi fira fakkaattootaa irraa ofi fi qabsoo tikifachuun, 2ffaa- dhukkuba taa’aanii Hawwuu keessaa baanee, Wareegama waa maraa kafallee, Bilisummaa Ummata keenyaa dhugoomsuuf, Humnaa fi dandeettiin akkasumas, Beekumsaan qabsoo kana tinnisuu, deeggaruu, kan danda’u qaamaan keessatti argamee, kan hin taaneef waan qabsoo kana jabaeessuun utubee yoo wal Tumsee, 3ffaa- Ilaalchaan, Amantiin kkf adda baanuus, Dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti waliin dhaabbachuu fi falmachuuf yoo murteeffannee diina qofa irratti xiyyeeffannee yoo hojjanne, humna jabaa taanee, wayyaanee har’aa falminuu qofaa odoo hin taanee,Godinichatti humna murteessaa ta’uu fi dhageetti Addunyaa irraa qabnuus akka ol kaafnu Amantaan kiyya. Bilisoomuuf qofa odoo hin taanee, waan Bilisummaa boodaaf illee, bu’ura kaa’aa deemuun mul’ata kiyya.

Mata duree barruu kiyya kutaa 1ffaa jalatti, Midiyaalee qabnu ilaalchisee,Qabsoo Tumsuu irratti, Xalayaa ABOn, UNtti erguu fi OMN ilaalchisee , waan fooyaaa’uu qabu irratti yaada mataa kiyyaa kaaseen jira. Kutaa 2ffaan isaa itti fufa.

  1. Aadaa, Seenaa Qooqa/Afaani fi Artii ilaachisee :- sochiin gama kanaan gaggeeffamu qabu, Gamtaa barbaada. Tumsa waa maraa gaafata. Ijaaramuu barbaada. Sochiin gama kanaan taasifamu kan siyaasaa caalaa, bilchina barbaada, obsa barbaada, toftaa barbaada. Bilisummaan booda yoo jennes, dhabama isaa labsaa deemna malee, furmaata hin argamsiifnu. Akka kiyyatti sochiin gama kanaan taasifamu yaada gabaabaan yoon ibsee, Dhalli Oromoo Qabeenyaa Umamaan isaaf kenname kanatti deebi’uuf fedhii walii gala qaba. maaltu akka isaaf tolu hubateera. Hanqinni jiru, akkamiin waan kana jabiinaan Ummata keessatti deebisnee gadi dhaabnaa ? kan jedhuudha. kun Gamtaa fi Ijaaramuu gaafata. Ijaaramuun kun walliftoota qofaa miti. ogeessitoonni hundi waan kana irratti ijaaramnii humna diinni dura hin dhaabbannee ta’uu qaban. Gamataa abbaan fedhe keessa hin burraaqinee fi akka sibiilaa jabaatu dhaabbachuu barbaachisa.

BIDDEEN NAMA QUUBSUU ….K.2ffaa.docx

SBO Amajjii 04 Bara 2015. Oduu, Gabaasa Oduu Guyyaa WBO, Haasaa H.D.ABO Jaal.Daawud Ibsaa fi Ibsoota Qeerroo qabannee dhihaatneerra.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Amajjii 2, 2015

Aside