Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 7, 2015

Aside

Uummanni Oromoo Godina Shaggar Kaabaa, Naannoo Garba Gurraachaa Jiraatan Sababaa Saamicha Lafti Qonnaan Bultootaa Irraan Kan Ka’e Walgayii Wayyaanee Lagatan!‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Shaggar Kaabaa, Amajjii 8,2015

diddaa9Shaggar gara kaabaa, aanaa Garba Gurraachaa irraa gabaasi Qeerroo akka ibsutti Amajjii gaafa 5 mootummaan Wayyaanee dhimma misooma guddina biyyaa jedhuu fi gumaacha hidhaa laga Abbaayiif hojjetoota isaa garagaraa uummata waliin magaala Garba Gurraachaa irratti walitti qabuun uummataa fi hojjetoota mariisisuuf sagantaa qabatee ture, akka walii galaatti uummatas tahe hojjetaan akka yaada mootummaatti uummata jiraattotni aanaa kana keessa jiraatu walgayii kana irratti hirmaatee akeeka mootummaa galmaan gahuuf dhibbaan namootni akka bobbahan ture, sammuu uummataa keessaa kan hin baanee fi hanga ammaatti uummanni akka Shaggar  kaabaatti qabatee jiru leenjii barattootni yeroo gannaa walgayii mootummaan EPRDF teesisaa ture irratti gaaffii dhimma qotee bulaan lafa isaa irraa ariyamee, lafti qote bulaa mootummaadhaan saamamee gurguramaa ture irratti gaaffii uummata bakka bu’anii gaafataa turan irratti mootummaa biraa deebiin waan hin kennamin hafeef, akkasuma mootummaan Wayyaanee miidhaan ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru ilaalchisee uummanni Oromoo quuqaa garaa isaa keessa jiru baafatee himachuuf carraa kan hin argatne tahuu ibsanii jiru.

Haala kanaan mootummaan Wayyaanee ammoo dhimma maqaa misoomaan uummata walitti qabuu fi hidhaa laga abbaayiif uummata irraa qarshii sassaabu kun uummata Oromoo jiraattoota aanaa kana keessa jiraatu biratti gocha saaminsa bifa isaa jijjiirratee fi tooftaa sirni gabroonfataa kun itti fufiinsaaf karaa mijeeffachaa jiru tahuu isaa waan hubateef mootummaan wayyaanee dursee walgayii kana ajajuu isaan dursa guyyaa tokkoo waan taheef uummanni aanaa kana keessa jiraatu dhaamsa waliif dhaamuudhaan hojjetan mootummaa uummata Oromoo waliin tahuun walgahii EPRDF Wayyaanee yaame lagatanii jiru.

Amajjii 5,2015  irratti namoota 15n hin caalleen hirmaatame, isaan kunis gaaffii uummataa kaasan, gama tokkoon mootummaan uummata miidha, uummata hidhaa, ajjeesaa akkamiin uummanni mootummaadhaaf ajajamaa, lafti Oromoo gurgumee dhumeera, lubbuu baayees dhimma lafa Oromiyaatiif dhabneerra, kan jedhan kanneen qaamuma mootummaa godina kanaa tahuu odeessaan nu gahe addeessa.

Tuttuqaan Wayyaanee uummata Oromoo gamteessaa jira, akka gabaasa Qeerrootti  mootummaadhaan ajajamuu keenyaan dura mootummaan dura gaaffiwwan hunda ilmaan oromoo hunda irraa ka’aa jiru kallattii adda addaan kanaan dura ka’e karaa miidiyaatiin deebii haqaa akka kennu, ammas taanaan fuula durattis mootummaa hojii gara jabeessaan uummata keenya irratti raawwataa jiru hin beeknu, gocha isaa darbaniifiyyuu itti gaafatamuu qaba, jedhanii namootni walgayii kana irratti argamanis uummata aanichaa bakka bu’anii dubbatanii akka jiran odeessan qeerroo ibsa.

Biyya Saudi Keessatti, Abbaan Duulaa Gammadaa Barattooti Oromoo Ajjeefamanii fi Oromoonni Mana Hidhaa Wayyaanee Jiran Hundi Yakkamtoota Jechuun ibsa Keene ilaachisee ,Qeerroon Bilisummaa Balaaleffate

Aside

QeerrooAmajjii 6,2015 Ergamaan Wayyaane A/Duulaa Gammadaa (Minaaseen waldee Goorgiis) olola diinummaa butachuun hawwaasa Oromoo saawudi Arabia jiran dura dhaabbachuun yakki ajjeechaa fi hidhaa akkasumas saaminsa Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF fudhachaa jiruun tarkaanfii sirriidha  jechuun yakka lammaffaa kan dhiifama hin qabne ilmaan Oromoo irratti dalagee jira.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo olola diinummaa Abbaan Duulaa gaggeessaa jiru kun uumata Oromoo biraatti yakka  ulfaataa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n uummata Oromoo irratti rawwate jabeessuun kan itti fufsiisa jiru ta’uu hubachuun jabeessee balaaleffachuun Qeerroon gadi jabeessee ibsa.

Qeerroon, Dargaggootni Barattootni Oromoo olola Abbaan Duulaa (Minaaseen) ofaa jiru cimsinee kan balaaleffatu  fi Abbaan Duulaa Gammadaa ofiin jedhu Yakka dugugginsa sanyii (genocide ) uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiruuf itti gaafatamaa ta’uu jabeessinee hubachiifna. Uummatni Oromoo Biyyoota ambaa garaagaraa keessa jiraatu ergamtoota Wayyaanee kam waliin iyyuu qunnamtii akka hin goonee fi Qondaalota Wayyaanee kanneen dura mormii guddaan akka dhaabatu fi FDG akka irratti kaachisuu waamicha dabarsina.

Torbee kana Keessaa Ergama Wayyaanee bakkaan gahuuf kan bobbae Abbaan  Duulaa Gammadaan ergama diinummaa butachuun  duguginsa sanyii Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo irratti fudhachaa jiru sirriidha jechuun uummata Oromoo  biyyoota  Saawudi Arabia garaagaraa jiran dura dhaabbachuun yakka itti gaafatama seeraa fi seenaa jalaa isa baasuu hin dandeenye dalagaa jira.  Abbaan Duulaa Gammmadaa gaaffii barattootni Oromoo karaa nagaa fi Dimookiraasii gaafachaa jiraniif deebii mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF deebise Ajjeechaa jumlaa, hidhaa, barnoota irra arii’amuu, keessumattuu Mootummaan Wayyaanee human waraana Liyuuhayil fi Agaazii jedhamu uummata Oromoo irratti bobbaasuun guyyaa saafaa daa’imman umrii ganna 7 fi manguddoo gannaa 80 ajjeesee utuu jiruu  Abbaan Duulaa (Minaaseen) kan Mootummaan ajjeese kashalabboota fi waanbadeedha jechuun warraa dhukaasee ajjeesee olitti yakka ulfaataa uummata Oromoo irratti rawwaachaa jiraachuu ifatti ba’ee dubbachaa jira.

Yaa Uummata Oromoo hubadhaa ilaalaa diina keessan Warra Oromiyaa dabarsanii gurguran, warra uummata Oromoo ficisiisaa jiran,Qabeenyaa Oromoo saamsisaa jiran, warri Oromiyaa gurguraa jiran  keessa tokkoo Abbaa Duulaa Gammadaa ta’uu Oromoon dagachuu hin qabu. Mee Oromoon Minaasee Gaaffii kana gaafadhaa  Daa’imni gannaa 7 maal balleessetu  rasaasaan reebamee ajjeefame?, manguddoon gannaa 8o badii maalii qabaaf rasaasaan reebamee ajjeeffame?? Qabeenyaan Oromiyaa maaliif samamaa?  Barattootni Oromoo meeshaa maleeyyii irratti mootummaan wayyaanee waraana bobbasuun maaliif ajjeefamanii? Jumlaan hidhamanii? Barnoota irraa arii’atamanii? Gaaffii barattootni Oromoo gaafachaa jiraniif maaliif rasaasni deebii ta’ee? Gaaffiin barattoota gaaffii mirga Abbaa biyyummaa fi hiree Murteeffannati. Master plan Finfinnee warraa qopheesse keessa tokko Abbaa Duulaa Gammadaa (Minaasee) ta’uun ifatti saaxilamee jira.  

     Walumaa galattii ilmaan Oromoo sabboontotni Oromoo mooraa dhaaba jalee Wayyaanee OPDO keessatti argamtan ergamtuu Wayyaanee kanneen akka Abbaa Duulaa Gammadaa, Dhaabaa Dabalee, Muktar Mohaamed, Asteer Maammoo,  fi Zalaaleem Jamaanee irra of eeguun bakka isaan argaman hundatti FDG akka irratti kaachiftan dhaamsa dabarsina. Uummatni Oromoo Fincila waliigalaa irratti kaachisuun bara xummura abbaa irree akka goonu  waamicha dabarsina.

SBO Amajjii 07 Bara 2015. Oduu, Gabaasa Oduu Amajjii Guyyaa WBO, Haasaa H.D ABO J.Daawud Ibsaa kutaa lammataa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Amajjii 05,2015

Aside

Barruun Waamicha Qeerroo, Haala Yeroo Filannoo Sobaa Wayyaanee Irratti Ejjennoowwan Adda Addaa Qabatee Bahe Oromiyaa Guutuu Irratti Faca’uu Itti Fufee jira.

Aside

Amajjii 06,2015 Gabaasa Qeerroo

IMG_20100101_040842Qeerroon Oromoo waamicha adda addaa yeroo yeroon taasisu har’as itti fufuuni filannoo mootummaan abba irree Wayyaanee uummata Oromoo ittiin sobu ilaalchisee barruu qabxiiwwaan adda addaa qabaxe facaasaa jira. Akka barruu faca’e kana irraa odeessi nu gahetti, mootummaan abbaa  irree Wayyaanee bara baraan filannoo sobaa gaggeessuun mootummaa Dimokraatawwaa offakkeessaa gagaarsa Adduunyaa irraa fudhachaa bittaa umurii isaa dheereffachuu fi gargaarsa argamu kanaan dhumaatii ilmaan Oromoof oolaa waan jiruuf, sagalee dhorkachuu qofaa otoo hin ta’iin guutumatti dhimmoota filannoon wal qabatan hundaa irraa akka uummanni Oromoo irraa of ittisu dhaamsa qabate ta’uu ibsa.

Amajjii 5 bara 2015 ganama irraa Oromiyaa magaalaa fi baadiyyaa bakkoota adda addaatti fac’uu kan eegale yoo ta’u, addatti haga odeessi kun qindaahee nu qaqqabeetti magaalota naannowaa Finfinnee, Amboo, G/Baraat,Walisoo, T/Boolloo,Adaamaa, Bushooftuu, Mojoo, Baatuu Arsii Nagallee fa’aatti bal’inaan faca’aa akka jirudha. Kanumaanuu haala itti fufiinsaan faca’uu barruu kanaa yeroo yeroon jala bu’ee qeerroon kan gabaasu ta’uu hubachiifna.

IMG_20100101_040339 IMG_20100101_040853 IMG_20100101_040901 IMG_20100101_041344

Sochiin Uummata Oromoo Kutaalee Oromiyaa Adda Addaa Irraa Mul’atu Filannoo Wayyaaneef Haala Yaaddeessaa Tahe Keessa Galchee Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Shaggar,Amajjii 06,2014

35Godinaalee Shaggar lixaa fi kaaba, akkasuma Shaggar  bahaa keessatti mootummaan Wayyaanee karaa caasaa bulchiinsa OPDO qajeelfamoota uumata keessatti hojii irra ooluu qabanii fi kanneen bifa walgahiin uumata gadnoota irraa walitti qabanii ololan uumati Oromoo gamtaan didaa jiraachuu fi qajeelfama waajjiraalee gandaatti darbee jiraattoti hojii irra oolchuu qaban jedhee mootummaan baafate diddaa uumataan hojii irra hin ooliin jira.

Haala kanaan dirqamni mootummaan gadi buusee hojii irra hin oolin hafuu waan eegaleef, waraqoonni dhaadannoo Qeerroos baatiwwan muraasa dura maxxanfamaa ture Wayyaanee hedduu mufachiisuu fi ammas haalli jiru sodaa guddaa keessatti kan isa kuffisee jiru, miseensota fi caasaa isaa kan tahan irratti gamaggama hojii gaggeessuuf deema, filannoof qophiin isaa mariidhaan itti fufus haamileen isaa bu’ee akka jiru odeessan kan nu gahaa jiruudha, gama caasaa OPDO irraas ilaalchi gara uummataa, gaaffiin uummanni keenya gaafataa jiruuf deebiin kennamuun dursa uummata qabachuudha, hanga gaaffiin uummata keenyaa deebii hin argannetti akkamiin uummata qabachuun danda’ama jechuun gaaffii uummataa kan deggeru kaasuun dhagayamaa jira.

Waltahiinsa uummataa fi sochiin uummanni Oromoo kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa mul’atu filannoo Wayyaaneef haala yaaddeessaa tahee itti mul’achuun boqonnaa dhabaa jira, kanumaan kan ka’e torbee kana keessa isaaf amanamoo kan tahan hanga gandaatti gadi buusee leenjii kennaa jira, kun akka karoora wayyaanee haatahuyyuu malee caasadhuma qabu leenjii dhimma filannoofisf tahe uummata keessatti waan karoorse xumuruuf adeemu galma hin gayin hafaa jira, kun gara lixa Wallaggaa Dambi Dolloo fi Anfilloo keessatti kan tahaa jiru tikoota, dhimma nageenyaa fi qonnaan bulaa ammoo kan horii qaban dureeyyiidha kan jedhaman kaayyoo mootummaa sobaan guutame hubachiisuuf leenjiin kennamuuf Amajii 1 kaasee gaggeffamuuf ajandaan qabame hanga ammaa galma hin gayin feshala’aa jira. bifuma kanaa waan mootummaan Wayyaanee karoorsu oromiyaa bakka garagaraatti feshelaa’aa akka jiru odeessan kallattii adda addaan nu gahu addeessa.

Godinaalee Oromiyaa Garagaraa Keessatti Uummanni Ajaja Wayyaanee Lagachuu fi Fesheleessuu Eegale‏

Aside

Gabaasa Qeerroo  Amajjii 5,2015

diddaa9Godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti ayyaanni jijjiirraa bara haarawaa fi guyyaan WBO Amajjii 1/2015 haalaan kabajamee jira. Gabaasoti Qeerroo kallattii Oromiyaa gara garaa irraa kan dhaamamaa jiru akka ibsutti.  Waggaan haaraa Amajjii 1 fi guyyaa WBOn  uummata Oromoo birattis kan durii caalmaadhaan beekamee barattootaan, hojjetootaan, qonnaan bulaadhaan, caasaa opdo keessaallee uummata Oromoo waliin kan hiriiraniin haala hoo’aadhaan kabajamee darbe.

Walumaa gala kabajaan guyyaa kanaa bara kana mootummaa Wayyaane biratti mufii fi aariin bakkoota gara garaatti humnoota tikaa bobbaasuun yerootti uumata adamsaa turan muldhata. Wayyaaneen uummatni Oromoo duukkaa akka hin jirre yeroo hubatee naasuu guddaadhaan guutameedha yeroon kun, Oromiyaa godinaa hanga gandaatti kan mul’atus ijoolleedhaa hanga abbootii Oromootti Wayyaaneen galafaataa, gabroonfataa, ajjeesaa tahuu isaa caasaa mootummaatti ifaa ifatti yeroo itti baasanii dubbatanii fi waajjiraalee, manneen barnootaa, buufata fayyaa, bulchiinsa magaalota garagaraa fi naannoolee isaanitti barruulee mootummaa Wayyaanee abaaruu fi dhaadannoolee uummata Oromoo jajjabeessuutu mul’ata, kunis caasadhuma OPDO keessaa qabaniin kufaatii mootummaa Wayyaaneef warra yaadda’an irraa gara mootummaatti gabaasa tahu irraa Wayyaaneen waan dhagayuuf haala uummata Oromoo yeroo ammaa irra jiru ilaalchisuun keessattuu ayyaanni guyyaa WBO kan miillanaa kun uummata Oromoo biratti haalaan beekamee waan jiruuf akkuma beekames kabajamuun isaa ifatti waan mul’ataadha. kanumaan wal qabsiisuudhaan:-
Godina wallagga lixaa, Gimbii, Najjoo, Dambi Doolloo, Anfilloo, Jimmaa Horroo, Aayira Gullisoo, fi buufata manneen barnootaa keessatti caasaa OPDO  irraas amantaa waan dhabeef, humna waraana isaa keessaa kanneen sabaan Oromoo hin taane filee gara kanatti erguuf karoora keessa galchee jira jechuun odeessaan qaama mootummaa keessaa bahe nu gahaa jira. naannolee kanatti guddaa kan shakkee jiru yeroodhaa yerootti kan gabaafamaa ture uummanni ilaalcha ABOn dhugamee, ajaja ABOtiin socho’aa jira malee mootummaadhaan miti, fincilli ka’uun dura caasaa OPDO irraa abdiin waan hin jirreef humnuma waraana isaa keessayyuu kan sabaan Oromoo hin taanetti fayamuuf akka jiru qophii mootummaa Wayyaanee gama kanaan dursee odeessaan ibsa.

Aside

Walaloo Warraaqsaa Gammachiis Naadoo

Aside