Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 21, 2015

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Amajjii 21,015

Aside

Godina Lixa Shaggar Anaa Miidaaqenyi Ganda Tuuyyee Goodaa Cuqqaalaa Keessatti Ummanni Diddaa Sirna Wayyaaneef Qabu Kaasuun Loltoota Wayyaanee Waliin Walitti Bu’an.

Aside

Gabaasa Qeerroo Amajjii 20,2015

diddaa9Amajjii 20,2015 Godina Lixa Shaggaar Aanaa Midaa Qanyii keessaitti uummatni fi dargaggoonni  Oromoo uffata aadaa Oromoon mimmidhaganii, walleelee warraaqsaa wallisuun diddaa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneef qaban waan ibsataniif poolisotaa dabballootaa Wayyaanee waliin walitti bu’insi guddaan dhalate!!.

Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyii Ganda Tuuyyee Goodaa Cuqqaalaa jedhamuun beekamutti Uummaatni Oromoo kumoota hedduutti lakkaa’amu ayyaana cuuphaa sababeeffachuun guyyaa kaleessaa walitti dhufuu uuffata aadaa Oromoo fi Walleewwaan Warraqsaa sirbuun ifatti mootummaa garboonfattuu Wayyaanee balaaleffatan, Uummaatni walleewwaan kanneen akka Wallee Warraaqsaa ”OPDO yaa baala tuufoo, ABO nuuf wayyaa nuufoo,korma guduruu ABO’n, gootuma duuru, kessattuu kaasetta Eebbisaa Addunyaa diinni diinumaa boru nurraa galaa ABO malee maaltu nuuf jira jechuun uummatni marartoo fi jaalaala guddaa ABO tiif qabu diinatti mul’ise jira. kasseeta Hirphaa Gaanfurree ”bishaan Oromiyaa Caffee keessa yaatii waraabuu waraabuu, Gmaan ijoollee Oromoo kana keessa baatii waraanuu waraanuu…” jechuun uummatni qabsoo haqaa fi falmii FDG’f qophii ta’uu ifatti diinatti argisiisee jira. Uuffata aadaa Ofii uffachuun lammaffaa Odaa tarsaate kan wayyaaneen itti gargar nu qooduuf jettee mallattoo Odaa Oromoo tarsa’aa qophiisitee bakka nu hin bu’uu jechuun uummatni uffata aadaa Odaa duudaa fi uffata abbaa gadaa waan uffataniif, isin ABO dha edhamuun polisoota wayyaaneen walitti u’insi dhalate.

Poolisootni federaalaa fi naanoo ofiin ergama diinummaa fudhachuun uummata shororkeessuuf akuma bobbaafamanitti uummata karaa nagaa sagalee isaa sirboota warraaqsaattii fayyadamuun dhageesisaa jiru goolaa oolan jedha gabaasaan keenya Aanaa Midaa Qanyii Baallaammii iirra!! Haalma kanaan walitti bu’insii guddan poolisoota dabballoota Wayyanee fi uummata gidduutti dhalateen pooliisootni wayyaanee hedduun dhagaan tumamani madeeffamuun ibsame jira. uummaatni nagaan manaa ba’ees heddumminaan qabamee waajjira Poolisii aanaa midaa Qanyitti ukkanfamee jiraachuun ibsamera. uummata nagaa keessaa ilmaa Oromoo nagaan poolisoota wayyaaneetiin reebamanii yeroo amma haala yaaddessa kessatt kanneen argaman keessa Obbo takkalaa abbabbee yero ammaa kana wayyaanootaan reebamanii haala ulfaata keessatti argamu.

Haaluma walfakkaatuun Aanaa Midaa Qanyii ganda Waloo Tambaroo bakka Mikaa’el Guutee jedhamuun beekamuttis uummatni ayyaana Cuuphaa daawwachuuf walitti ba’ee wallee warraqsan qabsoo bilisumma Oromoo fi ABO faarsuun poolisoota wayyaaneetiin wal reebaa oolun ibsame jira.Akkasumas Aanaa Calliyaa Geedoo, Baabbichaa fi aanaa tokkee kuttayee nanno Gooroo sooleetti uummatni Amajjii 19/2015 ayyaanaa cuphaa sababeeffachuun bifa wal fakkatuun mormii sirna abbaa irree wayyaaneef qabu wallee warraaqsaan ifatti dhageesisee jira. maqaa namoota aana Midaa Qanyiitti poolisoota dabballoota wayyaaneen guyyaa kaleessa ukkanfamuun waajjira poolisii tti hidhamanii jiranii adda baasuun kan isiniif gabaasnu ta’uu ni hubachifna.

 

SBO Amajjii 21 Bara 2015 Oduu, Barruu Jiituu Lammii fi Filannoo Wayyaanee Irratti Gaaffii fi Deebii Jiraataa Godina Arsii Lixaa Obbo Nageessoo Bushee, akkasumas, SBO Sagantaa Amaarinyaa

Aside

Faaruu Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 19, 2015 with 15 minutes Oromia Insight

Aside

Kutaalee Oromiyaa Keessaa Hogganoota Gandaa Walitti Qabuun Leenjii Bultii 6 Magaalaa Adaamaa Keessatti Kennaa Kan Jiran Qondaaloti Wayyaanee Gaaffii Hirmaattota Irraa Itti Ka’een Salphatan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Amajjii 18,2015 Adaamaa

AdaamaaMagaalaa Adaamaa Keessatti Maqaa  Leenjii jedhuun seenaa Ithiopia fi akkaataa ittiin filmaata mohatan kan barsiisan qondaaloti Wayyaanee hirmaattota irraa gaaffii itti ka’een salphataa akka jiran gabaasi Qeerroo walgahicha irraa nu gahe addeessa

Konkolaattonni kun tibba kana sochii mootummaan Wayyaanee kutaalee Oromiyaa mara keessaa hanga gandaatti hooggantoota gandaa fi seelii sarviisii akkasumas anga’oota OPDO walitti qabuun maqaa leenjii jedhuun magaala Adaamaa galma Abbaa Gadaa fi galma Hoteela Karrayyuutti teesisaa jiru  dha.

Maqaa leenjiitiin walgahiin yaamame kun mootummaa Wayyaaneef milkoomina fidaa hin jiru, akka maadheeleen Qeerroo walgahii kana keessaa gabaasanitti mootummaan Wayyaanee sodaa ummata Oromoo irraa qabu irraa ka’uun olii fi gadi nu joorsaa jiru jedhu qabiyyeen walgahii kanaa bulchiinsa gaarii jechuun dhimma filannoo fi seenaa Itoophiyaa barsiisaa akka jiran gabaafama. Haa ta’u malee akkuma armaan dura artistoonni Oromoo aangawoota Wayyaanee  gaaffiidhan muddan hirmaattonni kunis gaafilee garagaraa itti kaasan akka fakkeenyaatti lafti qote bulaa sababa investiin fudhatamaa qote bulaan qee’eerraa maaf buqqa’a kan jedhu fi kkf haa tahu malee hooggantoonni walgahii kanaa gaaffii mana keessa ka’u sagalee dhoorkuf jecha namoota gaaffii kaasan isin ilaalcha addaa qabdu jechuun nurratti xiyyeefachaa jiru jedhu ,waan fedhes tahu nuti gaaffii gaafachuu hin dhiifnu jedhchaa akka jiran maadheen Qeerroo walgahicha irraa gabaasa.

Walgahiin kunis guyyoota 6 akka turuu deemu gabaasi qeerroo addeessa.

Oromoon Tokko Tahee Itti Fufe Qabsoo!!

Aside

Uummatni Oromoo Magaalaa Jimmaa Kaardii Filannoo  Dharaa Wayyaanee/EPRDF Fudhachuu Diduun Mootummaa Abbaa Irree Wayyaanee Yaaddoo Keessa Buuse.

Aside

Amajjii 18/2015 Gabaasa Qeerroo Godina Jimmaa

Guyyaan FDG University Dirree Daawwaattti Kabajame

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee akkuma dhaga’ama jiruu karaa foddaa ETV /EBC, Media lee of harkaa qabu hundaan filannoo sobaa gaggeessuuf kaardii Filannoo uummatni hedduminaan ba’ee fudhachaa jira jechuun olola sobaa oofaa jira malee haala qabatamaa uummata keessa jiruun uummatni kaardii filannoo sobaa Wayyaanee hin fudhannuu jechuun diddaa sirna wayyaaneef qabu argisiisa jira.

Biyyaa democracyn hin jirree keessatti filannoo dimookiraatawaa ta’ee fi haqa qabeessa gaggeessuun waan hin danda’amneef uummatni gurraa isaa gara filannootti qabee mirga isaa falmachuu irraa duubatti akka hin jenneef Hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo baatii darbe keessa ibsa bal’aa uummataaf dabarsuun ni yaadatama, yeroo amma kanattis uummatni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoon biyyatti ibsa dhugaa irratti hundaa’ee hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo kennee bu’uura godhachuun kaardii filannoo Wayyaanee fudhachuun bu’aa hin qabuu jechuun kardii filannoo Wayyaanotaa fudhachuu diduun diddaa sirna abbaa irreef qaban ifatti mul’isaa jiru.

Keessumattuu Magaalaa Jimmaa keessatti uummatni karaa wajjira boordii Filannoo Wayyaanoota iyyuu hin darbinu jechuun guutummaatti kaardii filannoo sobaa Wayyaanee fudhachuu didee jira. Mootummaan Wayyaanee sochii uummataa kanatti rifachuun humnaan kaardii fudhachiisuu fi humnaan of filchiisuuf sochii cimaa gochuurratti argama, guyyaa har’aa Gandoota Magaalaa jimmaa keessa dabballoota fi
ergamtoota isaatti dirqama addaa kenneen ergamtootni Wayyaanee uummatni dirqamaan ba’ee kardii filannoo akka fudhatuuf mana irra adeemuun uummata dirqisiisaa jiraachuun hubatame jira. Wajjirri boordii filannoo magaalaa Jimmaa keessatti argamu cufaamaa kan jiruu fi namni tokko illee achiin darbaa kan hin jirre ta’uun hubatamee jira. Dabballootni Wayyaanee namni kaardii filannoo hin fudhannee
lammii biyyaa kana miti jechuun uummata doorsisuu irratti xiyyeeffannoo godhani jiru, Uummatni gama isaatiin biyyaa mirgii dhala namaa fi dimookiraasiin sarbamaa jiru keessatti mootummaan ani dimookiraasiin gaggeessa sirna dimookiraasiin bulaa jirra jedhee dubbachuun qaanii guddaa fi yakka guddaa seeraan illee itti nama gaafachiisu ta’uu hubachuun ejjennoo isaanii jabeeffachuun filmaata mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachaa jirachuu ibsan.

 

Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii Ganda Baaroo Bidiruu Jedhamu Keessatti Konkolaataan Wayyaanee Kaardii Filannoo Hiruuf Bobba’e Diddaa Uumataan Hojiii Ala Ta’uu fi Qondaalotiin Wayyaanees Naannoo Sanaa Baqachuun Beekame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Amajjii 18,2015 Midaa Qanyiii

diddaa9Gaafa Amajjii 16/2017 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Uummatni konkolaataa Wayyaanee bulchiinsa Aanaa Midaa Qanyii olola filannoo sobaa wayyaanee ofuuf gandoota baadiyaa keessa fiiguun kaardii filannoo wayyaanee akka uummati ba’ee fudhatuuf uummata dirqisiisuuf bobbate irratti tarkaanfii fudhachuun daaraa ishee  godhee jira.

Ergamtootni Mootummaa abbaa irree Wayyaanee /EPRDF keessatti hiriiruun kaleessa gaaffii karaa nagaa fi diimookiraasii uummatni gaafachaa tureef deebii hidhaa, reebichaa, fi ajjeechaa seeraan alaa fudhachaa turan, har’a immoo uummata keessa fiiguun mootummaan keenya dimookiratawadha, sirna democracy gaggeessa jirra, baataani boruu nu filachuuf kaadii filannoo fudhadhaa jechuun uummata kardi filannoo sobaa fi fakkeesituu abbaa irree hin barbaadnu jedhee jiru humnaan dirqaisiisuuf konkolaataa bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii qabachuun buufataalee filannoo sobaa wayyaanee gandoota keessa jira irra naanna’uuf akka ergama diinummaa butatanii qajeelaniin ganda Baaroo Bidaaruu bakka Gatoo jedhamuun beekamutti uummani tarkaanfii irratti fudhachuun konkolaataa bulciinsa Wayyaanee kana taajajilaan ala godhee jirachuun maddeen keenya aanaa Midaa Qanyii magaalaa Ballammii irraa gabaasa jiru.

Tarkaanfii kanaan walqabatee guyyaa har’aa ganda Baaroo Bidaaruu bakka Gatoo jedhamuun beekamutti ergamtootni Wayyaanee uummata dirqamaan walitti qabuun qaamota tarkaanfii akkasii isin keessatti of ijaaree fudhachaa jiru baasaa, yoo of keessa baasuu baattan konkolaata tajaajilaan ala ta’ee kana ni kanfaltu, ni hidhamtu jechuun uummata doorsisuuf yaaliin guddaan godhamuus, uummatni sodaa tokko malee isin mootummaa miti shororkeessadha, mirga dimookiraasii fi ilma namaa sarbaa jirafaaniin immoo dimookiraasii odeessituu, isin hin barbaadnu jechuun uummatni ergamoota Wayyaanee of irraa deebise jira. mootummaan wayyaanees humna poolisaa fi loltuu isaa butatee gandoota baadiyaa Aanaa Mida qanyii keessa naanna’uu itti fufus uummani yoo nu fixxan nu fixaa malee waan baasu hin qabnu, Oromoo ajjeesuu, hidhuu fi dorsisuun hojii keessanidha jechuun uummatni akeeka Wayyaanee dura dhaabbate jira.