BREAKING NEWS:- Uummatni Magaala Finfinnee Jiraatu Carraa Argateen Filannoo Dharaa Fashalsuudhaaf Duula Wayyaanee Irratti Bahe!‏

Aside

Amajjii 25,2015 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
9804_586148321520127_6529646606074484948_nGuyyaa har’aa jechuun Amajjii 25 Bara 2015 Waamicha Paartii mormaa Andinnet Uummata Magaala Finfinneedhaaf waamicha hiriira nagaa dabarsee booda Uummatni muraasni hiriira irratti wayita argamu; Mootummaan Wayyaanee garuu dhaadannoowwan dhageessifamaa jiran seera qabeessa miti jechuudhaan waraana hedduumminaan itti bobbaase. Wayita kanatti Uummatni magaala kana jiraatu waraana Mootummaa Wayyaanee Uummata hiriira nagaa bahetti duule dura dhaabbachuudhaan Fincila diddaa garbummaa gaggeessaa oolanii jiran. Uummatni rakkoo jireenyaa fi gidiraa mootummaan wayyaanee uummata irratti buusee jiru hadheeffachuun filannoon dharaas daran waanjoo garbummaa kana kan dabalu malee nageenya waaraa kan hin fidne tahuu ifaan dubbatanii jiran. Uummatni mana mana isaadhaa waraana wayyaaneetti bahuudhaan filannoo dharaan lammaffaa hin gowwoomnu jechuudhaan duula fincilaa godhee jira. Mootummaan wayyaanees haala kanaan kan baarage rakkoo uummata hidhaa fi reebuu hammeessus Uummatnis tarkaanfii walfakkaataa waraana wayyaanee irratti fudhachuudhaan Poolisootni hedduun madeeffamanii jiran. Paartiileen Mormitootaas filannoo dharaa fi abbaa irrummaan guutame kana keessaa akka of baasuu qaban Uummatni diddaa gaggeesse keessatti ifa godhee jira.
Addatti Uummatni Oromoo magaala Finfinnee keessa jiraatu hiriira irratti kan argaman osoo hin taane waraana Wayyaanee Uummata nagaa hiriirsuuf gadi bahe dura dhaabbachuun isaa Paartii Mormaa Andinnet haala olaanaadhaan ajaa’ibsiisee jira. Haala amma eegalame kanaan jabeeffamuudhaanis Mootummaan Wayyaanee hundeedhaan buqqa’uu akka qabuu fi Uummatnis daran diddaa isaa jabeessee akka itti fufu Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa waamicha isaa gadi jabeessee dabarsa.

 

Aside

qeerroo-edit

Fimaata Fakkeessaa Wayyaaneen Gaggeessaa Jirtu Ilaalchisee Diddaan Uummanni Oromoo Taasisaa Jiru Abdachiisaa Dha.

Ibsa Qeerroo, Amajjii 24,2015

Ummanni Oromoo baroota 23 darban dararaa fi cunqursaan sirna bittaa mootummaa Wayyaanee jalatti irra gahe seenaa jireenya isaa keessatti takkaa argee kan hin beekne,hidhaa,ajjeechaa,arihamuu,biyyaa fi qabeenya saamamuu irra darbee qaamaa qalbiin manca’ee jira.

Yeroo ammaa kana mootummaan Wayyaanee filmaata Caamsaa 2015 keessa gaggeessuuf jecha uumatni Oromoo dirqiin akka isa filuu fi kaardii filatnnoo humnaan raabsuu eegalee jira.Ta’us cunqursaan baroota darbanii laalaan isaa hammaataa waan ta’eef ammos hacuucaa fakkaatu baadhachuu irra diddaa gabrummaa jabeessuun bilisa of baasuuf murteeffatee jira.Haala kanaan mootummaa cunqursaa filuu diduu fi kaardi har’aa fudhachuu diduu irratti hamma ammaa diddaa uumanni Oromoo muldhise jabaadha.Akka Qormaata maadheelee Qeerroo mootummaa keessaa argametti uumanni Oromoo  dhibbentaadhaan yoo ilaalle Oromiyaa keessatti filannoof kaardii kan fudhate 5.6% kan hin caalleedha. Kun heddummina uumata Oromoo filuuf ulaagaa guutu waliin yeroo ilaalamu haalaan gadi bu’aa waan ta’eef diddaan uumati Oromoo taasisaa jiru jaran akka jabaatuu fi galmi isaa biyya ofii dhuunfachuun sirnaa fi mootummaa  bilisa ta’e ijaarrachuu irratti akka dhaabbatu Qeerroon waamicha dabarsa.

Gabateen armaa gaditti argamu galmee qormaata Caasaan Qeerroo fimaata yeroo ammaa ilaachisee mootummaa keessaan qoratee dhiheesse dha.

Boordii  Filannoo Akka Oromiyaatti Gaggeeffamaa Jiru

  1. Akka Naannootti Head Office filmaataa Finfinneetti banamee jira.
  2. Godinoota Oromiyaa 18 keessatti hojii eegaleetu jira.
  3. Aanaalee Oromiyaa keessaa 178 tahan keessatti hojiin kan eegaleedha

Gabateen Kanaa Gadii Baayina Bakkaa fi Buufata Filannoo Kan Agarsiisuudha.

Lakk. Godinoota Baayina Bakka Filannoo Baayina Buufata Filannoo
1 Shaggar Lixaa 15 1187
2 Horro Guduruu 4 369
3 Wallagga Bahaa 10 796
4 Wallagga Lixaa 11 817
5 Qellem Wallaggaa 6 461
6 Iluu A/Booraa 11 986
7 Jimmaa 18 1530
8 Sh/Ki/Lixaa 9 961
9 Shaggar Bahaa 8 819
10 Arsii Bahaa 18 1394
11 Shaggar Kaabaa 10 982
12 Baalee 7 936
13 Gujii 5 569
14 Boorana 5 570
15 Harargee Lixaa 12 969
16 Harargee Bahaa 16 1569
17 Arsii Lixaa 11 960
18 Godina Addaa Oromiyaa 6 796
19 Bishooftuu 1 63
 Ida’ama 183 16734

Guutummaa Isa Qeerroof :- Filatnoo Wayyaanee Caamsaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 24, 2015

Aside

SBO Amajjii 25 Bara 2015. Oduu, Gaaffii fi deebii Dr Nuuruu Sa’id fi Qophilee adda addaa

Aside

Amajjii 23/2015 Mooraa Yuuniversiitii Jimmaa keessatti Dabballootii fi Humni Tikaa Wayyaanee Yakka Hojjetan

Aside

Amajjii 23/2015 Mooraa Yuuniversiitii Jimmaa keessatti yakka dabballootni humnootni tikaa Wayyaanee qindeessuun barattoota Oromoo ittin yakkuuf jedhanii Doormii barattootatti halkan keessa sa’aa 6:00 irratti ibidda itti qabsiisan, Goototni Qeerroon dargaggootni Oromoo itti dammaquun dhaamsuu danda’uun shira Wayyaanee dura dhaabbatan.

Goototni barattootni Oromoo Yakka kamuu ergamtootni dabbaallotni fi humnootni tikaa Wayyaanee ittin ilmaan Oromoo yakkuuf dalagaa jiran mara dura ni dhaabbanna jechuun halkan keessa sa’aa 6:00 irratti Wayyaaneen ergama diinummaa qabeenyaa Oromoo gubuun, ilmaan Oromoo immoo itti yakkuun hidhatti guuruun qindeeffatte, Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Main Campus Doormii Abdiisaa jedhamuun beekamutti ibidda qabsiisuun yakka hin jirre dalagaa jiraachuun bira ga’ame jira. Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo yakka dabballoota humnoota tikaa wayyaanee irratti dammaquun balaa ibiddaa hamaa qabeenyaa uummataa barbadeessuuf aggamamee kana dura dhaabbachuun dhaamsuu danda’ani jiru. Goototni barattootni Oromoo MootummaanWayyaanee yakkamadha, yoom iyyuu yakka dalagee Oromoo ittin dhaadhessuuf duubatti kan deebi’uu miti, yakkoota dalagaamaa jiran kana hundaaf mootummaan wayyaanee itti gaafatamadha. Ilmaan Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoos ta’ee sadarkaa garaagaraa fi bakkoota garaagaratti argamtan bakka jirruu hundaa harka walqabannee mootummaa Shororkeessituu Wayyaanee dura haa dhaabbatnu jechuun dhaamsa dabarsan

Daragaggoonni Oromoo Sababaa Filannoo Gufachiisuuf Karoorfattaa Jiru Jedhuun Mana Hidhaa Wayyaaneetti Darbamuun Hammaate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Amajjii 23,2015 Finfinnee
Because I am OromoSirni Wayyaanee filannoo dharaa baatii Caamsaa keessa gaggeessuuf deemu irraa
sodaa sochii uummataa irraa qabuun kan kahe uummatni kaardii filmaataa humnaan akka fudhatu taasisuu irra dabree uummata addatti dargaggoota Oromoo kaardii filmaataa hin fudhannu jedhan mana hidhaatti dabraa jiraachuu gabaasonni Qeerroo bakkoota garaagaraa irraa nuqaqqabe addeessa. Dargaggoota kanneen filannoo kaardii fudhachuu didan isintu akka uummanni kaardii filannoo hin fudhanne taasisaa jira, filannoos gufachiisuuf deemtu jechuun ragaa qabatamaa hin qabneen mana hidhaatti dabraa jira. Dargaggoota godinaalee irraa hedduminaan hidhamaa jiran keessaa adda durummaan sochii Warraaqsaa qindeessuun uumata mootummaa irratti kakaasuun filannoo gufachiisuuf deemtu kanneen jedhaman keessaa kanneen Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa:

  1. Dargaggoo Amaan Mohaammadii fi Jamaal Kadiir Roobaa, Baatuu irraa achuma mana hidhaa buufata poolisaatti dabramuun kan argaman.
  2. Dargaggoo Tesfaayee Guutaa, TulluBoolloo irraa, achuma buufata poolisa Tullu Boollootti dabramee kan argamu.
  3. Dargaggoo Gulummaa Caalaa fi Asaffaa Nadhii Sandaafaa irraa, achuma buufata poolisa Sandaafaatti kan darbaman.
  4. Dargaggoo Daani’eel Gammachuu magaalaa Incinnii irraa achuma buufata poolisa Incinniitti darbamanii kan argaman yoo tahu; Kanneen bakkoota gargaaraa irraa mana hidhaatti darbamanii jiran guutummaa isaa Qeerroon gara fuul duraatti qindoominaan ni gabaasa.

Baha Oromiyaa Magaalaa Awwadaay Keessatti Filannoo Caamsaa Keessa Gaggeefamuuf Kadimamtoota Nama 7 Wayyaaneen Dhiheeffate Uummati Oromoo Diddaan Dura Dhaabate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Amajjii 23,2015 Awadaay.

diddaa9Filannoo Caamsaatti gaggeeffamuuf kaadhimamtoota jechuun namoota Wayyaaneen dhiyeeffataa jirtu irratti mormiin uummataa mudate.

Sirni abbaa irree Wayyaanee karaa lukkeewwan isaa OPDO godina Harargee bahaa magaalaa Awwadaayitti wal gahii gaafa Amajjii 21,2015 uummataa fi miseensota OPDO walitti qabuun kaadhimamtoota filannoo caamsaatiif kaadhimaman jechuun uummatatti beeksisuuf walitti qabe irratti mormiin jabaan uummataa fi miseensota isaa irraa isa mudate. Akka odeessa Qeerroo Awwadaay irraa nu qaqqabetti miseensota OPDO dabalatee kaadhimamtoonni kanneen namoota badii uummata Oromoo irratti dalaganii fi amantii keenya sirnaa dhiisee amantii mootummaan barbaadu dirqamaan nu irratti fe’uuf waarreen deeman waan taheef gonkumaa bakka nu bu’uu hin dandahan jechuun wal gahii walitti qabame irratti lukkeewwan Wayyaanee qaaneessuun wal gahii bittimsuun, dhaadannoo nama ‘’bakka nuu bu’u u dandahu kan filatu uummata Oromooti malee qaama biraa nu hin barbaachisu’’ jechuun sagalee isaanii dhageessifataa akka turan gabaasni nu qaqqabe ibsa.

Kanneen kaadhimamtoota jechuun uummataaf dhiyaatanii mormiin isaan mudate keessaas; –

Sheek Qamaara, nama sirna dargii keessa bakka sagadaa uumataa fuudhee waajjira taasifachuun dargii tajaajilaa ture ammas sirna Wayyaanee tajaajilaa jiru.

  1.  Yuusuuf Qophee nama golgaa amantaan sirna Wayyaanee tajaajilaa jiru.
  2. Ahamad Haaruun nama amantii sirna Wayyaaneen gaggeeffamu leellisu.
  3. Muktaar Karroo nama waggoota kudha shanii duraa calqabee maqaa amantiin wayyaaneen walii galee hojjetu,
  4. Sheek Bakarii Imaam ,
  5. Mahaammad Aliyyii,
  6. Sheek Mahaammad Saalihaa kanneen

Jedhaman namoota miidhama uummata Oromoo irratti gama hundaan halkanii
guyyaa hojjetan waan taheef, balaaleffannaan uummata qofaan otoo hint a’iin miseensuma OPDO dabalatee mormiin jabaa akka isaan mudate gabaasin nu qaqqabe mirkaneessa.

Seife Nebelbal Radio, January 23, 2015

Aside

Humni Tikaa fi Bulchitooti Wayyaanee Dirqamaan Uumata Kardii Filatnoo Fudhachiisuu Imaamata Godatan.

Aside

Amajjii 23,2015 Finfinnee

images (1)Uummanni Oromoo filannoo waliin dhahaa fi fakkeessaa mootummaa Wayyaaneen bara baraan gaggeessu ijibbaate ejjennoo mataa isaa fudhatuutti jira. Ummanni filannoo baroota dabran wayyaaneen gaggeessaa turte irraa waa barate, filannoo barana wayyaaneen Caamsaatti gaggeessuuf deemtu sagalee isaa kennuu irraa ofqusachuuf ejjennoo kaardii filmaataa fudhachuu dhiisuutti jira. Mootummaan abbaa hirree ejjennoo uummataatti garaan gubataa jiru, tarkaanfii dirqisiisanii uummata fudhachiisuun bakkoota garaagaraatti hammaatee itti fufee jira. Akka gabaasonni  Qeerroo Oromiyaa bakkoota garaagaraa irra nu qaqqabetti mootummaan wayyaanee karaa caasaa tokko shanee jedhuun uummanni akka kaardii filmaataa fudhate to’achuun ala karaa gama bulchiinsotaa fi dabballoota gandaatiin mana nama dhuunfaa irra deemuun kaardii filmaataa fudhatuu fi dhiisuu isaa adda baafachuu, yoo hin fudhanne dirqiin akka fudhatu taasisuutti kan jiran ta’uus, uummanni ammoo fudhatuu fi dhiisuun mirga akka tahe jabeessee dabballoota wayyaanee hubachiisaa jira.

Haga gabaasni kun nu qaqqabetti, bakkoota uummata dirqisiisanii fudhachiisan keessaas, gandoolee  baadiyyaa fi magaalota naannoo Jimmaa, Aggaaroo, Sukorruu, Giincii, Ejeree, Hoolotaa, Baatuu, Moojoo, Baakkoo-Tibbee, Daannoo, Ijaajjii, Arjoo Guddattuu, Waayyuu, magaalotaa fi baadiyyaalee naannoo Finfinnee kan akka Sabbataa fi Alem ganaa, Burraayyuu, Sulutaa, Dukaam, Sandaafaa, galaan fa’aa akka tahe odeessi nu qaqqabe ibsa.

Sagalee Simbirtuu Qophii Amajjii 22,2015

Aside