Gartuun Qeerroo Hegeree Booruu Magaalaa Adaamaa Guyyaa Amajjii 1 Sirna Miidhagaan Kabajatan.

Aside

Amajjii 02,2015 Adaaamaa

Waggaa Haaraa fi kabajaa guyyaa WBO sababeeffachuun dargaggootni hegeree boruu magaala Adaamaa keessatti haala hoo’aa tahee fi seena qabeessa taheen guyyaa WBO kabajatanii olan.

Kabajaan guyyaa kanaa eegala irratti  yaadannoo sammuu daqiiqaa 5f taasifnnee jirra  jaallan qabsoo bilisummaatif jecha maatii fi qe’ee isaanii gatanii qorraa fi aduu otoo hin jenne qabsoo bilisummaa otoo gaggeessan lubbuun dabartee fi Qeerrowwan barattoota Oromoo sodaa tokko malee harka qull’aa moottummaa gabroomsaa dura dhaabbachuun gaaffii abbaa biyyummaa finiinsuun otoo socho’an lubbuu isaanii wareega taasisan yaadachuun sagantaa eegalan, itti aansuun ,marii adeemsa QBO irraatti akkasumas farreen qabsoo ta’an irratti fi furmaata isaa waliin marii sa’aa dheeraa taasifmuu gabaasi qeerroo Adaamaa nu gahe addeessa ijoon mariin irratti xiyyeefatame keessaa kanneen armaa gadiiti,

  1. Bara 2014 keessa,adeemsi FDG godinaalee Oromiyaa keessa jiru maal fakkaataa turee fi bara  2015 keessa ammo bifa kamiin akka jabaachuu qabu
  2. Uummanni Oromoo biyya keessaa qe’ee irraa buqa’uu fi walii galli gaaffii mirgaa kaasuu fi abbaa biyyummaa falmachuuf daran jabaachuu waan qabuuf qeerroon ciminaan kan irratti akka hojjetu
  3. QBO keessatti gaheen haawwasni taphatu maal fakkaata ,hawwaasni akkamitti tumsa qabsoo bilisummaa faana taasisa
  4. Ummatni rakkoo mootummaa Wayyaaneen geesisaa jiru gahaatti dammaqiinsaan hubachuu akka qabuuf sabboontoti Oromoo bakka maratti dirqama hawaasa dammaqsuu akka qaban fi haalota qabsoo bilisummaa Oromoo walii gala irratti marii gaggeefataa akka turan odeessi nu gahe addeessa.

ቄሮ:የኦሮሞ:ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ:ድምፅ:የሳምንቱ:ዜና:: January 1, 2015

Aside

Aside

qeerroo-edit

Deggarsa Ijaaramuu Qeerroo Idil-Aduunyaa

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa

Finfinnee

Jarmayaan “Dhaabbata Deggersa Qeerroo Idil-aduunyaa- International Qeerroo (Youth) Support Group dhabbatuu isaa fi seeraan galmaawee akka socho’u beeksisa bahe yeroo arginu gammachuu guddan nutti dhagahame.

Akeeka eebbifamaa jarmyaa kanaa Oromootni  biyya alaa fi keessaa akka cinaa dhaabbatanii fi irratti gargaartan waamicha keenya isiniif dabarsina.

Ummanni Oromoo miga dhalanamaa fi saba cunqurfamaa Oromoof jecha deggersa dandeessan kannaa jirtan martuu waliin hojjatnee waliin rakkina akka sabatti qabnu keessaa akka baanu waamicha keenya.
Dargaggoonni Oromoo fi Ilmaan Oromoo jarmyaa akeeka eebbifamaa Deeggarsa Qeerroo Idil-addunyaa gadi dhaabdan hojii irratti milkii cululuqaa waliif hawwina. Qeeroon akeeka keessan milkaawuuf waan irraa eegamu hunda akka raawwatu gamanumaa mirkaneessina.

Injifatnoo Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaa dha!
Qeerroo Bilisummaa

Finfinnee

Amajjii 01,2015

PDF:- Deggersa Ijaaramuu Qeerroo Idil Aduunyaa

BEEKSISA: Dhaabbata Deeggarsa Qeerroo Idil-aduunyaa

Aside

qeero

“Dhaabbata Deeggarsa Qeerroo Idil-aduunyaa” biyyaa Amerikaa Magaalaa Guddoo Washington DC keessatti seeraan  bu’aa fi siyaasaa irraa walaba ta’uun  hundaa’ee hojii eegaluuf haal-duree xumuree jiraachuu isaa gammachuun isiniif ibsina. Kaayyoo hundeeffama isaa qabatnee uummata Oromoo fi deeggartoota kaayyoo kanaa kan taatan mara yeroo dhihoo keessatti isin bira waan geenyuuf qophiidhaan akka nu eegdan kabajaan isin beeksifna.

Koree qindeesituu irraa

ANNOUNCEMENT

This is to inform you that the “International Qeerroo (youth) Support Group” has officially established in Washington DC, USA as nonprofit and nonpolitical organization and completed preparations to reach out to you. The founders kindly request all Oromo people and the supporters of the purpose of the organization to work with them.

The organizing committee

Aside

Qeerroo Edit

 Ibsa Bara Haaraa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

Amajjii 1,2015

Uummata Oromoo hundi baga nagana bara haraawaa  Amajjiin 1,2015 fi guyyaa WBOn isin gahe.  Barri 2015 Sabni Oromoo bara cunqursaan jaarraa olii keessaa hiikamee Oromiyaa keessa nagaa ,tasgabbii fi jaalanaan abbumaan jiraatu akka nuu ta’u hawwii fi dhugoomsa kaayyoo kanaaf ciccoominaan qabsaawuu qabnuu isinii dabarsina.

Bara 2014 darbe keessatti uumati Oromoo baadiyyaa irraa hamma magaalaatti dararaa sirna bulchiinsa EPRDF Wayyaanee jalatti argaa bahe dha. Qabeenya saamamuu irra darbee hidhaa,ajjeechaa fi biyyaa arihamuu dhittaa mirga namaa haalaan hammaataa keessa darbe. Haalli gabrummaa dhufaa darbaa daran hammaachuu irraan dargaggooti Oromoo(Qeerroon) cunqursaa kana darbaa baadhachuun nu gahe jechuun fincila diddaa gabrummaaf (FDG)Oromiyaa guutuu keessatti qabsiisuun mirga uumata keenyaa yeroo falmataa turre dha. Haala kanaan gaaga’ami lubbuu dhabamuu fi hidhaan uumata Oromoo addattis dargaggoota Oromoo irraan gahe kan yeroo kamuu caalaa hammaataa ture. Falmii mirga Oromoo fi dhumaatii uumata Oromoo irraanis lammiileen Oromoo biyyoota ambaa jiraatan tokkummaan dhaabbatanii mirga sabaa falmuu irratti eenyummaa fi jalaala biyyaaf qaban muldhisanii jiru. Haalli tokkummaa Oromoo waliigala bara 2014 keessatti muldhate jabinaan itti fufuun waggaan itti deemnu 2015 keessa kan kaayyoo saba Oromoo injifatnoon golboobu akka ta’u hogganni Qeerroo bilisummaa Oromoo gadi jabeessee dhaammata.

  1. Guyyaa seena qabeessa guyyaa WBO Amajjii tokko bara 2015 sababeeffachuun  hojii qindeesitooti Qeerroo bilisummaa Oromoo  Oromiyaa bakka maraa walitti dhufuun walitti dhufuun haala qabsoo bilisummaa Oromoo  sochii warraaqsa FDG Qeerroo bilisummaa Oromoon durfamuu, haala Siyaasaa Impaayerri Itoophiyaa  keessatti kuftee jirtuu, gochaa hammeenya  mootummaan abba irree Wayyaaneen EPRDF itti fufinsaan uummata Oromoo irratti gaggeessa jiruu, olola maqaa filannoo dimookiraasii sobaan oofaa jiru, haalaa Master planii Finfinnee  fi waligalatti haala uummatni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoo biyyatti keessa jiran irratti hundaa’uun marii bal’aa gaggeessuun uummata Oromoo hundaa fi lammiilee cunqurfamoo biyyattii hundaaf ibsa gabaaba armaan gadii dabarsee jira!! Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Amajjii 1 2015

Faaruu Amajjiii 1, Hawwisoo Qeerroo

Aside