Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Amajjii 05,2015

Aside

Barruun Waamicha Qeerroo, Haala Yeroo Filannoo Sobaa Wayyaanee Irratti Ejjennoowwan Adda Addaa Qabatee Bahe Oromiyaa Guutuu Irratti Faca’uu Itti Fufee jira.

Aside

Amajjii 06,2015 Gabaasa Qeerroo

IMG_20100101_040842Qeerroon Oromoo waamicha adda addaa yeroo yeroon taasisu har’as itti fufuuni filannoo mootummaan abba irree Wayyaanee uummata Oromoo ittiin sobu ilaalchisee barruu qabxiiwwaan adda addaa qabaxe facaasaa jira. Akka barruu faca’e kana irraa odeessi nu gahetti, mootummaan abbaa  irree Wayyaanee bara baraan filannoo sobaa gaggeessuun mootummaa Dimokraatawwaa offakkeessaa gagaarsa Adduunyaa irraa fudhachaa bittaa umurii isaa dheereffachuu fi gargaarsa argamu kanaan dhumaatii ilmaan Oromoof oolaa waan jiruuf, sagalee dhorkachuu qofaa otoo hin ta’iin guutumatti dhimmoota filannoon wal qabatan hundaa irraa akka uummanni Oromoo irraa of ittisu dhaamsa qabate ta’uu ibsa.

Amajjii 5 bara 2015 ganama irraa Oromiyaa magaalaa fi baadiyyaa bakkoota adda addaatti fac’uu kan eegale yoo ta’u, addatti haga odeessi kun qindaahee nu qaqqabeetti magaalota naannowaa Finfinnee, Amboo, G/Baraat,Walisoo, T/Boolloo,Adaamaa, Bushooftuu, Mojoo, Baatuu Arsii Nagallee fa’aatti bal’inaan faca’aa akka jirudha. Kanumaanuu haala itti fufiinsaan faca’uu barruu kanaa yeroo yeroon jala bu’ee qeerroon kan gabaasu ta’uu hubachiifna.

IMG_20100101_040339 IMG_20100101_040853 IMG_20100101_040901 IMG_20100101_041344

Sochiin Uummata Oromoo Kutaalee Oromiyaa Adda Addaa Irraa Mul’atu Filannoo Wayyaaneef Haala Yaaddeessaa Tahe Keessa Galchee Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Shaggar,Amajjii 06,2014

35Godinaalee Shaggar lixaa fi kaaba, akkasuma Shaggar  bahaa keessatti mootummaan Wayyaanee karaa caasaa bulchiinsa OPDO qajeelfamoota uumata keessatti hojii irra ooluu qabanii fi kanneen bifa walgahiin uumata gadnoota irraa walitti qabanii ololan uumati Oromoo gamtaan didaa jiraachuu fi qajeelfama waajjiraalee gandaatti darbee jiraattoti hojii irra oolchuu qaban jedhee mootummaan baafate diddaa uumataan hojii irra hin ooliin jira.

Haala kanaan dirqamni mootummaan gadi buusee hojii irra hin oolin hafuu waan eegaleef, waraqoonni dhaadannoo Qeerroos baatiwwan muraasa dura maxxanfamaa ture Wayyaanee hedduu mufachiisuu fi ammas haalli jiru sodaa guddaa keessatti kan isa kuffisee jiru, miseensota fi caasaa isaa kan tahan irratti gamaggama hojii gaggeessuuf deema, filannoof qophiin isaa mariidhaan itti fufus haamileen isaa bu’ee akka jiru odeessan kan nu gahaa jiruudha, gama caasaa OPDO irraas ilaalchi gara uummataa, gaaffiin uummanni keenya gaafataa jiruuf deebiin kennamuun dursa uummata qabachuudha, hanga gaaffiin uummata keenyaa deebii hin argannetti akkamiin uummata qabachuun danda’ama jechuun gaaffii uummataa kan deggeru kaasuun dhagayamaa jira.

Waltahiinsa uummataa fi sochiin uummanni Oromoo kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa mul’atu filannoo Wayyaaneef haala yaaddeessaa tahee itti mul’achuun boqonnaa dhabaa jira, kanumaan kan ka’e torbee kana keessa isaaf amanamoo kan tahan hanga gandaatti gadi buusee leenjii kennaa jira, kun akka karoora wayyaanee haatahuyyuu malee caasadhuma qabu leenjii dhimma filannoofisf tahe uummata keessatti waan karoorse xumuruuf adeemu galma hin gayin hafaa jira, kun gara lixa Wallaggaa Dambi Dolloo fi Anfilloo keessatti kan tahaa jiru tikoota, dhimma nageenyaa fi qonnaan bulaa ammoo kan horii qaban dureeyyiidha kan jedhaman kaayyoo mootummaa sobaan guutame hubachiisuuf leenjiin kennamuuf Amajii 1 kaasee gaggeffamuuf ajandaan qabame hanga ammaa galma hin gayin feshala’aa jira. bifuma kanaa waan mootummaan Wayyaanee karoorsu oromiyaa bakka garagaraatti feshelaa’aa akka jiru odeessan kallattii adda addaan nu gahu addeessa.

Godinaalee Oromiyaa Garagaraa Keessatti Uummanni Ajaja Wayyaanee Lagachuu fi Fesheleessuu Eegale‏

Aside

Gabaasa Qeerroo  Amajjii 5,2015

diddaa9Godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti ayyaanni jijjiirraa bara haarawaa fi guyyaan WBO Amajjii 1/2015 haalaan kabajamee jira. Gabaasoti Qeerroo kallattii Oromiyaa gara garaa irraa kan dhaamamaa jiru akka ibsutti.  Waggaan haaraa Amajjii 1 fi guyyaa WBOn  uummata Oromoo birattis kan durii caalmaadhaan beekamee barattootaan, hojjetootaan, qonnaan bulaadhaan, caasaa opdo keessaallee uummata Oromoo waliin kan hiriiraniin haala hoo’aadhaan kabajamee darbe.

Walumaa gala kabajaan guyyaa kanaa bara kana mootummaa Wayyaane biratti mufii fi aariin bakkoota gara garaatti humnoota tikaa bobbaasuun yerootti uumata adamsaa turan muldhata. Wayyaaneen uummatni Oromoo duukkaa akka hin jirre yeroo hubatee naasuu guddaadhaan guutameedha yeroon kun, Oromiyaa godinaa hanga gandaatti kan mul’atus ijoolleedhaa hanga abbootii Oromootti Wayyaaneen galafaataa, gabroonfataa, ajjeesaa tahuu isaa caasaa mootummaatti ifaa ifatti yeroo itti baasanii dubbatanii fi waajjiraalee, manneen barnootaa, buufata fayyaa, bulchiinsa magaalota garagaraa fi naannoolee isaanitti barruulee mootummaa Wayyaanee abaaruu fi dhaadannoolee uummata Oromoo jajjabeessuutu mul’ata, kunis caasadhuma OPDO keessaa qabaniin kufaatii mootummaa Wayyaaneef warra yaadda’an irraa gara mootummaatti gabaasa tahu irraa Wayyaaneen waan dhagayuuf haala uummata Oromoo yeroo ammaa irra jiru ilaalchisuun keessattuu ayyaanni guyyaa WBO kan miillanaa kun uummata Oromoo biratti haalaan beekamee waan jiruuf akkuma beekames kabajamuun isaa ifatti waan mul’ataadha. kanumaan wal qabsiisuudhaan:-
Godina wallagga lixaa, Gimbii, Najjoo, Dambi Doolloo, Anfilloo, Jimmaa Horroo, Aayira Gullisoo, fi buufata manneen barnootaa keessatti caasaa OPDO  irraas amantaa waan dhabeef, humna waraana isaa keessaa kanneen sabaan Oromoo hin taane filee gara kanatti erguuf karoora keessa galchee jira jechuun odeessaan qaama mootummaa keessaa bahe nu gahaa jira. naannolee kanatti guddaa kan shakkee jiru yeroodhaa yerootti kan gabaafamaa ture uummanni ilaalcha ABOn dhugamee, ajaja ABOtiin socho’aa jira malee mootummaadhaan miti, fincilli ka’uun dura caasaa OPDO irraa abdiin waan hin jirreef humnuma waraana isaa keessayyuu kan sabaan Oromoo hin taanetti fayamuuf akka jiru qophii mootummaa Wayyaanee gama kanaan dursee odeessaan ibsa.