Barataa Rabbirraa Kushaa Bayeechaa Yuuniversitii Amboo College Damee Waliisoo Keeysaa Loltoota Wayyaaneen Ukkaamfame

Aside

Sadaasa 21,2014 Gabaasa Qeerroo

BayeechaBarattooti Oromoo Sababaa Gaaffii Mirgaa Kaastan Jedhuun Hidhamuu fi Dararamuun Irraa Hin Dhaabbanne,yeroo ammaa kanas mootummaan EPRDf Wayyaaneen dargaggoota Oromoo irratti duula banteen barataa Rabbirraa Kushaa Bayeechaa sababaa sochii warraaqsaa deemu duubaan jirta jedhuun Ambo college Waliso branch keessaa accounting wagga 1ffaa kan baratu yakka tokkoon malee Sadaasa 20,2014 mana hidhaa magaalaa Waliisoo/Ejerrsa jedhamutti darbamuun ilmaan Oromoo naannichatti Oromummaan yakkamanii hidhaman waliin dararaan guuddaa irraan gahaa jira.

Barataa Rabbirraa Kushaa bakki dhaloota isaa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Iluu ganda Bilii jedhamutti kan dhalate yeroo ta’u.Yeroo dheeraaf sababaa Oromummaan yakkamaa akka turee fi yaada itti amanu dubbatee baafachuu dorkamaa turuun gabaasi nu gahe addeessa.

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Gaaffii Mirgaa Kaasan Itti Fufuun Nyaata Lagatan.

Aside

Sadaasa 21,2014 Gabaasa Qeerroo Naqamte

dsc02197

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Sadaasa 20,2014 gaaffii mirgaa kaasaniin loltoota Wayyaanee fi Poolisoota waliin walitti bu’aa turan,haalli kun hanga ammaa tasgabbii dhabuu irraan waraanni Wayyaanee mooraa Yuuniversitii keessa akka qubatetti jira. Barattooti Oromoos tokkummaan ka’uun hanga ammaa nyaata lagachuun hagabaa gaaffii mirgaa gaafataa jiru. Gaaffiileen jalqaba ka’anii deebii dhaban haala bulchiinsaa fi qabaa barattootaa yeroo ta’u sun deebi’uu hanqachuu irraan barattooti Oromoo gaaffii waliigala biyyoolessaatti deebisuun diddaa isaanii itti fufanii jiru.

Gaaffiileen barattootaa fi diddaan isaanii dhimmoota kanneen irratti hundaaya.

– Barattootni yeroo ammaa mana hidhaatti keessatti argaman maliif hin hiikaman?
– Mirgakeef kan falmu simalee qaamni biraan hin jiru ka’I falmadhu yaa oromoo!
– Qote bulaan lafakee irratti diinni wal gurmeessee si saamuuf deemu
jabaadhu dura dhaabbadhu!
– Diinaaf hin jilbeenfannu! Habashaaf hin bitamnu!
– Saamichi lafa uummata oromoo haa dhaabbatu!
– Lafti oromiyaa fi oromoo hin gurguramin
Kana malees waa hedduun mooraa keenya keessatti faca’ee kan ture qaamni mootummaa wayyaanee mooraa seenee funaanaa ture, akka gaaffii barattootaatti kan ture nyaatni qulqullina dhabee waan jiruuf hin nyaannu, nyaatumti keenya qophayaa jiru haa ilaalamu haa qoratamu kan jedhus kana keessa jira.

Sagalee Seife Nebelbalii fi Simbirtuu Qophii Torbee Kanaa.

Aside

Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaa;

Aside

Sadaasa 20,214 Adaamaa

q1Sadaasa 18,2014 irraa kaasee mooraa yuuniversitii saayinsii fi teknolooji Adaamaa keessatti mariin dhimma bulchiinsa, dhimma amantaa fi mirgi amantaa eegamuu dhabuu irratti dubbatamaa ture, kana irrattis gaaffiin adda addaa ka’uu isaa fi bulchiinsi mana universitichaas deebii itti fakkaate kunnuun insame.

Mariin kun kan hammate miseesmota mana amntii kiristaanaa Orthodoksii lakkoofsaan 700 ta;anii fi Musiliimota gara 1500 ta’anii wajjin ture. Marii kana irratti kan hubatame dhimma amantii isaanii fi bulchiinsa universitichaan kan walqabate yeroo ta’u bulchaan mooraa yuuniversitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaadhaa hordoftoota amantaa Musiliimaan mooraa keessatti akka hin saganne beeksisa baasuudhaan dhorkee jira. mooraa kana keessatti eenyuyyuu akka hin sagannee fi shariyaa godhachuun akka hin danda’amne dubbachuu isaa fi warreen amantaa Orthodoksii gaggeessan ammoo huccuu adii haphii of irra buusanii mooraa keessa adeemoon dhorkaadha jechuun akeekkachiiseera. Kanaafuu mooraa kanaa alatti namni kamuu dhimma amantii isaa alatti akka barbaadetti gaggeeffachuu ni danda’a garuu seerri mooraa kun baaseef bitamuun dirqiidha jedheera.

Dhimmootuma kana irratti Sadaasa 18 irraa eegalee hanga Sadaasa 20, 2014tti barattoota kanaan kan gaggeeffamaa ture yeroo ta’u gaaffiiwwan hedduun barattoota irraa ka’ee deebii quufsaa hin argatin hafee gara mirga ofii kabachiisuutti tarkaanfachaa deemuun ibsamee jiraa. Mirgi amantii nuuf haa eegamu jechuudhaan gaaffii isaan kaasaniif osoo deebii hin laatin guyyaa biraatti beellamni biraan akka kennamu ta’eera.

Kun osoo kanaan jiruu barattootni 4, dhiira lamaa fi durba lama sagadaaf/salaataaf sirnuma salaataa amantii isaanii kabajuun akka masjiida seenaniin halkan keessaa sa’a 10:00tti poolisootaan qabamnii waajjira poolisa magaalaa Admaa eega bulfamanii booda barattoonni kun sochii amantii isaanii kana mooraa keessatti gaggeessffachuu akka dhaaban gorsaa akka kennaniif garuu akeekkachiifamuun booda ganama isaa gadi lakkifamaniiru. Osoo mariin kun hin dhumin wanni kun raawwachuun isaa ammoo mootummaan amantii uummataaf kabaja akka hin qabe kan mirkaneessu yeroo ta’u, maaliif akka isaan hidhaman, amantaadhaan yakkamuun maaliif dhufee irratti gaaffi cimsanii kan gaafachaa turan yoo tahu, kanumaan wal qabsiisee deebiin bulchiinsa mooraa kanaa irraa barattoota kanaaf kenname gahaa kan hin taanee fi yeroo biraatti darbee rarraee kan hafeedha.

Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaa.doc

Sadaasa 20,2014 Sagalee Diddaa Gootota Qeerroo,Barattoota Oromoo Yuuniversiitii Wallaggaa

Aside

Sochiin Warraqsaa FDG Sadaasa 20,2014 galgala har’aa Mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti gootota barattoota Oromootiin qabsiifame hanga halkan keessa sa”aa 4:00tti waraana Wayyaanee humnaan mooraa barattoota seenee jiru waliin wal dura dhaabbachuun itti fufe, goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa wallee warraaqsaa dhageesisuun diina dura dhaabbachuun mooraa keessa waraana waliin wal kaachisaa ykn arihaa jiraachuu Qeerroon Gabaasa.



ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች : ለነፃነት:ንቅናቄ :ድምፅ:የሳምንቱ:ዜና :: November 20, 2014

Aside

Qeerroon Yuuniversitii Wallaggaa Gaaffii Mirgaa Duubatti Hin Deebine Kaasuun Gootummaan Loltoota Wayyaanee Dura Dhaabbataa Jiru.Huni Agaazii Jedhamu Heddumminaan Mooraa Yuuniversitii Wallaggaas Qubate.

Aside

diddaa9Sadaasa 20,2014 Goototni Qeerroon barattootni Oromoo dhiibbaa guddaa mootummaan abbaa irree Wayyaanee barattoota Oromoo Yuubibarsiitii Wallaaggaa irraan ga’aa jiruun wal qabatee guyyaa har’aa sa’aa 10:00 irraa eegaluun gaaffii mirgaa finiinsuun FDG dhoosuun shira mootummaan wayyaanee EPRDF uummata Oromoo irratti dalagaa jiru dura dhaabbatan.

Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii wallaaggaa guyyaa har’aa shira moottuummaan Wayyaanee addaatti mooraa yuunibarsiitii Wallaggaa irratti rawwachaa jiruu fi akka waliigalatti uummata Oromoo irratti dalagaa jiruu balaaleffaachuun goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa shira har’a ifatti nurraatti dalagamaa jiruuf teenyee guyyaa hin lakkawwatnu jechuun FDG qabsiisuun sagalee guddaan mootummaa abbaa irree balaaleffachuun qabsoo finiinsa jiru. Mootummaan wayyaanee yakka haaloo ba’ii fi jabbinsa barattoota Oromoo irraa qabu ba’uuf ifatti baajata kaaffee nyaata barattootaaf ramadame irraa muruun tajajila siyaasaaf olfachaa kan jiruufi barattootni Yuunibarsiitii wallaggaa balaa beelaaf saaxilamuu fi Jibbinsa ilaalcha siyaasaan midhaa fi doorsifni guddaan Barattoota Oromoo irratti rawwachaa jiraachuu fi gama biraan immoo hojjettoota caaffee barattoota keessaa hojjetanin barattootaaf nyaata qopheessaniin odeeffannoo barattootni keessaa jiran nuuf kennuu diddaan isin rakkoo ilaalchaa ABO qabdu jechuun namoota hedduu hojii irra arii’uun walgabatee shira diinummaa mootummaan EPDRF ilmaan Oromoo irratti dalagaa jiruu dhabamsisuuf goototni qeerroon barattootni Oromoo sagaalee guddaan fincila kaachisan. Gaaffiiwwan armaan gadii finiinsuun fincillii hanga halkan keessa sada’aa 3:00tti itti fufe.
1. Mootummaan abbaa irree wayyaanee baajata kaffeef nuuf ramadamee irraa muruun gara tajajila siyaasaaf olchaa jiru dhaabuu qaba. Balaa beelaa barattoota rukuchaa jiruuf mootummaan itti gaafatamu qaba.
2. Dararaan ilmaan Oromoo Oromummaatti boonaan hojjettoota olaanoo barsiisotaa hanga hojjettoota kaffeetti ilmaan Oromoo irratti xiyyeffachuun ilmaan Oromoo hojii irraa Arii’uun dhaabbachuu qaba. Ilmaan Oromoo kaffee mooraa keessatti qacaramuun hojjechaa turanii maqaa isin ilaalcha ABO qabdu jechuun hojii irraa arii’ama jiran dhaabbachuu qaba. Kanneen hojii irraa arii’atamanis hojiitti deebi’uu qabu.
3. Bara darbee keessa barattootni Oromoo gaafffii mirgaa gaaffattaan maqaa jedhuun jumlaan ukkanfamanii barnoota isaanii irraa hidhaman, haga guyyaa har’atti eessa buuteen isaani hin beekamuu, kanaafu barattootni Oromoo badii malee hidhaman gaaffii tokko malee akka hiikaman ni gaafatna.
4. Gaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii yeroo garaagaratti gaafachaa turreef mootummaan abbaa irree hangamatti deebii ilmaan Oromoo hidhuu ,ajjeessuu, barnootarra arii’uu deebii qubsaa godhachuun mirgi keenyaa fi mirgi uummata keenyaa dhiitamaa waan jiruuf mootummaan wayyaanee seeratti akka nuuf dhiyaatu jabeesinee gaafatna.
5. Mootummaan abbaa irree wayyaanee gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummatni Oromoo gaafachaa jiru moggaatti dhiibuun saamicha lafaa fi Oromoo qe’ee irraa buqqisuu irratti xiyyeeffate dhaabu qaba; Gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoof deebiin kennamu qaba.
6. Mootummaan wayyaanee EPRDF biyyaa dimookiraasiin hin jirree, biyyaa mirgi dhala namummaa keessatti sarbamaa jiru keessatti mootummaan wayyaanee filannoo dimookiraatawaan gaggeessa jechuun dhaadachuun tuffii uummataa ta’uu argisiisaa, Adeemsii filannoo kijibaa wayyaanee dhaabbachuu qaba. Hanga gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo kabajamuttii fi mirgootni dimookiraasii fi mirgootni namummaa hanga kabajamanitti wayyaaneen filannoo ittin ololaa jirtu kan hin gaggeessine ta’uu ni hubachiifna uummatni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoon biyyatti kana hubachuu qabu gaaffii jedhuu fi gaffiiwwaan fakkataa gaafachuun dhaadannoo dhageesisuun itti fufan. Mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa human waraanaa magaalaa Neqemtee dhunfatee jiru gara mooraa Yuunibarsiitii wallaggatti akkuma qajeelaniin goototni barattootni Oromoo Yuunibarsitii Wallaggaa dura dhaabbachuun of irraa kan deebisan yoo ta’uu, mootummaan wayyaanee diddaa barattoota kanatti rifaatuu guddaa keessa seenuun halkaan keessa sa’aa 1:30 irratti human waraanaa fi poolisii Federaalaa Mooraa Yuunibarsiitii galchuun barattoota Oromoo karaa nagaa gaaffii gaafatan irratti waraana banuun mooraan Yuunibarsiitii wallaggaa gara dirree waraanatti jijjiramtee jirti.

Goototni barattootni Oromoo Wallee Warraaqsaa fi dhaadannoo guddaan human waraana Wayyaanee dura dhaabbataan sagaleen dhukaasaa Wayyaanee fi sagaleen dhaadannoo Qeerroo barattoota Oromoo walmakee jiraahuun gabaafamee jira.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Sadaasa 19,2014

Aside

Gaaffii Mirga Uumata Oromoo Hamma Bakka Gahutti Qabsoo Itti Fufna Jechuun Qeerroon Barruulee Warraaqsaa Oromiyaa Keessa Tamsaasuu

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, November 19, 2014