Sadaasa 21,2014 Gabaasa Qeerroo
Barattooti Oromoo Sababaa Gaaffii Mirgaa Kaastan Jedhuun Hidhamuu fi Dararamuun Irraa Hin Dhaabbanne,yeroo ammaa kanas mootummaan EPRDf Wayyaaneen dargaggoota Oromoo irratti duula banteen barataa Rabbirraa Kushaa Bayeechaa sababaa sochii warraaqsaa deemu duubaan jirta jedhuun Ambo college Waliso branch keessaa accounting wagga 1ffaa kan baratu yakka tokkoon malee Sadaasa 20,2014 mana hidhaa magaalaa Waliisoo/Ejerrsa jedhamutti darbamuun ilmaan Oromoo naannichatti Oromummaan yakkamanii hidhaman waliin dararaan guuddaa irraan gahaa jira.
Barataa Rabbirraa Kushaa bakki dhaloota isaa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Iluu ganda Bilii jedhamutti kan dhalate yeroo ta’u.Yeroo dheeraaf sababaa Oromummaan yakkamaa akka turee fi yaada itti amanu dubbatee baafachuu dorkamaa turuun gabaasi nu gahe addeessa.
Yoomi laata!!!!
Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Qeerroo.org: Barataa Rabbirraa Kushaa Bayeechaa Yuuniversitii Amboo College Damee Waliisoo Keeysaa Loltoota Wayyaaneen Ukkaamfame |
Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian Government in handling protests in different parts of the state of Oromia by peaceful demonstrators | OromianEconomist