Gaaffii Mirga Oromoo Yuuniversitii Amboo Keessatti Ka’een Wal Qabatee Ammas Hagayya 22,2014 Irraa Kaasee Barattooti 230 Hidhaman

Aside

Hagayya 24,2014 Amboo
BilisummaaGootonni barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota ol aanoo wal gahii mootummaan abbaa hirree waame Yuuniversiitiiwwan garaagaraa keessatti mormuun gaaffii mirgaa karaaa nagaa dhageessisaa jiran manneen hidhaatti ugguramaa jiru. Akka kanaan gootonni barattoota Oromoo Yuuniversiitii Amboo keessatti wal gahii  dirqanii amansiisuu jedhu Wayyaaneen qopheesse  mormuun gaaffiiwwan mirgaa garaagaraa dursu deebii argatuu qaba sababa jedhuun sagalee isaanii dhageessisaan Hagayya 22 bara 2014 galgala irraa eegalee mana hidhaa ykn kaampii leenjii poolisa Sanqalleetti guurramaa jiru. Akka gabaasa Qeerroo maadhee poolisa Federaalaa keessatti haga ammaa lakkoofsi barattoota buufta leenjii poolisii kana keessatti guurraman 230 ta’uu mirkaneessa.

Barattoonni kenneen yeroo bakka kanatti guurraman poolisoota federaalaan reebichi hagana hin jedhamne irra gahuun miidhaa haga qaama hir’inaatti irra qaqqabee jira.
Barattoota kaampii kana keessatti guurraman keessaa kanneen haalaan dararaan irraan gahamee fi FDG qindeesitan jedhanii sadarkaa guddaatti reebicha irraa gahamaa jiru keessaa gariin:-

1. Abush Fiqaaduu, barataa civil Injineeriingii waggaa 2ffaa.
2. Girmaa Caalaa, barataa seeraa waggaa 3ffaa
3. Haabtaamuu Geetaachoo, barataa injineeriingii waggaa 4ffaa.
4. Fufaa Galataa, barataa fayyaa waggaa 2ffaa.
5. Qaabataa Itichaa, barataa seeraa waggaa 2ffaa
6. Tesfaayee Guutuu, barataa fayyaa waggaa 3ffaa

Kanneen jedhaman yeroo ta’u.Gama fuula duraa barattoota fi sabboontota Oromoo sababaa FDG hidhamanii fi qaamaan miidhaman Qeerroon baldhnaan ni gabaasa.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 22, 2014 Oromiyaa

Aside

Haala FDG Moorawwaun Yuuniversitiilee Irratti Adeemsifamaa Jiruu

Aside

DIDDAA 2Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo faana dhawuuf jecha maqaa walgayii jedhamu dirqamaan Oromiyaa keessaa yuuniversitiiwwan irratti adeemsisaa jiraachuun waan ifaa fi beekamaadha, gama hundaanuu gabaasni isaa kan dhaamamaa jiruu dha. Yeroon kun yeroo barattootni boqonnaa godhatanii fi maatii isaanii gargaaruun,of gargaaruun mana barumsaa bara itti aanuutti of qopheessaniidha. Kunis ka’umsa FDGf sababa guddaa ta’ee, moorawan Yuuniversitii walgayiin kun itti adeemsifamaa jiru keessatti gaaffiin mirgaa haala hoo’aadhaan ka’aa jiruudha. Oromoon yeroo mammaaku “lukkuun haatee haatee aalbee ittiin qalan baafte” jedha mootummaan wayyaanee kaayyoo uummataa fi gaaffii mirgaa ilmaan oromoo itti wareegaman sammuu isaanii balleesuu fi dhimma guddiina biyyaa fakkeessuun maqaa walgayiin gara barattootaatti dhiyaate. Kun barattoota oromoof yeroo itti gaaffiin mirgaa ifatti bahee gaafatamu tahee argame,akka dimshaashaatti gaaffiiwwan walta’aan yuuniversitiiwwan irraa ka’aa jiruu fi gara walgayii kanaattis osoo hin seenin dura gaaffii fi yaadni barattoota irraa maddaa ture akka armaan gadiitti kan fulla’ee jiruudha.

  1. Yuuniversitii Amboo,Mattuu,Jimmaa fi Bulee Horaa Irratti:-
  • Hagayya 21 irraa kaasee yuuniversitii kana keessatti barattootni walgayiif waamaman hunduu sodaa fi qaanii tokko malee hoogganoota OPDO dirqamaan TPLFn erge dura dhaabbatanii gaaffiwwan mirgaa qabxiiwwan 10 oli kaasanii jiru,akkuma beekamu mooraa yuuniversitii Amboo irratti kan ramadame koreen Giddu Galeessaa H/R OPDO Bakar Shaalee miseensota muraasa nama 8 ol of jala hiriirsuun walgayii barattoota kana gaggeessuuf dirqamee bakka sanatti argame gaaffii barattootni kaasaniin yaaddoo guddaa keessa seenanii jiru, barattoota kana tasgabbeessuufis humni waraanaa magaalaa fi naannowwan yuunniversitii Amboo qubachiifamanii jiru, gaaffiin barattootni gama yuuniversitii Ambootti kaasanii jirana.
  1. Ilmaan oromoo yuuniversitii,koollejjii,mana barumsaa sadarkaa gadiitii fi hojii dhuunfaa akkasuma hoji mootummaa irraa hidhamanii jiranii fi ariyaman; kan hidhaman ammatti haa gadhiifaman,kan barumsaa fi hojii irraa ariyaman deebi’uu qabu,
  2. Nuti ilmaan Oromooti,oromummaan ammo yakka miti, of beekuun maaliif yakka ta’ee? Oromummaa keenyaaf maaliif hidhamnee dararamnaa?
  3. Qabeenyaa saba oromoo saamuu fi gurguruun dhaabbachuu qaba, oromoon qabeenyaa isaatti fayadamuu qaba,
  4. Humni waraanaa maaliif nu ittisa? Mooraa barnootaa keessaa bahuu qabu,humna waraanaan doorsifamuun nurraa haa dhaabbatu
  5. Maqaan Master Pilaanii haqamuu qaba, godina addaa federaala jala galchuun uummata keenya miidha malee uummata keenya hin fayadu kanaaf kaayyoon kun kanaan booda sagaleen isaa dhagayamuu hin qabu, haqamuu isaa dhagayuu qabna,
  6. Oromoon ofiin of bulchuu qaba,mirgi diimokiraasii haa kabajamu,
  7. Nuti barattoota hojjetoota miti, maatii keenyatu nu deggera, maqaa walgayiin hojii guyyoota 15 dhabnee as taa’aa jirra, kaffaltiin durgoo ga’aatti maaliif nuuf hin kennamuu? Kennamuu baatu walgayii jettan kana irratti argamaa hin jirru,
  8. Oromo hidhuu fi barumsa irraa ariyuu akkasuma akka bineensaatti adamsanii ajjeesuun dhaabbachuu qaba,
  9. Walgayii humna waraanaan dirqamamnee hin hirmaannu,
  10. Afaan oromoo afaan federaalaa afaan hoji tahuu qaba,
  11. Keeyyanni 39 hojiitti hiikamuu qabu,mirga ofiin of bulchuu,mirga hiree murteeffannaa ragga’uu qaba.

Jechuudhaan gaaffiwwan kunneen yuuniversitiilee armaan olii keessatti kan ka’aa jiruu fi haaluma wal fakkaataadhaan yuuniversitiilee garagaraa keessatti akeeka dhaaba keenya ABO galmaan gahuu,faaruu ABO faarsuuf mul’achaa jira akka fakkeenyaatti yuuniversitii wallaggaa keessaa Horroo,Najjoo fi Gimbii keessatti haalonni kun mul’achuun gaggeessitoota wayyaanee achirratti argaman yaaddessuu fi mataa dhukkubbii itti ta’ee jira.

Raadiyoo Oromoo Hagayya 23,2014/Gabaasa FDG Oromiyaa

Aside

Seife Nebelbal Radio Special, August 23, 2014

Aside

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Amboo Kitaaba Ololaa Ittiin Dirqiin Uumata Amansiisuuf Wayyaanoti Qopheessan Gutummaatti Guban!

Aside

diddaa9Goototni Barattootni Oromoo Yunversitii Amboo Hagayya 23,2014 FDG qabsiisaniin hogganootii fi qondaaloti Wayyaanee Kitaabotaa fi barruulee dirqiidhaan uumata amansiisuuf qopheessuun mooraa Yuuniversitii galchan walitti qabuun guutummaatti gubanii hojii siyaasaa Wayyaanotaa gatii dhabsiisan.

Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo ganama har’aa guyyaa 3ffaaf FDG gaggeessa jiran jabeessuun kitaabotaa fi barruulee uumata dirqiin amansiisuuf maqaa Leenjii jedhuun qopheessan  walitti guuruun gubanii FDG haalan jabaaseen itti fufee.Haaluma kanaan barnoota irraa har’uma waraanaan doorsifamnee Walga’ii Wayyaanee taa’uun hirmii nyaachuudha jechuun FDG ittifufinsa qabuun wayyaanee fi loltoota Wayyaanee Agaazii jedhamu dura dhaabbachaa jiru.

Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Adda Addaa Iyyannoo Mirgaa Gaalfatan.

Aside

Iyyannoon Barattoota Oromoo Marsaa 2ffaan Itti Fufe!

Nuti dargaggootni barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo haala yeroo irraatti hundaauun rakkinoota yeroo amma kana uummata keenyarratti feamee jiruu kanneen akka; dinagdee, siyaasaa, duguuginsa sanyii (Genocide), hawwaasummaa, bilisummaa, eenyummaa, , qabinsa mirgoota namummaa fi dimookiraasii, Master Planii Finfinnee, fayyaa, barnoota fi kkf irratti hundaauun Ebla 11, 2014 irraa eegaluun ni yaadatama. Haa ta’u malee ammas nuti barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunibarsitoota kanneen aakka : Jimmaa, Adaamaa, Amboo, Mattuu, Wallaggaa, Haroo Amaayyaa, Bulee Horaa, Dirree Dawwaa, Maadda walaabuu fi Kolleejjii barsiisota Jimmaa, Mattuu fi Naqamtee irraa barachaa jirru rakkoon uummata keenyaa boqonnaa waan nu dhorkateef karaa seera qabeessaa fi dimookiraatawaa taeen iyyaannoo keenya dhiyeeffaannee deebiin mootummaa EPRDF/TPLF/OPDO irraa nuuf kenname: hidhaa, ajjeechaa, reebicha, fi barnoota irra ariiamu akka taee Oromoo mitii addunyaa biyya lafatu raga nuuf baa.

Iyyannoon Dargaggoota.doc

SBO Hagayya 24 Bara 2014 Oduu – Gabaasa FDG – Gaaffii fi deebii barataa Yunvarsitii Jimmaa fi Qophiilee haala yeroo irratti hunda’an…

Aside

Gootonni Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa,Leenjii Wayyaanee Lagachuun Mooraa Keessatti Dhadatnoon Gaaffii Mirgaa Kaasan.

Aside

QerroooHaggayya 23,2014 HAALA OLMAA QEERROO YUNIVARSIITII JIMMAA Gootonni barattoonni Oromoo leenjii afan faajjii tibba kana mootummaan Wayyaanee yunivarsiitota garagaraa keessatti kennaa jiru dura dhaabbachaa jiru. Gootonnii barattoota ilmaan Oromoo Yunivarsiitii jimmaatti dirqamaan walgahii wayyaanee akka hirmaatan taasifaman

guyyaa haasawni baniinsa wal gahichaa taasifamee irraa eegalanii fincila diddaa gabrummaa Wayyaanee laboobsaa jiru. QeerroonY university Jimmaa Hagayya 22, 2014 halkan guutummaa magaalaa Jimmaa fi mooraalee kaampaasota Yunivarsiitii Jimmaa keessa barruulee warraaqsa fi iyyannoo barattoota oromoo marsaa lammaffaa kan gaaffiwwan qabxii 10 of jalaa qabu raabsaa bulan. Kanuma bu’ura godhachuudhan barattoonni oromoo yunivarsiitii jimmaa mooraa guddichatti walgahii wayyaanef dirqisiifaman hagayya 22, 2014 ganama sa’aatii 3:30 irraa eegalanii mooraa Yunivarsiitichaa keessa naanna’uun sagalee mormii fi dhaadannoo isaanii akka armaan gadiitti dhageessifataa oolan:
Oromoo ajjeesun dhaabachuu qaba
Gumaan ilmaan oromoo lafatti hin hafu
Walgahii humna
waraanan dirqame hin hirmaannu
Wallaala fi namni mataa isaatifuu wabii hin qabne nu hin leenjisu
Sababa gaaffii mirgaa fi dimokiraasii gaafanneef barattoonni keenya jumlaan hidhaman haa hiikaman
Nuti ilmaan oromoo gaddarra jirra Kana malees guutummaa mooraa yunivarsiitichaa keessa naanna’un waallee warraaqsan jaalalaa fi abdii ABO irraa qaban diinatti mul’isan .Najaaladhuun jaalala hin taatu hedha oromoon ” wayyaaneen sababa durgoo ittiin herreeggattu dhabdee dhamaati malee dhuguma ilmaan oromoo siyaasa
ishee cuuphuf akka hin taane eenyuf illee ifa.Barattoonni oromoo haqaaf falmu waan ta’eef siyaasa Wayyaanee kan duraa fi duubni hin beekamne kana ni fudhatu jedhanii ifaajun galaana daangaa hin qabne daakudha. Gootonni barattoota oromoo
Yunivarsiitii jimmaa kaampaasii qonnaatti walgahicha hirmaachaa turanis yeroo kaabinoonni jibbaa fi maqaballeessa ABO odeessuu eegalan gaaffii itti roobsuun
kaabinoota afaan qabachiisan.Kanumaan oolman guyyaa har’aa hoongofte. Humni tikaa fi dabballoonni wayyaanee barruulee warraaqsaa magaalaa keessa raabsaman yommuu argan rifaatun baaraganii guutummaa magaalaa jimmaa keessa jooraa oolan.

Breaking News:- Har’a Hagayyaa 23,2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo “Oromiyaa Dabarsinee Hin Kenninu” Jedhchuun FDG Itti Fufan

Aside

diddaa9Har’a Hagayyaa 23/2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo ganama keessaa sa’atii 12:00 hiriira nagaa mormii sina Wayyaanee guddaa mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessatti hiriiruun gara magaalaatti ba’uuf sagalee mirgii keenyaa nuuf haa kabajamu, gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haa keennamu, Oromoo ajjeessuun, hidhuun, barnoota irraa arii’achuun, gara dabarsuun dhaabbachuu qaba, biyyaa keenyarratti, maaliif ajjeefamna, mootummaan kaleessa dhukaasee nu ajjeessuu har’a akkamitti walga’ii nu teesisuu danda’aa??? Master Plan Finfinnee guutummatti haqamuu qaba.

Gagma biraan ilmaan Oromoo Oromummaan hidhaman hiikamuu qabu, Oromummaan Yakka miti, qabeenya Oromoo gurguruun dhaabbachuu qaba.Mirgii Angoo siyaasaa qooddachuu uummata keenyaaf haa kabajamuu, Oromoon ofiin of bulchuu qaba, mirgii dimookiraasii nuuf haa kabajamuu, mirgii namoommaa nuuf haa kabajamuu,waraanaan doorsifamuun nurraa dhaabbachuu qaba jechuun sagaalee guddaadhaan barattootni gara Kumaatamaan lakkaawaman tilmaaman Yuunibarsiitii garaagaraa irraa barachaa turanii Godina Lixa Shawaa Aanaawwaan 18 fi bulchiinsaa magaalaa 3 irraa walitti qabaman hiriira guddaa gaggeessa
jiru.

Mootummaan Wayyaanee kaleessaa galgala mormii gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Amboo keessaatti gaggeeffamaa jiru dhaabsisuuf tarkaanfii waraanaa fudhachuun humna waraanaa Agaazii jedhamuu barattootatti gadhiisuun barattoota doormii isaan keessa bulan irra adeemsisuun barattoota reebsisaa bule, barattootni hedduun madaa’anii hospitaala Amboo galani jiru. Magaalaan Amboo halkanii guyyaa raafama guddaa keessa jirti waraannii wayyaanee kun uummataa magaalaa keessa iyyaa barattoota dhaga’ee birmachaa jiruu reebaa bule, kun utuu kanaan jiruu goototni ilmaan Oromoo guyyaa har’aa ganamaa barii kana irraa eegaluun FDG haalaan qindaa’a ta’e itti kaasuun hiriiraa guddaan sagalee guddaan bilisummaa uummata Oromoof falmii dorgommii hin qabne gaggeessa jiru. Waraannii wayyaanee Agaazii jedhamuu humnaa ol bobbaafamee Mooraa Yuunibarsiitii keessatti gadi ittisuuf yaalii guddaa godhuyyuu ilmaan Oromoo soda tokko malee jala dhaabbachuun hiriiraan yeroo amma kana galma Yuunibarsiitiicha gara Magaalaa Ambootti baasuu irra sagalee dhaadannoo guddaa dhageessisa jiru.