Barattooti Oromoo Yuuniversitii Amboo Kitaaba Ololaa Ittiin Dirqiin Uumata Amansiisuuf Wayyaanoti Qopheessan Gutummaatti Guban!

Aside

diddaa9Goototni Barattootni Oromoo Yunversitii Amboo Hagayya 23,2014 FDG qabsiisaniin hogganootii fi qondaaloti Wayyaanee Kitaabotaa fi barruulee dirqiidhaan uumata amansiisuuf qopheessuun mooraa Yuuniversitii galchan walitti qabuun guutummaatti gubanii hojii siyaasaa Wayyaanotaa gatii dhabsiisan.

Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo ganama har’aa guyyaa 3ffaaf FDG gaggeessa jiran jabeessuun kitaabotaa fi barruulee uumata dirqiin amansiisuuf maqaa Leenjii jedhuun qopheessan  walitti guuruun gubanii FDG haalan jabaaseen itti fufee.Haaluma kanaan barnoota irraa har’uma waraanaan doorsifamnee Walga’ii Wayyaanee taa’uun hirmii nyaachuudha jechuun FDG ittifufinsa qabuun wayyaanee fi loltoota Wayyaanee Agaazii jedhamu dura dhaabbachaa jiru.

Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Adda Addaa Iyyannoo Mirgaa Gaalfatan.

Aside

Iyyannoon Barattoota Oromoo Marsaa 2ffaan Itti Fufe!

Nuti dargaggootni barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo haala yeroo irraatti hundaauun rakkinoota yeroo amma kana uummata keenyarratti feamee jiruu kanneen akka; dinagdee, siyaasaa, duguuginsa sanyii (Genocide), hawwaasummaa, bilisummaa, eenyummaa, , qabinsa mirgoota namummaa fi dimookiraasii, Master Planii Finfinnee, fayyaa, barnoota fi kkf irratti hundaauun Ebla 11, 2014 irraa eegaluun ni yaadatama. Haa ta’u malee ammas nuti barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunibarsitoota kanneen aakka : Jimmaa, Adaamaa, Amboo, Mattuu, Wallaggaa, Haroo Amaayyaa, Bulee Horaa, Dirree Dawwaa, Maadda walaabuu fi Kolleejjii barsiisota Jimmaa, Mattuu fi Naqamtee irraa barachaa jirru rakkoon uummata keenyaa boqonnaa waan nu dhorkateef karaa seera qabeessaa fi dimookiraatawaa taeen iyyaannoo keenya dhiyeeffaannee deebiin mootummaa EPRDF/TPLF/OPDO irraa nuuf kenname: hidhaa, ajjeechaa, reebicha, fi barnoota irra ariiamu akka taee Oromoo mitii addunyaa biyya lafatu raga nuuf baa.

Iyyannoon Dargaggoota.doc

Gootonni Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa,Leenjii Wayyaanee Lagachuun Mooraa Keessatti Dhadatnoon Gaaffii Mirgaa Kaasan.

Aside

QerroooHaggayya 23,2014 HAALA OLMAA QEERROO YUNIVARSIITII JIMMAA Gootonni barattoonni Oromoo leenjii afan faajjii tibba kana mootummaan Wayyaanee yunivarsiitota garagaraa keessatti kennaa jiru dura dhaabbachaa jiru. Gootonnii barattoota ilmaan Oromoo Yunivarsiitii jimmaatti dirqamaan walgahii wayyaanee akka hirmaatan taasifaman

guyyaa haasawni baniinsa wal gahichaa taasifamee irraa eegalanii fincila diddaa gabrummaa Wayyaanee laboobsaa jiru. QeerroonY university Jimmaa Hagayya 22, 2014 halkan guutummaa magaalaa Jimmaa fi mooraalee kaampaasota Yunivarsiitii Jimmaa keessa barruulee warraaqsa fi iyyannoo barattoota oromoo marsaa lammaffaa kan gaaffiwwan qabxii 10 of jalaa qabu raabsaa bulan. Kanuma bu’ura godhachuudhan barattoonni oromoo yunivarsiitii jimmaa mooraa guddichatti walgahii wayyaanef dirqisiifaman hagayya 22, 2014 ganama sa’aatii 3:30 irraa eegalanii mooraa Yunivarsiitichaa keessa naanna’uun sagalee mormii fi dhaadannoo isaanii akka armaan gadiitti dhageessifataa oolan:
Oromoo ajjeesun dhaabachuu qaba
Gumaan ilmaan oromoo lafatti hin hafu
Walgahii humna
waraanan dirqame hin hirmaannu
Wallaala fi namni mataa isaatifuu wabii hin qabne nu hin leenjisu
Sababa gaaffii mirgaa fi dimokiraasii gaafanneef barattoonni keenya jumlaan hidhaman haa hiikaman
Nuti ilmaan oromoo gaddarra jirra Kana malees guutummaa mooraa yunivarsiitichaa keessa naanna’un waallee warraaqsan jaalalaa fi abdii ABO irraa qaban diinatti mul’isan .Najaaladhuun jaalala hin taatu hedha oromoon ” wayyaaneen sababa durgoo ittiin herreeggattu dhabdee dhamaati malee dhuguma ilmaan oromoo siyaasa
ishee cuuphuf akka hin taane eenyuf illee ifa.Barattoonni oromoo haqaaf falmu waan ta’eef siyaasa Wayyaanee kan duraa fi duubni hin beekamne kana ni fudhatu jedhanii ifaajun galaana daangaa hin qabne daakudha. Gootonni barattoota oromoo
Yunivarsiitii jimmaa kaampaasii qonnaatti walgahicha hirmaachaa turanis yeroo kaabinoonni jibbaa fi maqaballeessa ABO odeessuu eegalan gaaffii itti roobsuun
kaabinoota afaan qabachiisan.Kanumaan oolman guyyaa har’aa hoongofte. Humni tikaa fi dabballoonni wayyaanee barruulee warraaqsaa magaalaa keessa raabsaman yommuu argan rifaatun baaraganii guutummaa magaalaa jimmaa keessa jooraa oolan.

Breaking News:- Har’a Hagayyaa 23,2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo “Oromiyaa Dabarsinee Hin Kenninu” Jedhchuun FDG Itti Fufan

Aside

diddaa9Har’a Hagayyaa 23/2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo ganama keessaa sa’atii 12:00 hiriira nagaa mormii sina Wayyaanee guddaa mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessatti hiriiruun gara magaalaatti ba’uuf sagalee mirgii keenyaa nuuf haa kabajamu, gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haa keennamu, Oromoo ajjeessuun, hidhuun, barnoota irraa arii’achuun, gara dabarsuun dhaabbachuu qaba, biyyaa keenyarratti, maaliif ajjeefamna, mootummaan kaleessa dhukaasee nu ajjeessuu har’a akkamitti walga’ii nu teesisuu danda’aa??? Master Plan Finfinnee guutummatti haqamuu qaba.

Gagma biraan ilmaan Oromoo Oromummaan hidhaman hiikamuu qabu, Oromummaan Yakka miti, qabeenya Oromoo gurguruun dhaabbachuu qaba.Mirgii Angoo siyaasaa qooddachuu uummata keenyaaf haa kabajamuu, Oromoon ofiin of bulchuu qaba, mirgii dimookiraasii nuuf haa kabajamuu, mirgii namoommaa nuuf haa kabajamuu,waraanaan doorsifamuun nurraa dhaabbachuu qaba jechuun sagaalee guddaadhaan barattootni gara Kumaatamaan lakkaawaman tilmaaman Yuunibarsiitii garaagaraa irraa barachaa turanii Godina Lixa Shawaa Aanaawwaan 18 fi bulchiinsaa magaalaa 3 irraa walitti qabaman hiriira guddaa gaggeessa
jiru.

Mootummaan Wayyaanee kaleessaa galgala mormii gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Amboo keessaatti gaggeeffamaa jiru dhaabsisuuf tarkaanfii waraanaa fudhachuun humna waraanaa Agaazii jedhamuu barattootatti gadhiisuun barattoota doormii isaan keessa bulan irra adeemsisuun barattoota reebsisaa bule, barattootni hedduun madaa’anii hospitaala Amboo galani jiru. Magaalaan Amboo halkanii guyyaa raafama guddaa keessa jirti waraannii wayyaanee kun uummataa magaalaa keessa iyyaa barattoota dhaga’ee birmachaa jiruu reebaa bule, kun utuu kanaan jiruu goototni ilmaan Oromoo guyyaa har’aa ganamaa barii kana irraa eegaluun FDG haalaan qindaa’a ta’e itti kaasuun hiriiraa guddaan sagalee guddaan bilisummaa uummata Oromoof falmii dorgommii hin qabne gaggeessa jiru. Waraannii wayyaanee Agaazii jedhamuu humnaa ol bobbaafamee Mooraa Yuunibarsiitii keessatti gadi ittisuuf yaalii guddaa godhuyyuu ilmaan Oromoo soda tokko malee jala dhaabbachuun hiriiraan yeroo amma kana galma Yuunibarsiitiicha gara Magaalaa Ambootti baasuu irra sagalee dhaadannoo guddaa dhageessisa jiru.