Hagayya 28/2014
Walgayiin barattootaa Yuniversitiilee 9 irratti qondaalota OPDO9n gaggeeffamaaa jiru barattooti Oromoo rakkoo uumata isaanii ifatti haasa’uuf sababa guddaa kan ta’eedha, akkasuma yaada bara dheeraa itti dhiphitan kaasuu irratti kan dirqaman ta’anii gaafachuus danda’anii jiru, gaaffii bal’aan ka’aa jiru, kan darbe dhaabaaf dhhiyaate irratti gaaffilee addaa ammas kanatti fufee kan jiruudha.
- Sirna nafxanyaa yeroo godina Booranaa bulchaa ture keessatti aanaa Bulee Horaa Tuulaa Suraa naannoo jedhamu keessatti Oromoo nama 360 mana tokko keessatti gubanii turan,madda gabaasaa garagaraa irraa utuu hubatanni har’a sirna isaanii nurratti faarsitu, kun maalif ta’aa?
- ABOn biyya keessa seenee akka mormitoota biroo seera qabeessaan maaliif hin dorgomu? Maaliif hin iyyamamuu? Mirga mormitoota biroodhaaf kennamee ABOdhaf maalif hin kennamin? Maalifis shororkeessaa jedhamee moggaafamee?
- Barattootni mooraa Yuuniversitii Oromiyaatin ala jiru keessati mirgi isaani xuqamaa jira,keessattuu Yuuniverstii Gondar keessatti .mootummaan kana irrati maaliif xiyyeffannaa godhee hin ilaaluu? Mirgi barattoota Oromoo Yuuniversitii akkasii keessatti maalif hin kabachiisuu?
- Ergee dimokiraasii dhugaa gaggeessina jettanii egaan uummanni Oromoo mirga Bilisummaa fi Walabummaa mataa isaa yoo labsachuu barbaade isiniin maaltu dhibee?
- Afaan Oromoo afaan federaalaa tahuu irra maaltu isa dhorkaa? Afaan saba heddummataati,maalif afaan federaalaa hin tahuu?
- Siidaan Aanolee fi Calanqoo ijaaramuun isaa tokkummaa uummata eegama jedhameetimoo? Yaadannoo gochoota habashaa darbaniitii? Achi keessa mootummaan dhokatee uummata walitti buusaa jiraachuun isaa kuni amma mootummaa ofiin jedhee of waamaa?
- Waa’ee milinik odeessuu qofa taatan yeroo hedduu,gocha fokkisaa isaa kaan odeessuu irra seenaa gaarii tokko hojjettanii odeessitan maal qaba?
- Gaaffiin eenyummaa fi abbaa biyyummaa waan hudaa dursa,gaafii kanaaf utuu deebii hin kenning waa’ee guddin biyyaa odeessuun keessan maal faayidaa qabaa?
- ABOdhaan akkamiin shororkeessaa jechuu dandeessanii? Keeyyanni 39 hojii irra haa oolu jedhee waan qabsaa’eefiidhaamoo?Guutummaa Gaaffii kanaaf :- Gaaffiilee Mirgaa Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee 9 Keessatti Kaasan