Hagayya 21,2014 FDG Mattuu Keessatti Itti Fufe
Barattoota Oromoo gaaffii mirgaa irraa dhaabuuf jecha Mootummaan Wayyaanee barattoota walgayii taasisetti milkii dhabuun Qeerroo Oromoo irraa diddaan itti ka’e. Akka hawwii Wayyaanotaatti gaaffii mirgaa lamuu lammataa akka hin gaafatamneef haala ittiin barattoota burjaajessuuf yaalee ka’e ture. Haala kanaan FDG barattoota Oromoo naannooo hundatti qabsiifamaa jiru kan duubatti hin deebine ta’uun muldhata.
Barattooti Oromoo boqotnaa yeroo gannaaf jecha naannoo dhaloota isaanii galan irraa dirqiin walgayiin Yuuniversitiilee Oromiyaa keessatti qophayanii waamaman irratti FDG ha’a bakkooota muraasatti kan eegaleedha,sochii fi karoorri Qeerroon qabatee jiru ammas bakka hundaatti barattootan kan eegalee fi har’a ganama Hagayya 21 Yuuniversitii Mattuu irratti kan waamaman barattootni Oromoo 2000 ol ta’an walgayii Wayyaanee diiganii ganama sa’a lama irraa kaasaanii dhaadannoo garagaraa fi faaruu diddaa gabrummaa dhageessisaa oolaniiru. Walagyii hin feenu,gaaffiin keenya hanga deebii argatutti nun gaggeessitan, gaaffiwwan yeroo darbe obboleewwan keenya itti wareegaman irra tarkaanfannee walgayii keessaniif kabajaa hin laannu jechuudhaan walgayiin wayyaanee Yuuniversitii Mattuu irratti afeeramanii jiran har’a fesheletee jira.
Akkasuma Yuuniversitii Amboo fi naannowwan godina Shawaa Lixaa aanaa Tokke Kuttaayee,Calliyaa,Miidaqany, Amboo,Gindabarat fi kan hafan keessatti uummanni barattoota waliin gaaffii mirgaa isaa dhiyeessuun halkan edaa irraa kaasee weellisa qabsoo fi barruulee adda addaa bittimsuu irratti kan argamaa jiraniidha.Yuuniversitii mara irratti sochiin barattootaa FDG kaasuun kan wal qabateen eegalaa jiru,itti fufa.