Hogganoota OPDO 9 n Kan Durfamu Aangawoonni Wayyaanee Sochii Barattoota Oromoo Tasgabbeessuuf Jecha Diqama TPLF Irraa Kennameen Bobba’an.

Aside

Bakkaa fi Koreewwan G/G/OPDO Walgayii Itti Gaggeessaa Jiran;

Lakk.      Maqaa Yuuniversitii Hojii Isaanii Baayina namoota of jalaa qabanii
1 Bakar Shaalee Amboo Sadarkaa Federaalatti Ministeera Galii Ture,amma koree HR,OPDOti Nama 7 of jalatti qabatee walgayii gaggeessaa jira
2 Warqinee Gabayyoo Madda Walaabuu Police Commision ture amma KHR dha. Nama 5n of jalatti qabatee waliin jira
3 Abbaa Duulaa Gammadaa Walitti Qabaa Wallagga Iarrtti (Horroo,Naqamtee fi Gimbii) Afa-Yaa’ii Namoota 8 of jalatti qabatee jira
4 Alamaayyoo Taganuu Adaamaa _______ Namoota 5n waliin kan akka Aberraa Haayiluu fi kkf
5 Abdulqaadir Huseen Jimmaa Itti gaafatamaa misooma oromiyaati Nama 6 olii waliin
6 Geetuu Wayyeessaa Mattuu __________ Namootaa 6 kanneen akka Iwunatuu Bilaataa, Danyachoo Shirefawu
7 Mohammad Tusaa Bulee Horaa Ministeera Baaburaa fi konkolaataa Koorgii kan Jibuutii irraa dhufu Nama 8 waliin
8 Isheetuu Dassee Haromayyaa _________ Nama 7 kan akka Bazzuu Waaqtolaa
9 Geetachoo Dirre Dawaa _________ Namoota 6 kan of jala hiriirsee jiruudha.

Walgayiin Eegalun Dura Orientation Barattootaaf Kenname Irratti Gaaffii fi Yaada Barattootni Kaasaan Walfaana dhihaate.

Hogganooti OPDO bakkoota adda addaa itti bobba’an qabxiilee gaaffii ta’ee barattoota irraa dhihaateef deebii kallattiin kennuu irraa hanqatanii isin warri gaaffii siyaasaa kaaftan ABO dha jechuu dhaan yakkuu fi doorsisuun itti fufanii jiru.

Yuuniversitii kanneen akka Amboo,Jimmaa,Mattuu,Naqamtee,Haromaa fi Bulee Horaa keessatti faaruun ABO fi WBO faarsu akkasumas qabsoo Oromoo ilaalu ka’ee qondaaltotaa fi loltoota Wayyaanee jeeqaa tureera.

Qabxiileen Barattootnii fi Gaggeessitootni OPDO Irratti Walii Hin Galin Hafan

  • Dhimma bakkee ba’ani bulu fi seensa doormii sa’a 4:00 irratti tahuu kuni dirqamatti tahuu qabaadha, gaggeessitooni garuu barattoota Oromoo waliin walii galuu hin dandeenye.
  • Akka walii galaatti waltajjii sana irratti barattootni waa’ee saaminsa lafaa,hidhamuu barattootaa,waluma gala jireenya gadadoo Oromoo fi durgoo,waa’ee hojii yeroo gannaa irratti yaada isaanii dubbatani jiru, kana irratti gaggeessitootni yaada barattootaa fudhachuu hin dandeenye,
  • Irra jireessatti barattootni waltajjii kana irratti fedha isaaniitiin marii mataa isaanii mari’achuutti fedha akka qabanis ibsatanii jiru,
  • Keessumattuu Godina Baalee waltajjii kana irratti marii yaadaa fesha isaanii akka qabanii fi yaadni isaanii guutamuu akka qabu aka dirqiitti mootummaa hubachiisanii jiru, barattootni haala oromiyaan irra jirtus xiinxala keessa galchanii marii gaggeessanii jiru
  • Akkasuma yuuniversitii Amboo,Jimmaa,Haromayaa fi Bulee Horaa irratti kaayyoo ABO kan adeemsisanii fi faaruu ABO faarsuu irratti dhageessisanii jiru,
  • Walii galatti walgayichi erga jalqabameen booda godinaalee tokko tokko irraa gaaffii miseensummaa fudhachuu dhiisuu isaanii fi yaada gaggeessitoota irraa dhiyaatu fudhachuu diduu fi callisuun barattootaa kuni ifatti bahee jira, isaan keessaa kanneen akka Iluu Abbaa Booraa yuuniversitii Mattuu,yuuniversitii Bulee Horaa,yuuniversitii Wallaggaa kan akka Najjoo,Horroo irraa dhufan hubatamee jira,
  • Dursa eegalamuu walgayin dura yaadnii fi gaaffiin ijoo rakkoo uumata Oromoo irratti hidhatee dhiyaatan hedduu waan isaan dursee yaaddesseef Yuuniversitii dubbiin ka’a jedhamee shakkamutti human waraanaa mijeeffatanii akka jiran odeeffannaaleen garagaraa dhiyaatan ibsa.

 

Goototni Dargaggootni Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Walggahii Wayyaanee lagachuun FDG Itti Fufan

Aside

Hagayya 22,2014 Jimmaa

diddaa9Goototni ilmaan Oromoo Yuuniversiitiin Jimmaa dirree qaroomaa, dirree hayyuun keessa dhugaa uummata isaaf falmatuu fi lafa seenaa qabsoo dargaggoota Oromoo bara kanati malee lafa dabballeen Wayyaanee irra garmaamuun dhugaa Oromoo awwaaltu miti jechuun goototni sabboontootni barattootni Oromoo walga’ii Wayyaanee irrati FDG gaggeessuuf guyyaa kaleessa galgala irraa eegaluun barruulee warraaqsaa fi Iyyaannoo isaanii qindeeffachuun magaalaa Jimmaa fi yuunibarsiitii Jimmaa keessatti bittinneessuun qophii barbaachisuu gochuun guyyaa har’aa FDG karaa nagaa fi dimookiraasii ta’een qabsiisan.Haluma kanaan sochii isaanii jabeessuun iyyaannoo barattoota Oromoo marsaa 2ffaa jedhuu  kan gaaffii 10 of irraa qabu galfachuun gaaffii asiin dura gaafatneef deebiin nuuf haa kennaamu, mirgii hiriira nagaa gochuu nuuf haa eeyyamamuu, jechuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo gaafachuun dhaadannoowwaan armaan gadii dhageesisuun ganama sa’aa 3:30 irraa eegaluun FDG bifa qindaa’een qabsiisan.

  • Mootummaan shororkeessan nu hin bulchuu, 
  • Oromoo ajjeesuun dhaabbachuu qaba,
  • Gaaffii mirgaa gaafatneef deebiin nuuf kennamuu qaba,
  • Nuti Waraana hin barbaannuu, Nuti dimookiraasii nagaatti amanna,
  • Mirgootni dimookiraasii fi namummaa nuuf haa kabajamuu,
  • Sababaa gaaffii mirgaa fi Dimookiraasii gaafatneef ilmaan Oromoo jumlaan hidhaman haa hiikaman,
  • Ilmaan Oromoo mootummaan Wayyaanee ajjeeseef itti gaafatamummaa fudhachuun kaasaa fi gumaan Uummata Oromoo kanfalamuu qaba, 
  • Oromiyaan kan uummata Oromooti,
  • Oromoon tokkummaa, bilisuummaa fi walabummaa barbaadna.
  • Uummatni Oromoo mootummaa mataa keenya waan hin qabneef mootummaa uummata keenya bakka bu’uu danda’uu ni hundeeffanna.
  • Mootummaan uummata bulchuu hin ajjeessu, hin hidhuu, barnoota irraa hin arii’atu, mootummaan EPRDF garuu Oromoo hidhee, ajjeesee, barnoota irraa ariitee jira. 
  • Oromoon mirgaa abbaa biyyummaa isaa fi Dimookiraasiif falmachaa jira.
  •  Walga’ii humna waraanaan dirqamnee hin hirmaannuu, ,-Waraannii wayyaanee Mooraa barnootaa keessa ba’uu qaba kanneen jedhan dhageesisuun FDG finiinsa jiru.

  Kana malees goototni barattootni Oromoo ejjeennoo isaanii jabeessuun walleewwaan warraqsaa kan ABO fi uummata Oromoo farsuu dabaree wal harkaa fuudhuun Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa mooraa saayinsii fi Teechnology bakka walga’iin wayyaanee gaggeeffamaa jirutti FDG qabsiisuun Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa kana keessa naanna’uun leencii Oromoo Amboo fi Jimmaarra baroodee jechuun bookkisaa jiru,

Mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa FDG irratti dhoofameen waan qabee gadhiisuu dhabuun hoomaa waraanaa fi poolisaa magaalaa Jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmatti bobbaasuun warraaqsa barattoota Oromoo dura dhaabbachuufi sodachisuuf yaalii guddaa godhullee goototni barattootni Oromoo sodaa tokko malee gaaffii mirgaa fi dimookiraasii finiinsuu murteeffachuun fincila qabsiisan, ilmaan Oromoo hundaaf dhaamsa Oromoo ka’ii mirga kee deeffadhu, mirga keenyaaf Oromummaa keenyaaf harka walqabannee haa kanuu jechuun dhaamsa dabarsataniiru, hordoftoota keenyaaf leellistoota qabsoo bilisummaa Oromoo gabaasaa kanaaf waraabbii sagalee fi vedio waan qabnuuf rakkoo networkf ariitiin nuf fe’amuu didee warraabbii kana itti aansuun kan isin qaqqabsiifnu ta’uu ni hubachiifna.

FDG Marsaa Lammaffaa Qeerroo Yuuniversitii Amboon Qabate Wallagaa,Mattuu fi Bulee Horaatti Ce’e

Aside

Oromiyaa godina Shawaa Lixaa keessatti FDG marsaa lammaffaa qabate itti fufee dargaggoonni Oromoo dirqisiifamanii walgahii Wayyaanotaa dhaqan waamicha Wayyaanee dura dhaabbachuun FDG itti fufanii jiru.Haala kanaan barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Amboo,Wallagga Bahaa,Mattuu fi Bulee Horaa irratti guyyaa har’aa Hagayya 21,2014 walgayi hogganooti Wayyaanee taasisaniifii  diiganii gara gaaffii mirgaa fi miidhaa uummataa Oromoo irra jiru haa dhaabbatuuf FDG kaasanii jiru.Haala kanaan loltooti Wayyaanee har’a Bulee Horaa irratti waraanni ABO uumata fakkaatee magaalaa jiru sababa jedhuun uumata jeeqaa turaniiru. Mootummaan Wayyaanee uumata Oromoo akka galaanaa irra galagaluuf deemu kana sodaachuun bakka hundatti raafamaa jirti.