Daily Archives: August 16, 2014
Oduu Gaddisiisaa fi Seenaa Gabaabaa Sabboonaa Barataa Biqilaa Balaay Sagalee Qeerroo Irraa
Aside
Yoo Diina Diinomsan Biyya Bilisoomsan!!
Aside
Kun Dubbii Qeerroo Oromooti!!
Akkaataa naamusa hawaasummaa ummata Oromootti, kan gorsaafi dinniina hawaasaa tuffatee, adaafi duudhaa biyyaatti buluu dide, yakka yakkeef fala falatee, hooda guuttatee of qulleessuu dide Cirattee jedhama.
Ciratteen fafaa nijibbu. Ciratteen hoodaa nihooddatu. Waliin burqaa tokko hindhugan. Waliin dhiyaana tokkotti hindhiyaatan. Waliin gumii hintaaan. Waliin seera hintumatan. Ciratteen laguudhaa nilagatan. Dua isaanii nilagatan. Cidha isaanii nilagatan. Irraa hinbitan. Ittihingurguran. Waliin hinyaatan. Irraa hinfuudhan. Ittihineerumsiisan. Gaddaa – gammachuu waliin hinirmaatan. Biyya Waloo waliin hinqabaatan.
Kanaaf cirattee akkanaan yuuyyessu ykn. diinomsu. Inni yuuyyae bubbultii keessa qalbii jijjiirratee amala fooyyeffatee Aadaafi Safuu uummaataatti deebiee hoodatee akka of qulleessu carraa kennuuf. Isa kana hundaa didee fafooma filate nidiinomsu. Diinimmoo diinaa biyyarraa godaansisu. Ittiduulanii waraanaan buqqisu. Duudhaa qabnutu kana. Aadaa keenyatu akkana.
Waraanni humna ittisa biyyaa buusii Wayyaanee dhorkachuun gaaffii dabalinsa miindaa fi mirgaa itti fufan
Aside
Hagayya 16,2014 Adaamaa
Fincilli diddaa garbummaa daran jabaachuudhaan kan dhufe Waraana Humna ittisa biyyaa keessattis dhalate. Mootummaan wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf saaminsaa fi buusii garaa garaa dhimma bahaa kan as geesse yeroo ammaa kana wayita qaalainsi jireenyaa olaanaan Uummata Impaayera biyyattii mudachaa jirutti buusii MELES FOUNDATIONdhaa fi Hidha Abbayyaaf gaafatameen Humni ittisa biyyaa guutummaan dhorkatanii jiran. Waraanni Humna ittisa biyyaa yeroo dheeraaf dabalinsa miindaa gaafachaa kan as gahee fi dabalinsa miindaa taasifameenis addatti dhorkamuu isaaniitiinis gaaffii mirgaa itti fufanii jiran. Yeroo ammaa kanatti Waraanni mootummaa wayyaanee haala olaanaan burkutaauu fi hunduu abdii kutuu keessa beektotni saaxilanii jiran.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 15, 2014
Aside
Oduu Gaddisiisaa fi Seenaa Gabaabaa Gooticha Barataa Biqilaa Balaay Toleeraa
Aside
Sagalee Qeerroo irraa

Gootichi Barataa Biqilaa Balaay Abbaa isaa Obbo Balaay Troleeraa fi Haadha isaa Aadde Siccaalee Mul’ataa Abdataa irraa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Habaaboo Guduruu ganda Caalaa Fooqaa keessatti bara 1991 A.L.Otti dhalate. Dhalatees Hiriyyoota isaa waliin taphachuu, Seenaa baruuf tattaafachuu fi barsiisuu kan jaallatu sabboonaa qaroo ilma Oromooti. Barataa Biqilaan guddatee barnootaaf akka gahetti bara 1999 AL.Otti mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Caalaa Fooqaa seenuudhaan kuitaa 1ffaadhaa hanga 8ffaatti barate. Barnoota isaa sadarkaa lammaffaa mana barnootaa sadrkaa lammaffaa Kombolchaa seenuudhaan kutaa 9ffaa fi 10ffaa barate. Barnoota isaa Cinaatti ilmaan Oromoo sabboonummaa barsiisaa gama kallattii garaa garaadhaan QBO keessatti qooda olaanaa fudhachaa kan ture bara 2009 AL.Otti kutaa 10ffaa akka xumureen Koollejjii Horroo Guduruu magaala Fincaa’aa seenuun bara 2011 A.L.Otti muummee Veternarydhaan eebbifame. Barataa Biqilaa Balaay dhiibbaa mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo irraan geessu argaa bira kan hin dabarre QBO keessatti qooda fudhachaa kan as gahe Fincila diddaa garbummaa bara 2014 dhimma naannawa lafa Finfinnee qabatee dhoheen magaala Amboo keessatti hiriira barattootnii fi Uummatni gamtaan gaafa Ebla 25, 2014 gaggeessan keessatti qooda fudhachuun rasaasa mootummaa wayyaaneedhaan sa’a 12:29 PM irratti mataa rukkutame. Rukkutamees waldhaansaaf gara Hospitaala Xiqur Ambasaa guyyaa sana kan fudhatame yoommuu tahu maallaqa hedduu dhangalaasuudhaanis waldhaansa olaanaa irra ture. Waldhaansi olaanaan taasifamus rukkuttaa bakka hamaa rukkutamee fi waldhaansa taasisfameen qorichi kennamaafii ture mataa isaa keessaa rasaasa baasuuf yaalii godhamaa ture summii itti tahuun gaafa hagayya 11 bara 2014 Addunyaa kana irraa du’aan boqoteera.
Barataa Biqilaa Balaay bakka Ciisutti Oduu Gaddisiisaa fi Seenaa Gabaabaa Gooticha Barataa Biqilaa Balaay Toleeraa (1)
Breaking News -Koree gidduu galeessaa OPDO keessatti jeequmsi olaanaan dhalate. Miseensotni Korichaas arii’amaa jiru.
Aside
Gabaasa Qeerroo Finfinnee Hagayya 15,2014
Yeroo dheeraaf Ulee mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo rukkutu tahuun tajaajilaa kan as gahe Koree gidduu galeessaa OPDO keessatti jeequmsi olaanaan dhalate. Fincila diddaa garbummaa bara 2014 gaggeeffame keessatti isin miseensota ABOti, FDG Kana keessatti hirmaattanii jirtu jechuudhaan Qorannaan caasaa qulqulleessuu magaala Adaamaatti eegalame xumura malee hafuudhaan gara magaala Shaashimanneetti cehamee jeequmsa olaanaa irratti argamu. Miseensota Koree gidduu galeessaa OPDO kan turanii fi tika Caasaa OPDO kan turan Obbo Geetaachoo Olii fi Abdoo kanneen jedhamanis miseensummaa irraa haqamanii jiran. Kanneen walgahii kana irratti argamaniidhaafis gatiin hojii isaanii sadarkaa A, B,C, Ddhaan kennamaa kan jiru yoommuu tahu Iccitii kana baasnaan namuu itti gaafatama jechuudhaan bilbila harkaa irraa funaanuun walgahii muddaa irratti argamu. Keessi OPDO bututaa fi wal amantiin isaan gidduutti dhibamuu irraa Passportiin amanamtoota Koree gidduu galeessaa yeroo dheeraa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa fi Obbo Dirribaa Kumaa irraa fudhamee jiraachuun isaas ni yaadatama.
Wallagga, Anaa Giddaa Kiramuu keessatti FDG itti fufe. Uummatnis walgahii Wayyaanee lagate
Aside
Hagayya 15,2014 Gabaasa Qeerroo Giddaa Kiiramuu
Godina Wallaggaa aanaa Giddaa Kiiramuu keessatti FDG jabaachuudhaan itti fufe. Mootummaan wayyaanee uummata naannoo kanaa olola siyaasaan afaanfaajjessuuf walgahii waamtus uummatni gamtaan walgahii kana hafuun mootummaa abbaa irree wayyaanee waaroo qaanii uwwisee jira. Uummatni walgahii kana irratti argames nuti biyyi keenya Oromiyaadha, Ilmaan keenya ajjeefamaniif mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa haa fudhatu kan jedhuu fi kanneen kana fakkaatan gaaffiilee abbaa biyyummaa kaasaa kan oolan yoommuu tahu dabballootni wayyaanees gaaffii kana deebisuu dhabuudhaan baaraganii jiran. Mootummaan abbaa irree wayyaanee ilmaan Oromoo irratti daldala siyaasaa bara dheeraa gaggeessaa kan as gahe lamuu akka hin hojjennes Qeerroon Wallagga bahaa addeessee jira.
Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Hagayya 14,2014
Aside