Breaking News:- Har’a Hagayyaa 23,2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo “Oromiyaa Dabarsinee Hin Kenninu” Jedhchuun FDG Itti Fufan

diddaa9 Har’a Hagayyaa 23/2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo ganama keessaa sa’atii 12:00 hiriira nagaa mormii sina Wayyaanee guddaa mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessatti hiriiruun gara magaalaatti ba’uuf sagalee mirgii keenyaa nuuf haa kabajamu, gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haa keennamu, Oromoo ajjeessuun, hidhuun, barnoota irraa arii’achuun, gara dabarsuun dhaabbachuu qaba, biyyaa keenyarratti, maaliif ajjeefamna, mootummaan kaleessa dhukaasee nu ajjeessuu har’a akkamitti walga’ii nu teesisuu danda’aa??? Master Plan Finfinnee guutummatti haqamuu qaba.

Gagma biraan ilmaan Oromoo Oromummaan hidhaman hiikamuu qabu, Oromummaan Yakka miti, qabeenya Oromoo gurguruun dhaabbachuu qaba.Mirgii Angoo siyaasaa qooddachuu uummata keenyaaf haa kabajamuu, Oromoon ofiin of bulchuu qaba, mirgii dimookiraasii nuuf haa kabajamuu, mirgii namoommaa nuuf haa kabajamuu,waraanaan doorsifamuun nurraa dhaabbachuu qaba jechuun sagaalee guddaadhaan barattootni gara Kumaatamaan lakkaawaman tilmaaman Yuunibarsiitii garaagaraa irraa barachaa turanii Godina Lixa Shawaa Aanaawwaan 18 fi bulchiinsaa magaalaa 3 irraa walitti qabaman hiriira guddaa gaggeessa
jiru.

Mootummaan Wayyaanee kaleessaa galgala mormii gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Amboo keessaatti gaggeeffamaa jiru dhaabsisuuf tarkaanfii waraanaa fudhachuun humna waraanaa Agaazii jedhamuu barattootatti gadhiisuun barattoota doormii isaan keessa bulan irra adeemsisuun barattoota reebsisaa bule, barattootni hedduun madaa’anii hospitaala Amboo galani jiru. Magaalaan Amboo halkanii guyyaa raafama guddaa keessa jirti waraannii wayyaanee kun uummataa magaalaa keessa iyyaa barattoota dhaga’ee birmachaa jiruu reebaa bule, kun utuu kanaan jiruu goototni ilmaan Oromoo guyyaa har’aa ganamaa barii kana irraa eegaluun FDG haalaan qindaa’a ta’e itti kaasuun hiriiraa guddaan sagalee guddaan bilisummaa uummata Oromoof falmii dorgommii hin qabne gaggeessa jiru. Waraannii wayyaanee Agaazii jedhamuu humnaa ol bobbaafamee Mooraa Yuunibarsiitii keessatti gadi ittisuuf yaalii guddaa godhuyyuu ilmaan Oromoo soda tokko malee jala dhaabbachuun hiriiraan yeroo amma kana galma Yuunibarsiitiicha gara Magaalaa Ambootti baasuu irra sagalee dhaadannoo guddaa dhageessisa jiru.

 

 

4 thoughts on “Breaking News:- Har’a Hagayyaa 23,2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo “Oromiyaa Dabarsinee Hin Kenninu” Jedhchuun FDG Itti Fufan

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo “Oromiyaa Dabarsinee Hin Kenninu” Jedhchuun FDG Itti Fufan |

  2. Pingback: Qeerroo: Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo “Oromiyaa Dabarsinee Hin Kenninu” Jedhchuun FDG Itti Fufan | OromiaTimes

  3. Pingback: The Oromians Protest Ethiopia’s New Master Plan of Ethnic Cleansing against the Oromo in the Name of Development Expansion of Finfinnee (Addis Ababa) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s