Seife Nebelbal Radio Program, July 11, 2014

Aside

Dargaggoonni Oromoo 31 Umuriin Isaanii Kan Waggaa 16 Gadii Mana Hidhaa Amboo Keessatti Dararamaa Akka Jiran Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Adoolessa 10,2014

BilisummaaDararamni Oromoo mana hidhaa Wayyaanee keessaa umurii hin filatu

Dargaggoonni maqaan isaanii armaa gadi xuqame guyyaa 23/08/2006 (A.L.E) irraa eegalee sababa tokko malee jumulaan walitti qabamanii shakkiidhaan hidhamuu irraan kan ka’e ma/mu/ol/Go/ Sh/Lixaatti akka dhihaatanii fi  himannaan dhiyaate waan hin jirreef jedhee ajajaan akka gadi lakkisaman murteesse. Haa ta’u malee  ajajni mana murtii kun hojii irra ooluu irra umurii daa’imummaan mana hidhaa keessatti dararamaa jirra jechuun ma/mu/waliigalaa Oromiyaatti ol iyyatanii hanga yoonaatti deebii hin arganne. Isaanis;

  1. Shibirree Mokonnon G/Yesus      Umuriin waggaa 15
  2. Misgaanaa Oolgaa Dawoo            umuriin waggaa 16
  3. Alamituu Fayyeraa Baayisaa        umuriin waggaa 16

Haaluma wal fakkaataan namoonni armaa gadii ammoo qabamanii mana qajeelcha poolisaa godinaa irraa gara mana sirreessaa Go/Sh/Lixaatti darbuun himannaa fi murtii tokko malee dararamaa jirani. Sababa kana irraa ka’uun dhimma isaanii hordofachuu akka hin dandeenye ibsachuun nama dhimma isaanii hordofuuf bakka buufachuun ma/mu/walii gala Oromiyaatti iyyatanii hanga yoonaatti deebii sirnaa akka hin arganne maddeen mirkaneessu. Isaan kunis;

  1. Qana’aa Chuuchee Baalchaa
  2. Dhibbaa Tuuttashaa
  3. Caalumaa Simee Qumbii
  4. Abdataa Baatirii Barsiisaa
  5. Qananiisaa Raggaasaa Wayyeessaa
  6. Raffisaa Waaqshumee Dheeressaa
  7. Badhaasaa Sobbooqaa Miidheksaa
  8. Rabbirraa Aroomsaa Gitaa
  9. Guutamaa Disaasaa Fayyee
  10. Gazzaahany Iddoosaa Nugusee
  11. Mazgabuu Takilee Zawudee
  12. Caalaa Maandhessaa Nadhaa
  13. Gaashaaw Qana’aa Damee
  14. Mitikkuu Gammadaa Haroo
  15. Ayyaantuu Margaa Yaalii
  16. Abdii Baddeessaa Dhaabaa
  17. Baruudiin Shariif Ahmad
  18. Kadir Qamar Rashid
  19. Misgaanaa Tarreessaa Tasgaraa
  20. Alamuu Magarsaa Tolasaa
  21. Shunaa Dhugaa Dirribaa
  22. Wabii Xilahun Tafarraa
  23. Lataa Bayyanaa Maammoo
  24. Daani’eel Olaanaa Abdiisaa
  25. Daammanaa Girmaa Bayyanaa
  26. Raajii Baqsuu Yaadatee
  27. Waaqumaa Dhaabaa Dammaa
  28. Dajanee dhugumaa

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, July 9, 2014

Aside

Ob Amsaaluu Qannoo Boqote

Aside

July 9, 2014 by Oromedia

(Oromedia, 10 Adoolessa 2014) Waggaa dheeraaf Oromummaa isaatiin shakkamee biyya ollaa keessatti jireenya baqannaa gaggeessaa kan ture Ob Amsaaluu Qannoo waggaa 44tti addubyaa kana irraa boqote.

Oduun bubbulee nu dhaqqabe akka ibsutti, Ob Amsaaluun Waxabajjii 24, 2014 dhukuba akka tasaan qambamee osoo hospitaalatti Ugaandaa keessatti yaalamaa jiruu  guyyuma sana galgala naannoo sa’a 7:00tti du’aan addunyaa kana irraa boqote.

Abbaa isaa Obboo Qannoo Itichaa fi haadha isaa aaddee Kitilee Dheeressaa irraa bara 1970 tti Oromiyaa, Godina Wallaggaa, aanaa Horroo ganda Gitiloo kan dhalate Ob Amsaaluun, bara jireenya isaa dandeettii fi beekumsa isaa dantaa saba Oromoof sadarkaa olaanaatti nama gumaache ta’uu seenaa isaa irraa hubachuun ni danda’ama.

Barrulee fi kitaabota addaddaa barreessuu fi maxxansisuun kan beekamu Ob Amsaaluun, keessayyuu beekumsaan jijjiirama fiduutti sadarkaa olaanaatti kan amanu, faandhahii qabsaa’ota dhugaa ture.

Ob Amsaaluun guyyaa tokko illee dadhabe, nuffe otuu hin jedhiin dhimma sana Oromoo guddisuuf tattaaffii gochaa akka ture seenaan isaa ragaa baha.

Sirni awwaalchaa isaas bakka maatii fi jaalattooti isa aargamanitti, Oromiyaa keessatti akka raawwate oduun nu gahe addeesseera.

Ob Amsaaluun abbaa maatii fi abbaa ijoollee shanii ture.

Oromedian maatii, firoottan isaanii fi akkasumas hiriyyoota isaanii hundaaf jajjabina hawwa.

Guutummaa Seenaa Ob Amsaaluu:http://oromedia.net/2014/07/08/seenaa-gabaabaa-jaal-amsaaluu-qannoo-1970-2014/

Wallagga, Qellem Dambi Dolloo Keessatti Miseensotiin OPDO fi Hojjettooti Mootummaa Aangawoota EPRDFn Qormaataan Muddamaa Jiru

Aside

Qeerroo DD Adoolessa 09,2014
Gabaasa Qeerroo magaalaa Dambi Dolloo irraa,Adoolessa 09 akka addeessutti, FDG Oromiyaa keessatti dhalate bifa ittiin dhabamsiisan marihachuuf jechaa fi madda isaa isaa adda baafachuudhaaf jecha aangawoonni mootummaan Wayyaanee barattoota koollejjii Dambi Dolloo walgayii yaamuudhaan qorannoo guyyaa 5nf gaggeessaa tureera. Kun torbaan darbe yeroo ta’u, ammas dabalataan magaalaa Dambi Dolloo irra hojjetootaa fi miseensota OPDO kanneen ta’an qorannoo sochii barattootaa adda baafachuudhaaf walgayii muddisiisaa yaamanii akka jiran gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Kaayyoon walgahii kanaa gara fuula duratti sochiin barattootaa fi Qeerroo Oromiyaa keessatti qabatee jiru mootummaan akkaataa itti dura dhaabbatuu fi dandayus ukkaamsuu kan jedhuu fi uu, FDG kun ammas deebi’ee Oromiyaa keessaa godina kana irratti kan dhalatu yoo tahe isinuma hojjettoota mootummaa fi bulchitoota OPDOtu shakkama, toohatama jechuudhaan akkasuma yeroo ammaa barattootni gara qe’ee isaanitti galaatu jiru,kanaaf ammo hordoffii gochuu fi barattoota walgayi garagaraatiin qabuu qabdu jechuun hojjetoota isaa godina Qellem Dambi Doolloo irra jiranitti dhaamsa dhaammataa akka jiru Qeerroon gabaasee jira. Itti fufee humni waraana wayyaanee dabalataan naannicha buufatee kan jiru tahuu isaa gabaasni nu gahe addeessa.

Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adoolessa 8, 2014

Aside

SBO Adoolessa 09 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Oduu fi Qophii biroo

Aside

Aside

Q NEWS3AA

Finfinnee, Plloisoonni Oromoo tahanii sirna Wayyaanee tajaajjilaa turan 3 hidhaa galan.

Dhiibbaan Mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru daran jabaachuun kan itti fufe. Haala kanaan Poolisoota federaalaa fi Finfinnee dhalootaan Oromoo kanneen tahan sababaa maadhee ABO ta’uun mootummaa keessatti hojii hojjetaa jirtu jedhuun yakkee mana hidhaatti ukkaamsaa jira. Poolisootni dhalootaan Oromoo tahan

  1. Alamaayyoo Gurmeessaa  poolisii Finfinnee naannoo Gullallee kan hojjetu
  2. Sintaayyoo Dalasaa naannoo Gullallee kan hojjetu
  3. Daanyee Biqilaa ittisa biyyaa keessatti hojjetaa dhimma dinagdee

Keessatti argamu. Mootummaan Wayyaanee dhiibbaa kamuu gaggeessus hanga dhumaa bilisummaa Oromoof qabsaa’uuf kutannoo qabanis ibsanii jiran.

Haromaayaa, Ummanni Oromoo Naannoo Haromaayaa Diddaa Itti Fufe

Diddaan mootummaa wayyaanee irratti jabaachuudhaan kan itti fufe Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa keessatti ilmaan Oromoo gibira wayyaanee dhorkachuiu irratti argamu. Godina kana keessatti diddaan  qabeenyaan falmaachuu hojiitti hiikamuun ilmaan Oromoo diina irraa bituu fi gurguruu akkasumas bu’aalee diinaa kanneen tahan cufuudhaan gamtaan FDG deemsisuu irratti argamu. Ilmaan Oromoo bakka maraas qabeenya keenya diina dhorkachuun dinagdeedhaan diina akka laamshessinu jechuun dhaamsa dabarsanii jiran.

Qeellam Wallaggaa

FDG wal irraa hin cintne godina Wallaggaa aanaa Qeellam,Anfillootti jabaachaa dhufe. Dargaggoonni Oromoo sochii isaanii itti fufuun falma mirgaa gaggeeffamaa jiru keessattis dhaadannoowwan adda addaa maxanfaa jiru. Sababaa sochii kanaa fi dhadatnoon naannoo mana keessaniitti bittinfameera warra bittinse ykn maxxanse baasaa jechuun loltooti Wayyaanee haadhotii magaalaa Muggii keessa jiraatan lama Adoolessa 06,2014 mana hidhaa keessa galchee dararaa akka jiru Qeerroon gabaasa.Kanneen kunis:-

1.Aadde Makiyaa Abaadirii fi

2.Aadde Anshaa Hiisaa kan jedhaman tahuu beekame.

Angawooti Wayyaanee Hojjettoota Dhimma Nageenyaa Walgahiin Muddaa Jiru.

Mootummaan Wayyaanee hojjettoota mootummaa, dhimma nageenyaa fi qaama mootummaa garaa garaa dhimma Caasaa qulqulleessuun wal gahii muddaatti jirti. Wal gahii kana irrattis mormiiwwanii fi gaaffiiwwan gara garaa mootummaa wayyaanee kan mudatan yoommuu tahu isaan keessaa

  1. Ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa osoo gaafatanii rasaasaan rukkutamanii ajjeefamaniif itti gaafatamaan eenyu?
  2. Mootummaan yeroo hundaa ABOn nu keessa jiraa kan kaasuu fi ABO shororkeessaa godhu maaliif maaliif hin dhaabu?
  3. Oromiyaan qabeenya ishee irraa fayyadamtee jirti kan jennu qabatamaan kami?

Kanneen jedhanii fi kanneen biroon wayyaanee muddama keessa seensisanii jiran. Mootummaan wayyaanees deebii kanaa dhabuudhaan namoota gaaffii kana gaafatan qoratamtu isin ABOti jechuun doorsisuu irratti argamti.

 

Must listen new Oromo song/ 2014 Ohh Lolaa Qeerroo Korri Yoomii

Aside

Raadiyoo Sagalee Oromoo, Adoolessa 7,2014/ Tokkoomuu ABO Ilaalchisee Gaafii fi Deebii HD-ABO Waliin

Aside