Gabaasa Oduu SBO

Aside

Gabaasa Oduu SBO

SBOMootummaan wayyaanee diddaa master pilaanii magaalaa Finfinnee fi FDG barattootni Oromoo fi ummatni Oromoo waloon geggeessan jallisuun dokumentarii fiilmii dhara irratti hundaa’e amanamtoota isaa itti bobbaasuun qopheessaa jiraachuu oduun SBO dhaqqabe ifa godhe. Bakki dokumentariin fiilmii kun itti qophaa’us bakka kana dura dokumentarii fiilmiin dharaa hawaasa Musliimaa irratti itti dalagamee TV. Wayyaaneen mul’ifamaa ture “Shawaa Roobititti” ta’uu oduun SBO dhaqqabe kun ni mirkaneessa. Guutuu qabiyyee dokumentarii fiilmii kanaa baruuf qophii armaan gadii kana dubbisaa. Waliifis daddabarsaa……Duula Olola Dharaa mootummaa Wayyaanee Gabaasa SBO

Godina Lixa Shawaa Aanaaa Midaqenyii Keessatti Uumanni Oromoo Walgahii Dabballoota Wayyaanee Lagachuu Irraan Yakkaman.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGGabaasaa: Adooleessa 17, 2014 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyii keessattitti FDG uummataan jabaachuu irraan uummanni walga’ii dabballoota Wayyaanee balaaleffachuun lagate.

Aanaa Midaqenyi keessatti walgahiilee dabballoonni Wayyaanee yaaman akka uumanni irratti hin argatne taasisuun diddaa mootummaa irratti kakaaftaniittu sababaa jedhuun Oromoota sabboonoo ta’anii aanaa kana keessatti argaman mana hidhaa buusan.

Haala kanaan nama hidhaa poolisa aanaa Midaaqenyii keessatti guyyaa gaafa Adoolessa 15,2014 irraa kaasee hidhamanii kanneen jiran keessaa:-

1. Barsiisaa Addunyaa Maammoo
2.Obboo Sisaayi Lammeessaa
3.Jifaree Masfiin kasseeta eebbisaa sirbisiifte jechuun qabaman,
3.Obboo Takkalaa kannee jedhaman kan keessatti argaman badii tokko malee hidhamanii jiraachuu Qeerroon gabaasa.

Kana malees mootummaan abbaa irree Wayyaanee Aanaa Midaaqanyii ganda Goodaa Galaanitti dabbaloota basaasa isaa bobbaasuun uummata samsiisa jira. haala kanaan dabballootni Wayyaaneef ergamuun qabeenya uumataa gaaffii tokko malee saamuu fi malaamaltummaan uumata rakkisaa kanneen jiran keessaa:-

1 Darajjee Nagarii
2.Tasfaayee Shuumaa kanneen jedhaman yeroo amma kana mootummaa
Wayyaanee amanamaa ta’uunn uummata saamaa jiru.Akkasitti hanga ammaa Oromoonni qabeenya irraa samamanii jiran keessaa:

1.Obbo Qixxumaa abdiisaa
2. Obboo Hirphasaa Bargaaga kanneen qabeenyaan isaanii duraa saamame yoo ta’an uummaanni yeroo amma kanatti mootummaan Wayyaanee waggaa 23 guutuu qorqee nu nyaachaa ture kanaan booda nurraa dhaabbachuu qaba jechuun sirnicha balaaleffachuu itti fufanii jiru

Wallagga,Dambii Dolloo Keessatti Loltooti Wayyaanee Moggaasa Agaaziin Sosso’an Wal Reeban.

Aside

Adoolessa  17,2014 humni waraana Wayyaanee naannoo Dambi Doolloo qubsiifame FDG naannoo sanatti ta’aa jiruun wal qabatee wal dhabbiin jidduu isaaniitti daddaraaraa kan dhufe yeroo ta’u. Tarkaanfiilee uumanni naannoo sanii fudhatuu fi diddaa sirna Wayyaanee argisiisan irraa kan ka’e loltoota goosaan Oromoo hin ta’iin heddumminaan naannoo san qubachiisan.Haala kanaan kan ka’e rakkoon keessatti uumame daran jabaachuu irraan guyyaa har’aa Adoolessa 17,2014 mooraa keessaa wal baasuun reebicha wal irratti raawwataa akka jiran gabaasi Qeerroo naannicha irraa ibsu addeessa.

Haala kanatti kan baarage mootummaan Wayyaanees battalatti araaraf sababa jedhuun lolotoota Federaalaa bakka dhufanii hin beekamne heddumminaan gara Magaalaa Dambi Doollootti galchaa akka jirus gabasi kun hima.

Haalli kun naannoo DD qofa osoo hin taane bakkoota adda addaa waraanni Wayyaanee qubatee jirutti rakkoon fakkaataa akka argamaa jiru dha.

Gama biraan barattooti Oromoo Yuunversitii keessaan boqonnaaf maatii isaanii dubbisuuf gara Dambii Doolloo,Gidaamii  fi  Anfillootti gala jiran buufata konkolaataa irraa eegalanii hamma ganda galaniitti akka sakata’amaa jiran beekame.

Mootummaan Wayyaanee shira sabaa fi sablammootaa walitti buusuu mala jireenyaa godhatee itti fufe.

Aside

Adoolessa 17,2014 D.Dawaa

Mootummaan Wayyaanee Impaayera Itoophiyaa keessatti Uummata nagaa walitti buusaa jiraachuu akeeka kan godhatee fi kan ittiin as gahe ammas daran itti fufuun sabaa fi sablammoota biyyattii keessaa sababa daangaadhaan walitti buusaa jira. Godina Harargee lixaa Mi’eessoo ganda Faayoo bakka Bakka Gaara Soofii jedhamutti lafti Kun Sumaalotaaf tahuu qaba jechuudhaan mootummaan wayyaanee Uummata Oromoo fi Sumaalee walitti buusaa jira. Haala kanaanis Ilmaan Oromoo sadii kan lubbuun isaanii bahe yoommuu tahu Sheik Mohaammed Ziyaad Maanguddoon waggaa 70 keessatti argamu. Wayyaaneen sabaa fi sablammoota walitti buusuun umrii isaa dheereffachuuf jedhcha waan tattaafataa ture ammas itti jira, Uummatni Oromoo aadaa nama waliin jiraachuu fi Kabaja Saba kamuufuu jabeeffachuun xiyyeeffannoo mootummaa Wayyaanee irratti akka taasisu dhaamsa dabarfanna.