Finfinnee, Plloisoonni Oromoo tahanii sirna Wayyaanee tajaajjilaa turan 3 hidhaa galan.
Dhiibbaan Mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru daran jabaachuun kan itti fufe. Haala kanaan Poolisoota federaalaa fi Finfinnee dhalootaan Oromoo kanneen tahan sababaa maadhee ABO ta’uun mootummaa keessatti hojii hojjetaa jirtu jedhuun yakkee mana hidhaatti ukkaamsaa jira. Poolisootni dhalootaan Oromoo tahan
- Alamaayyoo Gurmeessaa poolisii Finfinnee naannoo Gullallee kan hojjetu
- Sintaayyoo Dalasaa naannoo Gullallee kan hojjetu
- Daanyee Biqilaa ittisa biyyaa keessatti hojjetaa dhimma dinagdee
Keessatti argamu. Mootummaan Wayyaanee dhiibbaa kamuu gaggeessus hanga dhumaa bilisummaa Oromoof qabsaa’uuf kutannoo qabanis ibsanii jiran.
Haromaayaa, Ummanni Oromoo Naannoo Haromaayaa Diddaa Itti Fufe
Diddaan mootummaa wayyaanee irratti jabaachuudhaan kan itti fufe Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa keessatti ilmaan Oromoo gibira wayyaanee dhorkachuiu irratti argamu. Godina kana keessatti diddaan qabeenyaan falmaachuu hojiitti hiikamuun ilmaan Oromoo diina irraa bituu fi gurguruu akkasumas bu’aalee diinaa kanneen tahan cufuudhaan gamtaan FDG deemsisuu irratti argamu. Ilmaan Oromoo bakka maraas qabeenya keenya diina dhorkachuun dinagdeedhaan diina akka laamshessinu jechuun dhaamsa dabarsanii jiran.
Qeellam Wallaggaa
FDG wal irraa hin cintne godina Wallaggaa aanaa Qeellam,Anfillootti jabaachaa dhufe. Dargaggoonni Oromoo sochii isaanii itti fufuun falma mirgaa gaggeeffamaa jiru keessattis dhaadannoowwan adda addaa maxanfaa jiru. Sababaa sochii kanaa fi dhadatnoon naannoo mana keessaniitti bittinfameera warra bittinse ykn maxxanse baasaa jechuun loltooti Wayyaanee haadhotii magaalaa Muggii keessa jiraatan lama Adoolessa 06,2014 mana hidhaa keessa galchee dararaa akka jiru Qeerroon gabaasa.Kanneen kunis:-
1.Aadde Makiyaa Abaadirii fi
2.Aadde Anshaa Hiisaa kan jedhaman tahuu beekame.
Angawooti Wayyaanee Hojjettoota Dhimma Nageenyaa Walgahiin Muddaa Jiru.
Mootummaan Wayyaanee hojjettoota mootummaa, dhimma nageenyaa fi qaama mootummaa garaa garaa dhimma Caasaa qulqulleessuun wal gahii muddaatti jirti. Wal gahii kana irrattis mormiiwwanii fi gaaffiiwwan gara garaa mootummaa wayyaanee kan mudatan yoommuu tahu isaan keessaa
- Ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa osoo gaafatanii rasaasaan rukkutamanii ajjeefamaniif itti gaafatamaan eenyu?
- Mootummaan yeroo hundaa ABOn nu keessa jiraa kan kaasuu fi ABO shororkeessaa godhu maaliif maaliif hin dhaabu?
- Oromiyaan qabeenya ishee irraa fayyadamtee jirti kan jennu qabatamaan kami?
Kanneen jedhanii fi kanneen biroon wayyaanee muddama keessa seensisanii jiran. Mootummaan wayyaanees deebii kanaa dhabuudhaan namoota gaaffii kana gaafatan qoratamtu isin ABOti jechuun doorsisuu irratti argamti.