Amboo:- Abbaan Alangaa Manni Murtii Waliigala Oromiyaa Sabboontota Oromoo 52 Irratti Akka Murtii Sobaa Kennu Dirqami Kallattiin Wayyaanee Irraa Itti Kennamuu Qeerroon Gabaase

Aside

Gabaasa Qeerroo Magaalaa Amboo Adoolessa 26,2014
Abbaan Alangaa Manni Murtii Waliigala Oromiyaa Ilmaan Oromoo Ambootti keessatti Wayyaaneedhan hidhamanii jiran irratti himata sobaa akka dhiyeessuu mootummaan abbaa irree Wayyaanee dirqama itti kenne. Yeroo ammaa kanattis ilmaan Oromoo Ambootti hidhamanii jiran keessa ilmaan Oromoo 52 irratti himanni soba dhihaate jiraachuu Qeerroon Ambo irraa gabaasa.
Guutummaa galmee himata Oromoota 52 waajjira mana murtii keessaa bahe kanatti akka itti aanutti dhihaata.

Guutummaa Galmee kanaa argachuuf  :-        

Himata Amboo.pdf

Mootummaan Wayyaanee Godina Arsii Aanaalee Adda Addaa Keessa Waraana Isaa Qubachiisaa Jira‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Asellaa,Adoolessa 25,2014
Q NEWS3AAFDG uummanni Oromoo Oromiyaa keessatti keessan wal qabatee mootummaan wayyaanee soda keessa galuun beekamaa dha. Baatiwwan kana keessattis erga barattootniOromoo manneen barnootaa ol aanaa keessaa boqonnaaf gara maatii isaanitti galanii kaasee Oromiyaa goleewwan garagaraa keessa olola kijibaa tamsaasuun baratootaa fi uumat Oromoo shororkaa itti naquuf jecha karaa dabballoota isaa yaalii guddaa gochaa jiran.

Hawaasa Oromoo keessattuu baadiyyaa xiyyeefate keessatti humni dabballootaa fi tikoota Wayyaanee irraa ijaaraman garee nama 5n ramadamuun baadiyyaa keessa deemuun uumata goolaa jiraachuu dhagahama. Kana irratti hundaawanii gareen kun:-

  1. Dabballooti siyaasaa kanneen ABO dhaan ijaaramanii Oromiyaa keessa gadhiifamanii jiran
  2. Miseensota dhaaba ABO biyya keessatti humnoomee wal gurmeessuun socho’aati jiru.
  3. Caasaadhuma isaa keessaa kanneen shakkii irraa qabu keessattuu hidhattoota irraa shakkii qabuun maqaa qabxiiwwan sadan kanaan ajandaa godhatee Oromiyaa keessatti humni biyya keessatti wal ijaaree socho’uu fi ABOn leenjisee biyya keessa seensise ka’ee waan jiruuf waraana sabaan Oromoon keessa hin jiraatin kan agaaziin socho’u dhalootaan Tigrootaa fi saboota biro ta’an qofa godina Arsii aanaa Zuwaay Dugdaa,Asellaa fi Kofalee keessa facaasee kan jiruu fi humni waraana TPLF kunis kan mul’atu halkan halkan akka tahe gabaasni Qeerroo amma nu gahe ibsa.

Ammas qoratamuunii fi hordofamuun barattootaa daran jabaachuu qaba,shakkiin jiru dargaggoota Oromooti malee abbootii miti kan
jedhuun xiyyeeffannoon ammas godina kana qofa irratti kan xiyyeeffate osoo hin taanee Oromiyaa keessatti barattootni ganna kana hordofamuun dirqiidha jedha gabaasi. Gama biraan Yuuniversitii irraa shakkamanii gara qe’ee galan maatii biraa poolisootaan fuudhamanii garaa fi bakka dhabsiisanii hidhaa jiraachuu fi bakki isaanii kan hin beekamne ni jiru jedha gabaasi Qeerroo kun dabalee.

Mootummaan Wayyaanee sochii uummataa irraa dhiphina keessa seenuun tajajiloota Network balleessuu toftaa godhate.

Aside

Gabaasaa Qeerroo Adoolessa 25,2014: Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n Yaaddoo fi dhiphina ulfaataa keessa seenuun tajajiloota akka network fi ibsaa tajaajila uummata balleessuu akka toftaatti erga fayyadamuu egalee olee bubbuleera.

Mootummaan Wayyaanee Adooleessa 24/2014 hanga har’a Adoolessaa 25/2014 guyyaa keessa sa’aa 8:30tti Guutummaa Oromiyaa irraa tajajila network bilbila hunda balleessuun yaaddoo fi dhiphina keessa jiraachuu ibsattee jirti.

Yeroo ammaa kanas kutaalee Oromiyaa gara dhihaa keessatti ummaanni bilbilaan wal arguu fi ergaa barbaade waliif dabarsuun rakkisaa ta’ee jira. Toofta kanatti fayyadamuun FDG sochii dargaggoota Oromootiin biyya keessatti qabsiifamee bifa garaagaraan itti fufaa jiruu fi sochii hordoftootni Amantaa muslimaa mirgii amantaa keenya sarbame nuuf haa eegamu jechuun itti fufinsaan gaggeessa jiran dura dhaabbachuu fi uummatni yaadaan akka wal hin arginee fi dhaamsa waliif hin dabarsineef ta’e jettee Wayyaaneen network balleessuu toftaa godhattee itti fayyadamaa jirti.

Haalli Wayyaaneen ta’ee jettee network bifa walfakkaatuun guutummaa biyyattii irra balleessa jirtuu kun uummaata hunda biratti haalan han hubatamee fi mootummaan biyyatti maqaa qofaaf karaa foddaa ETV fi media lee biyyatti qofaan jira malee mootuummaan biyyatti kufee jiraachuu uummataaf ifa ta’aa jira.