Aside

Qeerroo Edit

 

Tokkoomuu ABO fi Qaama Ce’umsaa ABO Irratti Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Adoolessa 19,2014

Nuti gareen hoggana Qeerroon Bilisummaa Oromoo labsa tokkoomuu ABO fi Qaama Cee’umsaa ABO gidduutti mirkanaa’ee jiru yeroo dhageenyutti gammachuu guddaatu nutti dhagaa’ame. Ammaan dura waggoota muraasaaf wal hubatnoo dhaba ABO gidduutti mudatee turetti gaddaa kan turre, yeroo ammaa rakkoon jiru karaa nagaa furamee tokkummaan ABO jabaatee waliigalteen tokkummaa mallatteeffamuun hoggansii ABO qaama tokko jalatti deebii’uun milkii guddaa fi injifannoo boonsaa ta’uu Qeerroon  dinqisiifachuun ibsa armaan gadii dabarsee jira.

  1. Bakka buutonni Qeerroo bilisummaa Oromoo Godina Oromiyaa bakkoota gara garaa keessatti FDG bifa qindaa’een qabsiisuun abbaa irree Wayyaanee waawwachisa yeroo jirrutti ibsa tokkoomuu ABO fi qaama cee’umsaa ABO yeroo dhageenyu hedduu gammadne.ABO’n gaachana uummata Oromooti. Uummanni Oromoos dhaaba kana ni jaalata, ni kabaja, yeroo ammaa kanatti uumata Oromoo Oromiyaa keessa jiru biratti ABO jechuun mallattoo eenyummaan Oromoo fi Oromiyaa itti beekamu ta’uu irraan ummati Oromoo akka eenyummaa isaatti ilaala.ABO’n uummatni Oromoo gita bittaa kam jalaa iyyuu ba’ee mirgii namoommaa fi mirgii dimookiraasii kabajameefii mirgi abbaa biyyummaa uummata Oromoo mirkanaa’ee Oromoo fi Oromiyaan akka wal simatan dhaaba uummata Oromoo fedhii uummata Oromootiin hundeeffame jarmiyaa ulfina qabeessa Oromoon itti amanudha. Kanaaf rakkinni hogganoota dhaaba kana gidduutti mudatee ture karaa nagaan furamuun jijjiramni siyaasaa fi wal danda’uu guddaan dhaabicha giddutti uumamuun jijjirama siyaasa Oromoo waan ta’eef labsa tokkomuu ABO kana dachaan kan deeggaru ta’uu hoogganni Qeerroo bilisummaa Oromoo gammachuu itti dhaga’amee jiru ibsata.

 

  1. Jijjiiramni siyaasaa ABO keessatti yeroo amma mallatteeffamee jirutti ija gochuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo wareegamaa barbaachisuu itti fufinsaan kanfaluuf qophii ta’uu ibsuun nuti Qeerroon bilisummaa Oromoo qabsoo eegallee jirru daran jabeessuun kan itti fufnu ta’uu ejjeennoo keenya sochiin kan mul’ifnu ta’uu ni hubachiifna.

Guutummaa Ibsa Qeerroo dubbisuuf: – Walii Galtee ABO Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adoolessa 19 2014

Manni murtii waliigala Oromiyaa ol iyyaannoo Oromoota mana hidhaa Amboo keessatti hidhamanii ilaaluun mirgii wabii isaanii qarshii 1000’n akka eegamuuf kan murteesse humni Poolisa fi loltoota Wayyaanee guutummaatti dura dhaabbachuun murtii dhadacha Oromiyaa fashalsuun Oromoota hidhaatti deebise.

Aside

Q NEWS3AAGabaasaa: Adoolessa 18,2014 , Manni Murtii Waliigala Oromiyaa ol iyyaannoo Oromoota mana hidhaa Amboo keessatti hidhamanii ilaaluun, mirgii wabii isaanii qarshii 1000’n akka eegamuuf muteessuullee Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraanaa fi qawweetti amanaa jiru, Murtii manni murtii waliigala Oromiyaa murtees hin fudhadhu jechuun ilmaan Oromoo akka hidhaa irra hin gadhiifamne humna loltuu, tikaa fi poolisa of harkaa qabuun dura dhaabbachaa jira.‏

Sochii FDG Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruun wal-qabatee FDG karaa nagaa uummaatni Oromoo Godina Lixa Shawaa diddaa sirna abbaa irree irratti gaggeessa jiru jabeessuun mootummaan faashistii Wayyaanee nu hin bulchu jechuun karaa nagaa uummata sagalee diddaa dhageesisaa jiru irratti mootummaan Wayyaanee baatii Eblaa irraa eegaluun hanga ammaatti uummata Oromoo hidhuu, ajjeessuu, ukkamsuun gara dabarsuu, madeessuu fi gochaa diinummaa uummata Oromoof qabu mul’isuuf jecha jiraachun beekamadha. Ilmaan Oromoo badii tokko malee jumlaan ukkanfamanii mana hidhaa wayyaanee Magaalaa Amboo fi naannoo isheetti argamanitti galfamani utuu mana murtiitti illee hin dhiyaatiin dararama kan jiran ta’uun ibsamera.

Haa ta’uu malee kaka’umsaa fi dammaqinsaan hoggansii Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhihaa Oromiyaa uummataa fi Maatii hidhamtoota ilmaan Oromoo cina dhaabbachuun uummata keenya hidhamanii dararama jiraniif ol iyyaannoo gara mana murtii waliigala Oromiyaatti dhiyeessuun torbee darbee keessa ilmaan Oromoo seeraan ala hidhamanii dararamaa jiran erga hidhamanii gariin isaanii utuu mana murtiitti hin dhiyaatiin baatii sadii oliif hidhamanii dararamaa waan jiraniif haalduree tokko malee mirgii seeraan qaban eegamee akka gadi lakkifamanii fi akka mirgi wabii isaaniif eegamuuf jechuun ol- iyyaannoon hidhamtoota Oromoo karaa bakka bu’oota isaanii Mana murtii Oromiyaaf dhiyaatee deebii eeggachaa ture.

Manni murtii Waliigala Oromiyaa Iyyaannoo hidhamtoota ilmaan Oromoo itti dhiyaate ilaaluun Adoolessaa 17/2014 Dhaddacha oleen uummaanni Oromoo Manneen hidhaa Godina Lixa shawaa Amboo irraa iyyaannoon dhiyaateef yakka akka hin qabne hubachuun kanneen ol iyyaannoon qaqqabee jiruuf mirgii wabii qarshii 1000 akka eegamuuf ajaja mana murtii waliigala Oromiyaa dabarsuun isaa ni yaadatama.

Garuu dabballootni mootummaa Abbaa irree gaafa afrikaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO ‘n humna waraanaa fi hidhatoota dabalachuun akka ilmaan Oromoo kamuu mirgi wabii isaanii kanneen eegameefii jiru, hin gadhiifnuu jechuun daraaraan itti caaluu ibsamee jira. Kana malees ilmaan Oromoo yeroo amma mana hidhaa kalchallee Ambootti hidhamanii jiran mirgii wabii isaanii afaan qawween sarbamee jira. Humnootni waraanaa, Tikaa fi poolisootni dabballee abbaa irree Wayyaanee ta’aan ilmaan Oromoo akkan hin hiikamne afaan qawween ajaja mana murtii Oromiyaa dura dhaabbatan. Haallii kun uummata daran kan aarsee waan ta’eef uummaanni manni murtii Oromiyaa aangoo hin qabuu?? Jechuun FDG irratti kaachisuuf qophii cimaa irratti argama. Magaalaan Amboo fi manneen hidha Amboo keessatti argaman humna waraanaa guddaan eegamaa jiru. Ilmaan Oromoo mirgii wabii eegaamee fi jiruu atattamaan yoo kan hin gadhiifamnee ta’ee rakkoon ulfaataan mmootummaa abbaa irree Wayyaanee akka mudachuuf jiruu poolisootni ilmaan Oromoo sabboontota ta’an ibsaa jiru.
Mootummaa wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO olaantummaa seeraatti hin amanne, mirga namummaa fi dimookiraasii afaan qawween nurra mulqaa jiru angoo irraa maqsuuf yeroon gamtaan qabsoo FDG finiinsan amma,waamicha FDG dhiyeenyatti hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo godina dhiha Oromiyaa dabarsuu hordofuun, uummaanni Oromoo qotee bulaan, dargaggoonni, barattootni, barsiisotni, daldalaan, hojjetaan mootummaa, dafqaan bultootni, poolisootni , fi hidhattootni dhalootaan Oromoo taatanii fi sabboonummaan Oromummaan isinitti dhagaa’amu FDG keessatti hirmaachuun ga’ee keessan akka gumaachitan hoggansii qeerroo
bilisummaa Oromoo waamichaa lammummaa isiniif dabarsaa jira.