Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, July 5, 2014
Aside
Gabaasaa: Adoolessaa 5,2014 Godina Jimmaa magaalaa Jimmaa keessatti FDG Qeerroo ykn dargaggootaa fi barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaan gaggeeffama jiru daran jabaachuun gara mooraa waraanaa fi Poolisootatti tarkaanfachaa jira.
Ilmaan Oromoo mooraa waraanaa Wayyaanee magaalaa Jimmaa keessatti argamuu kan kutaa 12ffaa (Asira 12nya kifile xoor’ jedhamee beekamuu fi buufata waaraanni eegumsa godhina dhiha biyyattii jedhamee beekamuu keessatti FDG eegaleen humnooti waraanaa ajaja mootummaa irraa gadi darbu fudhachuu diduun gaaffii kakaasaa jiraachuun isaanii beekame.
Haala kanaan kan baarage mootummaan Wayyaanee humna qorattaa addaa jechuun kallattiin dhalootaan Oromoo kanneen ta’an warreen ta’an qoratamaa akka jiran beekame. Ajajootni Waraana TPLF/EPRDF aangoo waraanaa ofiin dhunfachuun Oromoo fi saboota biroo maxxantuu fi ergamtuu godhachuun itti fayyadamaa jiraachuu irraan mormiin mooraa waraanaa kana keessatti dhalatee jiruu ilmaan Oromoo qorannoo guddaaf saaxilee jira.
Poolisootni dhalootaan Oromoo ta’anii fi Oromummaa isanitti amanan maqaa sochii FDG barattootni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa gaggeessa jiran keessa harka qabdu, dargaggoota barattoota Oromoo Yuuniversiitii Jimmaatu isin ijaaree, miseensa Qeerroo ta’uun ijaaramtanii jirtu fi gaaffiilee kanneen fakkaatan dhiheessuun qormaataan akka cinqaa jiran gabaasi keessa moorichaa qeerroo dhaqabe addeessa.
Yeroo amma kanattui Poolisootni haala kanaan dararamaa jiran:
Qindeessitooti FDG Oromoo ilmaan Oromoo kun Oromoo ta’uu qofaan balleessa tokko utuu hin qabaatiin dararamaa waan jiraniif Polisootni Oromiyaa dhalootan Oromoo ta’an bakka jiranii dammaquun roorroo saba isaanii irraa akka ittisaniif wamicha caasaa keessaan akka dabarsaa jiru addeesee jira.