Barattooti Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu 4 Boqonnaa Yeroo Gannaaf Gara Maatii Isaanii Wallagga,Gidaamii Itti Galan Tika Wayyaaneen Qabamuun Bakka Buuteen Isaanii Dhabame‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Qellem,Gidaamii Adoolessa 26,2014

BilisummaaMootummaan wayyaanee barattoota boqonnaa yeroo gannaaf maatii galan maatii irraa  irraa ugguruudhaan qabee mana hidhaatti galchaa akka jirtu gabasi nu gahe addeessa. Har’a gabaasni Qeerroo Qellem Giddamii irraa nu dhaqqabe kan ibsu barattoota madda Walaabuu Yuuniversitii irraa galan aanaa Gidaamii ganda Giraay Sonqaa jedhamu irraa basaasaa wayyaanee aanaa kaan irratti ilmaan Oromoo dabarsee diinaf saaxilun kennaa jiruun saaxilamanii humna waraana Wayyaanetti kennamuudhaan  Adoolessa gaafa 18/2014 qabamanii hidhamanii jiru. Basaasaan wayyaanee maqaan isaa Waaqgaarii Qan’aa kan jedhamu jiraataa aanaa Gidaamii ganda Giraay Sonqaa jiraataa kan ture amma garuu ganda Afteer Saanboo jedhamutti teessoo jireenya isaa kan jijjiirrate maqaa qindeessitoota FDG,Miseensa ABO, Alabaa ABO fannisuutiin, uummata kakaasuu fi ijaaruun duras aanaa kana keessatti isaan kun warra duraati jechuudhan yuuniversitii irratti hojii kana hojjetaa akka turan jedhee diinaaf kennee kan jiru gabaasni nu gahe ibsa, ijoollotni kuni maqaan isaanii akka arman gadii kan taheedha

1.Gammadaa Birhaanee

2.Solomoon Taaddasaa

3.Mallasaa Taaffasaa

4.Amaanu’eel Facaasaa

kan jedhamaniidha, namootni maatii akka tahanii fi amma gara itti hidhamanillee kan hin beekmne tahuu isaa Qeerroon gabaasee Qellem Wallaggaa Gidaamii irraa nuuf gabaasee jira.

NAMUU GAAZEXESSAA TAHAA?

Aside

Qajeelchaa Bultoo ,July 20, 2014 

Hanqina 15 fi cimina 4

SEENSA

barruuDalagni cuftuu fedhii fi dandeettii of-danda’e gaafta. Martinuu naamusaa ogummaa, seeraa fi akkaataa itti hojjetamuun masakama.

Namni tokko tahuu kan hawwuu fi dandeettii inni qabu wal-simatuu fi dhiisuu dandaha. Kanneen akkuma hawwanitti dalaga fedhan argatanii beekaman hedduutu jiru. Faallasaatiin, fedhiin jiraatullee dandeettii fi haaalli mijatuu dhabuun bakka yaadame kan hanaqatanis hedduu dha.

Ogummaan gaazexeessuumaas akkuma warreen kaanii fedhii(kaka’umsa), dandeettii, murannoo, seera, naamusa, beekumsa, fi hubannoo ogummaa sanaa sirriitti qabaachuu, guddifachuu akkasumas ittiin masakamu fi dalagarra oolchuu gaafata.

Kana jechuun, namni marti lafaa kahee gaazexessummaa tahuu hin dandahu jechuu dha. Kana jechuun, namni sabaa himaa irra dalaghu cufti maqaa sana himatellee, gaazexessaa tahuu hin dandahu. Namni marti loltuu  fi weellisaa akkuma hin taane jechuu dha.

GAXETEESSITOOTA OROMOO BIYYA ALAA

Ogummaa gaazexeessitoota Oormoo biyya keessaa kana keessatti ilaaluu hin feene. Sababiin isaas mootummaan akka fedheetti isaan ajajee waan dalaganiif , walaba tahanii hojjechuu hin dadahani. Kunimmoo isaan madaaluuf naa rakkisa. Dalagni isanaii akka walii galaattii arrabaa fi ija mootummaa ti. Warri biyya ambaa jiran garuu walabummaa yaadaa fi hojii waan qabanaiif hojii isaanii ija ogummaatiin gilgalamuu dandahu jedheeni waanan amaneefi.

Gaazexeessitoota Oromoo biyya alaa jiran, mee yoroof kan VOA-Afaan Oromoo dhiifnee, warri kaan hedduun, hedduun ogummaa gaazexeessummaa hin qabani yoo jenne dhugaarraa fagoo nutti hin fakkaatu.

Akkaataa saganataa fi oduu ittti dhiheessan, gaafii fi deebii taasisan, sirba affeeraanii fi bakkatti kutan, akka qophii tokkotti seenanii fi bahan, qabiyyeesaa, yoroosaa, jechoota itti fayyadaman, sirobboota affeeranii fi qabiyyee sagantaa dhiheessan wal-simachiisuu, seera ogummaan suni gaafatu qabaachuu, waanta jedhamuu fi hin jedhamne adda baasuu, sagalee fi fuula radio fi TVf tahu qabaachuu/dhiisuu, kkf hedduu hedduu tarreessuun ni dandahama. Ija kanaan yoo gaazexeessota Oromo madaalle hedduun isanaii hin jirani.

Muraasa irraa kan hafe warri gaazexessa jedhaman waan ogummaa gaazexeessummaa kan hubatan hin fakkaatu.

Fedhiin yoo jiraatellee xiqqaate leenjii bu’uuraa fudhachuu feesisa. Lafumaa ka’anii kan radio fi TV itti bahamu yoo tahe bu’aa isaarraa mudaasaatu caaluu mala.

SABABA BARRUU KANAA:– Yaadaa fi hanqina gaazexessitoota