Breaking News ,Hamma Oromiyaan Bilisoomtu FDG Hin Dhaabnu Jechuun Ummanni Amboo Diddaa Farra Gabrummaa Itti Fufe.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGWaxabajjii 3,2014 FDG Marsaa 2ffaa Godina Lixa Shawaa Magaalaa Amboo keessaatti jabaachuun itti fufee jira. Guyyaa har’aa sabboontootni barattootni Oromoo mana barumsaa Hoomachoo sadarkaa 1ffaa kan magaalaa Amboo ganda 06 keessatti Argamu FDG bifa haarawaa ta’een kaachiisan, goototni Barattootni Oromoo kun gaaffiin isaan kaachisanis 1ffaa, Ilmaan Oromoo hidhaman haa hiikaman, 2ffaa Ilmaan Oromoo waraanni wayyaanee ajjeeseef itti gaafatamaan moortumma federaala EPRDF dha, 3ffaa, gaaffii mirgaa fi dimookkiraasii gaafanneef deebiin nuuf kennamuu qaba, 4ffaa Dulli hidhaa uummata Oromoo irratti baname nurraa dhaabbachuu qaba, waraanni wayyaanees magaalaa Amboo gadhiisuu qaba. 5Ffaa master Plaaniin dhimma Magaalaa Finfinneetiin wal qabatu guutummatti haqamuu qaba kanneen jedhan kan of keessatti qabate gaafachuun barattootni Oromoo kunneen FDG gaggeessan.
FDG barattoota kana dhaabuuf itti gaafatamaan mana barumsaa Hoomachoo sadarkaa 1ffaa namni Tashoomaa Magarsaa jedhamu bilbila bilbiluun sabboontota barattoota Oromoo irraatti waraana waamuun battalatti dhaga’amee, sabboontotni dammaqoon irratti dammaquun situ diina uummata Oromoo ijoollee Oromoo irratti waama jechuun dirikteera mana barumsa kanaa irratti barattootni tarkaanfii reebbichaa irratti fudhachuun yeroo amma du’aaf jireenya gidduutti mana yaalaa ciisee dhiphachaa jirachuu ibsame jira.

 

Hardha Oromiyaa keessatti: Seife Nebelbal Radio, June 3, 2014

Aside

SBO Waxabajjii 04 Bara 2014 – Oduu – Gabaasa Hiriira Nagaa Hawaasa Oromoo Awusralia fi kanneen biroo

Aside

Ajjeefamuun Barataa Oromoo Daangaa Dhabe! Barataan Kutaa 10ffaa Daawwit Waaqjira Wallagga Anifilloo Keessatti Waraana Wayyaaneen Rukutamee Wareeganuun Gabaafame

Aside

Waxabajjii 03,2014 Dambi Doolloo

Qeerroo bilisummaaGabaasa Qeerroo Qellem Wallaggaa Anfilloo Waxabajjii 03/2014 galgala keessaa sa’a 3:40 irratti.Mootummaan wayyaanee humna agaazii oromiyaa keessa tamsaasuudhaan gaaffii tokko malee nama oromummaa isaaf dhaabbatu rasaasaan rukuchiisaa jira.Gabaasni kun akka addeessutti kaleessa Waxabajjii 02/2014 barataa kutaa kurnaffaa qormaata biyyoolessaa fudhatee gale sabboonummaa isaatiin kan ka’e yakka tokkollee kan hin goone humna waraana agaaziitiin qabamee bosona seensisuudhaan reebicha hamma du’aatti irratti raawwatan,erga reebanii miidhanii booda sadarka du’a isaa beekuudhaan rasaasaan rukutani.
Barataa Oromoo wareega qaalii kafale kana bosona keessatti reebanii erga hamma du’aatti deemsisanii booda galgala daandiitti baasaniiti rasaasaan akka rukutan kan ijaan argan ni dubbatu. Barataan kun maqaan isaa Daawwit Waaqjira jedhama.Guyya har’aa sirni awwaalcha isaa kan gaggeeffame yoo tahu humni waraana agaazii wayyaanee jedhamu kun uummata naannessee marsuudhaan hamma reeffi mucaa awaalamee xumuramutti akka waan rukuttaadhaaf qophiin jiruutti bakka qabachuudhaan gandi Ashii jedhamtu dirree waraanaa fakkaattee ooltee jirti jedhu maddi gabaasa Qeerroo Anfiilloo!

Kana malees ganama  Waxabajjii 03,2014 dargaggoon Addisuu Aagaa jedhamu magaalaa Laaloo Qilee keessa Motorbike qabatee osoo nagaan deemaa jiruu  poolisoonni Oromiyaan reebamee Hosptala Ayiraa gullisoo galee akka jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.

anfilloooo anfilooo anifilo qelam

Sabboontichi Oromoo Barsiisaa Magarsaa Abdiisaa Mana Hidhaa Wayyaanee Wallagga Baha Ayiraa Keessatti Reebicha Loltoota Wayyaanee Irraan Wareegame.

Aside

Waxabajjii 03,2014 Ayiraa Gullisoo

Q NEWS3AAMootummaan Wayyaanee ajjeechaa ilmaan Oromoo irratti geessitu jabeessuun kan itti fufte Godina Wallaggaa lixaa magaala Guulisoo keessatti barsiisaa BLLTO kan tahe barsiisaa Magarsaa Abdiisaa jedhamu kan dhalootaan Wallaggaa bahaa aanaa Jiddaa kan tahe reebichaa loltoota Wayyaanee irraan kan ka’e wareegame.

Barsiisaa Magarsaa Abdiisaa sabboonummaan dhalatee kan guddate miindaa mootummaa Wayyaanee nyaatnee Uummata Oromoof hojjenna malee bitamna miti jechuun ejjennoo jabaa qabatee ilmaan Oromoo keessumattuu daraggootaa fi barattoota barsiisaa kan ture yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee gaaffii abbaa biyyummaa gaafatamaa dhufeen wal qabatee mana hidhaatti kan ukkaamse yoommuu tahu reebicha addaa irraan gahuun Lubbuu isaa dabarsanii jiran. Uummatni Oromoo maal eegna?? Kana booda Uummatni martuu mirga isaaf ka’uun dirqama akka tahu waamicha jabaa dabarsina. Ajjeechaa mootummaan wayyaanee gaggeessaa jirus daran balaaleffanna. Qeerroon wareegama barbaachisaa baasee Uummata Oromoo bilisa baasuuf jabaatee kan hojjetu tahuus mirkansa.

Dhaamsa fi Galfata Jaallan Qabsoof Kufatnii/Qeerroo Bilisummaa 2014

Aside

ABO Waliin Hidhata Qabdu Sababaa Jedhuun Bulchitootii fi Gaafatamtooti OPOO Godina Lixa Shawaa Hojii Irraa Arihamaa Jiru.

Aside

Waxabajjii 03,2014 Amboo

Q NEWS3AACaasaan Bulchiinsa Godina Lixa Shawaa Godina hanga gandatti Angoo irraa arihamaa jiraachuu gabaasi Qeerroo naannicha irraa gabaasa. Gaafa guyyaa Waxabajjii 1,2014 Mootummaan Wayyaanee angawoota OPDO sadarkaa gandaa, Aanaa, fi Godinatti aangoo bulchiinsa fi gaafatama OPDO irraa mulquun hojii irraa arihaa jiru.

Akka kanaan godina Lixa Shawaa keessaa ABO waliin hidhata qabduu fi sochii ABOn Oromiyaa keessatti taasisuu keessatti qooda ol aanaa qabaachuun keessan bira gahameera sababaa jedhuun aangawoota bulchiisnaa fi gaafatamtoota OPDO godina Lixa Shawaa hojii irraa arihaman keessaa:-

1.Obboo Shuumii Lataa bulchaa anaa Midaa Qanyii

2. Badhaasaa Of ga’aa Dabballee OPDO fi itti gaafatamaa waajjiraa dhaabaa OPDO kan ta’ee dabalatee kaabinootni aanaa midaa Qanyii dhalootan Oromoo ta’an namootmi 8 olitti lakka’aman gaaffii tokko malee ABO waliin hidhata qabdu sababaa jedhuun aangoo bulchiinsa irra arii’ataman.

Kana malees Guutummaa Godina Lixa Shawaa kanneen akka Amboo, Gudar, Tokkee Kuttaayee, Xuquur Incinnii, Jalduu, Geedoo , Baakkoo fa’itti haala walfakkatuun Angawootni aanaalee, Godinaa, fi gandoota aangoo irraa arii’amuu irratti argamu. Bulchitootni godina Lixa Shawaa hundi yeroo amma kanatti aangoo irraa kaafamanii, Godinichi humna waraanaa guddaan bulaa jira, sochiin uummataas waraanaan eegamaa jira qabeenyaan uummataas waraanaan saamamaa jira, yakkootni akka saamichaa, humnaan dirqisiisanii gudeeduu dabaltee uummaanni jumlaan hidhatti guurama jiraachuun beekamee jira.

 

 

Student Nimona Tilahun Terminally Ill After Torture

Aside

RAB_June120142(RAB, Waxibajjii 1, 2014) Mootummaan Woyyaanee Hegeree Biyyaa akkasitti karaatti hambisaa jira!


Dargaggoo Nimoonaa Xilaahun bara 2007 yunversiitii Finfinneetii eebbifamee godina Kaaba shawaa mana barumsaa Shanootti barsiisaa ta’ee yeroo ramadame akkuma dargaggoo Oromoo kaanii innis ummata isa guddisee, barsiisee kanaan isa ga’e tajaajiluuf hawwii guutuudhaan ture kan inni hojii barsiisummaa eegale. Akkuma dargaggeessa kamii iyyuu mana dhaabee ijoollee godhatee jireenya gaggeessuuf abjuun isaa bara dheeraa waan bakka ga’aa dhufe itti fakkaate.

Waxibajjii 26, 2008 namni mul’ataa kun hojii barsiisummaa jalqabee reefuu baatii muraasa hojechuu isaati. Guyyuma kana akkuma guyyoota kaanii hiriyyoota isaa wojjin utuu mana barumsaa inni barsiisuu galaa jiruu konkolaataan lakkoofsa gabatee ishee 3-F taate dingata dhuuftee fundura isaa dhaabbate. Konkolaataan kun kan Poolisii Federaalaati. Konkolaataa kana keessaa namootni uffata sivilii uffatan utaalanii bu’uudhaan balleessaa tokko malee barsiisaa Nimoonaa ukkamsanii fuudhanii sokkani.

Dargaggoo Nimoonaa utuu gara wojjira poolisii anichaatti illee hingeeffamiin dabarfamee iddoo hinbeekamnetti geeffamuu isaa namootni yeroo sana ijaan argan himaniiru.

Haalli kun kan isaan yaadesse Oromootni baayyeen dhaabbileen mirga dhala namaa tiksan addunyaa dhiimma kana duukaa bu’anii lubbuu dargagoo Nimoonaa akka baraaraniif waamicha godhanii turan.

Woggaa tokko, waggaa lamaa, sadii … woggootiin 6 nilakkaa’aman………
Mootummaan Woyyaanee ilmaan Oromoo, keesummaa immoo hegeree biyyaa kan ta’an dargagoota Oromoo hamilee cabsuuf tooftaa inni itti gargaaramu keessa inni tokkoo dargaggoota oromoo sammuu cimaa qaban ukkamsee mana hidhaa buusee, achitti torchii godhee, namummaatii isaan baasee gaafa isaan qarqara boollaa irra ga’an gadi darbachuu yookanis mana hidhaa keessatti ajjeesee reeffa isaanii baasuudha.

Dargaggoo Nimoonaas carradhuma kanatu isa argate. Woggootii ja’aan darbaniif Manneetii hidhaa Mayikelaawwii, Qaallittii, Qiliinxoo, akkasumas Ziwaaytti gidiraa ilmoon namaa arguu hinqabne baayee arge. Kana irraa kan ka’es dhukkuba irra bu’e. Dhukkuba isaa kanaafis yeroo dheeraa fuundura woldhaansa haakimaa argachuun irra ture hinargatiin hafe. Bulchiinsi mana hidhaa Lubbuu dargaggoo kanaa baraaruuf gargaarsi woldhaansaa hakimaa olaanaan akka isa barbaachisu yoo beeke illee yeroo dheeraadhaaf irratti ilaaleera. Dhuma irratti guyyaa muraasa fuudura waardiyyoota poolisii federaalaa afuriin marfamee eegamaa hospitaala Xiqur Anbessaa akka seenu yoo godham iyyuu dhukkubni isaa waan baayyee irra tureef, yeroo itti gargaarsa argatutti waan hinargatiin hafeef hakiimotni kana booda waan baayee gargaaruu akka hindandeenye dubbataniir.

Umrii waggaa digdamootaa keessatti kan argamu dargaggoo xobbeen abdii borii amma guyyaa du’a isaatii eegachaa jira.

OMN: QOPHIILEE WAXABAJJII 2, 2014

Oromo Voice Radio broadcast on June 2, 2014

Barataan Yuunivarsiitii Haramaayaa Hasan Huseen mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti wareegame

Aside

Waxabajjii 03,2014 Finfinnee

Ajjeechaan ilmaan Oromoo keessumaa barattoota Oromoo irratti xiyyeeffatamuun tarkaanfiin fudhatamaa jiru itti fufee jira. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti gaaffii abbaa biyyummaa gaafachuudhaan Mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamuu irraan darbuudhaan barattootni Oromoo mana hidhaa keessatti ajjeefamaa jiru. Barataa Nuuraddiin (Alsan) Hasan Barataa Computer science waggaa 2ffaa kan tahee fi dhalootaan Godina Shawaa lixaa magaala Baakkoo kan tahe mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamuun dararaa jabaan erga irraan gahaa turee Gaafa 02/06/2014 mana hidhaa keessatti lubbuun isaa darbee jira. Mootummaan Wayyaanee dararaa ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru daran jabeessaa dhufus ilmaan Oromoo gamtaan falmatti seenuun mootummaa abbaa irree bara baraan ilmaan Oromoo keessatti ammo dargaggoota Oromoo ajjeesaa, hidhaa fi biyya irraa ariiaa jiru dura akka dhaabbatu Barattootni Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Qeerroon Oromoo waamicha Oromummaa dabarsa.

Qabsaaaan ni kufa; Qabsoon itti fufa!!

Barataan Naa’ol Kabbadaa Civil Engineering Reebicha Loltoota Wayyaaneen Irra Gaheen Guddoo Miidhame.

Aside

Waxabajjii 03,2014 Finfinnee
Ebla 25 irraa kaasee oromiyaa guutuu keessatt FDG gaaffii haqaa qabatee dho’een mootummaan wayyaanee naasuu fi sodaa keessa seeneen barataa fi uummata walitti qabee rasaasaan reebuun ajjeesuu fi madeessuu akasuma hidhuu kan hidhe ammoo reebicha hamaa irratti raawwataa jiraachuun isaa waan ifaadha. Yeroo ammaa oromiyaa keessatti manoota hidhaa 46 ol ta’an keessatti oromoon haala suukkanneessaa keessa jira.Ebla 25 irraa kaasee oromiyaa keessatti duulli hidhaa itti fufeetu jira.

Yuuniversitii Haromayyaa irratti barattoota gaaffii mirgaa gaafatan jumlaadhaan mana hidhaatti guuraman keessaa maqaa namoota argannee torbanoota sadii dura gabaasuun keenya ni yaadatama. Haata’u malee barataa Naa’ol Kabbadaa Civil Engineering mooraa kanatti baratu erga gaafa tika wayyaaneetiin qabamee mana hidhaa maa’ikelaawwii seeneetii duulli reebichaa itti wal jijjiiruudhaan irraa hin dhaabbatin jira.Barataan kun yeroo ammaa Hospitaala Leenca Gurraacha(Tikur Anbessaa Hospital) keessatti du’aa fi jireenya gidduu akka jiru Qeerroon deemee ijaan arge gabaasaa jira. Hamma nyaata nyaachuu dadhabuu fi of qabuu dadhabuutti jira jireenyi isaa guutummaan hin dalagu jedhu afuura qofatu keessa dhikkifata garuu lubbuudhaan ciiseetu jira jedha gabaasni Qeerroo. Ajaa’iba yaa uummata Oromoo amma uummanni oromoo haala seenaan hin daganne keessatti argamaa jira,kan dhugaaf jedhee lubbuusaa kennes tahe kan garaaf jedhee saba isaa diinaaf kennes seenaan hin dagatu bilisummaan hin haftu har’a dhiigni keenya lola’e har’a ajjeefamne boruu keessaa bahuuf jirra!