Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Waxabajjii 05,2014

Aside

Wallagga Naannoo Beegii Keessaa Oromoonni Waraana TPLFn Qabamanii 200 Ta’an Yeroo Hidhaman 9 Ammoo Bakka Buuteen Isaanii Dhabame.

Aside

Waxabajjii 06,2014 Wallagga Beegii

Qeerroo bilisummaaSochiin FDG uumanni Oromoo guutuu Oromiyaa keessatti qabsiise itti fufee Wallagga naannoo Beegii keessatti diddaa barattootii fi qonnaan bultooti Oromoo kaasaniin wal qabatee Oromoonni 200 ol ta’an manneen hidhaa adda addaa keessatti ugguramanii kan jiran yeroo ta’u kanneen keessaa Oromoonni 9 hanga ammaa bakka buuteen isaanii hin beekamne.Maatii fi sabboontoti Oromoo manneen hidhaa naannoo san jiran keessaa barbaadanii fi barbaachisanii akka dhaban gabaasi Qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa. Kanneen kunis:-

1.Asfawuu Lissaanaa fi
2.Qaddamaa Beekkataa,ijoolleen kun lamaan jiraattoota magaalaa Begii ganda 01 keessa kan jiraataa turan yeroo ta’u.
1.Daawwit Bal’inaa
2.Abdii Raggaasaa
3.Malkaamuu Abarraa
Barattooti kuniin ammoo barattoota jiraattoota magaalaa Begii naannoo Gaba Dafinooti.
4.Bakkalcha Mikaa’el
5.Gammachis Mikaa’el
6.Zakkaarii Dhaabaa
7.Ramadaan Xahaa
Gama kaaniin  ammoo qote bultoota magaalaa Begii Guddaa kan jedhaman keessa jiraatan lama Waxabajjii 04,2014 qabamanii bakka buuteen hin baramne keessaa namni lama:-

1.Alii Tarfaa
2.Abbush Taakkalee

Kanneen jedhaman yeroo ta’u Mootummaan Wayyaanee hidhaa fi ajjeechaa akkasumas dararaan ilmaan Oromoo qabsoo irraa duubatti deebisu akka hin dandeenye qeerroon addeessa.

OMN: Oduu Waxabajjii 5, 2014

Aside

Anis Biyyaan Qaba!!!

Aside

#OromoProtests: Hunger-Strike in Seattle

June 5, 2014

seattle8An #OromoProtests Solidarity Hunger-Strike in Seattle, Washington, June 3, 2014 at 8am local time. The hunger-strike will continue until today, June 5, 2014.

The hunger-strike was organized by the Oromo Community of Seattle to seek justice and appeal to the U.S. government for the several scores of Oromo university and high-school students massacred by the TPLF Ethiopian regime in April and May 2014 as the students were engaged in nonviolent/peaceful protests against the Addis Ababa Master Plan, a plan which aims to expand the administrative boundaries of the Addis Ababa City into the Federally and Constitutionally instituted State of Oromia. In addition to the expansion, the Master Plan will also result in the evictions of millions of Oromo farmers. More on :- http://www.Ayyaantuu.com

Maanguddoota Oromoo 4 FDGf Magaalaa Gimbii Irratti Ke’eef Adda Duree Dha Jechuun Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Hidhaa fi Reebicha Irraan Gahe.

Aside

Waxabajjii 05,2014 Gimbii

BilisummaaGabaasa Godina Wallagga lixaa magaalaa Gimbii irraa har’a Waxabajjii 05,2014 addeessuun,ammallee mootummaan abbaa hirree mootummaan Wayyaanee EPRDF uummata Oromoo humnaa fi aangoo isaatti fayyadamuudhaan mana hidhaatti guuraa jiraachuun isaa ifaa ta’ee jira.

Akka gabaasi Qeerroo magaalaa Gimbii addeessutti FDG kanaan dura lixa Oromiyaa magaalota garagaraa keessatti dho’ee finiinaa tureen namoota muraasa isintu adda duree ta’ee uummata qindeessuu irratti hojjetaa turtan jechuudhaan maanguddootaa fi abbootii maatii 4 torbee kana keessa magaalaa Gimbii irraa funaanuudhaan mana hidhaa keessatti reebaa jiraachuun ishee poolisoonni kanneen uummata Oromoof garaan isaanii gubatu ragaa bahaa jiru jedha Qeerroon.

Uummanni dhmma namoota kanaaf gaaffii yeroodhaa yerootti akka gadhiifamaniif gaaffii kaasaa jiru namoota uummata Oromoo gidduutti kabajamoo fi jaallatamoo ta’an kana irratti halleellaa reebichaa irratti raawwachaa akka jirtu uummata jiraattoota magaalaa Gimbiitu dhugaa baha poolisoota dabalate. Namoonni kun maqaan isaanii akka kanaa gadiiti.
1.Belaay Kebbedee-Qote Bulaa jiraataa magaalaa Gimbii
2.Bekkelee Guutamaa-Qote Bulaa jiraataa magaalaa Gimbii
3.Geetachoo Dabalaa-Maanguddoo magaalaa Gimbii fi Qote Bulaadhaa,
4.Mulaatuu Oljirraa-Daldalaa fi jiraataa magaalaa Gimbii
Namootni kun umuriidhaanis tahe oromomummaa isaaniitiin uummata Oromoo biratti hedduu jaallatamoo dha,kanumaan wal qabatee mootummaan Wayyaanee maatii isaanii irraa hidhuudhaan mana hidhaa magaalaa Gimbii keessatti reebichaan dararaa jiru jedhu gabaasni Qeerroo magaalaa Gimbii.

FDG dhaabbata leenjii Poolisoota Sanqallee keessatti dhalateen poolisootni leenjifamtootni leenjii dhaabuun beekkame.

Aside

Waxabajjii 4,2014 Godina Lixa Shawaa Magaalaa Amboo Fi Gudar gidduutti kan argamu mooraan Leenjii poolisoota Sanqallee jeeqame.

img0029a

Yeroo ammaa kanatti poolisootni dhalootaan Oromoo ta’an Kumootan lakkaa’aman mooraa Leenjii kan keessatti leenjii poolisaa fudhachaa utuu jiranii hacuuccaa fi roorroo uummata Oromoo irra gaa’a jiruun walqabatee mormii guddaa kaasan. Uummanni keenya balleessaa tokkoon malee sababaa gaaffii mirga isaa gaafateef jecha  reebamaa hidhaamaa fi ajjeefamaa jira, nutis uummata keenya reebuuf ajjeesuuf leenjii kun nu hin barbaachiisu, waan barachaa jirruu fi qabatamaan hojjetamaa jiru hundiu waliif faalladha, kanaafuu leenjii akkasii hin barbaadnu jechuun mormii kaasaniin leenjii poolisoota kun addaan citee jira. Haalli kunis ittumaa mootummaa abbaa irree Wayyaanee yaaddoo fi dhiphina keessa buusee jira.

Oromo Voice Radio broadcast on June 4, 2014

Aside

Falmii Diddaa Garbummaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Haromaayaa Ebla 2014

Aside

Wallagga Magaalaa Gullisoo Keessatti,Sabboontichi Barsiisaa Magarsaa Abdiisaa Mirga Uumata Oromoo fi Ajjeefamuu Barattoota Oromoo Akka Dhaabbatuuf Osoo Falmuu Loltoota Wayyaaneen Wareegame.

Aside

Barsiisaa Magarsaa - Gullisootti wareegameIlmaan Oromoo karaa nagaan gaaffii mirgaa kaasaniif deebii sirnaa kennuu kan dadhabe mootummaan faashistii Wayyaanee deebii dha jedhee kan inni itti fuulleffatee jiru itti dhukaasee akkasumas haala baay’ee ulfaataa ta’een reebuudhaan ajjeesuu akka ta’e gochi isaa dhaabbatee ta’ee mul’ataa jiru ifa godha.

Waraanni Agaazii fi poolisootni Federaalaa guutuu Oromiyaa weeraranii jiranii fi bulchiinsa Oromiyaa guutummaatti dhuunfatanii jiran barattootaa fi sabboontota Oromoo meesha maleeyyii itti dhukaasanii ajjeesuu, jumlaan qabanii hidhaatti darbuun achi keessatti haala baay’ee ulfaataa ta’een tumuu fi torture gochuun ajjeesuu akka ta’e bal’inaan gabaafamaa jira.

Gochi yakkaa fi suukanneessaa loltootaa fi poolisoota wayyaanee kun tibba kana Godina Lixa Wallaggaa magaalaa Gullisoo keessattis kan mul’ate oggaa ta’u, dargaggoon Oromoo barsiisaa BLTO ta’e Magarsaa jedhamu suuraan isaa armaan olitti mul’atu kun balleessaa tokko malee loltoota Wayyaaneen qabamee tumaatiin daangaa hin qabne irratti raawwatamuu irraa Waxabajjii 01,2014 wareegameera.

Bakki dhaloota isaa Godina Baha Wallaggaa Giddaa Kiiramuu kan ta’e dargaggoo Magarsaan, haadhaa fi abbaa kan hin qabne hojii barsiisummaan Gullisoo kan jiraatu ta’uu oduun nu gahe ifa godha.

Humni waraana wayyaanee Oromoo gooluu, hidhuu fi ajjeesuuf magaalaa Gullisoo fi naannootti bobba’anii jiran, dargaggoo Magarsaa naannoo mana barnootaatti arganii bal’eessaa tokko malee qabuun ati ABO dha ittiin jechuun akka bofaatti gurmuun itti duudanii haala baay’ee ulfaataa fi gaddisiisaa ta’een reebanii akka ajjeesan beekuun danda’ameera.

Reeffi dargaggoo Magarsaa gara naannoo dhaloota isaa Giddaa Kiiramuutti akka fudhatames oduun nu gahe ni hubachiisa.

Dargaggoo sabboonaa Oromoo wayyaaneen galaafatteef gaddi isaa kan hunda keenyaa ti; biyyeen itti haa salphattu kan jedhan Qeerroo fi sabboontotni Oromoo Gullisoo fi naannoo, gumaan ilmaan Oromoo mirgaa fi bilisummaa ummata Oromoof jecha wareegama baasanii fi baasaa jiranii milkaa’ina akeeka QBOtiin akka deebi’u hin mamnu jedhaniiru.

Barataan Yuunivarsiitii Haramaayaa Hasan(Alsan) Huseen mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti wareegame

Aside

Waxabajjii 03,2014 Finfinnee

Asilaa HuseenAjjeechaan ilmaan Oromoo keessumaa barattoota Oromoo irratti xiyyeeffatamuun tarkaanfiin fudhatamaa jiru itti fufee jira. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti gaaffii abbaa biyyummaa gaafachuudhaan Mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamuu irraan darbuudhaan barattootni Oromoo mana hidhaa keessatti ajjeefamaa jiru. Barataa Nuuraddiin (Alsan) Hasan Barataa Computer science waggaa 2ffaa kan tahee fi dhalootaan Godina Shawaa lixaa magaala Baakkoo kan tahe mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamuun dararaa jabaan erga irraan gahaa turee Gaafa 02/06/2014 mana hidhaa keessatti lubbuun isaa darbee jira. Mootummaan Wayyaanee dararaa ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru daran jabeessaa dhufus ilmaan Oromoo gamtaan falmatti seenuun mootummaa abbaa irree bara baraan ilmaan Oromoo keessatti ammo dargaggoota Oromoo ajjeesaa, hidhaa fi biyya irraa ariiaa jiru dura akka dhaabbatu Barattootni Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Qeerroon Oromoo waamicha Oromummaa dabarsa.

Qabsaaaan ni kufa; Qabsoon itti fufa!!