Gaaffii Dabalinsa Mindaan wal Qabatee Ka’e Irraatti Hojjettooti Hidhaa Laga Abbayyaa 31 Hojii Irraa Arihaman.

Aside

Muddee 25,2013 Finfinnee
Gaaffii dabalinsa miindaan wal qabatee finiinaa ture ittuma fufuun hojjettootni hidha abbayyaa gaaffii kana itti fufinsaan gaafachuu irraa isin duuba falmattoota bilisummaa jira jechuun Wayyaaneen hojjettoota 31 hojii irraa ariite

Bittinnaa’uu keessa mootummaa tasgabbeessuuf wayyaaneen shira shirte keessaa wayyaaneen projektii hidha abbayyaa eegaluu dha. Maqaa hidha kanaanis duula saaminsaa gaggeessaa turte. Hojjettootni hidha kanaa garuu rakkina jireenyaa guddaa keessatti argamuu isaanii irraa dabalinsa miindaa gaafachaa turan. Hojjettootni 5000 ol tahanis gaaffii mirgaa kana finiinsaa turan. Gaaffiin mirgaa kun osoo gaafatamaa jiruus rakkoowwan fayyaa qulqullina irraa mudateen hojjettootni 200 ol tahan rakkoo fayyaaf saaxilaman. Rakkoowwan kana dura dhaabbachuufis gaaffii dabalinsa miindaa ittuma fufan. Mootummaan wayyaanee garuu hojjettoota gaaffiiwwan mirgaa kana akka gaafatan kan kakaasu isini, isin duuba falmattoota bilisummaatu jira jechuun hojjettoota 31 hojii irraa ariitee jirti. Hojjettoota kanneen keessaa
1. Daanyee Garramuu
2. Biraanuu Kiflee
3. Lammii Saamu’eel
4. Tasammaa Dalasaa
Keessatti argamu. Hojjettootni kunneen arii’amuu irraa daran diddaan jabaachuun hojjettootni hidha abbayyaa diddaatti seenuun wayyaanee dhiphina jabaa keessa naqanii jiran.

“OF ILAALLEE” GAAFFII OF GAAFACHUUN , ULAAGAA NAMUMMAATI !

Aside

Y.G(2005) | Mudde 21, 2013

barruuGootummaan Maandeellaa sadarkaa Addunyaattu dorgomaa akka hin qabne, du’a isaan booda huabachuu kiyyatti ofittan gadda. Akkuma koo kana, Maadibaan nama akkasii turee ? jedhee kan of gaafachuu eegalee fi hubannoo kanaa qabaachuu dhabuu isaatti kan of gaafatu hedduu natti fakkaata. Maandeellaan Umurii isaa guutu of kennee murannoon waan inni raawwaten, eenyummaa isaa mirkaneessee jira. Namni na argaa na argaa hin beekne kun, Addunyaa keessa lo’ee seenaa amma kana hojjachuu isaa fi Addunyaa guutuun isatti amanuu isaa , du’a isaan wal-qabatee amma dubbatameef kana, lubbuun wayita jiru, kan dubbatame natti hin fakkaatu.(hanqinni jala bu’uu keenyaa akkuma jirutti ta’ee) Waan maraafuu Maandeellaa irraa kan barachuu barbaadu yoo jiraate, jalqaba adeemsa isaa waliin of madaaluu, itti aansee, adeemsi Bilisummaa maal akka fakkaattu fi barbaaddu ilaalanii  of qopheessuudha.

Maandeellaan Injifannoo sadarkaa addunyaatti nama boonsu kana gonfachu kan adanda’e, keessa ofiii ilaalee fi adeemsa diinaa ilaalee, dhaadannoo “Bilisummaan daandii dheeraa akka qabdu fi Appaartaayidi dhabamsiisuuf yeroo dheeraa akka gaafatu (Bilisummaan boodallee akka irratti hojjatamu qabu)”akeekkatee fi murteeffatee,  daandii dheeraa kana hunda  irra imaluuf ammoo, cichoomiina hin daddaaqamne akka isa barbaachisu of amansiisee kaanis amansiisee tarkaanfachuu isaati jedheen amana. Adeemsa jireenya Maandeellaa kana irraa kan baratamu kan biro, yoo ati humna qabaatte, addunyaan fuula sitti guurte hundi akka si waliin dhaabbattuudha. Kana malees ejjaannoo hin daddaaqamne qabaannaan, kan har’a dantaa isaaf jedhee sirraa galagalu hundi gaaftokko sitti galagalee akka si hammatuudha. Kana hundaaf bu’urri,KAAYYOO ofii yoo nutti qorree irraa dheessinee, yoo nutti ho’e itti fiigne odoo hin taane, yeroo qorraas, ho’aas waliin dhaabbannee irratti hojjachuu qofa. ODAAn bargaagee boonee kan dhaabbatu , hidda yk hundee isaatti abdateetu. Qabsoon Ummata tokkos hundeen isaa nama tokko irraa akka eegalu Seenaa Maandeellaa fi waa’eellan isaa yeroo rakkoos, gammachuus wal irraa hin dheessine irraa barachuun dansaadha.

Namoonni dhuunfaatti adeemsa isaanii ilaalanii of sirreessan, bu’aa argatan irraa ka’anii waloon wal ilaaluu yk gamaagamuun barbaachiisaa ta’u irratti hojjatu.adeemsi kun kaleessa irraa baratanii hegaree isaanii warra tolchuu badadaniif murteessaadha. Namni mana isaattis ta’e bakka maraattu, “of-ilaalii yk daawwiti”n of ilaalee , qaama isaa, uffannaa isaa/ishee, rifeensa isaa kkf tottolfatee Ummatatti asi ba’a. kun hundi maaliif akka ta’ee wal hin gaafannu. Namni isa ilaalu har’a akkam bareedda ? ykn uffannaan kee akkam namatti tola ? yennaa jedhamu gammachuu keessa keenyaa waliif haa dhiifnu. Gammachuun sun hundi of-ilaaliin dursinee of ilaallee dansaa ta’uu keenyatti amanuu keenya irraati. Garuu yeroo hundaa irra keenya ilaallee gaaffii of gaafannee, deebii sirreessii hatattamaa  akkuma ofii laannu, keessa keenya daawwitiin nu mul’isuu hin dandeenye gaafannee, deebii ofii ni laannaa ? isa jedhu ilaaluun barbaachiisaadha,

Maandeellaan Injifannoo addunyaa booji’e kanaaf kan ga’e, waan hundaa hojiin irra aanna, gaaffii keenyas gaaffii Ummataa ta’u hojiin argisiifne diina amansiifna jedhee halkanii fi guyyaa hojjachuun ta’uu miidiyaan guyyuu mul’isaa jira.Gootummaa Maandeellaa kanaaf bu’urri ammo Taaddasaan faa’aa keessa jiru. kana jechuun waanuma of harkaa qabnu gannee barbaachaa jirra jechuudha. Kanaafan of keessa ilaaluun dansaadha kanan jedheef. Seenaa Taaddasaa Maandeellaa qarutti ni dhaadanna taanaan, Taaddasaa faarsuu qofaa odoo hin taane, Taaddasaa taanee argamuu keenyatu alaa nu galcha. Addunyaa irratti kan arginu ilmi gootaa, goota abbaa isaa caalu ta’ee Biyya boonsuu argina. Keenyawoo ? kan seenaa faarsu moo, kan seenaa hojjatu taane dabruu qabna ? Nuuti seenaa Taaddasaa jennee faarsina. Dhalooti itti aanu seenaa abbootii isaa faarsu dhabee, seenaa akaakilee isaa faarsa jechuudhaa ?miidiyaaleen qooqa Oromoon tamsa’anis ta’e kaaniin tamsa’an, waan isaan gurra ummataaf ga’an akka dhaga’amuuf qofaa odoo hin taane, kan har’a jiru akka of ilaalee seenaa yeroo isaa akka hojjatuufi.

Of ilaaluun , bakka jiran hubachuudha. Yoo qalbii Ummata ofiif quuqamu qabaanne, Tokkon tokkoo keenya. dirqama sabummaa eenyullee kan itti nu hin dhiibiin garuu raawwachuu qabnu of harkaa qabna. Ammuma daawwitiin of ilaallee irra keenya namaaf tottolchinu , keessa keenyas odoo tottolfannee, Oromoo ta’u keenya qofaan, Waan sabbummaa keenyaaf raawwachuu qabnu lakkoofsa hin qabu. Hundeen isaa keessa ofii ilaalanii socha’uudha. Namni dhimma Ummataa yaadu , dantaa dhuunfaa ykn gaaffii dhunfaa kaasee, qabsoo keessaa ba’ee hin taa’u , yk akka maandeellaa odoo taane jedhee gaaffii of irratti hin kaasu . maaliif jennaan, Maandeellaan, Bilisummaan adeemsa waan ta’eef hanga waggaa 95 guute boqatutti irratti  hojjatee akka hin xumuramne waan beekuuf dhalootallee bakka buusuun akka irra jiru itti amanee tarkaanfataa waan turee fi bu’aa ba’ii isa mudatu maraa keessa yoo dabre qofaa BILISUMMAA harkaan qabachuu akka danda’utti amana waan tureef. kana of keessaa dhabuun ammoo yaadi fi fedhiin keenya hundi habuujuu ta’uu huabchuu qabna.

Bilisummaa caalaa Wanni nama gammachiisu maali ? gabrummaan akka namatti hadhaawu nu caalaa ragaa kan ba’u jira natti hin fakkaatu. Gabrummaan namatti hadhaawu dubbachuu ykn ragaa ta’uu keenya seenaa taasifannee dubbanna taanaan kun qaaniidha. Ammuma kana , gabrummaan nu miidhee jennee addunyaa irratti wayita iyyinu , keessa isaanitti, “maal jarri kun Ummata gootaati ofiin jechaa hin jirtu ?” jechaa gaaffii keenya fudhataniima akka irra taa’aan hubachuu hafnaa laata? asis qabnu achi, addunyaa humnatti amantee, wal balleessuuf meeshaa waraanaa kilo-meetira 2000 ol furgaafamu wal irratti hidhaa jirtu keessatti , yoo beeksifachuuf ta’e malee , sirna jiru irratti dhiibbaa umanii fala tokko nuu fidu jechuun fagoo nu tarkaanfachiisu.

Akka Maandeellaa of kennu . jirenya guutu qabsaa’uu , of ilaalii keessa ofii qabaachuu,daadii dheeraa keessa gufulee hedduun jiraatanis keessa baana jedhanii amanuu , waan lubbuu nama kumaantamaa barbaadu halkan tokkotti xumurama jedhanii yaadu dhiisuu, Bilisummaan booda kan jiru fi Anga’oota addunyaa irraa ykn wayyaanee akka ta’an ta’utti of tilmaamuu dhiisuu , yoo hojjanne qofaa waan yaannu akka argannutti amanuu, Qabsoo jechuun gama maraa kan ilaallatu ta’uutti amanuu, dhaaba irraa qofaa eegne eessallee akka hin geenye kkf qalbifachuun hegaree keenya tolcha. haqa tokkon barru kutaa 1ffaa kana xumura.

Keessa ANC , (Afriikaa kibbaa) warri beekan hedduutu jira. ANCn Maandeellaan hiikamuun bayyaannate, yeroo Angootti dhihaatu, humni isaa hangam akka ture kan beeku waa hedduu barata. Caasaan isaa hangam akka turee fi ammamtu cichee waliin ture ? isa jedhu kan dhaga’e keenya kana ilaalee abdii hin kutatu. ANCn meeshaa of harkaa hin qabu. Garuu cichoomina hin daddaaqamne qaba ture. Ummati ANC irratti waan hundaa gatee osoo taa’ee , waan har’a keessa jiran hin argan. ANCnis, Namoonni isaa dhumaa jiraachuu irraa waan jiru Ummatatti ceesisuu irratti murteeffate ture. Dhuma irratti Faranjoota warra gabroonfattootaa miti, ANC iyyuu caalaatti kan dammaqsee Fincila Ummataati jedhan. Miseensoonni ANC Ummata keessatti waan raajii hojjachaa jiran , Bilisummaa booda kan kaadhimamaniidha.warra gubbaa jiran dabalatee jechuudha.ANCn dikitaatara waan ta’eef Angoo gadhiisuu didee ? ega dikitaatara ta’ee ,warri dikitatarummaan qeeqan maaf Maandeellaaf kabajaa ammanaa kennaniif ?

Haala kanaan yoo of ilaalle maal keessa jirra ? bara 2013 waliin, kutaa 2ffaa keessatti ilaalla. BARRI 2014 BARA MURANNOO ISINIIF HAA TA’U !!!!

Galatoomaa !!!!!!!!!!!

Waa’ee Bu’ura Miidiyaa Madda Walaabuu dhageessanii?

Aside

Mootummaan Wayyaanee keessa isaa butute suphuuf mala dhawate keessaa aangawoota biyyattii aangoo irraa darbaa jira.

Aside

Muddee 28,2013 Finfinnee

Uummata Impaayera Itoophiyaa keessaa humnaan bulchuuf mootummaan wayyaanee shira hojjetaa ture keessaa inni hangafti aangawoota biyyattii namoota lammummaa Tigiree qabaniin kaan ammoo maallaqaan bituun Uummata ittiin hidhaa, ajjeesaa fi doorsisaa asiin gahe. Yeroo ammaa kana Impaayera Biyyattii keessatti tasgabbii dhabinsa haalaan mudachaa dhufe dura dhaabbachuuf wayyaaneen aangawoota amanamtoota tahan shakkiin guutamuun aangoo irraa darbaa kaan ammoo beektota kanneen jedhu mana hidhaatti Ukkaamsaa jira. Hoogganaa Humna Ibsaa Itoophiyaa kan ture Obbo Abbabaa Alaamirroo mootummaan Wayyaanee akka garaatti dhimma bahuu waan dadhabdeefis maqaa malaammaltummaan aangoo irraa darbitee jirti. Hojjettootni biyyattii keessaa gaaffiiwwan mirgaa kanneen akka dabalinsa miindaa gaafatamaa jiruuf hooggantootni maallaqa saaman dabalatee kaasuun hin oolu sodaa jedhuun wayyaaneen hojjettoota biyyattii keessaa bakka murteessaa kanneen jiran amanamtoota wayyaanee kan hin taane aangoo irraa darbuu ykn ammoo maqaa shakkiin mana hidhaatti ukkaamsuuf saganteeffachuun isaas saaxilamee jira. Mootummaan wayyaanee shira kamuu hojjetus keessi isaa tasgabbii dhabinsaan guutamuun isaa ifa bahee jira.

SBO Mudde 22 Bara 2013

Aside

Raadiyoo Seife Nebelbaalii fi Simbirtuu,Muddee 19,2013

Aside

Tuttuqqaan Wayyaanee Uumata Itti Heddummaachuun Qabsoo Oromoo Cimsa Malee Hin Laaffisu Jedhu Qeerroon Qellaam Anfilloo

Aside

Gabaasa Qeerroo Anifilloo Muddee 18,2013

Sirna bittaa isaa kan gita hin qabne fedha isaa guutachuuf jecha saboota biyyattii jiran irratti humna fayadamee baroota 22 gargaaramee jiraachuun isaa ifa-gala kan tahe,yeroo hedduu irra deddeebiidhaan kan gabaafamu uummanni Oromoo ABOf deggersa jabaa fi hundee qabeessa qaba,Qeerroo ABOtiin hoogganama kan jedhuun Wayyaaneen TPLF yoomiyyuu jala deemtota isaan dhaamsa gahuun hordoffii cimaa jiraachuu isaa yeroodhaa yerootti kan dhaammata jiruudha. Kallattii garagaraatin of jalatti dhuunfachuu yaaluun uummatatti dhiyaachaa jira.

Gama tokkoon miidhaa gama tokkoon waadaa gargaarsaa uummata gowomsuu irratti kan argamu akka madda gabaasaa godina Qeellam Anfilloo irraa irra deddeebiidhaan nu gaha jiruutti kan isaf bitamanii hojjetaa jiranillee gocha isaa balaaleffachuu irratti argamaa jiru jedhu,akka ibsa gabaasichaatti sirna bittaa isaaf kan tolu namoota raayyaadhaan ijaaraa,ganda ganda irratti namoota gurmuu gurmuudhaan walitti hidhaa toohataa jira. Yeroo ammaa mormiin adeemsifama jiru yeroon yeroo itti uummanni aanichaa qabeenyaa bunaa qeetti galfatuudha. Qabeenya galfachuun dura mootummaa ofii gabbaruun dirqiidha kan jedhu maqaadhaaf uummata oromoof kan dhaabbanne ofiin jedhan jaleen mootummaa wayyaanee OPDO uummata irratti labsii kana labsaa akka jirtutu dhagayama,haatau malee uummata aanichaa irratti qabeenya keessan badus baduu baatus dursinee qajeelfamaa fi dirqama mootummaa keenyaa galmaan geenya kan jedhan uummata irratti dirqamaan guyyuudhaan walgayii jedhanii qabeenyaan uummataa gama biraan sarbamaa kanneen miliyoona hedduutti tilmaamu ciramee badaa qabeenyaa isaanii kan falmataniif ammoo hidhaa waggoota 5nii olii itti murteeffamaa osoo jiruu kanuma irratti ammoo uummataan qabeenyaa keessan galfachuun fedhaa fi dirqama mootummaa keenyaa erga raawwannee booda jedhuun labsii yoo labsanillee Muddee 02 irraa kaasee yoo jiraannee fi qabeenyaan keenya yoo sirnaan eegametu mootummaa gabbarra kan jedhan yeroo hedduu Aanaa Anfilloo irratti bakka buanii kanisaaf hojjetanillee gara uummataa tahuudhaan ajajamuu diduu irratti argamanii jiru,godina irraa gara federaalatti gabaasaa gochuun uummanni Aanaa Anfilloo mootummaa ajajamuu diduu fi caasaan qabnullee dirqama kenname galmaaan gahuu dhabuu irraan miseensummaa keessan nutti haa hafu yeroof jiraachuuf jennee jilbeenfachaa turre jedhanii yaada dhiyeessaa jiru, uummata nurratti kan ijaaraa jiru caasama keenya kan kanaan dura nuuf hojjetaa turaniidha jedhuun hanga federaala irraa gara sanatti ergamanii toohannoo fi hordofii akkasuma qorannoon gaggeeffamutti deemaa akka jiran gabaasaan Qeerroo magaalaa Dambi Doollo irraa addeessaa jira.

Dabalata barattoota mana barumsaa gadii irrattis kan xiyyeeffate akkuma manneen barnootaa sadarkaa olaanaa fi yuuniversiti irratti ajandaan miseensummaa dhaabaa guutuu fi guuchisuu irratti xiyyeefatanii jiran miseensa dhaaba keenyaa guutuun dirqama hanga kana hin guunnetti barataa keenyaa fi mana barumsaa mootummaa keessatti barachuuf mirga hin qabu jechuun dorsiisaa jiru,kan miseensa keenya hin taane ifatti miseensa dhaaba ABO ti jedhuun,miseensa ABO tahuun ammo hidhaa waggaa hedduu fi manneen barumsaa irraa ariyuun biyya keessatti mirga jiraachuu dhabuu fi mana barumsaa itti baratu dhabuu dandaa,qabeenyaan isaa illee mootummaaf taa jedhanii hanga kanaatti doorsisaa akka jiran Qeerroon gabaasa. Akka walootti uummanni aanichaa akkasuma caasaan mootummaa wayyaanee uummata oromoof naatoo qaban ,kan gocha mootummaa wayyanee mormaa jiran ilma namaa tuttuqaatu bade,nu tuttuquun keessan umurii keessan gabaabsaa jira,ilmaan oromoo rakkoon isa mudatu yoo baayate dua hin darbu eenyummaa keenyaa fi mirga qabnuuf yoo duunes boruu galata qabna kan jedhutti amananii ija jabinaan doorsisa jiruuf gurra hin ergisinaa jedhanii dhaamsa waliif dabarsaa fi gama diddaa jiru hundaattu wal akeekaa akka jiran maddi gabaasaa kanaa addeessa. Dhimma kanaaf Qeerroon aanaa kana irratti wal arguun ibsa baafatu gabaasaa waliin walitti deebina.

Dhaloota Hojii Muldhataan Jireenya Saba Oromoo Jijjiiran./Aadde Toltuu Tufaa

Image

1417674_10202173990822959_1386509743_o 1497635_10202173990782958_1548982859_n

Aadaa Oromoo Naannoo Matakkal/Taamiruu Hayiluu Tufaa

Aside

SBO Mudde 18 Bara 2013

Aside