Aside

Qeerroo

Dhaamsa Bara Haraa 2014

Ummanni Oromoo fi Qabsaawoti Oromiyaa Bakkoota Adda Addaa Jirtan Baga Nagaan Waggaa Haraa 2014n Isin Gahe.

Baroota Jaarraa tokkoo ol lakkoofsisan dhufaa darbaa keessatti waanjoon gabrummaa akkaanii uumata keenya irratti fe’amuu irraan dararaan biyya fi uumata keenya irra gahe gita hin qabu. Kanuma cinaattis ummanni keenya diddaa gabrummaaf jecha wareega inni hin baasiin tasa hin jiru. Qabsaawotii fi jaallootiin biyyaa hanga har’aa wareega luubbuu fi qabeenya akkasumas jireenyaa itti kitimanii diddaa waanjoo gabrummaa gaggeessaa kunoo 2014n nu gahanii jiru.

Firii ijaarsaa fi wareega qabsaawota keenyaa bilisummaa fi walabuummaa keenyaan bakkaan gahuuf jecha uummanni Oromoo walii gallii fi keessattuu Qeerroon Bilisummaa biyya alaa fi Oromiyaa keessa jirtan ciccoomina qabsoon FDG gaggeessuun bara 2014 kan milkie fi injifatnoo akka taasifnu dhaamsa keenya dabarsina.

Barri 2013 gochaa farrummaa mootummaan Wayyaanee uumata keenya irratti gaggeesu irratti dabalee duulli akkaanii ilmaan sirna nafxanyaa ammaan dura Oromiyaa dukkanatti galchaniin amma illee Oromoo irratti banana dha. Addatti baatii muraasa kana keessatti duula farrummaa Oromoo gaggeessaa jiraachuu isaanii ni agarra. Faarsaa mooticha habashaa Mililiiin qabanii jibbiinsaa fi diinummaa Uummata Oromoof qaban muldhisaa jiru. Haalli kun ammo madaa saba Oromoo irratti gubaa dabaluu waan ta’eef  bara 2014 kanatti gochaa farrummaa kana irraa akka dhaabbatan dhaamsa dabarsina.

Qeerroon Bilisummaa sochii diinummaa sirni nafxanyaa fi Wayyaaneen karaa lachuu ummata keenya irratti gaggeessaa jiran gama hundaan of irraa qolataa qabsoo bilisummaa gaggeessuun Oromiyaa fi uummata Oromoo tiksuuf kan yoomii irra qophii ta’uu keenya ni mirkaneessina.

Barri kan bilisummaa fi badhaadhinaa nuuf haa ta’u.

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Qeerroo Bilisummaa

Finfinnee Oromiyaa.

Muddee 31.2013

Afaan Oromoon:- Dhaamsa Qeerroo Bilisummaa Bara Haaraa 2014

Afaan Amaariffaan:Ibsa Qeerroo bara Haaraa 2014 Amaariffaan

Aside

QEERROO ADAAMAA YUUNIVERSITII IRRAA

AMAJJII TOKKOO(1)

GUYYAA AYYAANA WARAANA BILISUMMAA OROMOO(WBO)

WAAN BADE BARBAADAA,WARAABESSI GUYYAADHAN YUUSUU

EEGALEERAA!

Nagaan haa dursu !?

Rakkoo Oromoo uuman lammiif haa ibsu..

jaaman lafa arguu dadhabeet,Abbaan garaa dhaamsa dhageetti dadhabee jedhama,akka gurra nuuf ergisatan barbaadna(GAMATAA QEERROO,YSTA) .Ilmaan Oromoo beekaa fi eegaa,hayyoota,quuqqamtoota seenaa fi seexaa ilmaan saba guddaa Oromoo hundaaf waamicha eenyummaa fi lamummaa Oromoo yeroon dabarsinu amma jenna. Akka lammii Oromoo tokkotti,madaa keenyatu qooruf goguu dideef fala dhumaa waliif soqna,waan waloo,waliin hirmaatan malee,lafee duwwaa tahu akka loon bona dhalee!

Egaa akkumaan kaumsarratti tuquuf yaalletti,Jaamanii lafa arguu dadhabuun rakkoo uumamaa tahuu mala;Garaaf jedhanii dhageettii dhaamsa dhabun uumamumarraayyuu faalladha.maalif yoo jenne qaamni miiraa ittin dhagahan gurra, garuu GARAAN hojii isaan ala bahee kan gurraa dhaale,uumama faale.kanaaf dhiiroo ,lammiilee koo galaa eenyummaa bobaa jalatti of hidhuun yoo nu feesise waa hunda dura nama garaaf dubbii dhageettii dhabe irraa nu haa baraaru jechuu jaalanna.kana waa malee qabannee gad bahuu hin barbaadne.Ummanni Oromoo gabrummaa fuula hin qabneen erga sakaallamee hidhamee amma tureera gadaansaa.Kanammoo tole jedhe diinaa goodanee laga ceee qeee Oromootti duulee farrummaa duguuggaa sanyii fi saamicha badhaasa Uumaama Oromiyaa taasifamu dura waan qabuufi dandeetti isaa bifa gurmaaeefi mijaaten duraa dhaabbataa tureera.ammas itti jira borus itti fufa.Kuni Oromoof ifannoo addaati yeroon jechu diina

QEERROO ADAAMAA YUUNIVERSITII IRRAA.docx

Amajjii 1, Guyyaan WBO golee Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa keessatti qophiilee garaa garaan kabajamuu eegale

Aside

Muddee 30,2013

Guyyaan WBO Amajjii 1 fi Barri Haaraan 2014 Golee Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa keessatti Uummata Oromoon haala hoaan kabajamaa jira. Guyyaan WBO Amajjii 1, Magaala Finfinnee keessattii fi Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti haala hoaan ayyaaneffatamee jira. Miseensotni Qeerroo, Sabboontotni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee keessaa maadhee maadheen walitti dhufuun alaabaa ABO qabachuun, dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun ayyaaneffatanii jiran. Yuuniavrsiitii Finfinnee damee kiiloo 6, 4 fi 5 Keessaa qindeessitootni maadhees addatti walitti dhufuun ayyaanessanii jiran. Miseensotni Qeerroo fi sabboontotni Oromoo Yuunivarsiitii kana keessaa hojiiwwan darban gabaasaan dhiyeessuun kan gamaggaman yoommuu tahu hanqinootaa fi jabinawwan jiran adda baasuun marii balaa taasisanii jiran. WBO cinaa dhaabbachuufis gumaata maallaqaa qarshii 1280 gumaatanii jiran. Shira mootummaan wayyaanee habashummaa dagaagsuuf Wallisaa Teediroos Kaasahuun ( Teddy Afro ) Qabachuun sirna nafxanyaa leellisuuf jiran kanneen baasii dandaan Biiraa Baddallee fi Meettaa dura dhaabbachuu fi mormuu isaaniis addeessanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun Guyyaan WBO jiraattoota magaala Finfinnee bakkeewwan garaa garaa keessatti ayyaaneffatamee jira. Kutaa magaalaa Gullallee keessatti sabboontotni Oromoo walitti dhufuun Guyyaa WBO kabajanii jiran. Haaluma wal fakkaatuun Guyyaan WBO Amajjii 1, maadhee ABO waraana mootummaa wayyaanee keessatti argamaniin maadhee Haadhoo ABDII BORII jalaa walitti dhufuun alaabaa ABO qabachuun irbuu haaromsuun WBO cinaa akka dhaabbatan mirkaneessanii jiran.

Godina Harargee bahaa Yuunivarsiitii Haramaayaa, Dirree Dawaa, Magaala Dirree Dawaa, Harar, Awwadaay, Dhangaggoo fi Godina Harargee lixaa magaala Ciroo fi Yuunivarsiitii Haramaayaa Damee Ciroo keessatti qophiilee garaa garaadhaan ayyaaneffatamuu argama.