Gumii Aadaa fi Afaan Oromoo /GAAO/ University Finfinnee Diiguuf Mootummaan Wayyaanee Shira Xaxaa Jiraachuun Beekame.

Aside

Muddee 25,2013 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee diigumsa waldaalee maqaa Oromoon ijaaraman irratti aadeffate har’as qaanii tokko malee itti fufee jira.Haala kanaan Gumii Aadaa fi Afaan Oromoo /GAAO/ University Finfinnee keessatti hundeeffamee waggoota dheeraaf ture shira Wayyaaneen diiggamuuf tattaaffiin godhamaa jira.Kuniis sodaa gumii kana irraa qabaniin Koree gumii kanaa yeroo yeroon waamuun gumii kana diiguun gumii saboota kaanii waliin walitti maknee gumii biyyooleessaa/national/ tokko dhaabuun barbaachisaadha,kun garaagarummaa babal’isaa jira malee tokkummaa guddisaa waan hin jirreef diigamuu qaba jechuun doorsisaa jiraachuun beekame.

Koreen gumii kanaa yaada mootummaan isiniin jedhu kana fudhattanii miseensotaa fi deeggartoota amansiisuun dhimma kana irratti hojjechuu qabdu jechuun halkanii guyyaa doorsisuun jiru.doorsisinni ykn shirri kun karaa nama Dr. W/Amanu’eel jedhamu irraan tika Wayyaaneen wal qabatee gaggeeffamaa jira.kun akkanaan haa deemu malee koreen gumii kanaas ta’ee miseensonnii fi deeggartoonni kun yoomuu gonkumaa akka hin ta’iiniifii fi tattaaffii bifa hundaa deemsisuun gumii kana akka dagaagasan hubachiisanii jiru.

 

 

Barattootni godina Harargee aanaa Gooroo Guutuu kutaa 11 fi 12 baratan hojii qabsoo irratti ummataaf barruu facaasan.

Aside

Muddee 25,2013 Dirree Daawaa

OromiaALutaContinua2011FDGGabaasaa Qeerroo godina Harargee aanaa Gooroo Guutuu irraa Muddee 21 addeessuun mana barumsaa qophaayinaa kutaa 11 fi 12 kanneen baratan guyyaa boqonnaa isaanii har’a Muddee 21 uummata keessa deemuun barsiisaa fi leenjii siyaasaa kennuu irratti argamanii jiru,hanga gandaatti gadi bu’uudhaan yeroo isaanii kennanii shira wayyaanee dura dhaabbachuuf uummata aanichaa kakaasaa jiraachuu isaanii Qeerroon gabaasaa jira,kunis bakka san qofa osoo hin taanee bakka hundaatti xiyyeeffatanii akka ka’an,akkasuma qaama qabsoo irratti argamu cina dhaabbachuuf,ABOf deeggersaa fi hundee isaa jabeessuun waliin hiriiruu,qote bulaa gara qabsootti dabaluu irratti kan hundaa’een fedha isaaniitii barattootni barruu gamaggamaa Qeerroo irar fudhachuun hojii kana irratti bobbahanii akka jiran gabaasaan Qeerroo aanaa Gooroo addeessa. Kaayyooo keenyas jedhu hanga jiraattoota aanaatii gandaa fi hawaasatti uummata keenya miseensaa keenya ABOtti guuchisuu fi qabsoo irratti qaama tokkoon,yaada tokkoo fi waan qabuun akka ka’uuf hojii keenya itti fufna jedhu.gabaasaan isaanii torbee fi waan hojjetan guduunfuun akka yeroodhaan dhaammataniin booda gabaasaa waliin dhiyeessaa deemna.

Gaaffii Dabalinsa Mindaan wal Qabatee Ka’e Irraatti Hojjettooti Hidhaa Laga Abbayyaa 31 Hojii Irraa Arihaman.

Aside

Muddee 25,2013 Finfinnee
Gaaffii dabalinsa miindaan wal qabatee finiinaa ture ittuma fufuun hojjettootni hidha abbayyaa gaaffii kana itti fufinsaan gaafachuu irraa isin duuba falmattoota bilisummaa jira jechuun Wayyaaneen hojjettoota 31 hojii irraa ariite

Bittinnaa’uu keessa mootummaa tasgabbeessuuf wayyaaneen shira shirte keessaa wayyaaneen projektii hidha abbayyaa eegaluu dha. Maqaa hidha kanaanis duula saaminsaa gaggeessaa turte. Hojjettootni hidha kanaa garuu rakkina jireenyaa guddaa keessatti argamuu isaanii irraa dabalinsa miindaa gaafachaa turan. Hojjettootni 5000 ol tahanis gaaffii mirgaa kana finiinsaa turan. Gaaffiin mirgaa kun osoo gaafatamaa jiruus rakkoowwan fayyaa qulqullina irraa mudateen hojjettootni 200 ol tahan rakkoo fayyaaf saaxilaman. Rakkoowwan kana dura dhaabbachuufis gaaffii dabalinsa miindaa ittuma fufan. Mootummaan wayyaanee garuu hojjettoota gaaffiiwwan mirgaa kana akka gaafatan kan kakaasu isini, isin duuba falmattoota bilisummaatu jira jechuun hojjettoota 31 hojii irraa ariitee jirti. Hojjettoota kanneen keessaa
1. Daanyee Garramuu
2. Biraanuu Kiflee
3. Lammii Saamu’eel
4. Tasammaa Dalasaa
Keessatti argamu. Hojjettootni kunneen arii’amuu irraa daran diddaan jabaachuun hojjettootni hidha abbayyaa diddaatti seenuun wayyaanee dhiphina jabaa keessa naqanii jiran.