Gabaasa Qeerroo Bilisummaa Muddee 07,2013
Baatii Sadaasaa 2013 keessa Yuuniversitii Goonder keessatti barattooti Oromoo gaaffii mirgaa kaasuun ni yaadatama. Rakkoo fi gidiraa uummata Oromoo akkasumas hidhaa fi ariisaan barattoota Oromoo irra gahamaa jiru haa dhaabbatu jechuun gaaffii mirgaa barattooti Oromoo kaasaniif deebiin mootummaa Wayyaanee irraa kenname ajjeechaa fi dhihdaa ture,sababaa diddaa barattooti kaasaniif jecha barataa Oromoo tokko ajjeessuun toorba ammo hidhaa hin beekamnetti ergamanii jiru.
Haalli kun jabbaachaa deemuu irraan walitti bu’iinsi barattoota Oromoo fi kanneen mootummaa Wayyaaneen kaadhimamanii hojjetan jidduus jiraataa ture. Ammoo gaaffii mirgaa ilmaan Oromoo kaasaniif deebiin itti aanu kenname barattoota mooraa fi barnoota isaanii irraa arhiyuun gaaffii mirgaa ukkaamsuuf yaalee jira.
Ammatti Muddee 5,2013 barattooti Yuuniversiticha irraa arihaman gabaasaan Qeerroo akka armaa gadiiti addeessa.
1) Barattoota 8 dismal barnoota irraa ariyanii jiru;
2) 2.Barattoota 9 waggaa lamaaf adaba itti kennanii mooraadhaa bahanii jiru;
3) 3.Barattoota 19 ammoo meeshaa caccabeef horii akka baasan mallatteessisifamanii hanga horin isaa bakka buusanitti barumsatti akka hin deebine tahee jira.
4) 4.Barattoota 150 ammoo akeekkachiisa itti kennuudhaan mallatteessisanii mooraatti deebisanii jiru walumaa gala galmee kanneen arihamanii akka armaa gadiitti dhiheessina.
Lak. | Maqaa Guutuu | Saba | Umurii | Department | Teessoo | ||
Naannoo | Magaalaa | Bilbila | |||||
1 | Tewoderoos Abarraa Tasamma | Oromoo | 23 | Retimed 4th | oromiyaa | Bishooftuu | |
2 | Addunyaa Baqqalee Sooqee | Oromoo | 22 | Law 3rd | Oromiyaa | Bulee Horaa | |
3 | Galgaloo Godaanaa | Oromoo | 23 | Special Need 3rd | Oromiyaa | Moyaalee | |
4 | Iyyoob Mohad Caalee | Oromoo | 21 | Sociology 3rd | Oromiyaa | Baalee Goobbaa | |
5 | Waakkennee Saxuu Raggaasaa | Oromoo | 23 | Population 3rd | Oromiyaa | Sabbataa | |
6 | Meelat Sisaay Kebbedee | Amaaraa | 22 | Psychology 3rd | Finfinnee | ||
7 | Tewoderoos Biyyasaan Ashenafi | Oromoo | 23 | Yetmad 3rd | Oromiyaa | Boorana | |
8 | Biliyoon Biilee Yaraa | Oromoo | 22 | Law 3rd | Oromiyaa | Shaashimannee |
Barattoota Waggaa Lama (2)Barnoota Irraa Ariyaman
Lakk. | Maqaa Guutuu | Saba | Umurii | Department | Teessoo | ||
Naannoo | Aanaa | Bilbila | |||||
1 | Almaaz Isheetuu Ayyaanee | Oromoo | 24 | Sport 3rd | Oromiyaa | Ginniir | |
2 | Gannet Balay Abrahaam | Tigree | 23 | Biologu 3rd | Tigraay | Shire | |
3 | Massaluu Baqqalee Qoloosaa | Oromoo | 21 | Sport 3rd | Oromiyaa | Iluu Abbaabor | |
4 | Saamu’eel Dhufera Hirjaa | Oromoo | 34 | Sociology 3rd | Oromiyaa | Ambo | |
5 | Gaashawu Kaasaaw Taarreqeny | Amaaraa | 33 | Water Resource 3rd | Amaaraa | Daambiyaa | |
6 | Habtaamuu Birruu Bilqee | Oromoo | 31 | Social Work 3rd | Kibba | Hawaasaa | |
7 | Salaamawit Fufaa Warkasaa | Oromoo | 35 | Geology 3rd | Oromiyaa | Ambo | |
8 | Iwunatu Sandaq Kaaree | Amaaraa | 32 | Water Eng. 2nd | Amara | Bahardar | |
9 | Barakat Tashoomee Aseffaa | Oromoo | 33 | Information scien 1st | Amara | Dassee |
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Guutummaan lis kanaa:- Yuuniversitii Goonder Keessaa badii tokkoon malee barattoota arihaman
Muddee 06,2013 Jimmaa
Haptamuu Rettaa fi Badhaasaa Firraajaa kanneen jedhaman yeroo ammaa mooraa Yuunersitii Jimmaa keessaa baratu,barattoota kana leejii addaa keenuufii irra darbee sochii barattooti Oromoo godhan irratti akka fakkaatanii basaasan mootummaan wayyaanee ramaduu dargaggoonni moorichaa gabaasu.
Ammaas Qeerroon Bilisummaa Oromoo Oromootu mirga dhabee, qee’eef qabeenyaa irra buqqa’ee, biyyaayyi dhalatee keessaatti mirga namumma fi dimookiraasii dhabee, balleessa malee mooraa barnotaa keessaatti akka bineesaa itti dhukaasuun ajjeefama jira, kaan hidhatti guurame, kaan eessa buuteen isaa hin beekamu, kaan biyyaa arii’ame Hambii wayyaanee 2ffaa itti ta’ee itti roorrisa jira, Oromoo uummaanni miliiyona 40tti lakka’amu biyyaatti keessaatti aangoo dhabuun rakkinota kana dhalchee jira. Isinumtii warrii diinaaf ergamtuu fi baandaa taatanii jiraachuu murteffatan kun illee angoo mirga dhuunfa keessani kabachiisuu illaa akka hin qabne ragaan orma miti isinuma mataa keessani, Angoon isin qabdan Oromoo mirga kee siif iyyuu kabachiisuuf abbaa irretiin mormaa jiru basaasuu, fi ergamtuu diinaa taatee jirachuu qofa.
Haaluma kanaan Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Keessatti basaasatotni garaa isaniif jedhanii ilmaan Oromoo jala fiiguun diinatti argisiisuun gootota Sabboontota Baratoota Oromoo barnotaa isanii irraa hiisisaa, ariisiisaa fi guyyuu sabbontotni kunneen immoo akka hordofamanif diina jala fiiguun ilmaan Oromootti quba qabuun dhiigaa ilmaan Oromoo dhugaa fi Foon baratoota Oromoo nyaachuun har’a kan geessaan ta’uu mirkanaa’era.