Guyyaa FDG Sadaasa 9 Ilaalchiisuun Bakka Bu’ooti Qeerroo Godinoota Adda Addaa Magaala Jimmatti Walitti Dhufanii Dhaamsa/ Ibsa Dabarsan.

Aside

Sadaasa 9,013Gareen gaafatamtoota Qeerroo bilisummaa Oromoo biyya keessaatti sochii warraaqsa FDG gaggeessaa jiru Yaadannoo sadaasa 9 guyyaa FDG sababeeffaachuun walga’ii isaa Sadaasa 6/2013 godina dhiha Oromiyaa keessatti gaggeessuun Uummata Oromoo hundaaf ibsa armaan gadii dabarsee jira.

Addunyaa kana irratti ilmi namaa bara inni tole jedhee roorroo, gadiqabaa, hacuuccaa fi garbummaa fudhatee jiraate hin jiru; Ummaannii Oromoos akkuma uummata addunyaa kamiiyyuu guyyaa inni garbummaa, roorroo, gadi qabaa fi hacuuccaa tole jedhee fudhate hin jiru. Keessattuu gita bittoota abbootii irree afaan qawweetti malee sirna bulchinsa dimookiraasii fi kabajamuu mirga namummaatti warraa hin amanne dura dhaabbachuun falmaa hiriyaa hin qabne uummata gaggeessaa as ga’ee ta’uun seenaan ragaa guddadha. Haala kanaan uummaanni Oromoo mootota abbootii irree Habashootaa kaleessaa irraa qabee hanga mootummaa faashisti fi shororkeessaa Wayyaanee hara’aa jirtuu kanatti falmaa bilisummaa gaggeessaa turee fi itti jiru keessatti injifannoo cucululuqaa galmeessa as ga’edha.

Bara 2005 keessa maqaa filannoo waliin dhahaa fi fakkeessaa Wayyaaneen gaggeesseen walqabatee sagaleen uummata Oromoo ukkanfamee; Oromoo fi Oromiyaa bituuf ilmaan habashaa waldhansoo jabaa Finfinnee irratti gaggeessa turtetti, Oromoon caljedhee hin ilaallee, Dhaabni isaa Abdii fi gaachanni uummataa Oromoo ABO’n mirgi uummata Oromoo fi kan saboota rakkoo fakkaataa Oromoo qabanii haa kabajamu jechuun waamicha FDGf ibsa uummata Oromoof taasise.  Gutummaan ibsa kanaa:- Sadaasa 6.docx Jimma.pdf

Gogiinsa Bishaan Dhugaatin Wal Qabatee Barattootni Yuniversitii Adaamaa Gaaffii Mirgaa Kaasan!

Aside

Sadaasa 07,2013 Adaamaa

Madda gabaasaa Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa irraa,kanaan dura rakkoo bishaan dhugaatii magaalaa Adaamaa keessaa badeen uummanni rakkina hangana hin jedhamne keessa seenee jiraachuun isaa gabaafamee jira. Akka gabaasaa Qeerroo Adaamaa Yuuniversiitii irraa addeessutti barattootni erga dhufanii mooraa seenanii baatii lammaffaa keessa jiru,hanga haraatti bishaan argannee hin jirru,rakkina gama bishaaniitin nu qaqqabee jiru hedduutu jira jedhuun Sadaasa 03/2013 barattoontni mooraa Yuuniversitii Adaamaa keessatti jgaaffii mirgaa kaasanii akka jiran Qeerroon gabaasee jira. Rakkoon kunis rakkoo walii galaa waan taheef baratootni hunduu tokkummaadhaan dhimma gogiinsa kana irratti gaaffiilee mirgaa bu’uura ta’an kaasuudhaan mootummaa Wayyaaneetti mataa dhukkubbii fi yaaddoo itti tahanii akka jiran Qeerroon mooraa Adaamaa Yuuniversitii Adaamaa Addeessa.

Aside

FINCILA DIDDAA GABRUMMAA

Fincila roorroon dhalchu, fincila aadaa gootaa,

Ittisaa roorroo alagaa, tiksaa mirga dhalootaa.

Ni fincilla gurmoofnee, ni didanna gabrummaa,

Cunqursaa dhabamsiisnee, gonfachuuf bilisummaa.

Itti hin lakkifnu diina, saamichaan nu quncisuu,

Lafa keenya gurguree, abbaa biyyaa buqqisuu.

Addunyaattis ni himna, deebisnee deddeebisnee,

Daba diinaa saaxiluuf, dhugaa keenya beeksisnee.

Ijaaramnee falmannee, jilbeenfachiisna diina,

Diddaa keenya cimsinee, sirna gabrummaa diigna.

Daandii dhugaa irra jirraa, bilisummaa gaafannee,

Alagaa jala hin bullu, haqa keenya haalamnee.

Addunyaa dharti mootee, dhugaan yeroof qallattus,

Gaaffiin haqaa dhiibamtee, abbaa humnaaf bal’attus,

Abdii kutnee mohamnee, gabrummaaf hin hoggollu,

Bakka jirruu murannee, mirga keenyaaf haa lollu.

Rakkoo qabsoo obsinee, roorroo alagaa faccisnaa,

Ulfinaa fi bilisummaa ilmaan keenya dhaalchisna.

Mirga keenyaaf finciluun sirrii tahuu hin shakkinuu,

Mootummaa gabroomfataa hanga of irraa darbinuu.

Akka roorroon dhabamee sirni haqaa gad dhaabbatuu,

Amma illee ni fincilla diddaan keenya hin laaffatu ! (2)

Malkaa Caffee

Sadaasa 06, 2013

malkaacaffee@gamil.com

Aside

Waamicha FDG Oslo Norway Sadaasa Gaafa 9,2013

 HDn ABO Jaal Dawud Ibsaa irratti ni argamuu!!!

Guyyaa Cufiinsa koraa 497

ABOni Kutaa Iskandinevia akkuma aadaa isaatti guyyaa FDG Sadaasa 9/ 2013 Magalaa Oslo, Norway Keessatti Kabajata.

Bakki:-

Det Chilenske kulturhus.

Veitvetvn  8, Oslo

Guyyaa: Sadasaa 09/2013.

Akkaataa bakka galmaa gahan: Oslo Center bus 31 Grorud jedhu fudhattanii bakka Veitvet jedhutti buutu.
Baabura (Metro) lakkoobsa shan Vestli jedhu- gara bahaatti (East bound) qabatanii Veitvet buutu

Yeroo Sa’aa 11:00 akka Oslootti Yeroo ta’u. 

Artistooti Oromoo bebbeekamoon kanneen akka:-

  1. Ilfinesh Qannoo
  2. Hayiluu Kitaabaa
  3. Hawwii H. Yesuus
  4. Daangaa H. Yesuus
  5. Yohaannis Abaatee
  6. Asaantii Hajii

Wallee warraaqsaa fi aadaan uumata bohaarsuuf qophiitti jiru.

Fincila-Diddaa-Gabrummaa

Koree qindeessittu.

——————————————————————————————————————————————————————–CaalaattBrrksisKabajaalee FDG Bakkoota adda addaatti ta’uuf deeman kan irraa argachuun dandayamu.

http://www.Gadaa.com

http://www.Ayyaantuu.com

http://www.oromiapress.com

Aside

Waggaa 8ffaa Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa 5, 2013

Farreen dimokraasii, bilisummaa fi walabummaa, sirna abbaa irrummaa fi cunqursaa diriirfatan tikfatuuf, akkasumas kanneen kabajamuu mirga sabootaa dura dhaabbatan gaaffii ummatootaa ukkaamsuuf shira adda addaa raawwatu. Danda’an dhaamsuuf dadhaban ammoo ukkaamsuuf tooftaa gara garaatti fayyadaman. Humna waraanaatti gargaaramuun dhaabamsiisuu, duula qoor-qalbiin ummata hamilee cabsuun qabsoo irraa fageessuu, gaaffiin ummataa kan deebii argate fakkeessanii dhiheessuu fi ololuu, dabrees gaaffiin ummatootaa akka hin jirretti haaluun sirna isaaniin utubame jireessuuf carraaqan.Gutummaa Ibsa kanaa dubbisuuf:-

Sadaasa 9 Ilaalchisee Ibsa ABO (05-11-2013).pdf

SBO Sadaasa 06 Bara 2013

Aside

Barattooti Oromoo Waggaa Haaraa Yuuniversitii Amboo Itti Simataman Dhadannoo Warraaqsaa Dhageessisan.

Aside

Gabaasaa Qeerroo Yuuniversitii Amboo Sadaasa 05,2013

QerroooGabaasaa Qeerroo yuuniversitii Amboo irraa,Sadaasa 03/2013 guyyaa barattootni haaraan Yuuniversitii Amboo itti mooraa seenaniidha. Guyyaan kun Baga Nagaan Dhuftan barattoota haaraadhaaf kan godhamu qofa osoo hin taanee uummata jiraattoota Amboo fi magaalaa Gudar keessatti guyyaa itti eenyummaa ofiillee yaadatan tahee argame. Akka madda gabaasaa kanaatti afeerraan barattoota kanaaf godhame magaalaa Gudar Hoteela SEENAAF jedhamu keessatti yoo tahu magaalaa kana kaasaanii barataa,hojjetaa fi walii galatti uummata naannoo kanaa tahuudhaan dhiichisa sirba qabsoo Oromiyaa maaltu gadhiisaa.. akkasuma Yaa ijoolle harka rukutaatii WBO faarsinaa Ilil jedhaatii jechhuudhaan uummata kakaasuu fi jalee wayyaanee ammo garaa gubaa turaniiru,kun guyyaa saa 7:00 irraa kaasanii hanga halkan keessaa saa 5:00tti daandii Gudarii fi Amboo gidduu jiru daandii konkoltaa cufuudhaan sirboota qabsoo sirbuun yaadannoo gurguddaa uummata oromoo naannoo sanii gidduutti barattoota haarawaadhaan wal qabsiisanii taasisanii jiru. Akka gabaasaan kun addeesuutti sirba qabsoo sirbame irratti uummanni jiru hunduu osoo amantaadhaan hin qoodamiin ittti hirmaachuudhaan dina ilmaan oromoo hinaafsisaa turaniiru. Dhuma irrattis dhaadannolleen adda addaa barattootaan magaalaa Amboo keessa ergaa seenanii dhageessifamaa tureera. Dhaadannowwan gaggabaaboo gabaasaa waliin nu gahan keessaa:

  • Hin Taainaa Kaaa Ni Falmannaa Yaa Uummata Oromoo!!
  • Gadaan Gadaa Bilisummaati!!!
  • Oromiyaan Kan Oromooti!!
  • Dargaggoon Oromoo Maaf Teessa Kaatee Bosona Hin Galtuu????
  • Oromiyaan Ni Bilisoomti!!
  • Injifannoon Kan Uummata Balaa!!
  • Jedhuun dhaadannowwan kana fakkaatan dhageessisaa akka turan Qeerroon gabaasee jira.
  • Qabsoon Itti Fufa!

Kanneen jedhan turuu Qeerroon gabaasa.

Gaaffii Mirgaa Ka’uun Wal Qabatee, Dargaggooti Oromoo Godina Booranaa Dararaan Wayyaanee Itti Hammaachaa Dhufe.

Aside

Sadaasa 5,2013 Finfinnee

BilisummaaDhiibbaa mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo irraan geessisaa jirtu bara baraan adda kan hin citne Godina Booranaa aanaa Moyaalee keessatti ilmaan Oromoo nagaa maqaa ABOn hidhuu fi hiraarsuu irratti argamti. Mootummaan Wayyaanee dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu kan amaleeffate dargaggoota hojii fi jireenya dhuunfaaf godinichatti bobba’an dabballoota ABO ti jechuun Sadaasa 2,2013 seeraan ala qabuun mana hidhaa wayyaanee keessatti reebuun darara hamaa irraan gahaa jira. Ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Maaikelaawwii keessatti ukkaamsamuun reebamaa jiran

1. Dargaggoo Tashoomaa Guutaa
2. Obbo Lammii Urgeessaa
3. Dargaggoo Ibraahim Huseen( Moyaalee kan qabame)
4. Dargaggoo Alaaminaa Geetaachoo

Kanneen jedhaman mana hidhaa Wayyaanee keessatti reebichaan dararamaa jiran. Mootummaan Wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffaachuuf shira hedduu dalagus diddaan waraana ittisa biyyaa keessatti dhalachuun sadarkaa guddaa gahaa jiru yaaddoo jabaa keessa buusee jira.

Afaan Publications Announces International Fundraisers!

Aside

 

Kan keenyaaf – Nutuu Geenya!

Aside

Kan keenyaaf – Nutuu Geenya!

Jiituu Lammii – Unbarsiitii Finfinnee

Bara duriiti. Allaattii risaa jedhamutu lukkuutti michee wajjin jiraachuu jalqabe jedhama. Allaattiin kun uumama isaa dagatee, uumaa isaatiin ala lukku wajjin daraa haadhaa, harca’aa funaanaa kosii keessa oolu jiruu godhate. Garuu akka jaraa irraa hinbareedu-waan uumaa isaa mitikaa. Galgala, dhiya aduu eegee qooxii (haraatii) yaaba. Akka kanaan jireenyi isaa dhawaata lukkuudhuma fakkaachaa deeme. Ta’us garuu, darbee darbee miira addaa, kan uumaa ganamaa keessa isaatii dhaggeeffachuu hinoolle. Gaafii gaafii miirri kuun jabaatee “ …kaatee bantii samii gargar saaqxee, goobaafi golba lafaa qaari’tee, gaafa sii gamte: gaatiraa, heexoo birbirsa feetu garbii fiixa baatee – lafa garaa kee hinqubattuu….!? Isa maaliit ati lukkuu muul’ata hinqabne waliin daaraa haadhaa ooltee galgala haraatiitti rarraata…!? Jedhee qeequu jabeesse. Gama biraatiinimmoo, haalli inni keessa jiraatuufi lukkuun inni wajjin jiraatu “ …. Ati isa kam wan ta’uu hindandeenyeefi uumaan siif hinhirre ta’uu abbalta!? Atoo silaa numa fakkaata; danaan kee cufti akkuma keenyaa- duuba mee akkamiin nurraa gargarbaatee samii keessa laboobuu hawwita…!? Safuudha! … mee hunduu haahafuutii… isa wajjiniin nyaannee- dhugne, jireenya waliin dabarsine… akkamiin dagatteeti nurraa gargar bahuu yaadda…!?” jechuun takka doorsisaa takammoo sossoobaa of fakkeesanii of birattii hambisuuf sadoo jabeessan. Risaan, utuma miira masaanuu wal mormu keessa jiraatuuti gana gaaf tokkoo otuma warri inni wajjin jiraatuu akkuma dur kosii keessatti eeganii gaaftokko lafarraa ol ka’ee balali’uu yaale. Sadoo ormaa, yaalii uumama isaa malee daaraa keessatti isa hambisuuf godhamu, fedhiifi carraaqqii warra “….of dhiisii nu fakkaadhuu jiraadhu….” Jedhanii keessaa bahee hireefi dandeettiin isaa maal akka ta’e battalumatti akeekkate. Sana booda utuma haalliifi warri inni wajjin jiraatu mormanii uumaafi uumama isaa dhaggeeffatee kossii haadhaa ooluu dhiisee samii keessa fagaatee balali’e. Ergasii lukkuun risaa samii keessatti ol eeguu malee akka dur sobdee, sossobdee… of wajjiniin daaraa keessatti hambisuu hindandeenye jedhama.

Kabajamtoota dubbistoota barruu kanaa, Sabni Oromoo uumaa isaa lagatee, eenyummaa isaa dhiisee ormi karaa ormi baaseefi haala ormi tolche keessatti qofa of hubatee fedhiif abdiin isaa gabaabbatee, gabaabumatti waan isaaf malu cufa ormaaf dhiisee, gabaabumatti waan isaaf malu cufa ormaaf dhiisee salphatee miila isaanii jala akka jiraatu fedhiif akeeka qaban dhugoomsuuf shira himamee hindhumne, garuummoo seenaan hindaganne hedduu raawwachaa turuu isaanii, ammallee ittijiraachuufi boruufis akeeka walfaakkaatu qabaachuu isaaniitu durdurii kana na yaadachiise.

Gara ijoo dubbii kiyyattan deebi’a. Isa dura garuu jabina dubbii koof akka tolu jecha akkuma dur seena darbe keessaa waa isin waliin yaaddachuun hawwe. Dubbichi akkana: Qabsoo diddaa gabrummaa, bifa haaraan dhaloonni gara FDG(civil mass disobedience movement)itti babal’isan fuuldura dhaabachuuf Wayyaanonni tooftaa tokko qindeeffatanii ture. Toftaan kun kanuma duruu jiru ta’ee garuu, bara 2005nii eegalee bal’inaan akka hojiirra ooluu ta’e. Akkuma kanaan, Aadde Azeeb Masfin duula kanatti ooggana duraa yoo taatuu, qondalonni basaasaafi aanga’oonni waraanaa dhalootaan Tigree ta’animmoo dabballoota OPDO of dura buusun walduraa duuban qindaayanii qajeelfama gubbaarraa darbu hojiitti hiikuuf qe’ee Oromootti bobba’an. Akeekni isaanii dargaggoota Oromoo qeensa laafeyyii ta’an (faayidaaf bitamuu danda’an), yookanimmoo warra Oromoo kessatti dhalatanii Afaaniif Aadaa sabichaa beekan filachuun aangoofi maallaqa guddaa ittikennuun warra isaan morman hawachuu, warra jajjabina qabanimmoo hidhuu, ajjeesuufi goolii adda addaan hamlee laaffisuu ture. Aakkuma kanaan, duulli jalqabaa lafa Oromoo Finfinneetti marfatee jiru: Buraayyuu hanga Sabbataatti; kalattii biraan ammoo Sulultaa jalqabee Laga Xaafoo – Laga Daadhii dabalatee hanga Galaaniifi Duukam gahutti hoogana Tigree jalatti cicciramee akka gurguramu ta’e. Warri lafa kana akka bitatan jajjabeeffaman saboota Oromoo hintaanee: (Tigree, Guraagee, Amaaraa, Silxee…) ta’uun ammoo duulichi Yrymyy balleessuuf ergama qarlamee qabaachuu mirkaneessa. Haaluma kanaan, yeroo gabaabaa keessattii duulli walfakkaatu Oromiyaa hundatti akka raawwatu dabbaloota gadiif qajeelfama dabarsan. Akkakanaan, magaalonni Oromiyaa hundi harka kaabineetti galee gurgurtaan lafaa hanga dhabe. Maallaqni gurgurtaa lafa Oromoo kanarraa argamu harki guddaan karaa Aadde Azeeb aanga’oota Wayyaaneef kanqooddamu yoota’u, harcaatuu ishee kadiree OPDOtiif dhiisu. Kaabineen OPDO maqaa dhahatan akka kanaan harcaatuu funaannatan konkolaataa ammayyaa (V-eight) bitatanii, sookkoo dheedhii qubaafi mormatti naqatanii, shuguxii ‘micro F’ mudhiitti kaawwatanii, haadha manaa shanii –jaha fudhanii, cooma murachaa Wiskii buufachaa, saggoon saggooratti margee, quufni daangaa dhabee Oromoo dhugaaf dubbatu, sabaaf quuqamu bahaa gala dhoowwanii gariin ajjeesanii ykn. ajjeesisanii, gariin maatii facaasee yoo biyyaa bahu, gariin roorroo kana dhoowwachuuf bosonatti gale; isa kaanimmoo akki dhibee, qe’ee dhaloota isaarratti yuuyya’ee, quucaree hafe- Seenaa hadhaawaa! Jarrii shira kana hojjatan har’a, (isiiniif margaa malee) jiruu sagaagalummaa mana bunaa keessatti dabarsaniin gariin isaanii dhukkuba HIV/AIDSn faalamanii ammas karaa biraatiin uummatatti balaan yoo deebi’an, gariin ammoo qabeenya isaan saba isaanirraa saaman Wayyaanonni harkaa butatanii kaanhidhaatti, gariin ammoo akkahintaane ta’aniiru.

Seenaa kana qalbiin erga yaadannee booda, faanni seenaa kaleessafi har’a, darbeemmoo boru garamitti akka aggaamu akeekkachuuf, caalatti ammoo hojii yeroon nurraa eegutti humna guutuun fuulleffachuuf akka tolu gara taajjabbii koo torbee lamaan kanaatti haadeebinu. Jarreen kaleessa shira olitti himame hojjataa turan har’a bubbee hamaan gola isaanii seenee dhaabbachuu dadhabanii raafamaa jiraachuu dhugaa guyyuu muul’atu ta’ullee, warra mamii qalbii keessaa qabaniif raga kaahun, wal hubachaa dhimma fuulduratti nu eeggatutti fuulleffachuuf gargaara. Kanaaf jecha, waanuma torbee lamaan kana isaan ittijiran gabaabumatti ilaaluu yaalla.

Dabballoonni OPDO tibba kana maqaa “raawwii bara darbeefi karoora bara dhufuurratti mari’anna” jedhuun bakka hundatti guyyoota kudhaniif kora taa’aa turan. Kora kanarratti yaaddoofi abdii kutannoon yoomuu argamee hinbeekamne kan muul’ate yoo ta’u, dabballoonni tokko tokko “ … duunee awwaala keessa jirra…” jechuun haalicha ibsaniiru. Haala jara kanaa hubachuuf akkasumas, egree isaanii tilmaamuuf, iccitii dhokataa barbaaduurra, galgala yoo isaan bakka mariitii hahan dhaabbatanii akkaataa isaanii ilaaluun qofti nama seenaa isaanii durii beekuuf dhugaa tokko hima. Akka kanaan, hoolota hongeen ittidheerate fakkeenya mogoleen walrigaa, boquun gadi cabee mataa buusanii abdii malee yoo deeman ilaaluun waan isaan ittijiran akeekuu caalatti boru maaltu akka ta’uuf deemu tilmaamuuf nama gargaara.

Dabbaloonni kun, haalli isaan keessa jiran milkii akka hinqabne, abdiin irraa fagaatee egereen isaanii dukkanatti deemaa kan jiru ta’uu guyyoota kudhaniif wal harkaa fuudhanii walumatti deebisuun alatti yaaddoo isaaniif fala kaahuu hindandeenye. Dargaggoonni wal ijaaranii qabsoof qophiin godhaan jabaachaa deemuun, raayyaan waraanaa, keessumaammoo poolisoonni dhawaata qalbiin gara uummataattii dhiyaachaa dhufuun, dabbalootumti duraan amanamoo turan sirnicha dhiisuuf fala biraa barbaaddachaa jiraachuufi (karaa danda’ameen qarshii saamanii miliquun), hunda caalammoo uummataan garmalee jibbamuufi kkf. Dhimmoota yaaddoo uuman ta’uurratti walii galanillee, dargaggoota isaan nyaachuuf qophaawaa jiran faayidaa adda addaan ofitti qabuu, warra tooftaa kanaan qabamuu didanimmoo hidhaafi doorsisaan ofirraa faccisuun hanga danda’ametti lubbuu dheereffachuuf yaaluun alatti waan “… kanatu furmaata…” jedhanii ittabdatan dhabuun keessa isaaniitti yaaddoo caalu uumeera. Dabballoon kun akka kanaan erga walitti waakkaachaa turanii booda, iccitii isaanii akka uummata bira hingeenye walkaksiisuun karaa sabaa himaalee harkaa isaanii jiruun akkuma baran waan sobaa dabarsuun uummata gowwomsuuf yaalaniiru. Karaa biraatiin, nama dugduuba dubbii kanaa qola keessaa baasee ilaaleef qabsoon uummataa sadarkaa murteessaarra gahuu hubachiisa.

Gabaabumatti, yaaddoon kun dhimma duruu beekamuufi eegamu fakkaatullee, nama jiruu saba Oromoo jijjiiruuf qabsootti jiru tokkoof ergaa guddaa qabaata. Qabsoon Oromoo galma isaatti dhiyaachuu eera. Dubbiin dubbii lukkuufi risaa sana fakkataa. Har’a uummanni jara soba isaanii wajjin kosii keessatti dhiisee karaa isaaf malu qabatee fagaateera. Lafa lamuu jaraan walitti deebi’uu hindandeenye qaqqabeera. Kanaaf ammoo qaawwa ofii suphachaa, wiirtuu diinaa waraanuufi uummata diina harkaa bahee jiru caalatti humneessanii qabsoo galmaan gahuuf seenaan hiree seenaa qabu nu harkaan geesseetti.. Kuni bu’aa qabsoo bara dheeraati. Amma Qabsoo kanatti xumura gochuu gaafata. Kanaaf, akkuman duraan jedhe, humnaafi tooftaa yeroon gaafatu qindeeffachuun humnafi saffisa dabalatanii fuulduratti furga’uuf amma yeroon murteessaa ta’eera. Kun dhimma keenya. Dhimma keenyaaf ammoo nutuu geenya!!

Injifannoon Uummata Oromoof!!