Rakkoo Ummata Oromo Sa,udii Jiruu

Aside

Motummaan sa,udii jiota sadeen dabran keysa labsii baasee ture , labsiin kan algaa huda laallatu ture yero duraanii innis alagaan biyya tanatti jiraatu hundi heeraa isaa serreyfachuu qaba ka ja,u labsiin. Amma garuu ummatuma Oromoo fi kan Itophiyaa hafan qofarratti bobbahamaa jira.

Guyyaa Sadaasa 5, 2013 akkuma labsii kana hujirra olchuuf bobbahaniin labsiin kuni kan lammi biraa tokkollee hin ilaalle hujiin nutti agarsiisan. guyyuma kana ganamarraa sa,a 7tti nama lammii oromoo maqaan isaa Umaree Abduraman Alii Rasaasaan rukutanii ajjesan.

Namni guyyaa kana osoo heeraa biyyaa gutuu qabuu qabamee manatti gidraa argaa jiru nama 25 oli tahu .. Mana dhiira keysa qaban garii durreyyee fii hattuun senudhaan dubartii gudeedanii bakka garittiis meshaa mana gurratanii deeman.

Haalli kuni mufannaa guddaa jiraattota lammilee ethiopiarratti umeen guyyaa Sadaasa 9, 2013 lammileen kanneen iddoo takkatti walitti qabamuun biyya tenyaatti maatii kenya waliin nu galchaa jechuun gaaffii seeraa dhiheyfatanillee polisii sa,udii fii durreeyyee sa,udiin marfamanii dullii irratti banamee duulaa kanaan namni 68 ni madaawe namni lamaas ni du,an namni 561 qabamanii hidhaman .

Akkanatti ofirratti loluun ummataa kanaaf motummaan sa,udii labsii baasee ka ja,u polisiin mana seenee akka nama hin qabnee namni galuu barbaadu iddo takkatti walitti dhufee nu makiinaan gara dirree xayyraa akka geysinuu jechaa labsan.ammaaf labsii kanaatuu hujirraa olaa jira, haa tahu malee haalli amansiisaa akka hin tahin hubatamaa dha.

Gara biraan magaalaa makkatti ummanni kenya rakkoo guddaa keysatti argaman . Rakkolee isaan mudachaa jiran keysaa mana kiraa keysatti jiraachaa turan keysaa dirqiin gadi yaafama jiru . hedduun isaanii bakka ol seenan dhabudhaan rakko guddoof saaxilamaa jiru. Haala deemaa jiru kana mootummaan Sa’udii akka shaffisaan dhaabdee kan biyya galu sirnaan maatii fi qabeenya isaatii waliin kabajaan galchitu ummanni Oromoo biy tanatti argamu gaafata. Ummanni Oromoo fi kan biraa jiraniis haqa keenya kana nuu falmuurratti akka nu tinnisan gaafanna.

Obbo Mikkaa Gammada
Kabajaan Biyya ofiitii waliini!!!
Hawaasa Oromoo Sa’udii jiraatu

Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti diddaa jabaan Wayyaanee mudate. Waraanni Wayyaanee gara jabinaan barataa Oromoo rasaasaan rukkutan

Aside

Sadaasa 15,2013 Arbaminc

OromiaALutaContinua2011FDGBarataa Saamu’eel Dassaaleny barataa electriclal Engineering waggaa 4ffaa badii tokko malee rasaasaan reebame.

Impaayera Itoophiyaa keessatti gaaffiileen mirga namummaa fi Dimokiraasii gaafatamuu kan eegalaman sirni bittaa cunqursaa kun erga gadi of dhaabee kaaseeti. Gaaffiiwwan mirgaa abbaa biyyummaa kanneen gaafachuu keessatti qoodni barattoota Oromoo guddaa dha. Barattootni Oromoo dhiibbaa mootummaan wayyaanee gaggeessaa jiru dura dhaabbachuuf diddaawwan wareegama qaqqaalii kaffalchiisan gaggeessaa turee har’as itti jira. Yeroo ammaa kana dhiibbaan mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru hammaachaa dhufuu fi barattootni Oromoo akeeka QBO galiin dhaqqabsiisuuf gaaffiiwwan mirgaa finiinsaa jiran. Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti barattootni Oromoo haaluma kana deeggaruun hiriira mormii jabaa gaggeessan. Hiriirri kun Yuunivarsiitii keessaa gara magaalaatti kan taasifame yoommuu tahu dhaadannoowwan
Sirni bulchinsaa mootummaa abbaa irree dha.
Mirgi barattootaa haa eegamu
hidhamuu fi dararamuun haa dhaabbatu
Mootummaan barattoota hidhamaniif itti gaafatama haa fudhatu
Bulchinsi mooraa Yuunivarsiitii Arbaminc tajaajilawwan mara haqaan haa dhaqqabsiisu
kanneen jedhan yoommuu tahu, mootummaan wayyaanee waraana hedduumminaan bobbaasuun barattoota karaa nagaa gaaffii mirgaa dhiyeessaa jiran rasaasaa fi uleen tume. Barattoota Oromoo waliinis rakkoowwan wal fakkaataa kanneen qaban barattootni dhalootaan Sidaamaa, Sumaalee fi Beenishaangul tahan hiriira kana deeggaranii jiran. Mootummaan wayyaanee diddaa kana dura dhaabbachuuf filannoon isaa rasaasaan barattoota tumuu waan taheef barattoota irratti rasaasa dhukaasuun Barataa Saamu’eel Dassaaleny barataa electriclal Engineering waggaa 4ffaa tahe rukkutanii jiran. Barataan Oromoo kun akkuma rukkutameen barattootni baatanii gara Hospitaalaa geessuun waldhaansisuuf yaalanis wayyaaneen hidhuuf barbaadaa jirti. Jala deemtotni mootummaa kanaa Doormii barattootaa dhukaasa banameen yoommuu guban barattootatni gamtaan qabeenya qaban irraa dhaamsuuf tattaaffii taasisaa turanis qabeenyi barattootaa gubatee jira. Mootummaan wayyaanees kan ofii gube isintu gube ykn qaama biraa galchitanii jirtu jechuun barattoota irratti hiraarsa gaggeessaa jira. Barattootni Oromoo Yuunivarsiitiilee biroo martis dammaquun shira mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuutti argamu.

Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Akaakoo Manabbichuu fi Yuunversitii Finfinnee Keessatti Barattooti Oromoo Unkaa Miseensummaa OPDO Akka Guutan Dirqisiifaman.

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Sadaasa 14,2013

Sadaasa 13,2013. Qeerroo godina Addaa Naannoo Finfinnee Aanaa Akaakoo Manabbichu irraa ibsuun,mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Akaakoo Manabbichuu keessatti barattootni dhimma miseensummaa irratti barsiisota isaanii waliin walitti bu’anii kan jedhu maddi gabaasaa kanaa addeessa. Akka gadi fageenya gabasichaatti ilmaan oromoo sabboonummaa qaban kanneen mootummaa wayyaaneef hin jilbeenfanne unka miseensummaa dhaaba OPDO sadaasa 13 guyyaa keessaa sa’a 3:00AM irratti waraqaan kun isaan geenyaan barattootni hunduu daandii miseensa keessan guutuu ilaalchisee barattoota miseensa keessan ta’an qofa barsiifachuu dandeessu jechuudhaa barsiisota isaanii dhimma kana irratti keessumsiisuu dhiisuu irraan walitti bu’iinsi hanga barataa fi barsiisaan wal reebuutti gahee akka jiru gabaasaan isaa addeessa.Barsiisota keessaa deggertootni barattoota kanaa waan jiraniif humnaa fi sodaa tokko malee barattootni waraqaa miseensummaadhaaf wayyaanee biraa dhufe ciruudhaan,isa kaan ammoo ibiddaan gubuudhaan ergamtoota wayyaanee garaa gubanii akka jiran akkasuma barumsi hanga ammaatti nageenyaan itti hin fufin waan jiruuf naannoo mana barumsaa isaanis hidhattoota wayyaaneetiin qabamee akka jiru gabaasaan Qeerroo Aanaa kanaa addeessa. Barattootni kan jedhan ammas nuti miseensummaaf hin jiraannu,wayyaanee miti kan nu jiraachisu dhaaba qabna kan nu hoogganu,kan haqaaf dhaabbate,kan nun ajjeesne,kan nu kunuunsu,ilmaan oromoof kan dhaabbatu,maqaa dhayuu baannu isin kan beektaniidha, kaayyoo dhaabichaa waan beektaniif yaaddoon akkas isin fiigsaa jira,nuti biyyas qabna dhaabas qabna,nuti oromoodhaa habashaa miti kan jedhu barruu adda addaa waraqaa xixiqqaadhaan mooraa keessaa fi alaan facaasanii akka jiranii fi sirba qabsoos waliin sirbuudhaan tikootaa fi hojjettoota wayyaanee garaa gubanii akka jiran gabaasanii jiru.

Kana malees Gabaasu Qeerroo Yuuniversitii Finfinnee kiiloo 6 irraa akka addeessutti guyyaa har’aa Sadaasa 14 mootummaan wayyaanee kabaja yeroo darbe sadaasa 9 barattootan kabajame irratti odeeffannaa dhaga’een dhaabni ABO caasaa isaa yuuniversitiiwwaan jira irraa yuuniversitii Finfinnee keessa bal’ifatee waan jiruuf,barataan oromoo kamiyyuu mooraa kana keessa kan argamu barataa guyyaas haata’u galgala dabalatee miseensummaa keenyaan hoogganamuu qaba kan jedhu xalayaan akka mooraa yuuniversitii kiiloo 6 iccitiidhaan seene gabaasaan isaa addeessa. Akkasuma akka madda gabaasaa kanaatti yuuniversitii jiran hunda irra shakkii guddaan mootummaan wayyaanee irraa qabu barattoota yuuniversitii Finfinnee yoo tahu basaasota garagaraa fageenyaa fi dhiyeenya irraa miindaa ggurguddaadhaan mooraa kana keessatti ramada akka jiru gocha isaan iccitiidhaan gochuuf deeman maddi gabaasaa kanaa addeessa. Dhimma miseensummaa guutuu ilaalchisee ejjeennoon mootummaan wayyaanee lafa kaayatee fi dabarsee jiru yuuniversitii Finfinneetti barataan kamuu hanga nuti biyya bulchaa jirrutti miseensummaa hin guutu yoo tahe barumsa irraa dismiss tahuu danda’a,kun yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramu dirqamni akka bahe gabaasaan isaa addeessa.

Roorroo Wayyaanee Sarmuu Diduun Diddaa Dargaggooti Oromoo Godina Jimmaa Dhageessifatan ,Kutaa 2ffaa(Part 2)

Aside

Dargaggoonni Oromoo godina dhihaa fi barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Onkoloolessa 13,2013 Ayyaana Irreechaa sababa godhachuun mootummaa Wayyaanee ummata Oromoo hacuucee bulchaa jiru irratti mormii dhageessisanii turan.Mormiin dargaggoonni Oromoo kaasan Wayyaanee haalaan dhiphisuun barattoota 12 hidhanii turan,kanneen keessaa hidhamuu barattoota Oromoo ilaalchisee  poolisoota Fedraalaa fi naannoo Oromiyaa jidduutti wal dhabbiin sababaa dhalateef jecha barattooti 9 battala gadhiifamanii turan. Kanas ta’u diddaan Qeerroo hanga ammaatti yeroo irraa yeroon kan itti fufe ta’uun ni beekama. Gabaasaa isaa wal jalaa boodaan dhiheessina.

Diddaan Qeerroo Bilisummaa kun kan dargaggoonni Kibba Africa baroota 1990 ta dura diddaa gaggeessuun faaruu fi wallee warraaqsaan roorroo uumata isaanii irra jiru dhageessifachaa qabsoo godhan waliin wal fakkaata.

Wallagga Qeellam Keessatti Guyyaan FDG Sadaaasi 9,2013‏ Kabajame

Aside

Sadaasa 13,2013 D.Doolloo

Yaadannoo Sadaasa 9 FDG yeroo 8ffaa oromiyaa keessatti kabajamaa ture ammas haalota ho’aadhaan bakka adda addaa irratti kabajamaa turuu isaa gabaasota Qeerroo adda addaa irraa kan nu gahaa jiruudha.

Madda gabaasaa Qeerroo Qellem Wallaggaa irraa addeessuun Magaalaa Dimbi Doolloi fi aanaalee godinoota kanneen jalatti argaman ifatti aanaa Anfiilloo,Qeebbee, Daallee Waabaraa,Sayyoo,fi mana barumsa Qellem,Beezii fi Oliiqaa Dingil keessatti haala ho’aadhaan kabajamee akka oole gabaasaan isaa addeessa. Guyyaa kabajaa kana irratti wareegamtootaa qabsoo bilisummaa oromoof lubbuu isaanii dabarsan yaadannoo guddaa gochuudhaan barruulee uummata oromoos yaadachiisuu fi suurawwan adda addaa kaasuudhaan wal yaadachiisuuun kabajanii oolaniiru,dabalataan ammoo huyyaa kana hojiin addaan bakkoota kanneen irratti dalagamanii jiran uummata oromoof waamichi qabsoo tahee jira, mirga ofii falmachuun nama hin yakkisiisu,dhugaadhaafis miidhamuun boruu lammii ofii biratti galata guddaa argachuutu jira jechuudhaan barruu adda addaa raabsanii jiru. Akkasuma abbootii qabeenyaa Oromoo godina kana keessa jiraniif waamichi qabsoo oromoo addaan tahe ejira,gumaatni garagaraa maatiwwan dhuunfaa irraa qabsoo oromoof kan tahee jiruudha,kunis gumaacha qarshii,tajaajila tolaa kan akka geejjibaaf malu konkolaataan Qeerro qabsoo irra jiruuf baasii horii tokko malee yoomiyyuu bakkaa bakkatti sochoosuu dirqama lammuummaa ni baana jedhuun waadaa yeroo seenaniidha,

Guyyaama kana sadaada 9 sababeessuudhaan qooda shamarraniii qabsoo irratti gahee ofii bahuu irratti harmootin sabboonummaa qabanii fi shamarran Oromoo magaalaa Dambi Doolloo Hoteela Abbunash keessatti wal gahuudhaan sa’a gabaabaaf ibsa ejjennoo baafatanii jiru.

-Nuti sharamarran oromoo godina Qellem magaalaa Dambi Doollo keessa jiraannu bilisummaa saba keenyaa fi walabummaa biyya keenyaaf wareegama barbaachisu gochuuf boodatti hin jennu,

-Qabsoo Bilisummaa Oromoo gumaacha tahu deggersa qabsoof waan qabnu irraa baatii baatiidhaan buusi qabnuun ni dhaabbanna.

-Miidhaa uummata keenyaa ilaallee yoomiyyuu hin callisnu hanga mootummaa abbaa hirree mootummaa wayyaanee hiddaan buqqisnutti tokkummaan hiriiruu keenya waadaa seenerra.

-Afaan,Adaa fi Seenaa saba bal’aa saba oromoo babal’isuuf waan barbachisu hunda ni baafna,ni bal’ifanna,jennee murtoo keenyas dabarsina.

Jedhuun maadhee Guddattuu jedhu jalatti of ijaaruudhaan shamarran magaalaa Dambi Doolloo sadaasa 9 kabajuudhaan sodaa fi shakkii tokko malee qabsootti hiriiruu isaanii waliin Gabaasaan Qeerroo G/Qellem addeessa. Waraabbii qabnu akka kuusatti kan of biratti qabnu irraa kan hafe ykn kuusaa CD fi filashiitin kan dhaamnu irraa kan hafe toora interneetaa maagaal kana keessatti waan hin qabneef nu hoofkalchaa dhaammanna jedhu.

Yaadannoo FDG uummata Oromo waggaa kanaa Kuta Iskaandinaaviyaatti sadaasa (Nov) 9 bara 2013

Aside

Yaadannoo FDG uummata Oromo waggaa kanaa Kuta Iskaandinaaviyaatti sadaasa (Nov) 9 bara 2013 magaalaa Oslootti walgahii hawaasaa fi qophii aadaatiin yaadatamee oolee. Keessummaan J/ Daawud Ibsaa HD- ABO fii Hoogganoota adda addaa; kan irratti argaman milkiin xumurammee jirra

SBO Sadaasa 13 Bara 2013

Aside

Gamtaa Qeerroo YSTA( Y.Adaamaa
                    MAANDHEE LEENCA GAARA MUUL’TAA.
   Kabaja Waggaa 8ffaa (2005)FDG ilaalchisee Ibsa ABOn  baase bu’ura godhachuun sagantaan keenya akka armaan gadii kana fakkaata.

BARUMAAN RAKKOO HIMACHUUN SALPHINA,MATUMTI ISAA   RAKKINA

                              (Dhaamsaa fi Dhaadannoo Qeerroo YSTA)

QeerrooGita bittoonnii mootonni murni habashaa,dhimma aangoo ykn taayitaa walin wal jijjiruu irraatti waliif galuu yaa dhaban malee  ilaalchi farrummaa ummata Oromoof qaban akka tokko tahe  firaa miti diinumte shira kana tolchullee adda durrummaatti beeka,imaammata dulloomaa  Abboonni isaanii dheengaddaa fi kaleessa bocanii addunyaa kanarraa daaraa tahan yeroo dhaloonni isaani akkuma kaleesaa udaan irra taa’anii waan gara fuulduraa tokko tarkaanfatamee gara boodaa tarkaanfii sadii deemuuf daddaaqan qalbii guutuu argaa jirra.kunnimmoo   dadhabina osoo hin taane  diinummaa addaa farrummaadha.Qqabxii gurguddoo diinaa  farrummaa  ummata Oromoorraatti  raawwataa ture,ammallee haala suukanneessaa fi hedduu gaddisiisa yeroo inni itti bahaa jiru uumama hundatu ragaa taha. jabaannee,gurmoofnee,yoo falmanne malee borullee akka kana caalaa daraan dabalaa adeemuu eenyuu tilmaamuun isa hin dhibu(haa falmatu abbaan roorroon dhibe jennan).

     Farrummaa mootota habeshaa Miliilik hangaa  Wayyaanee mee haa ilaalluu :– Gamtaa Qeerroo YSTA. Yuuniversitii Adaamaa

Aside

Bohaartii Daawwitee Mokonon waliin ; Waayee ulaagaa fi hiikkaa “Jaarsa harrii ” Akkasumas haasaa Artist Hirphaa Gaanfuree waliin taasise.

Qophiin “OROMIA TIYYAA”  Houston Texas Keessatti Gaggeefame.

Yuunivarsiitii Adaamaa damee Asallaa keessatti gaaffiin mirgaa Dargaggoota Oromoon ka’e.

Aside

Sadaasa 12,2013,Adaamaa

OromiaALutaContinua2011FDGYuunivarsiitii Adaamaa Damee Asallaa keessatti barattootni Oromoo gamtaan gaaffii mirgaa kaasan. Mootummaan wayyaanee bara dhufaa darbu ilmaan Oromoo addatti ammo barattoota Oromoo reebaa, hidhaa fi ajjeesaa as gahuun ishee nurraa haa dhaabbatu jechuun diddaa dhageessisaa jiran. Mooraa Yuunivarsiitii kana keessatti barataa Oromoo sababa tokko malee jala deemtotaa fi ilmaan habashaan rukkutameef mooraan Yuunivarsiitii fi mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa haa fudhatu jechuun sagalee diddaa dhageessisaa jiran. Mootummaan abbaa irree wayyaanee gaaffiiwwan mirgaa gaafataman hidhaa fi doorsisaan dura dhaabbachaa kan ture ammas jabeessuun waraana hedduumminaan galchee doorsisa gaggeessaa jira. Doorsisni qabsoo bilisummaa Oromoo fi gaaffii mirgaa finiinu galma gahumsa hin dhorku jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Adaamaa dame Asallaa addeessee ilmaan Oromoo maraafis waamicha dabarsee jira.