Qophii fi Qindoomina Qeerroo, Simatnaa Barattoota Yuuniversitii Jimmaa Waggaa Jalqabaa Sadaasa 2013

Aside

Aadaa Shammarran Oromoo Borana, Oromiyaa

Aside

HAMMA CUFATANITTI , NI GONGORATU .kutaa 2ffaa

Aside

Y.G(2005) kutaa 2ffaa | Sadaasa 23, 2013

barruuQabsoon Oromoo kan keessa dabre irraa barachuun dirqii itti ta’a. har’a waan irraa barachuu dandeenyu argachuuf, muuxannoo eenyullee qorachuun nu hin barbaachisu. Qalbii haqaa yoo qabaanneef, waan nuuti keessa dabarre irraa, warra kaaniif dhaamnu hedduutu jira. Bu’aa ba’iin qabsoo OROMOO keessa dabraa jiru salphaa miti. Jaallannus jibbinus Addunyaa haala hammaataa keessa jirtu keessa jirra. Gaaffiin keenya kana keessaan akkamiin milkaa’aa ? jedhanii irratti hojjachuuf qooda ilmaan Oromoo hundaa gaafata. Inni Qabsoo Oromoo cichoominaan gaggeessaa jirus, inni sababaa gara garaan keessaa ba’ees , inni qabsoo Oromoo akka kubbaa miilaa taa’ee daawwataa jirus, inni lakkii dhiiga ofii waliin dhaabbachuun bakka dhabuudha jedhee mana namaa keessatti rakkataa jirus,inni maaltu na dhibeen keessaa ba’ee addunyaa biraa keessa jirus, inni mee karaa kana yoo ta’e jedhee yaalaa jirus….hundumtuu, har’a Ummata kanaaf furmaati maal akka ta’e kan wallaale hin jiru.

Furmaati addunyaa kana irraa eeggannu hin jiru. Biyyoota haqa keenya odoo beekanii dantaa isaaniif nu ukkaamsaa jiran irraa waan eeggannu hin jiru.har’a dhaabbilee mormitootaa jiran irraa gonkumaa waan eeggannu hin jiru.hunda irraa jechuu ni dandeenyaa waan irraa eeggannu hin jiru. walii keenyaaf qoricha ta’uun keenya har’a ifadha. haala akkasii keessatti waan nu barbaachisu waggaa 100 booda waan wal gaafannu hin qabnu. waan nu ijaarus, waan nu diigus, waan nu laamshessus, waan nu gufachiisuus tokko tokkon beekna. Dhibee keenya kana diinni ammallee itti mikaa’uuf nu irratti hojjachuun kaayyoo isaati. Dirqama isaatis. Isatu isa jiraachisa waan ta’eef. Kan nu dinquu qabu, waan diinni nu irratti hojjatu kana irraa baraaramu dhabuu keenyadha.

Yeroo hedduu Gandummaa, dhimma Amantii fi Angoof bololuutu qabsoo keenya miidhaa jira jennee dubbanna. Garuu summiin jireenya hawaasummaa keenya keessa facaafamee, guyyuu wal nu dhamaasaa jiru qoratanii Ummata Biyya keessaas ta’uu Biyya alaa barsiisuun dhibee keenya adda duraa ta’uu ol kaafne dubbachaa hin jirru. hundeen qabsoo oromoo ititu isa dhorku isa kana. Dhalli Oromoo Ani Oromoodha ofiin jechuutti ni boona. Oromoodha ofiin jechuun duuba kan jiru keessa jiraachuu fi dhiisu isaa garu hin qalbeeffatu. Ani Oromoodha ofiin jedheen, waan na keessa jiru waan gabroonfattoonni na keessa tuulan waliin jiraadha taanaan jireenyi koo hawaasa Oromoo waliin tarkaanfachuuf na rakkisa. Keessi koo sabboonummaatti amana yoo ta’ee, jireenyi hawaasummaa warra halagaa na keessaa sirbuu hin qabu. Abshaalummaa fi haxxummaan gabroonfattootaa na keessatti mana ijaarrate odoo jiru , akkamiinan jireenyi hawaasummaa Oromoo maal akka ta’e beekuu danda’a ?

Jireenya hawaasummaa Oromoo keessa kan halagaan nu harkaa fudhatee ittiin jiraataa jiruu fi nuuti isa dhabnee ofittummaan nu maraachu hedduutu jira. Halgaan ibsituu eenyummaa keenya gaafa Ummata keenya keessaa baasu yaalu, yoo danda’e bara baraaf akka nuuti of hin taanefidha. Nuuti ammo sabboonummaatu nu keessa jira jennee itti amanna taanaan shirri diinaa nu keessaa maal hojjata ? of keessaa baasuutu nuuf qoricha. Fakkeenyaaf, sirna hangaafaa fi quxusuu hawaasa Oromoo keessa jiru, Addunyaa keessaa kan qabu jira natti hin fakkaatu. Waan umama keenya waliin jiru malee kan barannee miti. Kun har’a nu keessa jiraa ? yoo jenne deebiin laatamu malu, waan jiru irraa hubachuu dandeenya. Ofittummaa har’a guyyuu nu miidhee qophaa nu fiigsaa jiru aadaa Oromoo keessaa waan kana calaqqisiisu jiraa ? jennee yoo gaafanne, jireenya gamtaa yk waloon kan callaqisu qofaa arganna ? maarree eessaa dhufe ? nu diiguuf diinni nu keessa kaa’e. diinni itti milkaa’eera. Nuuti garuu ittiin miidhamneerra. Sobuun aadaas ta’u jireenya hawaasummaa Oromoo keessa gonkumaa hin jiru. maarree eessaa fidine. Gabrummaa waliin dhufe. Hayyee gabrummaa jibbina ega ta’ee maaf sobuu hin jibbine ? deebii isaa isinumaafan dhiisa. Hattummaan Umama Oromoo keessa jiraa ? aadaa jiru hundaa keessa hin jiru. saamichoo jireenya hawaasummaa keenya keessa jiraa ? maarree eessaa fidine.kan diinaati. Hayyee har’a ega nuu galee maaf of keessa hin baafne ?

AMMA CUFATANITTI , NI DONGORATU . kutaa 2ffaa.docx

Oromo TV:Interview Toltu Tufa

Aside

SBO Sadaasa 24 Bara 2013

Aside

Aside

S.Arabiyaa Keessatti Gochaa Sukkanneessaa Oromoo fi Saboota Biroo Irratti Raawatame Mormuun Oromoonni Oslo, Norway keessatti Hiriira Bahan

The Oromos and other nation and nationalities of Ethiopia in Germany, Protest Killing of migrants in Saudi Arabia

Aside

GermanyA Protest demonstration organized by the Union of Oromo Students in Germany (UOSG) in collaboration with the Oromo Community in Hessen and the Oromo Community in Munich and strongly condemns the mass killing, inhumanly killing, torturing, murdering, massacring, brutal treatment and being raping by Saudi citizens and security forces publicly more than ever. The protest took place on 21 November 2013 in front of the Saudi Arabia consulate in Frankfurt am Main, Germany with more than 60 peoples. The very active and emotional participation of the numerous members of the Union of Oromo Students and the Oromo nationals from all parts of Germany, gave a special glamour to it with slogans of Stop killing innocents migrants, Saudi Shame on you!!! Saudi you will pay the price!!!!!You are killer! Saudi Arabia you are terriorist, you are murderer, Free our brothers and sisters, you are rapper…raper…raper, Stop killing and Rape our sister and Brothers!!Enough is enough!!The blood of Oromo youths and Nation of Ethiopians cries out for justice’:

FrankfortThe call for the Demonstration including our demand letter was already sent to different organizations and diplomatic missions operating in Germany including City administration of Frankfurt, Aminist International EU and Human Right Watch.Report 21 Nov.2013 Demonstration

Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa keessatti uummatni diddaa kaasuun gabaafame.

Aside

Sadaasa 22,2013 Haromaya

Uummatni Oromoo guyyaan itti mootummaa Wayyaanee fi sirna isaaf bitame jedhee bule mul’atee hin beeku. Yeroodhaa gara yerootti diddaan hedduu jabaachaa deemuun as gahe. Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa magaala Haramaayaa fi Awwadaay keessattis uummatni Oromoo gamtaan sirna mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachaa jira. Mootummaan Wayyaanee isin miseensota ABO ukkaamsitanii jirtu maqaa jedhuun uummata Oromoo hiraarsuu fi sakatta’uu kan eegale dura dhaabbachuun uummatni gamtaan sirna mootummaa wayyaanee dura dhaabbachaa jira. Konkolaatawwwan magaalaa keessattis basaastotnii fi jala deemtotni Wayyaanee geejiba akka hin arganne uummatni dhorkuun diddaa jabaa gaggeessaa jiran. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessattis gaaffiin dabalinsa miindaa jabaachuun mootummaa wayyaanee dhiphina jabaa keessa seensisee jira. Jala deemtotnii fi amanamtootni Wayyaanee yeroo dheeraas qaala’insa jireenyaa isaan mudate irraa uummata waliin dabalinsa miindaa gaafachuuf dirqamamanii jiran.

Yuunivarsiitii Amboo barattootni muummee AGRI BIOPROCESS ENGINEERING sirna mootummaa Wayyaanee dura dhaabbatan

Aside

Sadaasa 22,2013 Amboo

OromiaALutaContinua2011FDGDhiibbaan mootummaan Wayyaanee gaggeessaa ture daangaa hin qabu. Ilmaan Oromoo guutummaan gaaffiiwwan mirgaa kaasaa; wareegama barbaachisaas kaffalaa as gahan. Barattootni Oromoo addatti qabsoo fincila diddaa garbummaaf taasifamu keessatti qooda olaanaa bahaa turan. Yuunivarsiitii Amboo keessatti haalli kun itti fufuun barattootni gamtaan sirna mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachaa jiran. Mootummaan wayyaanee barattootaa fi baajata barnootaan bittaa umrii isaa dheereffachuuf kan akeekkate irratti barattootni gamtaan dura dhaabbatanii jiran. Yuunivarsiitii Ambootti barattootni muummee AGRI BIOPROCESS ENGINEERING baratan sirni bulchinsa mooraa Yuunivarsiitii fi kabajaan barattootaaf kennamu hir’achuu irraa dura dhaabbannaa gaggeessaa jiran. Mootummaan wayyaanee diddaan kun irra deddeebbiin ka’uu irraa bulchinsa mooraa Yuunivarsiitii qorannoon rakkisaa jirti. Pirezedaantiin Yuunivarsiitichaa Dr. Mitikkuu Teessoos mootummaa Wayyaanee waliin tahuu irra barattoota waliin yoo taate kabajaa qabda jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Amboo dhaamsa dabarsanii jiran.

Raadiyoo Seife Nebelbal,Sadaasa 21,2013

Aside