Mootummaan Wayyaanee Baha Oromiyaa Godina Harargee bahaa aanaa Midaagaa keessatti uummata Sumaalee fi Oromoo walitti buusaa jira.

Aside

Sadaasa 29,2013 Gabaasa Qeerroo Dirree Daawa
Wayyaaneen TPLF tooftaa biyya goolu kanneen itti dhimma bahu keessaa tokko sabaa fi sablammiiwwan biyyattii walitti buusuun tokkummaa uummata Impaayera Itoophiyaa keessaa diiguu dha. Haala kana milkeessuuf uummata nagaa walitti buusaa kan ture Baha Oromoo uummata Oromoo fi Sumaalee walitti buusuuf lafa Oromiyaa irraa kutuun uummata Sumaalee qubachiisaa jira. Uummatni Oromoo naannoo daangaa kanaa jiraatan lafti kun keenya jedhanis waraana kumaatamaan bobbaasuun uummata Oromoo irratti miidhaa daangaa hin qabne gaggeessaa jira. Mootummaan wayyaanee yeroo dheeraaf poolisoota federaalaa ” Liyyuu Haayil” jedhaman bobbaasuun uummata Oromoo ficcisiisaa turuun isaa ni yaadatama. Shira mootummaa wayyaanee kanaan dammaquun uummatni nagaa waraan akka waliin jiraatu, daangaa Oromiyaa kabajsiisuuf ammoo wareegama barbaachisaa kaffaluu irraa uummatni Oromoo duuba akka hin deebine qeerroon baha Oromiyaa gabaasee jira.

Uummatni Oromoo Godina Gujii saaminsa warqee fi maqaa magaala Nagallee Booranaa gara Nagallee duwwaatti jijjiiramu dura gamtaan dhaabbate

Aside

Sadaasa 29,2013 Finfinnee

Saminsi qabeenya Oromoo akka dhaabbatu jechuun uummatni Oromoo Godina Gujii aanaa Saba booruu ganda qeenxachaa diddaa kaase. Mootummaan wayyaanee saaminsa Warqee aanaa kanaa gaggeessa kan ture nurraa haa dhaabu jechuun uummatni gamtaan dura dhaabbatee jira. Waraanni wayyaanee rasaasa dhukaasuun diddaa uummataa saaminsa warqee ilaalchisuun gaggeeffamu dura dhaabbachuuf yaalus uummatni gamtaan sochii waraanaa fashalsee jira.
Haaluma wal fakkaatuun jala deemtotni mootummaa wayyaanee maqaa magaala Nagallee Booranaa jedhamaa ture Booranaa kan jedhu hin barbaachisu kanaaf magaala Nagallee duwwaa haa tahu jechuun murtii dabarsanis uummatni Boorana kan jedhu uummata Oromoo waan ibsuuf haqamuu hin qabu jechuun diddaa dhageessisuu irratti argamu.

Oromoonni Jiraattoti magaala Buraayyuu ta’an qe’ee irraa buqqifaman,Bulchitooti gandaas hojii irraa arihaman.

Aside

Sadaasa 28,2013 Finfinnee
OPDO.jpg saamtuuMootummaan Wayyaanee erga aangootti olbahee uummatni Impaayera Itoophiyaa keessaa nagaa waaraa guyyaa takka illee argatee hin beeku. Addatti Wayyaaneen ilmaan Oromoo saamaa, ajjeesaa, hidhaa, qe’ee irraa buqqisaa as gahe. Bara dhumaatii isaa keessas wayyaaneen bittaa umrii koo dheeressa jedhee kan abdatu hidhaa Jumlaa, ajjeechaa fi qe’ee irraa buqqisuun hangafoota. Haalli kunis hammaachuun wayyaaneen uummata nagaa qe’ee irraa buqqisaa jira. Naannoo magaala Finfinnee Buraayyuu keessattis mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo isin lafa mootummaa irratti eeyyama malee lafa ijaarrattanii jirtu jechuun manneen uummataa diiguu irratti argamu. Kanneen kana taasisaa jiran kaadhimamtoota mootummaa wayyaanee TPLF investerootaaf haala mijeessuuf tattaafatan yoommuu tahan uummatni mana isaanii wayita diigamu dura dhaabbannaa taasisaa kanneen turan waraana wayyaaneen reebamuun miidhaa jabaaf saaxilamanii jiran. Magaala Buraayyuu gandawwan shan keessatti manneen diigaman

  1. Ganda Malkaa gafarsaa keessaa manneen diigaman 138
  2. Ganda Lakkuu Kattaa keessaa manneen 76
  3. Ganda Buraayyuu Kattaa keessaa manneen 36
  4. Ganda Gafarsaa Buraayyuu keessaa manneen 100
  5. Ganda Gafarsaa Noonnoo keessaa manneen 40

Kanneen diigaman yoommuu tahu mootummaan wayyaanee investerootatti gurguruuf manneen ilmaan Oromoo diiguu irraa dura dhaabbannaa kanneen taasisaa kanneen turan Obbo Alamaayyoo Baqqalaa fi Obbo Gaarii Birraatuu ganda gafarsaa Buraayyuu keessaa waraana mootummaa wayyaaneen reebamuun miidhaa jabaaf saaxilamanii jiran. Mootummaan wayyaanees namoota uummata waliin bulchinsa tahanii hidhata qaban hojii irraa arii’ee jira. Kanneen hojii irraa arii’aman ganda Lakkuu Kattaa keessaa
Aadde Warqinesh Guddinaa bulchinsa gandaa

  1. Obbo Dabalaa Hojjetaa bulchinsa gandaa keessaa kan arii’ame
  2. Obbo Shimallis Hojjetaa bulchinsa gandaa keessaa kan arii’ame

Ganda Buraayyuu Kattaa keessaa kanneen arii’aman

  1. Aadde Yashii Aliyyee
  2. Shaalaqaa Taammanee

Ganda Malkaa Gafarsaa keessaa kanneen arii’aman

  1. Obbo Tashoomee Bafirduu
  2. Tseggaa Warquu

Ganda gafarsaa noonnoo keessaa kanneen arii’aman

  1. Obbo Kabbadaa bulchisa gandaa
  2. Obbo Tafarii KHR

Mootummaan Wayyaanee bara dhumaatii isaa keessa dhiibbaa gaggeessuu irraa dhaabuu baatus qabsootti jabaachuun furmaata jechuun jirattootni magaala Buraayyuu dhaammatanii jiran.