Barataan Oromo Marketing Waggaa 3ffaa Yuunivarsiitii Gondar keessatti Ajjeefamee fi Kanneen Kaan Hidhamuun Gaaffii Mirgaa Barattootaa Duubatti Hin Deebifne,FDG Dhaadatnoo” WE NEED FREEDOM” Jedhuun Itti Fufe.‏

Aside

Sadaasa 27,2013 Gabaasa Qeerroo Uni,Gonder

OromiaALutaContinua2011FDGWaraanni Wayyaanee TPLF Yuunivarsiitiiwwanii fi nanneen barnoota biyyattii keessa jiran rasaasaan tiksuu kan eegale umrii yeroo bittaa Wayyaanee waliin wal gita. Yuunivarsiitii Gondar keessattis waraanni Wayyaanee rasaasaan barattoota tiksu barataa Oromoo Anteenee Asfaw barataa Marketing waggaa sadaffaa rasaasaan kan ajjeesan yoommuu tahu barattootni gamtaan Bilisummaa barbaadna” WE NEED FREEDOM” dhaadannoo jedhu dhageessisuu irratti argaman.

Mootummaan abbaa irree Wayyaaneen humnaan diddaa kana dura dhaabbachuuf yaaluun barattoota hedduumminaan mana hidhaatti ukkaamsus yeroo ammaa kana barattootni daran diddaa jabeessuun barattootni kanneen hidhaman haa hiikaman jechuun sagalee isaanii dhageessisuu irratti argamu. Qondaalotii fi bulchitooti Mootummaan Wayyaanees kutannaa barattootaan kan baarage gaaffiiwwan mirgaa kana kaastu taanaan nyaata isin dhorkina jedhus barattootni Oromoo gamtaan dhaadannoo hidhamtootni haa hiikaman jedhu yuunivarsiitiilee keessatti maxxansuun diddaa itti fufanii jiran. Ilmaan Oromoo marti, barattootni hundi carraan rasaasaan ajjeefamuu waan nu eeggatuuf akka mirga ofii mirkanfachuuf ka’anis Qeerroon Yuunivarsiitii Gondar dhaammatanii jitan.

Anaa dhufuu barattoota Haarawaa Yuunivarsiitii Haramaayaa Irratti Qeerroon dhaamsa walii dabarsuun barattoota simate

Aside

Sadaasa 27,2013 Haromaya.

picture2Wayyaaneen TPLF  bittaa umrii isaa dheereffachuuf waan inni dalagaa ture ummata biratti guutuuttu balaaleffatamaa fi jibbiinsa horataa kan as gahe ta’uun beekama qaami hawaasaa hundii fi keessattuu dargaggoota Oromoon guutummaan dura dhaabbatamaa as gahe.Yuunivarsiitii Haramaayaa mooraa guddaa keessatti anaa dhufuu barattoota haaraa ilaalchisuun barattootni Oromoo sagalee diddaa dhageessisanii jiran. Barattoota haaraawaafis dhaamsa qeerroo waliin hiriiruu dabarsanii jiran. Qophii dhiyaateen walleewwan gootummaa fi sirbootni qabsoo kanneen akka sirba Eebbisaa Addunyaa sirbamanii jiran. Barattootni haaraan seenanis qophii qeerroon Yuunivarsiitii haramaayaa dhiyeesseen hedduu boonanii jiran. Qeerroowwan yuunivarsiitii kanaa diddaawwan mootummaa wayyaanee dhiphisan gaggeessaa as gahuun isaaniis ni yaadatama.

Gama kaaniin barruuleen warraaqsaa barattoota haarayaa dhufan kan kakaasuu fi dammaqsu garee qindoomina Qeerroo Yuuniversitii Haromaayaan akka raabsamaa fi maxxanfamaa ture gabaasi qeerroo ni addeessa.

Afaan Publications Campaign Launch – Minneapolis, Cairo & San Francisco! /Addee Toltuu Tufaa

Aside