Artist  Duulaa Mulugeetaa

Qoteebulaan qotuu dhiisee, qabamee mana hidhaa ciisee,

Barsisaan barsiisuu dhiisee, qabamee mana hidhaa ciisee.

Barataa barachuu dhiisee, qabamee mana hidhaa ciisee

Naggaadeen daldaluu dhiisee,qabamee mana hidhaa ciisee

Kun biyya abbaa isaa gadhiisee,godaanee biyya ambaa ciisee

Diddaa Barattootaan Wal-Qabatee Yuunivarsiitii Gonder Keessatti Mootummaan Wayyaanee barataa Oromoo yakka tokkoon malee ajjeeste.

Aside

Sadaasa 25,2013 Gabaasa Qeerroo Yuni Gondar
Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo keessumaa ammoo barattoota Oromoo hidhaa fi ajjeesaa kan as geesse ammas ittuma fufuun Yuunivarsiitii Gondar keessatti barataa Oromoo ajjeeste. Barataan Oromoo Asrat jedhamu barataa FBE marketing tahee waggaa sadaffaa baratu yakka tokko malee mooraa Yuunivarsiitii Gonder keessatti ajjeefamee jira. Barattootni Oromoo gumaa ilma keenyaa ni baafna jechuun diddaa dhageessisuu irratti argamu. Mooraan Yuunivarsiitii Gondaris diddaa kanaan guutamtee mootummaan wayyaanee waraana hedduumminaan bobbaasuun dhiphina keessa galee jira. Waraanni mootummaa wayyaanees guutummaan rasaasa dhukaasuun diddaa dura dhaabbachaa jira. Mootummaan wayyaanee barattoota ajjeesaa, rasaasaan rukkutaa fi hidhaa as gahe itti fufuun gara jabinaan raawwachuu irraa diddaan jabaatee itti fufee jira. Ilmaan Oromoo martis waamicha keenya akka nuu dhageessan jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Gonder dhaammatee jira.

Godina wallagga bahaa Magaala Naqqamtee Naannoo laga Hadiyaatti ayyaanni irreechaa kabajame irratti Qeerroon diddaa sirna Wayyaanee dhageessise.

Aside

Sadaasa 24,2013 Naqamte
Uummatni Oromoo aadaa fi seenaa guddisuuf tattaaffii jabaa taasisaa ture, Wareegama qaqqaalii kaffaluudhaanis aadaa fi seenaa isaa ifa baasuun Oromiyaa keessatti akka lalisu taasisaa jira. Diinni Uummata Oromoo abbaa irreen mootummaa wayyaanee aadaa fi duudhaan Oromoo akka haguugamu, akka badu taasisaa ture ammas ittuma jira. Godina Wallagga bahaa magaala Naqqamtee naannoo laga Hadiyaatti Ayyaanni irreechaa diddaa qeerroo hammachuun ayyaaneffatamee jira. Ayyaana irreechaa kana irratti qeerroon diddaa dhageessisuun walleewwan warraaqsaa hedduumminaan sirbuun mootummaa wayyaanee fi jala deemtota ishee dhiphisee jira. Barattootni Yuunivarsiitii Wallaggaa keessaa baratan yaa’uun walleewwan ” Oromoo maaltu qixxaata, WBO faarsina, walleewwan jedhan sirbuun diina dhiphisanii jiran. Dura dhaabbannaan diinaan gaggeeffamus aadaa keenya guddisuuf humni duuba nu deebisu hoomtuu hin jiru jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Wallaggaa addeessee jira.

Demonstration in front of Saudi embassy Oslo, by OROTV Oslo Norway

Aside

Qophii fi Qindoomina Qeerroo, Simatnaa Barattoota Yuuniversitii Jimmaa Waggaa Jalqabaa Sadaasa 2013

Aside