SBO Sadaasa 03 Bara 2013

Aside

Aside

Waamicha FDG Oslo Norway

Fincila-Diddaa-Gabrummaa

 HDn ABO Jaal Dawud Ibsaa irratti ni argamuu!!!

ABOni Kutaa Iskandinevia akkuma aadaa isaatti guyyaa FDG Sadaasa 9/ 2013 Magalaa Oslo, Norway akka kabajuu Fulbaana 16/ 2013 waamicha  dabarsuun isaa beekamaa dha. Ammas waamicha kana haaroomsun ilmaan Oromoo kutaa Iskandinevia fi Awurophaa bakka addaa addaatti argamtan akkasuma biyyoota Awuroophaa ala ta’an keessa jiraattan akka irratti argamtan kabajaan isin afeerra.  Akkuma kanan dura ibsaa bahe keessatti beeksifne qophii seminaaraa fi galgaala aadaa qabna. Seminaarri keenyas kan itti xiyyeeffatu akeeka gotooti ilmaan Oromoo qabsoo keessatti bifa addaa addaan bakka adda addaatti  irratti wareegaman fiixaan baasuuf tumsa barbaachisu gochuuf oromoo irraa maaltu akka eegamu mari’achuuf gahee keenya gumaachuu taha. Mata dureen seminaaraa akka armaan gadii ti.

  1. Haala Qabsoon bilisummaa Oromoo keessa jiruu fi Oromoo irraa maaltu eegama
  2. FDG tooftaa qabsoo keessaa isa tokkoo tahee, itti milkaa’uuf haalli guutamuu qaban maali?
  3. Mannii hidhaa Waayyaanee afaan Oromoo dubbata, Oromoo hidhuun  oromoo jiilchee qabsoo bilisummaa dhiisisaa?
  4. Qooda shamarran Oromoo qabsoo hidhannoo keessatti

Qophii FDG, 2013 kana irratti HD. ABO Jaal Dawud Ibsaa qamaan irratti argamuun ibsaa haala qabsoon ABOnni geeggefamu latu.

Akkuma aadaa turettis qophii galgala aadaa guyyaa kana ni jiraata.

Artistoota: Galagala aadaa irratti bo’aarsuuf qophii irra jiran artistoota oromoo bebbeekamoon akka armaan gadii ti

  1. Ilfinesh Qannoo
  2. Hayiluu Kitaabaa
  3. Hawwii H. Yesuus
  4. Daangaa H. Yesuus
  5. Yohaannis Abaatee
  6. Asaantii Hajii

Bakki walgahii Galma:
Det Chilenske kulturhus.
Veitvetvn  8, Oslo

Guyyaa: Sadasaa 09/2013.

Akkaataa bakka galmaa gahan: Oslo Center bus 31 Grorud jedhu fudhattanii bakka Veitvet jedhutti buutu.
Baabura (Metro) lakkoobsa shan Vestli jedhu- gara bahaatti (East bound) qabatanii Veitvet buutu

Yeroo Sa’aa 11:00 akka Oslootti

Koree qindeessittu.

Yuunivarsiitii Jmmaatti Keessatti Barattootni Haaraan Sagalee Warraqsaan Simataman

Aside

Sadaasa 1,2013 Jimmaa

daadeeqqGabaasaa: Onkololessa 31/2013 Galgala Yuuniversiitii Jimmaa mooraa qonnaa keessaatti Qophiin anaa dhufuu baratootaa Oromoo haaraaf godhame irratti goototni baratootaa Oromoo barattoota wagga jalqabaaf haarayaa gara Yuuniversitii Jimmaatti dhufan simachuuf walleelee warraaqsaa fi sagalee wallee diddaa sirna bulchiisa Wayyaanee dhageessisuun dhichisanii kanneen haaraa dhufan simatan.

Qophiin kun dura bu’ummaa gumii guddina fi dagagiina afaa, aadaa fi seenaa uummataa Oromootiin kan qophaa’ee haala miidhagaa ta’een simannan baratoota Oromoof godhame.

Qeerroon Yuuniversitichaas barattoota haaraa simataman kanaaf dhaamsa jaabannee kan wal cinaa dhaabbannee rakkoo walxaxaa fi garbummaa bar dhibbaa uumataa keenya irraa kan qolannu akka taanuuf baga carraa kana argattaanii sagalee uummata Oromoo taatan,jajjabaadha, nuti ijoollee Oromooti! Biyyi keenyaas Oromiyaa dha , malee kan eenyuu mitii, kutaa,Amantii, gandaan uumataa keenyaa qoqodanii warrii uummataa keenyaa bitaa turan ammas toftaa dulloomaa kana yeroo fayyadamanitti gurraa
keessan itti hin qabiina nuti ilaaman Oromooti, biyya Oromiyaa qabna. Jechuun wallee tokkummaa jedhuu fi faarsuu WBO fi ABO faarsuun sagantaa miidhagaa gaggeefachuun gabaafame.