Radio:- Simbirtuu fi Seife Nebelbal/ Eegala Onkoloolessa 2013

Aside

IRREECHI UMAMA ISAATTI DEEBI’UUN,,,

Aside

Y.G(2005)

Barreessaa dhugaa baasa!Ayyaanni Irreechaa bara 2013 Biyya keessattis ta’ee Biyyoota alaatti ayyaanefatame waan addaati. Waan nama boonsuudhas. Kun diina bara baraaf nu gabroomsuuf yaadu kamiifu, dhaamsa guddadha. Qalbiin Ummata kabajamaa kanaa eessa akka jiru, firaafis diinaafis dhaamsa keessa deebii hin qabne dabarseera. Ani akka dhala Oromoo tokkotti, yoon qalbii koo keessatti waan ummata kiyyaaf yaadu yoo jiraate, Irreechi baranaa , karaan ani Ummata kiyyaaf jedhee irra imalaa jiru, sirrii ta’uu fi dhiisuu kiyya akka dansaatti kan na akeekedha.

Irreechi calaqiftuu Oromummaa ta’uu illee sochii Ummataa baranaa irraa hubachuun nama hin rakkisu. Irreecha baranaa amman ajaa’ibsiifadhe yk itti gammade, waan taajjabees qaba. Warri waggaa 2 fi 3 dura , addatti Biyya alaatti, Ayyaana irreechaaf gumaacha ol aanaa taasisaa turan, Ilaalcha siyaasaa geeddarachuu fi dallansuu adda addaa irraa, waa’ee irreechaa iyyuu dubbachuu kan waakkatan ta’uu isaanii. Irreechi dhaaba siyaasaa, yk nama jibbinu tokko yk ilaalcha siyaasaa Oromoota gidduu jiru kan ilaallatu miti. GUYYAA WAAQA GALATEEFFANNAA OROMOOTI. Kana hubachuu nu feesisa. Ana jalatti raawwatame malee jennee, waan itti dhaadachuuf sochoonu miti.Yoo siyaasa keessa jiraanne kan faarfannu, siyaasa keessaa yoo of moggeessine kan dhiisnuu miti. Qalbiin sadarkaa akkasii irra jiru akkamiin dhimma OROMOOFAN falma jedhee akka yaadu naaf hin galu.

Guttumman barruu kanaa:- IRREECHI UMAMATTI DEEBI’UUN……. !!!!!!!.docx

An Abdii Hin Kutadhu Yaa Qeerroo Ganamaa/ Ilfee Qannoo

Aside

Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti barattootni waggaa 4ffaa fi 5ffaa shira Wayyaanee dura dhaabbachuun diddaa gaggeessan. Poolisooti federaalaas itti bobba’an

Aside

Onkololeessa 05,2013 Arba Minc

Garboomfataan mootummaa Wayyaanee Impaayera biyyattii keessatti dhiibbaa daangaa hin qabnee fi sarbama mirga dhala namaaf dorgomaa kan hin qabne irratti barattootni Yuunivarsiitii Arbaminc diddaa gaggeessan. Mootummaan abbaa irree wayyaanee yeroo mara oduuwwan dharaa foddaa ETVdhaan kan beekamu qulqullina barnootaa jechuun kan lallabaa bahe maaliif fashala jechuun barattootni Yuunivarsiitii Arbaminc waggaa 4ffaa fi 5ffaa hiriira nagaa taasisanii jiran. Barattootni kunneen yeroo nuu kenname keessattii fi akka sagantaa barnootaatti barannee xumurra malee malaammaltummaan baajata hojii fixxaniif nuyi guyyaa lama barannee hin qoramnu jechuun diddaa dhageessisanii jiran. Mootummaan wayyaanee kutannaa fi gaaffii mirgaa kanaan kan dhiphate magaala Bishooftuu keessaa poolisoota federaalaa itti seensisuun doorsisa jabaa irratti gaggeessaa jira. Poolisootni federaalaa magaala Hawaasaa kanaas diddaa kana dhaamsuuf hedduumminaan Yuunivarsiitii Arbaminc seenanii jiran. Humni kamuu dhufu gaaffii mirgaa irraa hin dhaabbannu jechuun qeerroon yuunivarsiitii Arbaminc addeessee jira.

Irreecha Bishooftuu 2013 fi Diddaa Qeerroo Bilisummaa/Part 2

Aside

Barsiisonni Oromoo Lixa Shawaa Walgahii Wayyaaneen Yaamte Diddaan Dura Dhaabbachuun Imaamata Wayyaaneen Baarattoota Oromoo irratti Qabu Fashalsan.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGFulbanaa 22/2006 A.L.H tti Godina Lixaa Shawaa Magaalaa Amboottii Walga’iin Barsiisotaa fi Directerotaa Manneen barnotaa Godinicha jala jiranii mooraa mana barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina keeaassaatti dabbalotaa Wayyaaneetiin gaggeefame diddaa barsiisotaan fashala’ee jira.

Kayyoon walga’ii kana maqaa Rayyaa qulqullina barnotaa egsisuuf baratootaa shan shaniin ijaaruu irraatti marii dahoo qulqullinaa barnotaa jedhuun baratoota seelii dhaaba keenyaatti nuu ijaara jechuun dabballooti Wayyaanee OPDO imaammata shira barattoota Oromoo irratti qabanii fi duraan dhoksaan itti hojjechaa ture ifaa baasuun barsiisota godinichaa ijaaruun barattoota irratti bobbaasuu haa kaayyefatan malee barsiisonni Oromoo sabboontota ta’an akeekaa fi imaammata Wayyaanee kana dursanii baruun gutummaati dura dhaabbachuu gabaasi qeerroo Ambo irraa addeessa.

Ergamtoti Wayyaanee diddaa barsiisotaatti kan rafiatanii fi qaanawan yeroo ta’u dhuma irratti barsiisota Oromoo sodaa malee gaaffii kaasanii fi sagalee mormii dhageesisaan hundaan isin ABO dha seelii ABOtu isin keessaa baduu didee jechuun yoo dorsisan illee barsiisotni mormii isaanii itti fufuun walga’iichi milkii malee fashala’uu gabaasaan keenyaa lixa Shawaa addeessee jira.

 

Wayyaanee EPRDF Sabababoota adda addaan Uummata Oromoo nagaa irratti darara daangaa hin qabne gaggeessaa jira.

Aside

Onkoloolessa 03,2013
Mootummaan Wayyaanee Uummattoota Impaayera Itoophiyaa keessaa xiyyeeffannoon ilmaan Oromoo hidha, ajjeesa, saama, qeee irraa buqqisa… shira daangaa hin qabne irraan gaha. Gochaan farrummaa mootummaa wayyaanee kun yeroodhaa gara yerootti dhihee bariiu caala malee hin hiratu. Kun sababawwan gurguddaa armaan gadii irratti xiyyeeffatamuun hojjetama.
1. Lafti Oromiyaa lafa qabeenya Uumamaan badhaate, albuudota hedduu qabdu, lafa investimentiif mijattuu… dha. Impaayera biyyattii keessatti biyya DIAMOND taate dha. Mootummaan wayyaanees bittaa umrii isaa dheereffachuuf hojiin hojjetu inni guddaan dinagdee isaa guddifachuu dha. Dinagdeen mootummaa wayyaanee guutummaan guutuutti jechuun kan dandaamu qabeenya lafa Oromiyaa irraa argamuuni dha. Lafa Oromiyaa irraa dinagdeen kamuu galii hin tahu taanaan humni wayyaanee dadhabaa tahuu irraa itti fufinsaa fi xiyyeeffannoon lafa Oromiyaa barbaadu. Kanaaf Uummata Oromoo hidhuun, ajjeesuun gaaffii abbaa biyyummaa tasa akka hin kaasne gochuuf waan hojjetaniif ilmaan Oromoo nagaa mana hidhaatti ukkaamsu.
2. Uummatni Oromoo mootummaan wayyaanees tahe nafxanyummaan biyya isaa keessatti akka hin diriirreef qabsoo wal irraa hin citnee fi wareegama qaqqaalii gaafatan taasisaa as gahe. Qabsoon uummattoota biro Impaayera biyyattii keessaa akkasiin Jaarmayaan qindoomina qabuu fi muuxannoo qabu hin jiru. Kun ammoo mootummaa wayyaanee daran dhiphisa. Jaarmayaan muuxannoo qabu aangoo irraa darbuu akka dandau akkasumas haqa qabeessa tahuu irraa uummata waan hawwatuuf uummata harkaa baasuu dandaa. Paartiiwwan amaaraa hedduun wayita diddaa taasisan hin hidhu. Kunis jaarmayaan isaan qabanii fi muuxannoon isaanii dadhabaa akkasumas ajandaan isaanii ajandaa abbaa biyyummaa osoo hin taane aangoo barbaacha tahuu beeka. Uummatnis haalaan akka hin hawwatamneef haalaan waan beekuuf xiyyeeffannoo ilmaan Oromoo irratti taasisee duula gaggeessa.
3. Gaaffiiwwan mirgaa Uummata Oromoon taasifaman rakkoowwan uummata biyyattii furuu kan dandau tahuu wayyaaneen haalaan beeka. Gaaffiiwwan akkanaa hidda qabannaan uummatni lammii biroon qabsoo kana waliin akka hiriirus beeka. Gaaffiiwwan mirgaa OPDO keessatti kaan illee paartiiwwan EPRDF tahan TPLF, ANDM, SEPDM mara keessatti diigumsa waan uumaniif ABO jaarmaya Uummata Oromoo waan taheef habashootnis kana waan beekaniif osoo dhugaan jiru hin dubbatamiin mana hidhaatti ilmaan Oromoo ukkaamsa.
Egaa sababoota gurguddaan Wayyaanee irratti xiyyeeffachuun uummata Oromoo nagaa mana hidhaatti ukkaamsu hangi tokko kanneen armaan olii kana.

Gaaffiin daballii miindaa jalqabame itti fufuun waarshaa Sukkaaraa Tandaahoo keessatti gara hojii dhaabuutti cehe.

Aside

Onkoloolessa 03,2013 Finfinnee
Diddaan Hojjettootaa mootummaa Wayyaanee irratti finiinuu kan eegale umriidhaan bubbulaa jira. Rakkoowwan siyaasaa biyyattii keessaa waliin wal qabachuun uummatni Impaayera biyyattii keessaa guutummaan rakkoowwan garaa garaaf saaxilamee jira. Rakkoon hanqina miindaa, qaalainsa jireenyaa, malaammaltummaa, hojii dhabdummaa hanqina bulchinsa gaarii irraa kanneen dhufan keessaa hangafoota. Hojjettootni mootummaas waajjiraalee fi dhaabbiilee garaa garaa keessaa dabalinsa miindaa gaafachuu kan eegalan ammas daran jabeessuun Hojjettootni waarshaa Tandahoo dabalinsa miindaa cichanii gamtaan gaafatan. Gaaffiin keenyas deebii hin argatu taanaan hojii akka dhaabnu mootummaan wayyaanee haa beeku jechuun jala sararanii beeksisan. Mootummaan wayyaanee kutannaa kanaan kan baarage doorsisaan kanneen gaaffii kana gaafattan shororkeessitoota jechuun mana hidhaatti ukkaamsee jira. Hojjetaan waarshaa kanaa Irrigation irraa Alamaayyoo Mitikkuu jedhamu sababa kanaan kan hidhame yoommuu tahu hojjettootni gamtaan diddaa isaanii jabeessanii jiran. Itti gaafatamaan waarshaa kanaa Abaay Tsehaayyee kan jedhamu gaaffii kanaaf hatattamaan deebii barbaaduuf waadaa kan seene tahuu beeksisuun guyyaa haraa federaalota hedduumminaan bobbaasuun hojjettoota humnaan hojjechiisuuf duula gaggeessaa jiru. Hojiin waarshaa kanaas gaaffiiwwan mirgaa akkanaan laamshaaa jira. Hojjettootni waarshaa Sukkaara Fincaaaas gaaffiiwwan mirgaa wal fakkaataan hojii dhaabanii turuun isaanii ni yaadatama.

Ayyaanni Irreechaa Godina Shawaa bahaa aanaa Booset keessatti diddaa qeerroo hammachuun irreeffatame

Aside

Onkololeessa 2,2013 Finfinnee

Uummatni Oromoo aadaa, seenaa, amantii fi duudhaa isaa tikfachuuf haala yeroo kamuu olitti xiyyeeffannoon irratti hojjetaa jira. Godina Shawaa bahaa aanaa Booset keessatti irreechi fulbaana 2013 diddaawwan garaa garaa fi dhaamsa walii dabarsuun ayyaaneffatamee jira. Mootummaan Wayyaanee aadaa fi seenaan ilmaan Oromoo akka hin guddanne tattaaffii jabaa kan godhu aanaa kana keessattis lukkeewwan isaa bobbaasuun dura dhaabbachuuf yaalii godhus dargaggootni Oromoo aadaa fi duudhaa keenya dura hin dhaabbatiinaa jechuun irreeffatamee jira. Jaleewwan mootummaa wayyaanee tokkummaa uummatni oromoo ilmaan isaa waliin qabutti dhiphatee jira. Dargaggootni Oromoos ayyaana kana irrattis walleewwan warraaqsaa nuyi ilmaan oromoodha habashaa hin barbaadnu, Oromoon leencuma duruu,.. jedhanii fi kanneen kana fakkaatan sirbuun gootawwan Oromoo faarsuun diina dhiphisanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun Godinuma shawaa bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaa keessattis irreechi dhaamsa walii dhaamuun irreeffatame. Aanaa kana keessattis dargaggootni maanguddoota waliin marii dhimma oromummaa irratti taasisuun ayyaaneffatamee jira. Golee Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa keessatti ayyaanni irreechaa sabboontota hedduun Godina shawaa lixaa keessattis ayyeeffatamuun shira mootummaa wayyaaneen aadaa fi duudhaa ukkaamsaa ture irra aanuun dargaggootni Oromoo dhaammata Oromoo walii dabarsaa ayyeeneffataa jira.

SBO Onkoloolessa 02 Bara 2013

Aside