Y.G(2005)
Ayyaanni Irreechaa bara 2013 Biyya keessattis ta’ee Biyyoota alaatti ayyaanefatame waan addaati. Waan nama boonsuudhas. Kun diina bara baraaf nu gabroomsuuf yaadu kamiifu, dhaamsa guddadha. Qalbiin Ummata kabajamaa kanaa eessa akka jiru, firaafis diinaafis dhaamsa keessa deebii hin qabne dabarseera. Ani akka dhala Oromoo tokkotti, yoon qalbii koo keessatti waan ummata kiyyaaf yaadu yoo jiraate, Irreechi baranaa , karaan ani Ummata kiyyaaf jedhee irra imalaa jiru, sirrii ta’uu fi dhiisuu kiyya akka dansaatti kan na akeekedha.
Irreechi calaqiftuu Oromummaa ta’uu illee sochii Ummataa baranaa irraa hubachuun nama hin rakkisu. Irreecha baranaa amman ajaa’ibsiifadhe yk itti gammade, waan taajjabees qaba. Warri waggaa 2 fi 3 dura , addatti Biyya alaatti, Ayyaana irreechaaf gumaacha ol aanaa taasisaa turan, Ilaalcha siyaasaa geeddarachuu fi dallansuu adda addaa irraa, waa’ee irreechaa iyyuu dubbachuu kan waakkatan ta’uu isaanii. Irreechi dhaaba siyaasaa, yk nama jibbinu tokko yk ilaalcha siyaasaa Oromoota gidduu jiru kan ilaallatu miti. GUYYAA WAAQA GALATEEFFANNAA OROMOOTI. Kana hubachuu nu feesisa. Ana jalatti raawwatame malee jennee, waan itti dhaadachuuf sochoonu miti.Yoo siyaasa keessa jiraanne kan faarfannu, siyaasa keessaa yoo of moggeessine kan dhiisnuu miti. Qalbiin sadarkaa akkasii irra jiru akkamiin dhimma OROMOOFAN falma jedhee akka yaadu naaf hin galu.
Guttumman barruu kanaa:- IRREECHI UMAMATTI DEEBI’UUN……. !!!!!!!.docx
ya jabanu!