SBO Onkoloolessa 23 Bara 2013

Aside

Yuunivarsiitiileen Impaayera Itoophiyaa keessaa diddaa barattootaan dhuunfatamuun gabaafame

Aside

Onkoloolessa 22,2013 Finfinnee

Yuunivarsiitiileen Impaayera Itoophiyaa keessaa gaaffii mirgaan mudda keessa seene. Gaaffiileen mirgaa mirgi namummaa fi Dimokiraasii keessatti haa kabajamu jechuun Yuunivarsiitii Dabra Maarqos, Jimmaa fi Walloo keessatti finiinaa jira. Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti bulchinsootni yuunivarsiitii humna waraanaa dabalinsaan barbaaduu isaanii ibsatanii jiran. Yuunivarsiitiilee mara keessatti gaaffiileen wal fakkaataan sirni bulchinsa mootummaa wayyaanee sirrii miti jechuun diddaan dhageessifamaa jira. Yuunivarsiitii Baahirdaar keessattis diddaa wal fakkaataan dhageessifamaa kan jiru yoommuu tahu mootummaan wayyaanee waraanaa fi tika ishee naannessuun doorsisa guddaa gaggeessaa jirti. Mootummaan wayyaanee dura dhaabbannaa kamuu taasisu yuunivarsiitiilee keessatti gaaffiileen mirgaa finiinan dhaabbii akka hin qabne qeerroon Yuunivarsiitiilee kanaa beeksisee jira. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessattis gaaffiin mirgaa barattootaa fi barsiisota hamate sirna bulchinsa wayyaanee mormuun wayyaanee dhiphina keessa buusee jira.

Yuunivarsiitii Diillaa damee Samaaraa keessatti diddaan barattootaa ka’een walitti bu’iinsi loltoota Wayyaanee waliin ta’e

Aside

Onkoloolessa 22,2013 Diillaa

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan barattootaa Impaayera Itoophiyaa keessaa jabaachaa kan dhufe Yuunivarsiittii Diillaa dame eSamaaraa keessatti haalaan finiine. Qeerroon Yuunivarsiitii Diillaa gaaffiileen mirgaa bara darbe gaafachaa bane tokko illee deebii argatee hin jiru jechuun gamtaan walitti bahuun Bilisummaa jechuun dhaadatanii jiran. Rakkoowwan bulchinsaa fi gaaffiilee mirgaa ukkaamsamaa tureef itti gaafatamummaan mootummaa abbaa irree wayyaanee tahuu uummatni haa baru jechuun soda malee barattoota gamtaan qindeessuun dhaadannoo isaanii dhageessisanii jiran. Mootummaan Wayyaanee barattoota keessumaa ammo barattoota Oromoo hidhuu fi ajjeesuu irraa haa dhaabbatu, baajatni Yuunivarsiitii keessaa dhimma siyaasaaf ooluu hin qabu jechuun diddaa dhageessisanii jiran. Mootummaan wayyaanees akkuma bare gaaffii mirgaa rasaasaan dhaabuu fi dargaggoota hidhuuf yaalii taasisu irratti nuyi wal irratti duuna jechuun barattootni gamtaan waraana wayyaanee dura dhaabbatanii jiran. Yeroo ammaa kanas dame hundumaa keessatti guutuun gaaffiin mirgaa finiinaa jira.

Aside

Oromo talk show hosted by Artist Dawite Mekonen

Sareen gooftaa tajaajiltu,maaliif kabaja hin argattuu????

http://youtu.be/sfnqijdMfsE

Hiikkaa Abjuu Gaarii/Dhaamsa

Aside

20 October, 2013 Oromiyaa

Aside

Wallagga,Aanaa Eebantuu Keessatti Hojjettooti Mootummaa Sirna Wayyaanee Mormuun Maqaa Hidhaa Laga Abbaayyaan Maallaqa Guuramu Dursa Dhaabbatan.

Onkoloolessa 18/2013 Mootummaan Wayyaanee Maqaa hidhaa /Jallisii Galaana Abbayaan/ dinagdee walitti guuruuf hojjetoota mootummaa irraa akka Diangdee/Horoo guuraniif Dabballoota OPDO Godina Wallagga baahaa Aanaa Eebantuu Magaalaa Hindeetti Hojjettoota Waajjira Qonnaa aanaa Eebantuutti bobbaasuun wal ga`ii godhuuf saganteeffatte mormmiin muudate.
Hidhaa Galaana Abbayaaf Miindaa keessanirraa dinagdee akka murtanii galii gootan jechuun wal ga`iirratti yeroo Dabballootni OPDO/Ergamtotni Wayyaanee yeroo isaan wal tajjiirraa jecha kana dubbatan hirmaattonti wal ga`ii Gaaffiin muddan. Nuti akka Hojjettaa waajjira Qonnaa Aanaa Eebantuutti ammaan duras gaaffii isin gaafanne qabna.
Gaaffiin keenya gaaffii Mirgaa fi gaaffi eenyummaati. isin gaaffii keenyaaf deebii kennuu dhiifatanii gaaffii keenya dagachuun mirga keenyarra ejjetanii Horrii nurraa guuruuf dhuftan.
Hanga gaaffiin Ummata Oromoo deebii argatutti Dinagdee tokkollee hin kenninu. Wal ga`ii OPDO-n nu waamuttis hin hirmaannu jechuun Warra wal ga`ii geggeessuuf dhufe Qaanessanii wal ga`ii isaanii dhiisanii ba`uu fi Dabballoota OPDO qaanessanii ofirraa deebisaniiru.
Humna namaa hanga 70 ol kan ta`an hojjettoota waajjira Misooma Qonnaa Aanaa Eebantuu murannoo fi kutannoo tokkoon gamtaa fi tokkummaan Dura dhaabbannaa isaanii Mootummaa Wayyaaneetti agarsiisuun wal ga`ii isaanii irratti akka dinagdee tokkollee maqaa hidhaa Galaana Abbaayaa jedhuun ykn guuramu akka hin kenninee fi yaada kanallee akka moramanii fi nuti gaafiin keenya gaaffii Bilisummaati! jechuun yaada isaanii ibsachuun wal ga`ii sanas diiguun murannoo fi kutannoon dura dhababannoo isaanii itti muli`saniiru.

Waan kanas akka Qilleensarra nuufa oolchitan jechuun Namootni 70 hojjettootni Waajjira Misooma Qonnaa Aanaa Eebantuu dhaammataniiru.

Gamtaa fi Tokkummaan yoo hojjennee fi diina keenya dura dhaabbanne akka in jifannu shakkii tokko hin qabnu jedhaniiru!

SBO Onkoloolessa 20 Bara 2013

Aside

Dhaloota Dhugaa Dhaale

Aside

Dhaloota Dhugaa Dhaale

Jiituu Lammii –Unbarsiitii Finfinnee

Bara 2006, warri ormaaf ergamuu jiruu isaanii godhatan abjuun ittihammaatee, irribni toluu dinnaan, ‘ooda’ gaafachuu gara gooftaa isaanii imalan jedhama. Gooftaan isaaniis rakkoo isaanii dhaggeeffatee hanga ayyaanni isaa ittimuul’ise fala himeef. ilmi abaarsaa gaangee abaarsaa fe’ata’ akkuma jedhan jarris ooda gooftaa isaanii fudhatanii galanii “… kitaabni barnoota afaan Oromoo tokko otoo hinafne barataarraa nuu funaanaa…!” jechuun labsii baasan. Akkuma jedhame kitaabni Afaan Oromoo walitti qabamee, ‘hogeessi’ dhibee achi keessa dhokatee abjuu nama yakku qoraachuu danda’u filatamee, kitaabicha fuula fuulaan as qabanii, achi qabanii dhamaatee guddaa boodaa “…falli argame…!” jedhanii, maddi rakkoo isaanii isuma ta’uu irratti walii galanii, daboon ba’ee suurriifi seenaan J/Taaddasaa Birruu fuula kitaaba barnootaa keessaa buqqa’ee akka gubatu ta’e. “Ishoo!! Qabbanoofne. Falli argame. Kana booda obbaafanne…!” jedhanii ililleen hanga dhabee, gooftaa isaaniif hooqubaa galchanii ofii galanii rafnaan dubbiin ittuu caale. Nagaanis hinargamnee, abjuunis hintolle. J/Taaddasaa dhugaa saba isaatu uume. Dhaloonni ittaanummoo dhugaa kana dhaale. Muul’ata kana fudhatee ba’e. Kanaaf diina yaaddessa. Kanaaf diina abjuun milkii dhabe. Otoo beekanii Dhaloota dhugaa dhaale, saba muul’ata fudhatee bobba’e dura dhaabbatan.

Ammas seenaa kana dhaggeeffadhaa. Waggoota jahan baranaati. “Gadaatu saddeeta naanna’e; kuni seenaa addaati… ‘millennium’ Toophiyaatu gahe…” jedhamee, addunyaan dhagahee, masaraa guddaa ijaaranii, cidhii guddaan qophaa’ee, “…maaloo nurraa hinafiinaa…!” michoota isaanii kadhatan. Guuyyaa cidhichaa, misirroon cidhichaa arraba qaratee, gaachana rasaasa qolatu gidduu dhaabatee amaamota isaa fuulduratti: Jabina abaabayyuufi akaakayyuu isaa jajee, qaroomina isaa faarsee, hunda caalammoo jabaa jabaa caalu ta’uu isaa nu akeekkachiisee guyyichi darbe. Warrii kaanis jala jalaa ka’anii isuma dur dhageenye irradeddeebi’anii, faarsanii, gabbisanii akka nuti hindagannetti nu yaadachiisuu yaalan. Dubbachuuf jarri sibiila uffatanii sibiila qabatanii qe’ee nu dhuunfatanii, otuma beeknu, akkuma isaa wallaallee otuma dhaggeeffannu bara eegganne. Gaafa guyyaan gahe, hidhannoon sibiilaa, hirree jabaataan, gaachanni sibiilaa Adda Dhaloota Dhugaa Dhaalee, saba muul’ata qabuu duratti hinoofkaluuti – Mataan warra dhugaa cabsuuf dhaadatuu harka dhoksaatiin yoo mataarra rukutamu arginee bubbultii keessa nus kunoo dhuga baatuu taane.

Dhaloota dhugaa dhaale fuuldura homtuu hindhaabatu. Dhugummaa dubbii kanaa caalatti qalbeeffachuuf ammas seenaa biraa daballee haa ilaallu. Gurmuun diina dhaloota kana fuuldura dhaabachuuf jecha karoora tokko baase. Akka karoorichaatti, koree tokka ijaaramee dhaloota dhugaa dhaale, saba muul’ata qabu ajjeesuuf bobba’e. Hunda dura, mataan koree kanaa nama Abbaa Duulaa Gammadaa jedhamu (Jenerala raayyaa waraana Wayyaanee, yeerichatti, ittigaafatamaa dhimma oddeeffannoo raayyaa waraanaa) kan ture ta’uu seenaa boriif jecha haa qalbeeffannu. Koreen kun namoota dhugaa sabaaf dubbatan, namguddoota seenaaf duudhaa sabaa beekan ajjeesuu akeekkate. Ajaja koree kanaan Sabboontota Oromoo hedduutu galaafatame. Bal’ina dubbii kanaa seenaaf bulchinee Ka’umsa dubbii keenyaaf akka tolu qofa waa tokko ilaaluu yaalla.

Sabboontonni hedduun galmee jara kanaarratti qabamaniiru. Eessaafii eenyurraa akka jalqaban erga mar’I’atanii booda murni tokko ambotti qajeele. Eenyufaa akka du’an maqa namoota hedduu tarreeffatee, galgaltuu, magaala Amboo, masaraa mootummaa durii keessatti walgahe. “Eenyu haa ajjeefamu…?” maqaan sabboontotaa hedduu erga tarreeffamee booda, harki lakkaawamee sagalee caalmaatiin murteen kan obbo Daraaraa Kafanii ta’e. Daraaraan Ajjeefame!! Duuti sabbonaa kanaa goota lakkooftuun ittihinbaane Ambo keessaa biqilche. “…Daraaraa; dhiigni kee halkan tokkotti goota kumaatama akka biqilchu ormi hinbeeku…!” jechuun uummanni Oromoo naannoo Amboo xiiqiidhaan dhaadate. “Otoo beektee nattuu hinduttu.” jedhe qeerransii sareedhaan. Warrii dhaloota dhugaa dhaalee du’aan dhaabuuf yaalan Dhugaan laphee dhalootaa dhuunfate ajjeesuu akka hindandeenye arganii qaaniidhaan jiraatti goguu jalqaban. Warrii har’a lubbuun hafan jireenya akkamii akka jiraatan qalbfeeffadhaa! Dhiigni dhaloota dhugaa dhaalee jiraatti nama ajjeesa. Gootota lakkoofsi ittihinbaane biqilcha.

Ammas waatokkon dabala, haalli mijataa ta’uu baatullee, sabboonummaan jajjabaatee, dhaloonnii seenaa, afaan, adaa, safuu, walumaagalattii eenyummaa isaa barbaadu heddummataa deemuun rifaasuu diinaa dachaan dabale. Gaaftokko namguddoonniifi dargaggoonni muraasni Waldaa Maccaafi Tuulamaa jalatti koree Aadaafi Seenaa hundeessuun guddina sabboonummaa Oromoo daran saffisiisuu eegalan. Birraa barii, Irreessa qabatanii Irreeffannaaf Oromoo dammaqsanii gara Hora Harsadeetti qajeelan. Diina duraanuu yaaddootti jiru yaaddoo dabalataa itti ta’e. “Taa’anii ilaalurra” jedhanii, kashlabboota ganda keessaa maallaqaan bitee namguddoota kana karaatti miidhuuf yaalii godhan. Sabni dhugaa qabatee ka’e galaana. Har’a, Oromoon Ayyaana kanaaf Harsadiitti walga’u diina balbala duraa mitii ormaa fagooyyuu raajera. Warri baras Maanguddoota muraasaarratti okkara qindeessan har’a liqimfamanii harka kennanii, otoo hinjaallanne Oromoo wajjin yoo Irreessa baatan argaa jirra. Dhaaloonni dhugaa dhaale, diina duuffisa. Liqmsii bira darba. Kunis moo’icha Qabsoo Oromoof ragaa tokko.

Addi dhaloota Dhugaa dhaaalee labsii labsiidhaan diiga. Mee dubbii koo xumuruun dura ammallee waatokko waliin haa yaadannu. Waggoota muraasa dura, “Oromoon akka Finfinnee gadi lakkisu labsii baase. Labsiin kun hanga har’aatti Oromoo biratti moggaasa “guyyaa gaddaa” jedhamuun yaadatama. Waggaa tokkoo booda, haalli labsii kana labsiin diigu dhalate. “Finfinneen kan Oromooti!!!” jechuun labsii labsiin diige. Ittidaddabaluun, “manneen barnootaa Addaa Afaan Oromoo ittibarsiisan Finfinnee keessatti akka ijaaraman, Giddugalli Aadaa fi Seenaa Oromoo achumatti akka dhaabatu.” Jechuun danuu wixxifatan. Diinni faayidaa mataa isaatiif jecha olii gadi gaggaragalullee, ciniinsuu kana duuba dhugaa tokkotu jira. Dhugaan Saba muul’ata qabuu waraana dhokataa namatti kaasa. Halkan irriba dhoowwee labsii labsiin geeddarsiisa.

Dubbii koon guduunfa. Dhaloonni dhugaa dhaale galaana. – gaara jigsee, tulluu buqqisee, hededa diigee, haafaafi haasura karaarraa haxaayee deema. Dhaloonni dhugaa dhaale, sabni muul’ata qabu bu’aa bayii har’aa ilaalee galma isaarraa hingufatu; dadhabbii har’aa dhaggeeffatee waakkiin wal hindadhabsiisu; ulfina boruu caalchifata; galma buruut ilaala – Obsaaf hubannoodhaan lafa kakuu isaatti xuruura. Eebbaan galma isaa dhuunfata. Otoo diinni hinaafuu,otoo ormi danqaafi danqaraa karaa isaarraa tuuluu – akka galaana hidha diigee, furga’ee timjii isaa dhuunfata. Diina liqimsee, duuffessee, kararraa caccabsee dhawaata biyya isaa deeffata. Burqaan isaa mirgisee yaa’ee lafa gogaa magarsa; galaana hinguune ta’ee gaafa caamsaan hammaatu, bara bonni jabaate ittibaqatu. Kuni egeree saba kiyyaati. Dhugaa saba muul’ata qabuuti. Warrii egeree kana arguu dadhabdanii karaarraa maqxanii gumgumtan karaatti deebi’aa. Dhaloota dhugaa dhaaletti makamaa; Wajjiniin bobba’aatii lafa eebbaa dhuunfadha. Yookaniif “Okolee diddu, Okkotee hindiddu” akka jedhan ta’a. Dhaloota dhugaa dhaale, saba muul’ata fudhatee bobba’e wanti dhaabu hinjiru. Xumureerra!!

Injifannoon Ummata Oromoof!!

19 October, 2013 23:58

Aside

Baaa Wal Irraa Qooddachuun, Humna Taa Jiraachuu Keenya Mirkaneessa

Y.G(2005) | Onkololeesa 18, 2013

Barreessaa dhugaa baasa!Sochiin Qabsoo Oromoo mirga abbaa Biyyummaa deeffachuuf gama hundaan gaggeeffamaa jiru, hara sadarkaan inni irra jiru akka gaaritti kan hubateef, dhalli Oromoo kan yeroo kamirrayyu caalaa, akka waliiif birmachuu qabu kan nu akeekudha. Dhiheenya kana Ilaalchi lama mooraa qabsoo Oromoo keessatti ifatti of haa labsu malee, hara , Ilaalchi kun odoo hin jaallannee diinni mataa isaa gama tokkotti luucceessaa jiraachuu qabatamaan kaasuutu dandaama. Diinni adda duraa wayyaanee fi kanneen gabroonfattoota kaleessaa, Biyya alaa sochiin taasisaa jiran, Ilmaan Oromoo gara kamitti oofaa akka jiran, walitti himuun barbaachisaa miti.

Hiraarrii fi mirga dhablee tauun yennaa hammaatu, kan miidhaan irra gau maal akka murteeffatu wal hin gaafannu. diinni keessaa fi alaan dhabama keenya wayita hawwu, dhabama koo dhiheessuuf waliin tirtiruun, adeemsa siyaasaa keessa kan jiru natti hin fakkaatu. Yoo dhiibbaa jiraateen alatti. Waan maraafu, dhalli Oromoo odoo hin jaalanne , baaa wal irraa qooddachuu qabu, haalaan heddummaachaa jiraachuu hubachuun barbaachisaadha. wal malee furmaati akka hin jirrees qalbeeffachuun gaari. Sochiin kana booda nu barbaachisu, kan taaanii wal irratti ialaalan yk maaltu na dhibeen kan callisanii bira taran taaa hin jiru. keessaa fi alaan, bakka jiranitti akka nama tokkottis taee , akka gamtaatti wanni waliif baaa qooddannu hedduudha.

Addatti beektoota keenya Biyya keessaa fi alaa irraa kan eegamu. Odoo hin jaallannee dhala Oromoo Addunyaa kana irra bakka fedheyyuu haa jiraatu, shira Oromiyaa haalaan hudhaa jiru kana keessaa baasuuf, tattaafii mataa isaanii taasisu qaba. Addatti kanneen hojiilee gara garaan , dhaabbilee edila adduynaas tauu kanneen biro keessa jiran yk hojjatan, adeemsa wayyaanootaa Ummata Oromoo bara baraan cabsuuf shira gaggeessan kana hubachiisuu fi haala kana irratti maaltu hojjatamu akka qabu, mariachuu qabu jedheen yaada.Qabxiileen kaasu, kanuma hundumtu hubatu garuu callifnee ilaaluun kan nu irra hin jirre, boruu rakkoo keenya isa hamaa wareegama ulfaataa nu gaafatu tau irraa ammumaa irratti hojjachuun akka nu barbaachisu hubachiisuufi.

BA’AA WAL IRRAA QOODDACHUUN MIIDHAMA HANQISA..docx

Madda Walaabuu Media Foundation is to Launch a New Program to Oromia

Aside

LogoAyyaantuuOctober 18, 2013 (ayyaantuu.com)  

In September 2013, after extensive consultation, over several months, with various segments of Oromo society, a group of community leaders, human rights activists, feminists, journalists and attorneys who are committed to the principle of democracy, human rights, freedom and justice, formed the Madda Walaabuu Media Foundation (MWMF).

The name “Madda Walaabuu” encapsulates the deepest meaning enshrined in Oromo democratic values as manifested in its democratic institutions – Gadaa, Qaalluu, Ateete, Jaarsummaa. In Oromo language, the word Madda means “source” and the word Walabuu means “independence” and hence, the founders of MWMF adopted the name Madda Walaabuu to embody the essence of these values in this new critical initiative.

MWMF is a non-governmental, non-partisan, and non-profit organization, incorporated and registered in Washington, D. C., USA.  It is operated by board of directors and administrative staff under the direction of Executive Director.  The MWMF media outlets are run by experienced journalists. It is a membership based organization, which seeks the support and participation of all interested and committed Oromo and all persons of goodwill who have the desire to empower the Oromo, so that they can confront the 21st century in their own terms.

The Oromo, although constitute the most populace nationality in the Horn and Sub-Saharan Africa,  – there are about 50 million Oromo in the region – have remained the invisible majority due to the legacy of conquest, colonization, and continued marginalization.  At the present time, the Oromo people do not have access to any source of independent media, which has the capacity to inform, educate them about their basic needs and their fundamental rights. MWMF believes that having access to independent media is an essential requirement for the survival of any indigenous nation in the 21st Century.

MWMF is committed to creating relevant media outlets (website, radio, TV, etc.) for the purpose of elevating knowledge about the Oromo people and its neighbors in the Horn of Africa. The MWMF media outlets will specifically focus on the flagrant human right violations – past and present – against the Oromo people and other marginalized nationalities in the region. It will also work towards  making people aware of their environment and social concerns like education, health and others. It proposes to engage the Oromo at home and abroad relative to the issues, which will have profound impact on their future.  In addition, it proposes to engage Oromo neighbors regarding common interests and common strategies in facing the 21st century.  It will engage Oromo community leaders, human rights activities, journalists, feminists and scholars in promoting Oromummaa and Oromo national unity.

Thank you,

Madda Walaabuu Media Foundation