SBO Caamsaa 8 Bara 2013

Aside

Shamarran Oromoo Godina Shawaa Lixaa Magaala Amboo Walitti Dhufuun Gahee Qabsoof Godhan Ibsatan

Aside

Caamsaa 08,2013 Amboo

ShamarranGaafa Caamsaa 06,2013 ,Godina Shawaa lixaa magaala Amboo keessatti shamarran Oromoo QBO galmaan geessisuuf imaanaan gootawwanii nurra jira jechuun maadheen walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii gaggeessan.Shamarran Oromoo QBO keessatti hirmaannaa madaallii hin qabne hirmaachaa kan turan yoommuu tahu akeeka gootawwan keenyaa qabsoo hadhooftuun galmaan geessisna mata duree jedhuun maadheeleen Biiftuu Shamarranii lakkoofsa 1,2 fi 3 walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii qabxiiwwan garaa garaa kanneen akka ijaarsa maadheelee fi karoora bal’aa irratti erga marii taasisanii ibsawwan ejjennoo armaan gadii lafa kaawwatanii jiran.

  1. Shamarran qabsoo Bilisummaa keessatti qooda olaanaa qabaaachuu hubannee hubachiisnee dirqama nurraa eegamu haala kamuu keessatti ni baana.
  2. Mootummaan Wayyaanee abbaa irree fi garboomfataa tahe hundeen hanga buqqa’uttii fi hireen murteeffannaa uummata oromoo hanga mirkanfamutti hadhaa qabsoon gaafatu mara ni kaffalla.
  3. Wal tahinsa dhaabawwan oromoo ni deeggarra.Sagantaa siyaasaa jijjiiramuu fi hiree murteeffannaa uummata oromoo dura dhaabbachuuf murna ADO jedhee of moggaase diina keenya irraa adda baasnee hin ilaallu.
  4. WBO ni deeggarra.Waan qabnu maraan cinaa ni dhaabbanna.
  5. Hidhamtoota Oromoo,maanguddoota Oromoo waan qabnu maraan ni jajjabeessina.Haamilees ni kenninaaf
  6. Shamarran Godinaalee Oromiyaa fi dhaabbiilee barnootaa mara keessa jiran walitti qabuun QBO eegalamee itti jiru galmaan geessisuuf gahee keenya ni baana

Kanneen jedhan yoommuu tahan shamarran baay’inni isaanii 16 tahan marii kana irratti argamuun akeeka itti seenan galmaan geessisuuf irbuu seenuun marii isaanii milkiin xumuranii jiran.

ABO Waliin Jirtu Sababa Jedhuun Poolisoonni F Wayyaanee 3 Hidhaman.

Aside

Caamsaa 08,2013 Finfinnee

BilisummaaMootummaan abbaa irree Wayyaanee aangootti erga ol bahee ilmaan oromoo caasaa mootummaa keessa jiranis tahe kanneen biroon mootummaa kana biratti guyyaa tokko amanamummaan fudhatamanii hin beekan.Haalli kun daran jabaachuun mootummaan Wayyaanee poolisoota federaalaa keessaa ilmaan Oromoo hojjetan isin ilaalcha siyaasaa ABO qabdu,dirqama mootummaa irraa isinitti kenname galmaan hin geessan kan kana isin goosisu ammoo ABO dha jechuun Caamsaa 07,2013 mana hidhaa Wayyaaneetti ukkaamsanii jiran.Ilmaan Oromoo hojii poolisii federaalaa keessa jiran.

  1. Dargaggoo Allebbaachoo Gurmuu
  2. Obbo Kabaa Esheetee
  3. Dargaggoo Daanyee Abbabaa

Kanneen jedhaman Wayyaaneen yakkamuun mana hidhaatti kanneen fudhataman yoommuu tahu yeroo ammaa kana bakka buuteen isaanii dhabamuun warri isaanii guyyaa har’aa Caamsaa 08,2013 ganama Maa’ikelaawwii deemanii yoommuu gaafatan Wayyaaneen ukkaamsuun warra irraa dhorkuun darara addaa irraan gahaa jira.Mootummaan Wayyaanee dhiibbaa ilmaan Oromoo irratti gaggeessu jabeessus qabsootti jabaachuun dirqama oromummaa haa baanu jechuun qeerroon poolisii federaala keessaa waamicha oromummaa dhaammatanii jiran.

Qeerroon Bilisummaa Diddaa Sirna Wayyaanee Dhageessisuu Itti Fufe

Caamsaa 07,2013 Finfinnee

Qeerroon Bilisummaa naannoo Finfinnee jiraatan Irreecha Arfaasaa ilaalchisuun Caamsaa 07,2013 walitti dhufuun diddaa fi mormii sirna Wayyaaneef qaban walleen dhageessisan. Wallee warraaqsaa Sochiii Qeerroo faarsuu fi bilisummaa ummata ofiif jedhuun dhaamsa dabarfataa turan.Haala kana dhaamsuuf poolisoonni Wayyaanee heddumminaan itti bobba’an iyyuu diddaa fi iyyi dargaggoota Oromoo hammaachuu irraan Poolisoonni yeroof sodaan tasgabbaawanii akka jiran gabaasi Qeerroo addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabarummaan ni kufa!

Sagaleen dhagahuuf as tuqa:- 

Diddaan Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Itti Fufuun Caasaa Wayyaanee Waliin Walitti Bu’iinsi Dhalate

Aside

Caamsaa 05,2013 Jimmaa

OromiaALutaContinua2011FDGCaamsaa 02,2013 Diddaan Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Jabaachuun Caasaa mootummaa Waayyaanee Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaa waliin walitti bu’iinsi dhalatee jiraachuu Qeerroon gabaasa.
Mooraa Yuuniversitii Jimmaa keessatti sabboontoti barattooti Oromoo balleessaa tokkoo malee yeroo garaagaraatti himachuun koree namusaatti dhiyaachuun barnotaa isaanii irraa jeqamaa kan jiraanii fi humnotaa Mootummaa Wayyaaneen dorsiifamaa kan jiran ta’uun beekamadha. Ta’uullee goototni sabboontotni baratootni Oromoo dhugaa keenyaa fi dhugaa saba keenyaa irraatti duuna yoo nu ariitaan nu arii’aa yoo nu ajjeeftan nu ajjeesaa yoo nu hiitaan nu hidhaa malee dhugaa jaltee haqaa ukkaffamee dhiittaa garbummaaf diddaan nuti eegallee jabaatee kan itti fufuu ta’u injifannoon saba Oromoos qabsoo wal irraa hin cinne gaggeessinuun mirkanaawa waan ta’eef Wayyaanee garaaf hin buliinaa dhugaaf bulaa, garaa keessaaniif jettanii haqaa hin haaliinaa, baratootaa barnotaa irraa hin arii’inaa nu hin hidhiinaa nu cina hiriiruun bilisummaa saba keenyaaf falmachuutu furmataa fida jechuun Caamsaa 02,2013 ifatti ergamtoota Wayyaanetti himan.

Haaluma kana irraa ka’uun ergamtichii Wayyaanee kan baratotaa Oromoo maqaa qorannoo jedhuun ID baratootaa irraa fuudhee biiroo wajjiraa poolisiittii barbadamtu jechuun ilmaan Oromoo dararaa jiruu poolisii Kaalid Abbaa Tamaam fi Presidentii Baratootaa Yuunivarsiitii Jimmaa Barataa Daawut Geetachootiin jedhamu ati baratootaa Oromootiin ijaaramtee jirtaa, baratootni akka hin arii’amnee maaf dubbaataa lafa dhoksaattii sabboontotaa Baratootaa Oromoo ABO ta’aan waliin marii gochaa jirtaa, yoo kana irraa of hin dhaabduu ta’ee ni hidhamta jechuun itti dhaadachaa jiraachuun gabaafame bakka bu’oota qeerroon gabaafamee jira.

Kana malees baratootni miseensotni OPDO bakka sadiittii qoodamuun miseensummaa OPDOf buusii kanfaluu dhaabuun gabaafamera. Haaluma kana irraa ka’uun dabbaallootaa Wayyaanee gidduutti walshakkii guddaan dhalatee icciitiin keenyaa diigamee diinaa harka jiraa jechuun wal qorachaa jiraachuun gabaafamera.

Qeerroon Baratootni Oromoo yeroo irraa gara yeroottii ejjeennoo isaanii jabeeffaachuun doorsiifnii fi dararaan diinaa kaayyoo d hugaa saba keenyaa falmachuu irraa yoom iyyuu duubattii nu hin deebiisuu tokkummaa fi akeekaa keenyaa jabeessaa malee jechuun waliitti dhaammatan.

 

Oromiyaa Keessatti Irreechi Arfaasaa Sirna Guddaan Kabajamaa Jira

Aside

Ebla 2013 Keessa GGO Biyya Keenya Magaalaa Narobi Keessatti Sirna Guddaan Kabame

Aside

Caamsaa 07,2013
Guyyaan Gootota Oromoo biyya Kenya magaalaa Nairobi keessatti sabbootota Oromoo fi miseensota ABO biratti sirna miidhagaan kabajamuu isaa gabaasi nu gahe beeksisa. Baatii Ebla2013 guyyaan goototaa kabajame kana irratti bakka bu’ootiin ABO argamuun haasaa wal duraa duubaan dhageessisanii fi qeebela ummataa sagaleen arganne ifa godha.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Sagalee Oromiyaa: Gaafif Deebii Jaal Galaasaa Dilboo Waliin – Kutaa 2ffaa (Oromo, Oromia)

Aside

SBO Caamsaa 05 Bara 2013

Aside

Qondaalonni Wayyaanee Yaaddoo Dargaggoota Oromoo Irraa Qaban Ibsatan.

Aside

Caamsaa 05,2013 Adaamaa

Dargaggoota Oromoo Hojii Dhablummaan Dararuun Mallatoo Cunqursaa Wayyaanee Keessaa Tokko.Akkuma beekamu baay’inni barattoota barnoota olaanaa fi kolleejjiirraa eebbifamanii hojii dhabdummaan dararamanii yeroo irraa gara yerootti dabalaa adeema,kun kana ta’ee waan jiruuf sirna bulchinsa dadhabaa uummata rakkoof saaxilee fixaa jiru kana ni diiga jedhamee yaadama,kanneen caasaa Wayyanee hooggananis kanu dhugaa bahaa jiru.akkuma kanaan torbe kana leenjiin bulchinsa magaalota Oromiyaa mata duree liizii jedhu mootummaa naannoo bultii 15f kennamaa turuun ifaadha.

Leenjii guyyaa 15f ture kana irratti Alamaayyoo Atoomsaa haasaa taasise irratti “Bartaan hojii dhabe humna ijaaru dhabe malee silaa nu nyaata”jedhe yaaddoo qabu waltajjiif ifatti ibsee jira.Walgahii Adaamaa fi Meettaa Roobiitti ta’e kana irratti qondaaloti Wayyaanee fi addattis Alamaayyoo Atoomsaa yaaddoo dargaggoota Oromoo irraa qabu gahaatti ibsuun hirmaattota beeksisanii jiru. Leenjii kana irratti kanneen hirmaatan hundi sochiin warraaqsa Oromoo daran jabaatee mootummaa kana yaaddessaa akka jiru gahaatti hubachuun gariin bifa fedheen Qeerroo Bilisummaa waliin ijaaramuu fi jabeessuutti murteeffachuu isaanii quunamtii garee sochii dargaggoota biyyoolessaa waliin godhan irratti beeksisanii jiru.