Poolisoonni Naannoo Oromiyaa 5 Diddaa Barattoota Oromoo Duubaan Jirtu Jechuun Qorataman.

Aside

Caamsaa 18,2013 Jimmaa

Barattooti Oromoo Kolleejjii fi Yuniversitii Jimmaa keessa jiran Caamsaa 12,2013 ayyaana Irreecha Arfaasaa irratti diddaa jabaa dhageessisaniin mootummaan Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa seenuun ni yaadatama. Walleelee warraaqsaan dhaamsa diiddaa isaa kan dabarfataa turan barattooti Oromoo dabalataan barruu warraaqsaa manneen barnootaa fi magaalaa keessatti baldhinaan facaasaa turan.

Haala kana irraa ka’uun mootummaan Wayyaanee Caamsaa 15,2013 irraa kaasee poolisoota naannoo Oromiyaa dhalootaan Oromoo ta’an nama 5 sochii barnootaa kana dhaabuu waan hin dandeenyeef jecha isin ergama addaa waan qabdu sababa jedhuun waajira poolisaatti qormaata jala galuun isaanii qeerroon gabaasa. Haalli kun ilmaan Oromoo mootummicha keessaa hojjetan garii waan mufachiisee jiruuf gaaffiin mirgaa Qeerroon jalqabe gara qaama mootummichaatti baldhinaan ce’uuf akka jiru muldhisa.

Maqaa fi itti baha qormaata poolisoota Oromoo irra gahaa jiru gama fuula duraatti qeerroon ni gabaasa.

Raadiyoo fi TV lee Oromoo Warraaqoo/Tamsaasa Walakkeessaa Caamaasaa ,2013

OSA’s Appeal Letter to the UN Secretary General Ban Ki-moon about the Conflict in Eastern Oromia, E thiopia

Aside

OSA_QNewsletter_April2013P.O Box 32391, Fridley, MN 55432
http://www.oromosudies.org

May 16, 2013

His Excellency Mr. Ban Ki-moon, Secretary-General
Office of the Secretary General of United Nations
885 Second Avenue
New York, NY 10017, USA

RE: OSA’s Appeal Letter to the UN Secretary General Ban Ki-moon about the Conflict in Eastern Oromia, Ethiopia

Your Excellency Ki-moon:

I am writing on behalf of the Oromo Studies Association (OSA), a scholarly organization established by Oromo and non-Oromo scholars to promote studies on and relevant to the Oromo and other people of Ethiopia and the Horn of Africa. The Oromo, the largest ethno-national group in the Horn of Africa, constitute 40% of the Ethiopian population. The coalition of the ruling party which has dominated Ethiopian political landscape since 1991 is controlled by the Tigrayan People’s Liberation Front (TPLF). The TPLF, which fears Oromo numerical strength in any free and fair election, has systematically destroyed all independent Oromo organizations in Ethiopia. The TPLF even destroyed the Oromo Relief Association, a non-profit organization that assisted the people who were affected by draught and famine. Read More:-

OSA_letter_to_UN_Secretary_General_on_the_Confilict_in_Eastern_Oromia_May_2013.pdf
OSA_letter_to_UN_Secretary_General_on_the_Confilict_in_Eastern_Oromia_May_2013.docx

Diddaan Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Mootummaa Wayyaanee Yaaddoo Keessaa Galche.

Aside

Caamsaa 16,2013 Jimmaa

OromiaALutaContinua2011FDGCaamsaa 15,2013 Mootummaan Wayyaanee diddaa barattooti Oromoo itti fufan sodaa fi yaaddoo irraa ka’uun baratootaa Oromoo qabee dorsiisuun hidhuu fi hordoffii ittifufee jira.
Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Main Campus irraa department Sportii Waggaa Lammaaf barataan Lama kan maqaan isaanii

1ffaa barataa Eebbisaa Dhaabaa fi
2fffaa barataa Asafffaa Ababaa

Kannee jedhaman Poolisotaa Wayyaaneen mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa nanna’uun eganiin qabamanii halkaan tokkoo guutuu hidhamanii ergaa doorsiiamanii boodaa gamtaan barattoota Oromoo dargaggoonni hidhaman kun hatattamaan hiikamuu qabuu, hidhamuu baratootaa keenyaaf bulchiinsii mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa itti gaaffatamaadhaa jechuun waraqaa aasxaa Qeerroo qabuun  barreessuun baratootaa Oromoof raabse.Sodaa Sochii baratootaa Oromoo kana irraa ka’uun baratootaa hidhamanii jiraan lamaan ID isaanii irraa fudhuudhaan seeratti ni dhiyaattu jechuun gadi lakkifamanii jiru.
Sabboontotnii Qeerroo dargaggootaa Oromoo Oromoon yeroo hidhamuu dhaabbaannee hin ilaalluu wal irraattii duunaa jechuun waadaa isaanii jajjabeeffaachuun, balleessaa tokkoo malee poolisaa fi dabbaalleen doorsifamuun nurraa dhaabbaachuu qaba jechuun ifaan ifaattii dabbalootaa fi poolisotaa Wayyaaneetti himanii jiraachuu gabaasi Qeerro addeessa.

 

Diddaan barattootaa Yuunivarsiitii Arbamic mooraa Caamoo jabaate

Aside

Caamsaa 16,2013 Arba Minc

Diddaan barattootaa mootummaa garboomfataa Wayyaanee irratti jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Arbaminc mooraa Caamoo keessatti barattootni hiriira jabaa bahuun mootummaa Wayyaanee balaaleffatan.Mootummaan garboomfataa wayyaanee baajata dhimma barnootaaf kaawame irraa looguun dhimma waraanaaf tolchuun bittaa umrii isaa dheereffachuu irraan darbee nyaata summaaaa fi qulqullina hin qabne dhiyeessuun barattoota fixuuf wayita jirutti irratti dhaqqabamuun diddaan kun taasifamee jira.

Mootummaan garboomfataa wayyaanee gaaffii mirgaa barattootni gaafatan dura dhaabbachuuf federaala hedduumminaan bobbaasuun aara ija gubu itti gadhiisuun barattoota miidhaa fi reebaa kan oole yoommuu tahu diddaan kun daran jabaachuun mooraan Caamoo mooraa waraanaa tahee jira.Mootummaan wayyaanees gamtaan barattootni gaaffii mirgaa kaasuu isaaniitti hedduu kan rifate yoommuu tahu yeroo ammaa basaastota barattoota keessaa

1. Barataa Amsaaluu Taakkalaa

2. Geetachoo Moosisaa

Jedhaman qabachuun barattoota adamsuutti duulee jira.Barattootni kunneen diddaa barattootaa dura dhaabbachuuf tattaaffii diina waliin gootan irraa hin dhaabbattan taanaan tarkaanfiin hojii keessan madaalu akka isin eeggatu beekaa jechuun qeerroon yuunivarsiiti Arbaminc gabaasee jira.

SBO Caamsaa 15 Bara 2013

Aside

Irreecha Arfaasaa Jimmaatti Gaafaa Caamsaa 12, 2013 Kabajame

YAA DHALOOTA QUBEE**

  Taammanaa Bitimaa irraa
                   barruu Dhalawwan aayyoo-too
Dhalawwan aayyoo-too
Yaa dhaloota Qubee
Yaa dhaloota Qubee
                    Walta’aatii ka’aa
Gabrummaa acha’aa
Jarroo biyya gubee
Jarroo biyya gubee!
Jarroo biyya gubee
Gubeetii waxalee
Akkoo fi akaakaa-llee
Darbatee kabalee!
                    Warri abbaa-kabalaa

                    Warri abbaa-waxalaa
                    Lafarraa nu duguuguuf
                    Hamtuu nuuf abbala!
Margaa-muka guggubee
Namaa-sa’a guggubee
Bineeyyiis guggubee
Oromiyaa qabatee
Ukkaamsee ukukkubee!

Awwaallan buqqisee
Lafa-saa gurgurataa
Beelaan nama huqqisee
Xiqqaa-guddaa kuffisee
Ija-saatoo jaamee

                    Kana yoom hubataa?
                    Yeeyyiin gaaraa as-galee
Akkum Mosolonii ciibsee nama qalee
Majaan gubbasii as-galee
Akkum Minilik-faa ciibsee nama qalee!
                    Waggaa digdamii-lama guutuu
Kunoo-kaa biyyasoo guutuu
Dhiddhiitee nama bitaa
Karcalleettis naqee fixaa!
                    Yoom Oromoo qofa tahe
Kan inni gorra’u
Gadqabee kan acha’u
Obboleewwan keenya
                    Ilmaan Kuush kan beenyaa:
Afaari fi Somaalee
                    Ukkaamsee cuqqaalee
Sidaama fi Hadiyyaa
Kaanis biyya biyyaa
Ciibsetuma qaqqalaa
                    Akka dullacha masqalaa!
                    Garasittis dabree
Uummata Gambeellaa
Kan jedhuun “Shaanqillaa
Warra dur abbootiin-saa
Warra dur obbolaan-saa
Gabaa dhaabee ittiin-daldalate
                    Warra Omoo hundaa ittiin-shaqaxate
Kunoo amma lafarraa buqqisa
Kilaashoon gadqabees kukuffisa!
                    Hayyee, qeerransoota Qubee
Hayyee, yaa dhaloota Qubee
Gaaf tokkollee harmeen dagatinaa
Kakuu-dhaa, laguu-dhaa irraan baqatinaa!

Yaa dhaloota Qubee
Yaa dhaloota Qubee
Tokkummaan olka’aa
Kaayyodhaan walta’aa
Harqoota gabrummaa
Kooraa jalkaattummaa

                    Darbaddhaa acha’aa!
                    Darbaddhaa acha’aa

                    Acha’aa caccabsaa
Biyya guutuu labsaa
Cubbuu fi yakka dabsaa
Dabsaatii unkuteessaa
                    Hundee gabrummaa balleessaa
Biyya Gadaa, Oromiyaa keessaa!

                    Jabbilee Oromoo
Kan sabaa kan qomoo
Yaa dhaloota Qubee
Yaa dhaloota Qubee
Ka’aa tarkaanfaddhaa
                    Ni mootuu abdaddhaa!
                    Impaayera dulloomee raamma’e
Kan addunyaa guutuun ofirraa acha’e
Supphuuf homaa hin dhama’inaa
Kun hoodaa gaaf tokkollee
                    Oromiyaa-Kuushiyaa hin dagatinaa!
                    Harawwan summeessee

                    Oobruuwwan xureessee
                    Caakkaa barbadeessee
                    Uummatoota madeessee
Kanallee misooma fakkeessaa
Addunyaatti oliyyee odeessaa!
                    Beela harkisee fidee
                    Joollee-harmeewwan fixee
                    Gogiinsa, gubiinsa
                    Jeejedhaan dhumiinsa
                    Ciriinsa, duguuginsa
                    Gondorii as fidee
                    Maqalee as fidee
                    Namummaa fi seera Gadaa dide!
                    Caaccuuwwan guggubee
                    Galmoota ukukkubee
                    Siiqqeewwan caccabsee
                    Bokkuuwwan daddabsee
                    Sirna warra mootii
                    Dhaalmaa kan abbootii
                    Sirna sirnaa gadii
                    Doofummaa kan badii
                    Qawwee fi fannoon nutti fide!
                    Qaroomina sirna Gadaa
                    Kan Waaqeffannaa lalisaa akka Odaa
                    Arraba-saatiin xureessee
                    Harka-saatiin hurreessee
                    OROMIYAA Biyya Gadaa
                    Kunoo, qabatee irra-ciisa
                    Ilaa, nu qawween kaanu malee
                    Gaaraa-dakaa waltaanu malee
                    Yoomum tolaan nu dhiisaa?
                    Egaa, yaa dhaloota Qubee
Eekaa, qubeeffattoota Qubee
Yaa abdii biyya kiyyaa
Anoo kanaafan iyyaa:                                           
                    Hin ganinaa waadaa jagnootaa
Hin gatinaa yabboo gamnootaa
                    Kan Jaarraa faa kan Maammoo
Kan Waaqoo faa kan Elemoo
Kan sabaa-fii kan qomoo
Kan Taaddoo faa kan Magarsaa
Dhalootaa dhalootatti dabrsaa!
                    Hayyee, gichilloota Qubee
Maarree, yaa dhaloota Qubee
Walqabaddhaa beenaa, deemaa
Deemaa, laggeen Oromiyaa cufa seenaa!
                    Dhiichisaa, ragadaa
Gabrummaa cagadaa
Geerraraa, shubbisaa
                    Roorroo qabaa kuffisaa!
                    Oromiyaa jaarraddhaa
Kuushiyaas abdaddhaa
Sirna dimokiraasii
Gabrummaa mancaasii
Kan Gadaa deebisaa, deebisaa
Impaayera kana muuziyama teessisaa!
                    Imimmaan harmee Oromiyaa
Imimmaan aayyoo Kuushiyaa
Bullukkoo bilisummaatiin
Kumala walabummaatiin
Irraa haqaatii qoorsaa
Saba keessan boonsaa!
                    “Kakuu-dhaa dubatti hin deebinu
Laguu-dhaa harmeerraa hin dheensinu
Jechaa waliin tarkaanfaddhaa, tarkaanfaddhaa
Namummaan namummaa olkaasuuf kakaddhaa!
                    “Oromiyaa, Oromiyaa
Kuushiyaa, Kuushiyaa
Jechaa deddeemaa, dhaadaddhaa
Dhalawwan Kuush gaaraa-dakaa waammaddhaa
Awwaala gabrummaa irratti OROMIYAA jaarraddhaa!
                                               Barliin, 15. 05. 2013
           ==============    //    ==============
**: Walaloon kun Oromoota yeroo ammaa manneen hidhaa warra Wayyaanee keessatti: garafamaa, waxalamaa dabrees waadamaa jiraniif, dhalawwan Oromoo gara-jabeessummaa fi bineensummaa mootummaa Habashaa baqachaa otoo jiranuu, yabaloo fi doonniin ittiin-deemaa jiran Garba Adan keessatti garagalee irbaata qurxummii nama-nyaatuu, kan shaarkii tahuun hafanii fi kanneen adaala (“barahaa“) Sudaani fi Liibiyaa keessatti dhumanii awwaalli isaanii cirracha-adaalaa taheef, kan jiraniif: mararfannoo, biradhaabannoo fi jajjabeessa hamilee haa tahu! WAAQNI imimmaan oggaan ishii tana barreessu narra yaa’aa jiru kana arguun, fuula isaa gara isaaniitti akka deebisu abdiin qaba!

Har’a Caamsaa 12/2013 Ayyaannii Irreechaa Arfaasaa Godina Jimmaa Tuulluu Beegiittii Sirna ho’aa ta’een kabajamee.

(Gabaasa Qeerroo Jimmaa Caamsaa 12,2013) Sagantaan kabajaa  Ayyaanaa Irreechaa kunis akkuma beekamuu kadhannaa Waaqaa Jaarsooliin Oromoo akka hangafummaa isaaniitti caarraa Gadaa fi hangafummaa hedachaa jalqaba irraatti kadhaa waaqaan egalame.

sirnna kadhannaa waqaa manguddootni Oromoo yeroo gaggeessaan ” Hayyee yaa Waaq nu dhaga’ii , kan hidhamee nuu hiikii, kan biyyaa ba’ee biyyaattii nu deebiisii, mirgaa nuf keennii, biyyaa kan abbaa biyyaa godhii, tokkummaa fi jaalaalaa Oromummaa keenyaan waliitti nu jaalaadhuu Oromoo tokkoo godhii,” jedhuu fi kkf jechuun egalan.

Ayyaanaa kanaa Ilaalchiisuun Ijoolleen Oromoo godinaalee Oromiyaa garaaaraa irraa dhufuun irraatti argamuun midhaginaa Ayyaanichaa akka malee dabaluun kabajachaa oolaan, Ayyaanaa Irreechaa kana irraatti Ummaannii Oromoo Kumatamaan lakka’amuu argamuun kabajataan.

Ayyaanaa Irreecaa kana ilaalchisuu Mootummaan Wayyaanee humna waraanaa poolisotaa isaa heddumminaan bobbaasee jeequuf sodaachiisuuf yaalii guddaa taasisuuyyuu uummaannii Oromoo keessaattuu dargaggoonni Oromoo tokkummaa fi gootummaan duraa dhaabbaachuun eenyuummaa fi maalummaa Oromoo dinaatti argisiisaan, utumaa basaastootnii abbaa irree fi poolisonnii abbaa irree lafa dhiphiisanii Qeerroon dargaggoonni Oromoo WBO boonnaa, ABO boonnaa, Leencaa boonnaa, Qeerroo boonnaa Oromiyaa boonnaa, Tokkuummaa boonnaa, Oromoo fi Oromummaa boonnaa jechuun diinaa isaan duraa dhaabbaachuuf baatee aafan qabachiisaan.

Kana malees walleen warraaqsaa kanneen akkaa sirbotaa Eebbisaa  Adduunyaa, Hirphaa Gaanurree, Haayiluu Kitaabaa, fi sirboonnii akka Kormaa guduruu Oromoon, ABO’n, Qeerroon, WBO’n  leencumaa duruu jechuun hanga dinnii ilmaan Oromoo fi firrii Ilmaan Oromoo dhaga’ee ajaa’ibsiifatuttii  guutummaa magalaa Jimmaa keessaa naannaa’uun Warraaqsaa gageeffaatan garbummaa balaaleeffaatan bilisummaa leelliffatani. addaatti immoo basastotaa maqaa ishee waamuun balaleeffatan.

Barruuleen Warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyuummaa sarbamuu mirga namommaa fi dimookiraasii, sarbamuu mirga amantii fi kkf of irraa qaban haalaa dhugaa Oromoo fi mirga Oromoo kabachiisuun danda’amuun barreefaamanii guutummaa goodinaa jimmaa keessaa keessaattuu magalaa jimmaa keessaatti bittinneeffaaman, kana ilaalchiisuun gabaasa dabalataa qabnu keessaatti dhiyeessina.

Sochii uummataa Oromoo kanaa irraa ka’uun mootummaan abbaa irree wayyaanee kan biyyattii keessaatti mirga dhala namaa,mirga dimookiraasii, mirga amantaa Waqeeffaannaa sarbee umrii angoo isaa dheereffaachuuf jiraatu, dhiphinaa keessaa seenuun oliif gadii rafamuun uumataa gooluuf yaaliin godhamaa turee tokkuummaa qeerroo dargoggootaa Oromootiin fashalaa’e.

uummaannii Oromoo ifaan ifaattii tokkuummaa isaa jabeeffaatee diinaa fi gantootaa isaatti eenyummaa isaa argisiifachuun, haala baayee miidhagaa fi simboo qabeessaa ta’een ayyaannii irreechaa Arfasaa Tulluu Beegiitti kabame.

Magaalaa Jimmaatti Jal-bultiin Ayyaanaa Irreechaa Arfaasaa bifaa Qindoomina qabuun eegalame.

Aside

Caamsaa 11/2013 Jalbultiin ayyaanaa Irreechaa baratootaa fi barsiisota Oromoo Yuunivarsiitii fi Kolleejjii Jimmaa, Ummataa Oromoo godina Jimmaa fi hordoftoota amantaa Waaqqeffaannaatiin egaalamee jira.
Jalbultii ayyaana Irreechaa Arfaasaa kana irraatti Ummaannii Oromoo walitti dhufuun malkaa Deeddeetti walgauun arfaasaan akka nuuf qajeelu Oromoon waan hojjetu hundaan milkoomee abbaa milkie ta’uuf hoolaa mudaa hin qabnee Korbeessaa wareeguun aadaa fi duudha Oromoo ibsanii jiru.

Ummanni Oromoo irree gabroomfataa injifatee abbaa biyyaa akka tauuf irreechi arfaasaa kadhataa fi himmimmaan haadha hiyyeessa Oromoo dhageessee qabsoo inni itti jiru akka milkaawu kadhaan gamtoominaan deemee jira.

Jalbutii kana yeroo egaalamutti barnootni seenaa haala amantii Oromoo, seenaa Oromoo fi tokkummaa Oromoo jabeessuu Barsiisotaa Yuunivarsiitii Jimmaa fi Koolleejjii barsiisota Jimmaan kenname. Hayyoonnii Oromoo tokko tokkoo dabaree dabareedhaan Oromummaa Jabaassuu fi jaalaalaa Oromummaan wal tiksuu bu’aa Oromummaa

tiksuu irraattii ergaa garagaraa Uummataaf dabarsaan. Gama biraan ayyaanaa kana sababeeffaachuun Ummannii fi Qeerroowwaan sabboontotni Oromoo godinaalee garagaraa irraa maagaalaa Jimmaa gala jiraachuun ibsamera. egaa Ayyaannii Irreechaa guutummaan isaa ammo guyyaa boruu Caamsaa 12/2013 Godina Jimmaa Tuulluu Beegiitti kabajaamee oola