Godina Wallagga dhihaa aanaa Ayiraa keessatti dabballoota Wayyaanee fi dargaggoota Oromoo jidduutti rakkoon uumame.

Aside

Onkoloolessa 08,2012

Godina Wallagga lixaa aanaa Ayiraa keessatti wal dhabinsi dabballoota Wayyaanee fi milishoota gandaa jabinaan itti fufee jira.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti diddaa qeerroodhaa itti qabsiifamaa ture dura dhaabbachuuf ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuraa kan ture ammas daran jabeessuun dargaggoota Oromoo doorsisaa jiran.Dabballootni Wayyaanee

1. Isheetuu Damissee

2. Fiqiruu Admaasuu

3. Darajjee Tashoomee

4. Nigusee Tasammaa

5. Badhaasaa Mokonnon

Jedhaman ilmaan Oromoo naannoo kanaa keessumaa dargaggoota meesha Wayyaanee mormitanii sirnicha balaaleffattaniittu waajjira bulchinsaatti fincila gaggeessitanii jirtu jechuun ilmaan Oromoo doorsisaa jiru.Haala kanaan dargaggoo Daanieel Taaffasaa kan jedhamu yeroodhaa gara yerootti hidhaan rakkisaa jiru.Dargaggootni naannoo kanaa mootummaan Wayyaanee shira kamuu xaxxu nuyi gaaffii mirgaa kaasuun dirqii dha.QBO galmaan gahuuf gaaffii mirgaa gaafachuu irraa haalli kamuu duuba akka isaan hin deebisne ibsatanii jiran.

Wal gahiin KG OPDO wal dhabdee fi walii galtee malee xumurame.Yeroo dheeraaf KG OPDO kan tures Juuneddiin Saaddoo aangoo irraa arii’ame.

Aside

Onkoloolessa 7,2012 Finfinnee

Wal gahiin koree gidduu galeessaa OPDO magaala Adaamaa keessatti guyyaa afuriif deemsifame wal dhabdee fi wal diiggaan xumurame.Yeroo ammaa kana keessatti mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo caasaa kam keessaa illee amantamummaa irraa kan dhabe Miseensotni OPDO ABO waliin hojjechaa jirtu,Yaadaa fi Hojiin ABO waliin jirtu jechuun namoota amantamummaa irraa qaban gara aangootti baasuu fi aangoo irraa buusuun wal dhabdee fi wal mormii irra turanii jiran.Koree gidduu galeessaa OPDO keessattis yeroo dheeraa kan hojjetes Juuneddiin Saaddoo hojii irraa ariiuun kanneen biroo gara hojii raawwachiistuu KG OPDOtti fidanii jiran.Isaanis

1. Abarraa Haayiluu itti gaafatamaa miidiyaa Oromiyaa irraa buee gara Koree gidduu galeessaatti

2. Nuuree Qamar itti gaafatamaa Harargee irraa gara Hojii raawwachiistuu KG OPDOtti

3. Solomoon Kuchuu Itti gaafatamaa kaaba shawaa irraa gara KG OPDOtti

4. Abdulqaadir Mohaammed itti gaafatamaa Arsii irraa gara KG OPDOtti

Kan dhufan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee namoota irraa amantamummaa qabdu duwwaa waliinis marii dhoksaa gaggeessaa kan jiru yoommuu tahu kanneen amantamummaan isaanii irraa hanqate irratti murtii siyaasaa fi seeraa murteessuuf olii fi gadi kaachaa jiraachuun saaxilamee jira.Mootummaan Wayyaanee shira meeqa xaxus QBO hanga galmaan gahutti qabsoon jabinaan akka itti fufu miseensotni qeerroo murtii dhumaa dabarfatanii jiru.

SBO Onkololeessa 7 Bara 2012

Aside

Irreecha Bishooftuu fi Hirmaannaa Sabboontotaa

Video

Sabboontonni Oromoo Ayyaana Irreecha Oromiyaa Irratti ” Akkasii miti akka WBOn jedhe sani” Jechuun Dhaamsa Dabarfatan.

Video

“Akkasii miti akka WBOn jedhe sani”

Gabrummaan hammaatee roorroon fala fidnaan sabboonti Oromoo kitilaan lakkaawaman mirgaa eenyummaa fi biyyummaa Oromoof jecha wareegama qaqaalii kafalaa yoonaan gahanii jiru.Qabsoo hadhaawaa baroota dheeraa godhame keessatti karaa nagaa mirga Oromummaa fi abbaa biyyummaa argamsiisuuf carraaqii Oromoon godhe waan laayyoo hin turre,milkoomminni qabsoo karaa nagaa argachuun biyya Ethiopia jedhamu keessatti abjuu ta’uu irraan kan ka’e qabsoo hidhannoo itti fufee roorroo saba ofii irraa falmuuf gootonni Oromoo qabsoo godhaa akka jiran beekamaa dha. Har’a abdiin saba Oromoo fi gaachanni ummata Oromoo WBO dha.Kun ammoo ummata Oromiyaa keessaa fi kanneen biyya alaa jiraniif abdii fi wabii dha.

Yeroo ammaa Oromoon akka sabaatti mirga isaa kabachiisuu hin dandayu mirga Oromoof wabii ta’ee kan argamsiisu warra TPLF ykn ammoo Gimbot 7 jechuun jaarmota halagaa jala deemuu diduun Oromoon Oromiyaa jiru guutummaatti halagaa jala deemuu mormuu fi diddaa sanii dhageessisuuf jecha Oromoota mirga Oromoo halagaa jalaan arganna jedhaniif dhaamsa video kana irra jiru dabarsanii jiru.

Innis kan jedhu ” Akkasii miti akka WBOn jedhe sani” jechun  Oromoon saba of dandayee fi ittisa qabu ta’uu isaa irreecha Bishooftuu Onkoleessa 30,2012 irratti mirkaneessani jiru.

 

Oromiyaa:Diddaa Hawaasa Musiliimaa

Aside

Mootummaa Wayyaaneef kaardiin Keelloo kenname; diidaan hawaasa Musiliimaas itti fufe!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 06 Onkoloolessa 2012)Onkoloolessa 05/2012 hordoftootni amantaa Musliimaa naannoo Masgiida Anuwaaritti salaataaf imalan dhiibbaa fi roorroo isaanii fi amantii isaanii irra karaa mootummaa wayyaaneetiin gahaa jiru cimsanii balaaleffatan.

Hordoftooti amantii Musiliimaa kitilaan lakkaayaman kunneen diddaa fi mormii kana irrattis dhaadannoolee garaa garaa dhageessisuun waraqaa bifa keelloo qabu baachuun akeekkachiisa duraa mootummaaf kennanii jiru.

Hordoftootni amantaa Musliimaa kunneen dhaadannoowwan dhageessisaa oolan keessaa

1. Sagaleen keenya haa dhaga’amu

2. ETVn sobduu fi hattuu dha

3. Hidhamtootni haal duree tokko malee haa hiikaman

4. Filannoon dirqamaan hin jiru

5. Guyyaa dilbataa filannoon sobaa hin jiru

6. Amantii keenya irratti ni duuna

7. Nuyi shororkeessitoota miti

8. Gaaffii mirgaaf deebiin haa deebi’u

9. Rabbi malee waan sodaannu hin qabnu

10. Ya rabbi nu dhaqqabi kanneen jedhan sagalee fi barreeffamootaan qabachuun dhageessisaa fi dubbisiisaa oolan.

Waraanni mootummaa wayyaanee gaaffii mirgaa hordoftoota amantaa musliimaa dura dhaabbachuuf bobba’e abdii kutuun dhaabbatee ilaaluuf dirqamee jira.

Guyyaa dheengaddaa Onkoloolessa 04/2012 mootummaan wayyaanee konkolaattota naannoo Masgiida Anuwaar bira darban meeshaa waraanaa dhoksitanii baattu jechuun sakattaan rakkisaa ture. Mootummaan wayyaanee walumaa galatti diddaa sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaan itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf gaaffii mirgaaf deebii dhiisee hidhaa jirus hanga mirgi namummaa fi dimokiraasii biyyattii keessatti mirkanaa’utti qeerroon gaaffii mirgaa sabawwan cunqurfamoo kamuu cinaa dhaabbachuun wareegama kamuu baasuuf qophii tahuu isaa ibsata.

Biyya Itoophiyaa jedhamtu keessatti mirgi namummaa fi Dimokiraasii guyyaan itti kabajame takkaa hin turre.Mootummaan wayyaanee mirgi sabaa fi sab-lammootaa fi mirgi amantiilee kabajamee jira jechuun yeroodhaa yerootti olola oofu.

Keessumaa Raadiyoo fi Televisionii siyaasa isaanii ittiin gaggeessuuf tolfateen mirgi namummaa kabajamee jira,Uummatnis jaallatee misooma irra jira jechuun yeroodhaa yerootti olola.

Gaaffiin mirgaa biyyattii keessatti yakka tahee yeroo dheeraaf turuun har’as itti jira.Hawaasni musliimaas gaaffii mirgaa mootummaan dhimma amantii keessa seenuu hin qabu jedhu yeroo dheeraaf gaafachaa turus deebiin argame hidhaa,ajjeechaa fi doorsisa ture.

Hawaasni musliimaas doorsisa,hidhaa fi ajjeechaa akkasumas dhiibbaa mana barnootaa Awaaliyaa irratti dhufeen haamilee otuu hin kutatiin karaa hundaan diddaa fi mormii isaanii daran jabeessanii jiru.

Humna Poolisa Federaalaa fi Oromiyaa Jidduu Walitti Bu’iins Ture Itti Fufee P.Oromiyaa Irraa 3 Hidhaman.

Aside

Onkoloolessa 06,2012 Naqamte

Gondina Wallaggaa keessatti poolisoota federaalaa fi Oromiyaa jidduutti walitti bu’iinsi ture jabaatee itti fufee Onkoloolessa 05,2012 ona Diddaa Ayyaanaa keessatti poolisoota federaala fi kan naannoo Oromiyaa  jidduutti dhukaasi banameen walitti bu’iinsi cimaan umamee oole,haala kanaan FDG deemaa jiru keessaa qooda qabdu,ummata naannoo baabsitanii gaaffii akka kakaasan gootaniittu,poolisoonni naannoo Oromiyaa irra guddaan keessan ABOf hojjettu sababa jedhuun kanneen feederaala irraa heddumminaan naannicha dhaqan magaala goolaa olanii jiru. Haala kanaan wal qabatee P.naannoo Oromiyaa irraa namoonni sadii hiikkachiifamanii mana hidhaatti geeffamuu fi kanneen hafan ammoo hin hiikkanu isin eenyuun taatanii biyya abbaa keenyaa irratti nu abboomtu jechuun diddaa isaanii hanga ammaa itti fufanii jiraachuun gabaafame.

Hanga ammaatti kanneen hidhaman keessa maqaan:-

1, Poolisii Asaaffaa Gammaachuu,

2, Poolisii Gammaachiis Waaqwayyaa,fi

3, Poolisii Ergoo Goobanaa

Kanneen jedhaman keessatti argamu

Seife Nebelbal Radio Program, Interviews Elfinesh Qannoo

Aside

Raadiyoon Simbirtuun haal Irreechaa ilaalchisee gabaasa baldhaa dhiheesse