Naannoo Kibbaa Godina Oomoo Aanaa Hamar Ganda Damakaa Keessatti Diddaan Sirna Wayyaanee Ka’e

Aside

Waxabajjii 2,2015 Gabaasa Qeerroo Godina Oomoo 
Waraana WayyaaneeNaannoo Kibbaa godina Oomoo aanaa Hamar ganda Damakaa keessatti Fincilli ka’e. mootummaan wayyaanee aangotti erga bahee rakkoon guyyaa
guyyaatti nutty dabalaa dhufe, mirga dhabnee, barataan keenya baratee hojii hin argatu jechuudhaan uummani qonnaan bulaan magaalaa Damakaa
keessa jiraatu FDG kaasuu dhagayame. Fincila ka’een dargaggooni magaalichaa fi tika mootummaa gidduuttis diddaan jabaatee oole.

Garaagarummaan humna waraanaa diddaa uummatichaa dura dhaabbatuuf deeme gidduutti uumame. Uummata keenya hin miinu gaaffii isaa gaafatu kan jedhu gartuu biraa kan sochii uummataa deggeruu fi ilmaan tigrayi kan ta’an uummata mirga isaaf falmatu irratti dhukaasa banuuf wargaman wal dura dhaabbachuun uummanni deggersa humna waraana isaan deggeru waliin FDG finiinsee jira.

Mootummaan Wayyaanee hattuudha, gabroonfataadha. Yoo dhumne hin dhumna malee mootummaa wayyaaneef hin jilbeefannu Mirgi shamarran keenyaa haa eegamu. Barataan keenya hojii haa argatu, obbolaan keenya mana hidhaa keessa jiran yakka malee maqaa siyaasaaf dararriin irra gahu haa hiikaman Lafti keenya qonnan bulaa irraa fuudhames haa deebi’uuf Jechuun uummanni kibbaa godina Oomoo aanaa Hamar keessatti har’a Waxabajii 2,2015 diddaa eegalee jiraachuu Qeerroon gabaase. Dargaggoonni Oromoo (Qeerroon)n waraqaa gaaffii mirgaa  magaalicha keessatti facaasaa akka ture gabaasi addeessa.

Seenaa Solomoon “Yaa Hawwii koo” New Oromo Music Video 2015

Aside

Jaarmiyaan Qeerroo Idil-Aduunyaa Deggersa Dargaggoota Oromoof Qabu Itti Fufuun Tinni’isa Diinagdee Taasise.

Aside

Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 02,2015 Finfinnee 

Qeerroo interWaajjirri isaa biyya Ameerikaa keessa kan ta’e Jaarmiyaan Qeerroo Idil-Adduunyaa  sochii dargaggoota Oromoo Oromiyaa keessaa bilisummaa fi dimokiraasiif falmaa godhaa jiru Qeerroo Bilisummaa Oromoo  gargaaruuf jecha deggersa maallaqaa doolaara 2,300 (kuma lamaa fi dhibba sadii) gargaaruun sochiin mirga namoomaa fi dimokiraasii akka jabaatu, uummanni Oromoo walabummaa isaaf sochii godhu keessatti gaheen warraaqsa dargaggootaa (Qeerroo) caalaatti akka cimuuu fi  Oromoonni ykn dargaggoonni mootummaa cunqursaa Wayyaanee jalatti hidhaa fi reebichaan dararaman akka tin’isa argatan taasisan.Gargaarsa ta’e kanaafis Qeerroon Bilisummaa galata lammummaa galcha.

Jaarmiyaan Qeerroo Idil-Aduunyaan ammaan dursa yeroo adda addaatti sochii dargaggoota Oromoo kan bilisummaa fi dimokraasii ykn Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa keessatti karaa nagaa falmaa taasisaa jiru gargaaraa turuun ni yaadatama.  Qeerroon Bilisummaa Oromoo gargaarsa yeroo adda addaatti ta’e galata guddaa galchaa imaanaa qabsoo sabaa hegereefis caalaatti alaa keessaan akka hojjennu abdii wal irratti gatna jedha.

Taajjabdoota Filatnoo Wayyaanee Ta’anii Kanneen Sagalee Uumataa Dhoksaan Gurguran Uummanni If Keessaa Saaxilaa Jira.

Aside

Gabaasa Waxabajjii 02,2015

Naannoo Ammayyaa keessaa fi godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti ummatni namoota taajjabduu filatnoo dharaaf taa’ee sagalee isaanii gurgure of keessa jiraachisuu dhorkee hari’ee jira.

Naannoo Ammayyaa keessaa  nama Gaaddisaa Hirphaa jedhamu Magaalaa Qotaa jedhamu keessatti taajjabaa ta’ee kan ture iddoo sanatti kan filatame isa harka ture , garuu waan isa harka ture san dabballoota Wayyaaneetti ni gurgurate waan ta’eef ummatni of keessaa hari’ee bakka jireenyaa dhabsiise . Akkasumas, Ganda Habaadhoo Hoolee jedhamutti kan filatame harka waan tureef tajabaa hari’anii sagalee ummataa bakka dhoksaa keessa dhokate irraa uummanni diigee baasuun sagalee isaa keessa gara sagalee 26 ta’u gara Finfinnee geessanii akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.

Gaaffii Uummata Irraa Ka’aa Jiru Dura Dhaabbachuuf Jecha Karoora Guddina Transformation Lammaffaa Jechuun Hogganooti Wayyaanee(OPDO) Magaalaa Naqamteetti Wal Gahaa Jiru. Loltooti Dhalootaan Oromoo Ta’anis Jimmatti Qoratamaa Jiru.

Aside

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 02,2015

Qeerroo bilisummaaWaltajjiin kaabinoota Wayyaanee OPDO baha Wallaggaa guyyaa har’aa kana magaalaa Naqamtee galma naqamteetti geggeeffamaa jira

Gabaasi maadhee Qerroo qaama mootummaa keessaa akka gabaasetti kaayyoon waltajjii Wayyaanee uummatichi filmaata sobaarratti harka qabanii ,reebaa fi hidhaadhaan gidirsaa moone jedhan irratti gaaffi addaa waan kaasaa jiruuf jecha  deebii akkamii laatamuu akka qabuufi maqaa karoora guddinaaf tiraanisfoormeeshinii lammaffaa jedhuun uummaticha afaan faajjessuuf akka ta’e beekameera.

Korojoo filannoo sobaa Wayyaanee irratti namni tokko hin filanne jedhanii yeroo maxxansa illee uummatichi namni biraan yoo filachuu baates sagaleen koo eessa bu’e jechuun gaaffi dhalchaa jira. Guutuu impaayera biyyattiitti kun haqa jiru yoo ta’u oduun bubbulee Wallagga bahaa aanaa Leeqaa Dullachaarraa nuqaqqabe akka mul’isutti namooti hedduun ganda baataa yakkin irratti sagaleenkoo eessa bu’e jechuun gaafatan hanga ammaatti mana hidhaatti dararamaa jiru.

Gama biraan ammoo  Waxabajjii 1,2015 Godina Kibba dhihaa Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessatti poolisootni fi Wwrannii Wayyaanee dhalootaan  Oromoo ta’aan ABO waliin hidhata qabdu jedhamuun qorannoon dararama jiru.

Ilmaan Oromoo waraana kaampii Waraana dhiha Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessatti argamanii fi poolisootni kora bittinneessaa Oromiyaa fi poolisiin magaalaa baleessaa tokko malee Oromummaa isaanii qofaan humna waraanaa ABO waliin hidhata qabdu jedhamuun qorannoon dararamaa kan jiranii fi isaanuma keessa immoo ilmaan Oromoo hidhamuun dararamaa jiraachuu madden keenya saaxilan.  Ilmaan Oromoo kun face book, Email, skype,  fi twitter,  fayyadamuun ABO waliin qunnamtii tolfattan mootummaa garagalchuuf adeemaa jirtu jedhamuun face book, email, skype fi twitter  isaanii akka sakkatta’amuu dirqisiisaa jiraachuun, kanneen social media kamiinuu hin fayyadamneen immoo beekaa dhoksitan jechuun darararamaa jiraachuu  madden keenya saaxilan.

Filannoo Wayyaanee Bara 2015 Fi Haala Yeroo Biyyattii Keessaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Filannoo Wayyaanee Bara 2015 Fi Haala Yeroo Biyyattii Keessaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo

Waxabajjii  01,2015 ,Waamicha Uummata Oromoo- Qeerroon  Bilisummaa Oromoo  haala yeroo irratti hundaa’uun Sochii warraaqsa FDG filannoo sobaa fi  itti fakkeessii Mootummaan Wayyaanee  EPRDF’n  gaggeesse irratti  Uummata isaa waliin ta’uun FDG kan jabeessee jiruu ta’uu fi Murtii amma uummatni  Oromoo fudhachuu qabu  ilaalchisuun  Ibsa gabaaba uummata Oromoo hundaaf dabarsee jira.

Uummaatni Oromoo sirna gita bittoota Habashootaa humna qawween aangoo qabataniif yeroo inni osoo hin falmatin tolee bulaafi ture hin jiru. KKeessattuu kan yeroo dhiyoo yoo fudhanne, Ebla 11, 2014 as qindoomina fi waamicha ilmaan Oromoo qaroo dhaloota Qubee, Qeerroo bilisummaa oromootiin waamicha uummata isaatiif FDG dabarseen gaaffiin abbaa biyyummaa, gaaffiin mirgaa fi walabummaa biyya keessaa fi biyyoota ambaa keessatti dhageettii guddaa argateera. Wareegamani qaaliin lubbuu gaafattus ittus itti kaffalameera.

Warraaqsi kun  Warraaqsa diinni Oromiyaa dhuunfachuuf dachee Oromiyaa Finfinnee fi naannoo isheetti argamaan qoodachuuf, karoora diinni  maqaa ‘’Master plan’’ jedhuun qopheeffate adda durummaan kan dura dhaabbatee fi kaayyoo diinaa fi gabrummaa dura dhaabbachuun diina raafama guddaa keessa kan galchedha. Uummatni Oromoo Warraaqsaa FDG utuu addaan hin kutiin ittuma fufuun jumlaan ajjeefamuun,  jumlaan hidhamuu fi barnootaa fi hojii irraa arii’atamuun bilisummaa isaaf falmachuu irraa akka duubatti deebisuu hin dandeenye mootummaa garboonfataa wayyaaneetti argisiisuun waggaa tokkoo oliif Warraaqsi qabsiifame jabaachuun itti fufe.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo (QBO) Sochii warraaqsaa kana kallatti hundaan Uummata Oromoo ijaaruu fi qindeessuun  lafa dimookiraasiin hin jirree fi mirgi dhala namaa hin kabajamnetti filannoo dimookiraatawaa gaggeessuun soba jechuun ololli maqaa filannoo fakkeessii  wayyaaneen oofamaa jiruu dhaabbachuu qaba,  jechuun  irra deddeebiin ibsamaa tureera. Caamsaa 24,2015 dilbata darbe mootummaan Wayyaanee EPRDF’n filmaata fakkeessii sobaa gaggeessuun walqabatee Qeerroon  uummata dammaqsuu fi waliin ta’uun FDG irratti qabsiisee jira. Kana malees Uummatni Oromoo Oromiyaa cufa irraa  bilisummaa isaa gonfachuuf hiriiree jiraachuu diinatti argisiisan. Haala Yeroo Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 01 2015

Moggaasa Lafaa Godina Addaa Finfinnee Jechuun Qonnaan Bultooti Oromoo Haalaan Buqa’uun Gamooleen Investeroota Halagaa Daran Ijaaramuu Itti Fufe.

Aside

Yeroo ammaa kanatti jiraattotii fi qonnaan bulaan Oromoo dachii isaanii irraa buqa’anii lafa irra  jiraatu hin beekamu. Lafoota qonnaan bulaa qotachaa jiraachaa ture har’a manneen dhagaa inversteroota alagaan daran ijaaramaa jira.

ah aj F

 

G

Godina Wallaggaa Aanaa Qellem Gaa’oo Qeebbee Keessatti FDG Ka’en Wal Qabatee Qonnaan Bultooti Oromoo 30 Ol Hidhuu Qeerroon Gabaase.‏

Aside

Qellem Gaa’oo Qeebbee; Caamsaa 31,2015
Because I am OromoFilannoo Wayyaanee torbee har’aa jechuun Caamsaa 24,2015 gaggeeffameen wal qabatee uummanni oromoo fi barattootni Oromoo bakka garagaraatti FDG finiinsaa itti fufuun yeroodhaa yerootti gabaasni isaa darbaa jira. ammallee haaluma wal irraa hin cinneen oromiyaa keessatti kan itti fufeedha.

Godina Qellem aanaa Gaa’oo Qeebbee, ganda Qonnaan Bulaa Leeqaa Kobbachaa jedhamu keessatti torban kana qonnaan bulaan shiraa fi filannoo kijibaa mootummaa wayyaanee wal qabsiisuun diddaa kaasee jiraachuu Qeerroon gabaasee jira. Erga filannoon filannoo kijibaa tahe, erga mootummaan wayyaanee uummaata sobee, erga sagaleen uummataa mootummaadhaan hatamee, jechuun Caamsaa 25,2015 irraa akasee aanaa ganda garagaraa keessatti diddaan qabate guyyuudhaan jabaatee kan dhufee fi Wayyaaneen humna bittimneessaa gara sanatti erguudhaan qonnaan bulaa nama 30 ol mana hidhaatti darbee reebichaan hiraarsaa jiraachuu Qeerroon gabaasa. Qotatee bulaa nama 30 keessaa waajjira poolisii magaala Arroojjii jedhamtutti kan hidhamanii jiran maqaan muraasni nu qaqqabe keessaa Qonnaan Bulaa:

  1. Toomaasa Uwwisaa
  2. Gasullaa Tasfaayee
  3. Nagaasaa Kibbii,
  4. Milkii Kibbii,
  5. Lammaa oljirraa,
  6. Simoon Uwwisaa,
  7. Fedhesaa Baqqalaa
  8. Toofik Abdallaa
    Kanneen jedhaman torbee kana guyyaa guyyaatti qonnaan bulaa FDG finiinsaa jiru waraana agaazii gara sanatti erguudhaan qabsiisee
    tumsiisaa jira, namootni kun waajjira poolisii kanatti guyyoota qabaman irraa kaasee hedduu reebichi irraa gahaa jiraachuu fi uummanni
    qonnaan bulaan aanaa kana keessa jiraatu FDG itti fufee akka jiru Qeerroon gabaasa.

Wallagga Horroo Guduruu Keessatti Ummanni Magaalaa Fi Baadiyyaan Tokkummaan Ka’ee FDG Gaggeessaa Jira,Loltooti Wayyaanee Amma Galgalaatti Qabaneessuu Hin Dandeenye.

Aside

Caamsaa 31.2015 Magaala Finca’aa

diddaa9Wallagga, Horro Guduruutti keessatti har’a Caamsaa 31,2015 FDG uummataan Finine, Aanaan Guduruu fi magaalli Finca’a fincila uummataa dura dhaabbatuuf humni waraana Wayyaanee ergame uummata dura dhaabbachuu hin dandeenye.
Uummanni qonnaan bulaan, daldalaan, hojjetaan mootummaa barattotni, jaartii fi jaarsa osoo hin jedhin dargaggoonni godina Horro Guduruu aanaa Guduruu keessa har’a mootummaan Wayyaanee hattuu dha, kana booda jalee Wayyaanee OPDO hin barbaannu, hattuu fi saamtuun nurraa haa kaatu kan jedhe uummatichi ganama sa’a 1:00 irraa kaasee hanga galgala kana sa’a 11:00tti jechuun guyyaa guutuu daandiitti bahee oole, akkasuma hojjetootni warshaa sukkaaraa Finca’aa keessaa hojjetan guyyaa boruu kaasanii hojii akka dhaaban beeksisan.

Weelluwwan qabsoo dargaggoota oromoon Guduruu keessatti dhagayamaa oole, Hattoota Wayyaaneef bakka hin qabnu, Sagaleen keenya hatame aangootti fufe mootummaan wayyaanee, Wayyaaneen hattuudha. Hidhamaan keenya amma nuuf haa gadhiifamu OPDOn maxxantuu saree, haadha garaa kan sabashee diinatti gurgurteedha. Kottaa waliin kaanee Bilisummaa fi walabummaa keenya mirkaneeffanna. Oromiyaan Ni Bilisoomti Jechuudhaan dhaadanno fi weelluu garagaraa uummanni aanaa Guduruu keessaa dhageesisaa oole, guyyaa keessaa gara sa’a boodatti humni waraana Wayyaanee bakka biroodhaa dhufe kan achi jirutti dabalame uummata dura dhaabbate, uummannis cabsee bira darbe, sagalee isaaa dheeressee wal dhageesise, humni waraana wayyaaneen diddaa uummataa har’a aanaa Guduruutti qabsiifame dura dhaabbachuu hin dandeenye. Itti fufee jira. Hojjetootni warshaa Sukkaaraa Finca’aa kana booda hojii dhaabuun gara FDG seenuu wal akeekan. FDG itti fufeera.

Warraaqsi Bilisummaa Dargaggoota Oromoo Itti Fufuun Godina Wallaggaa,Horroo Guduruu Keessatti FDG Itti Fufe.

Aside

diddaa9Caamsaa 30,2015 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti FDG uummata Oromoo fi dargaggoota Oromoon Jabbaachuun Walqabatee barsiisotni
Oromoo kan keessatti argaman namootni 12 hidhamuu maddeen Qeerroo gabaasan.
Diddaan Uummataa kallattii hundaan mootummaa abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF irratti jabaachuun kan itti fufe yoo ta’uu, Godina Horroo
Guduruu Wallaggaa AANAA AMMUURUU jedhamu keessatti diddaan uummata daran jabaachuun mootummaa Wayyaanee guyyaa irraa gara guyyaatti raafama guddaa keessa galee jira.

Wayyaaneen gaaffii uummataaf deebii kennuu dhabuun ilmaan Uummata Oromoo qaroo biyyaa ta’an qabee hidhuu fi dararaan gochaa diinummaa isaa calaqisiisuu fudhachaa jiraachuun ibsame jira, haaluma kanaan ilmaan Oromoo kanneen barsiisotni Oromoo keessatti argaman AANAA AMMUURUU irra Caamsaa 29/2015 maqaa uummata nurratti kakasuun fincila nurratti gaggeessaa jirtu jedhamuun fi isin miseensota Qeerroo
Bilisummaa Oromooti jedhamuun qabamuun kanneen hidhaman ta’uu madden Qeerroo bilisummaa magaalaa Shaambuu irraa gabaasan.ilmaan Oromoo hidhaman kessaan kanneen maqaan nu ga’ee jiruu keessa:
1.Barsiisaa Arabuu Yaasiin
2.Barsiisaa Jireenyaa Dachee
3. Barsiisaa Gammachuu
4.Dargaggoo Garramuu Biyyansaa kanneen keessatti argamaan AANAA AMURUUtti hidhamuu maddeen keenya gabaasan.mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaan warraaqsaa FDG fi bilisummaa keenya dura dhaabbatus nuti ilmaan Oromoo wareegama kamiifuu of qopheesinee mirga keenyaa fi bilisummaa keenyaa kabachiifachuuf murteeffannee kaane jirra jechuun dhaammata sabboontootni Oromoo dhaammatu.