Wallagga Horroo Guduruu Keessatti Ummanni Magaalaa Fi Baadiyyaan Tokkummaan Ka’ee FDG Gaggeessaa Jira,Loltooti Wayyaanee Amma Galgalaatti Qabaneessuu Hin Dandeenye.

Caamsaa 31.2015 Magaala Finca’aa

diddaa9Wallagga, Horro Guduruutti keessatti har’a Caamsaa 31,2015 FDG uummataan Finine, Aanaan Guduruu fi magaalli Finca’a fincila uummataa dura dhaabbatuuf humni waraana Wayyaanee ergame uummata dura dhaabbachuu hin dandeenye.
Uummanni qonnaan bulaan, daldalaan, hojjetaan mootummaa barattotni, jaartii fi jaarsa osoo hin jedhin dargaggoonni godina Horro Guduruu aanaa Guduruu keessa har’a mootummaan Wayyaanee hattuu dha, kana booda jalee Wayyaanee OPDO hin barbaannu, hattuu fi saamtuun nurraa haa kaatu kan jedhe uummatichi ganama sa’a 1:00 irraa kaasee hanga galgala kana sa’a 11:00tti jechuun guyyaa guutuu daandiitti bahee oole, akkasuma hojjetootni warshaa sukkaaraa Finca’aa keessaa hojjetan guyyaa boruu kaasanii hojii akka dhaaban beeksisan.

Weelluwwan qabsoo dargaggoota oromoon Guduruu keessatti dhagayamaa oole, Hattoota Wayyaaneef bakka hin qabnu, Sagaleen keenya hatame aangootti fufe mootummaan wayyaanee, Wayyaaneen hattuudha. Hidhamaan keenya amma nuuf haa gadhiifamu OPDOn maxxantuu saree, haadha garaa kan sabashee diinatti gurgurteedha. Kottaa waliin kaanee Bilisummaa fi walabummaa keenya mirkaneeffanna. Oromiyaan Ni Bilisoomti Jechuudhaan dhaadanno fi weelluu garagaraa uummanni aanaa Guduruu keessaa dhageesisaa oole, guyyaa keessaa gara sa’a boodatti humni waraana Wayyaanee bakka biroodhaa dhufe kan achi jirutti dabalame uummata dura dhaabbate, uummannis cabsee bira darbe, sagalee isaaa dheeressee wal dhageesise, humni waraana wayyaaneen diddaa uummataa har’a aanaa Guduruutti qabsiifame dura dhaabbachuu hin dandeenye. Itti fufee jira. Hojjetootni warshaa Sukkaaraa Finca’aa kana booda hojii dhaabuun gara FDG seenuu wal akeekan. FDG itti fufeera.

Leave a comment