Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 02,2015 Finfinnee
Waajjirri isaa biyya Ameerikaa keessa kan ta’e Jaarmiyaan Qeerroo Idil-Adduunyaa sochii dargaggoota Oromoo Oromiyaa keessaa bilisummaa fi dimokiraasiif falmaa godhaa jiru Qeerroo Bilisummaa Oromoo gargaaruuf jecha deggersa maallaqaa doolaara 2,300 (kuma lamaa fi dhibba sadii) gargaaruun sochiin mirga namoomaa fi dimokiraasii akka jabaatu, uummanni Oromoo walabummaa isaaf sochii godhu keessatti gaheen warraaqsa dargaggootaa (Qeerroo) caalaatti akka cimuuu fi Oromoonni ykn dargaggoonni mootummaa cunqursaa Wayyaanee jalatti hidhaa fi reebichaan dararaman akka tin’isa argatan taasisan.Gargaarsa ta’e kanaafis Qeerroon Bilisummaa galata lammummaa galcha.
Jaarmiyaan Qeerroo Idil-Aduunyaan ammaan dursa yeroo adda addaatti sochii dargaggoota Oromoo kan bilisummaa fi dimokraasii ykn Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa keessatti karaa nagaa falmaa taasisaa jiru gargaaraa turuun ni yaadatama. Qeerroon Bilisummaa Oromoo gargaarsa yeroo adda addaatti ta’e galata guddaa galchaa imaanaa qabsoo sabaa hegereefis caalaatti alaa keessaan akka hojjennu abdii wal irratti gatna jedha.