Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Bulee Horaa fi Godinaalee garagaraa irraa ibsu. Barattootni Yuuniversitii Bulee Horaa guyyaa har’aa Waxabajii 4,2015 FDG kanaan dura eegalee jiru hanga bilisummaatti hin dhaabnu jechuun itti fufan.Humni waraana Wayyaanee konkolaataa 10 ol tahus garasitti fe’ame. Barattootni hedduunis qabamanii mooraadhaa bahuu Qeerroon gabaasaa jira.
-Nuti mirga keenyaaf falmii afaan qawween doorsifamuun osoo hin dhaabbatin itti fufuu qabna.
-Humni waraanaa mooraa keenya keessaa nuuf haa bau’u
-Oromiyaan haa bilisoomtu
-Nuti abdii WBOtiif jiranna
-Oromiyaan kan Oromooti.
-Habashootaa fi nafxanyoof hin jilbeenfannu
-jala deemtuu wayyaaneef bakka hin qabnu
-Seenan isin haagafatu kan ilmaan Oromoo mana hidhaatti guursistan mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa keessatti dhaadannoon kun har’a
barattootaan itti fufee jedhamaa ooluu Qeerroon kan gabaasuu fi akkasuma barattootni qormaata biyyoolessaa kan kutaa 12 guyyaa har’aa
eegalan qorumsa biyyooleessaa sa’a isaa eegate kajabuu irra bilisummaa faarsaa oolan. qorumsi sirnaan kan hin gaggeeffamne Oromiyaa
godinaalee hunda keessatti tahuu Qeerroon gabaase. Torban kana guutuu mannen barnootaa sadarkaa gadii keessatti WBO faarsuun barattootni
diddaa itti fufan.fedha qaban Bilisummaa fi walabummaa tahu barattootni kutaa 1 irraa kaasee hanga qophaayinatti ibsaa jiru. FDG Yuuniversitiilee keessatti itti fufe.
Blog Archives
“Gaalgalootoo” Wallee Aadaa Artist Hacaaluu Hundasaa
Aside
Sagalee Simbirtuu,Qophii Waxabajjii 04,2015
Aside
Gootonni Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Roorroo Poolisoota Ergama Wayyaanee Raawatanii Dadhabuun If Irraa Ittisa Gochaa Jiru.
Aside
Waxabajjii 3/2015 Mootummaan Wayyaanee Sochii warraaqsa FDG gaggeeffama jiru irraa soda fi yaaddoo guddaa keessa seenuun sakkatta’insa guddaa barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa irratti jabeessuun wal qabate ergamtoota poolisoota Wayyaanee TPLF fi barattoota Oromoo jidduutti walitti bu’iinsi guddaan uumame.
Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa poolisoota Wayyaanee fi basaastoota Wayyaanee yaaddoo keessa galuun barattoota Oromoo sakkatta’insaan dararaani fi barattoota Oromoo doorsisan yeroo dheeraa obsaan bira darbaa kan turan yeroo ammaa kanatti bahaa fi galma isaanii irratti hiraarsaa fi doorsisa akkasumas sakkatta’iinsa poolisoonni Wayyaanee godhanii fi reebicha barattoota irratti gahaa jiru irraan amman booda obsa fixatne jechuun dhagaan poolisoota yakka hojjetan haleeluun akka fedhii keenyaatti mooraa barnoota keessa gadi baanee oldeebi’uu qabna jechuun poolisoota Wayyaanee balbala irra dhaabachuun sakkatta’insaan dargaggoota barattoota Oromoo dararan dhagaan dhahuun achii arii’atan.
Galgala har’aa barruun warraaqsaa FGD labsitu kan ibsa Qeerroon bilisummaa Oromoo baasee fi barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu irraa ukkaanfaman attattamaan hiikamuu qabu jedhuu Yuunibarsiitii Jimmaa fi kolleejjii barsiisota Jimmaa, Yuunibarsiitii Maattuu, Magaalota akka Jimmaa, Baddallee, fi Mattuu fa’aa keessatti bittinneeffame. Mootummaan Wayyaanees muddama seenuun humna waraanaa fi basaasaa isaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa irratti bobbasuun, barattoota Oromoo doorsisuuf yaalus goototni barattootni Oromoo yoom iyyuu caalaa tokkommaa isaanii jabeeffachuun sakkatta’insi seeraan alaa nurraa dhaabbachuu qaba, nuti shiftaa miti warraa biyya iyyuu bulchuu danda’udha, shiftaan mootummaa wayyaaneeti, Wayyaanee fi ergamtootni ishee qabeenyaa uummata keenyaa saamaa jiran sakkatta’amuu qabu, seerattis dhiyaachuu qabu jechuun sakkatta’insa seeraan alaa Wayyaaneen barattoota irratti gaggeessa jirtu balaaleffatan. Galgala kana magaalaan Jimmaa muddama guddaa kessa kan seente ta’uun ibsame.
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast-3 June 2015
Aside
” Ykn Achi Goraa, Ykn Nutti Goraa” Artist Kabajaa, Zarihun Wadaajoo
Aside
Maqaa Omisha Inversteraa Jedhuun Bosonni Oromiyaa,Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Adda Addaa Keessaa Haalaan Manca’aa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Waxabajjii 03,2015 Mattuu
Jaarraa tokkoo oliif qabeenya uummata Oromoo saamaa jiranii fi kan turan ammos Imaammata saaminsa qabeenyaa biyya Oromiyaa irratti kan fuula deeffatanii sirni mootummaa Habshootaa, Godina Iluu Abbaabooraa qabeenyaa uumamaa buna,albuudaa,bajjii hoosoo lafa gabbataa jireenya uummataaf tolu qabu daguuginsa fi ciraa bosonaatiin mancasaa jiru.
TPLF/OPDOn qabeenyaa Oromiyaa keessaa yeroo barbaadetti barbadeesse bosona keessa ABOtu jira kanaaf barbaadaawuu qaba jechuun uummaticha dhaaba kallacha irratti ololus uummaanni fudhachuufii hin dandeenye. Yeroo ammaa kana diinagdeen Impaayera biyyatti gita bittootaa kanaaf ooluu irraa kan ka’es ilmaan Oromoo baratanii maqaa hojii uumuu jedhuun dirreerratti rakkatanii yeroo gamuuf waan nyaatanii jiraatan dhabuu irraa mooraa waraana Wayyaaneetti galuu dirqamu, Ilmaan Tigiraay immoo imaammata lafa babal’ifannaa argatanii wayita Oromoodhaan lafa qotattee bultu siilaachuuf lafti hin jiru jedhanitti Oromiyaa keessa basha’anii jiraachuuf carraa argatanii kunoo bosonni aanaa Dhidheessaa Godina Iluu Abbaabooraa akkanaan manca’aa jira.
Lafa babal’ifannaa guutummaa Iluu Abbaa booraa keessatti adeemsifamaa jiru keessatti Habashooti kaabaa haalaan qubsiifamaa akka jiranis beekamaa dha.
SBO Waxabajjii 03,2015. Oduu, Sochii FDG Biyya keessaa irratti gabaasota adda addaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Aside
Kaaba Shaggar Keessatti FDG Itti Fufe,Oromoonni Waraana Wayyaanee Keessa Jiranis Oromoo Ajjeessuu fi Hidhuun Haadhabatu Jechaa Jiru.
Aside
Caamsaa 24,2015 irraa kaasee FDG dhaabbilee barnootaa fi godinoota garagaraa keessatti itti fufee jiraachuun waan beekamaadha. FDG Yuuniversitii Mattuu, Wallaggaa,Amboo, Adaamaa, Bulee Horaa fi Madda Walaabuu keessatti itti fufee jira. Mootummaan Wayyaanee yoomiyyuu FDG barattoota oromoo fi uummata oromoon qabatu dura kan dhaabbatu humna waraana isaatti fayadameeti. Wayita kanas Wayyaaneen hidhattoota isaa dhaabbilee barnootaa kanneen akka yuuniversitii qubachiistee barattoota eegaa jirti. Waraanichuma keessattiyyuu gar tokkeen FDG barattootaa deggeruudhaan barattoota miidhamuu irraa wal ittisaa jiru.sa’a waraanni wayyaanee FDG dura dhaabbachuuf mootummaa ergatu kanatti walakkaan gara barattootaa, gara uummataa dhaabbataa jiru kanatti FDG itti fufuun gama hundaan uummata Oromoo irraa feesisa.
Shaggar kabaatti kan eegale har’as akkuma jirutti itti fufee diddaan finiinaa jira. aanaalee kannen akka sulultaa, caancoo, kuyyuu, akaakoo fi kkf keessatti diddaan uummataan qabate shamarran, ijoollee fi maangullee itti hirmaachisaa dhuguma mootummaan wayyaanee saamtuu, daldalaa fi hattuu, ajjeesaa fi shororkeessaa ta’ee uumata irra dhaabbataa kan jiru tahuu uummanni wal hubachiisee kanaan achi aangoo isaatti yoo fufe uummata oromoof kan xumuraa saamichi lafaa kan durii caalaa itti fufee akka jiraatu hubatuun uummanni shaggar kaabaa aanaalee adda addaarraa diddaa isaa jabeessee mootummaa wayyaanee dura dhaabbataa jira.
Qonnaan bulaa 10 ol kaleessaa fi har’a aanaa Kuyyuu irraa tika mootummaan qabamanii mana hidhaatti darbamuu qeerroon gabaasa.
Daandiin konkolaataa yeroodhaa yerootti dhagaadhaan kan cufamu,waraanni wayyaanee diddaa uummataa dura dhaabbatuuf deemu
daandii ittiin darbu dhabe. Akkasuma konkolaataa diinaa irratti uummanni sulultaa keessatti tarkaanfii fudhataa jira. barattootni mana
barumsaa sadarkaa garagaraa baratanbarumsa dhaabuu gabaasni Qeerroo addeessa.
Barattooti Oromoo Yuuniversitii Asoosaa Warraaqsa Bilisummaa Jabeessuun Nyaata Lagatan.
Aside
Waxabajjii 02,2015 Asoosaa
FDG Yuuniversitii Asoosatti Ka’e. Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Asoosaa irraa, Waxabajii 2/2015 Barattootni ganama har’aa irraa kaasuun nyaata lagatan, kun maalif ta’aa shakkiin uumameen Poolisoonni mooraa Yuuniversitaachaas barattoota keessa faca’an, erga ganama sa’a 2:00 booda barattootni bakka jiranii walitti dhufuun nuti oromoodha, beekaas qabna, dureessas qabna muummicha ministeeraa kan tahus nukeessa jira Wayyaaneen hanga yoomitti nurratti moohee jiraata, biyya keenya irratti hanga yoomitti mirga abbaa biyyummaa dhabnee jiraanna jechuun iyya dhageessisan.
Waraqaan FDGs ni bittimfame. Guyyaa guutuu barattootni mooraa keessa deddeebi’uudhaan Bilisummaa Bilisummaa jechuun dhaadannoo dhageesisuu fi barruu garagaraa maxxansa. Diddaa barattootaa dura dhaabbachuuf humni ergame miidhaa barattoota irratti akka hin raawwanne wal akeekan. Ganama sa’a 2:00 irraa kan egale FDG hanga ammaatti itti fufee akka jiru Qeerroon gabaasa jira. hojjetootni barsiisonni mooraa Yuuniversitichaa guutummaan diddaa barattoota sabboontota Oromoo deggeran. Galgala kana sirbootni qabsoo, dhaadannoon Qeerroo dhageesifamaa jira. Torbee kana barumsa barachuu dhaabuu waamicha dabarsan.

